Dodolaa: Magaalaa riifoormii magaalotaa taasifameen guddina saffisaarra jirtu

Finfinnee: Oromiyaatti riifoormii magaalotaa taasifameen magaalota guddina saffisaa galmeessisaa jiran keessaa Magaalaan Dodolaa ishee tokko. Riifoormiin dura Dodolaan itti waamamnishee Godina Arsii Lixaaf yommuu ta’u, riifoormiin booda garuu sadarkaa olaanaatti ittiwaamamnishee Oromiyaaf ta’eera.

Kantiibaa ittaanaan magaalattii Obbo Abdulsalaam Hasan turtii tibbana waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Dodolaan magaalaa daandii guddaan Shaashamanneefi Godinaalee Baalee lamaan walqunnamsiisu keessa qaxxaamuruufi ulaa tuuriizimii filatamaa qabduudha.

Akkasumas magaalaa poteenshaala omishaalee garagaraa olaanaa kanneen akka garbuufi qamadiifaa baay’inaan itti omishamanidha. Magaalattiin hojii misooma koriidariin miidhagina addaa gonfachuurratti kan argamtu ta’uus eeranii; magaalaa jaalalaa saboonniifi sablammootni hedduun waldanda’uun keessa jiraataniidha jechuun ibsaniiru.

Paarkiin Industirii Mootummaa Naannoo Oromiyaa magaalattiitti kan argamu yommuu ta’u, carraa hojiifis ta’e omishaalee magaalattiitti sona dabaluun gabaaf dhiyeessuurratti shoora guddaa qaba jedhanii; paarkii industirii lammaffaas magaalattii keessatti hundeessuuf sochiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Barana magaalattiitti pirojektonni 19 qarshii miliyoona 79n hojjetamaa jiraachuu hubachiisanii; kunis gama tokkoon guddina magaalattiif, gama biraan ammoo gaaffii misoomaa hawaasni magaalattii irra deddeebiin kaasu furuu keessatti shoorri qabu olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, guddina magaalattii caalaatti saffisiisuufi galii maddisiisuuf hojii industirii godoo, intarpiranaraafi ogummaa dagaagsuuf xiyyeeffannoon addaa kennameera. Bu’uuruma kanaan dargaggoota 4,142f carraa hojii uumuun danda’ameera. Kana caalaattis dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira. Qonna magaalaa milkeessuuf hojii bal’aa hojjetameen hawaasni Magaalaa Dodolaa mooraasaa keessatti kuduraafi muduraa akka omishu taasifameera.

Haa ta’u malee, rakkoo dhiyeessii bishaanii, teleefi humna ibsaa rakkoo hamaa akka ta’eefi qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin dubbachaa jiraachuu himanii; warshaa daabboo, hojii mukaafi sibiilaafi mana rifeensaarratti dargaggoota hedduu gurmeessuuf karoorfamus hanqinni humna ibsaafi bishaanii danqaa uumaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You