
Ammaa amma balaa tiraafikiitiin lubbuun namootaa darbu daran dabalaa jira. Wanti guyyuu dhageenyuufi agarru daran nama gaddisiisa. Si’a tokkotti namoonni 20, 30 oggaa dhuman dhageenyee gaddineerra. Namoonni muraasnis maatiidhaan lubbuun darbeera. Baay’een ammoo qaamaan miidhamanii jireenyisaaniifi kan maatiisaanii gaaga’ameera.
Baay’een keenya yommuu balaa tiraafikii agarru miidiyaa hawaasaarratti maxxansuun gadda keenya ibsanna. Muraasni ammoo jaallattootaafi hordoftootasaanii ittiin dabalachuuf dhiphatu. Guyyaa lama sadii booda garuu dhimmichi ni dagatama. Ani akka dhuunfaa kootti, “Anis qaama furmaataati” jedhee kan hubannoo uumuurratti cichee hojjetu baay’ee miti.
Dhimmi kun waan qaama tokko ilaallata jennee dhiisnu miti. Kallattiidhaanis ta’e alkallattiidhaan hunda keenya ilaallata; hunda keenyatu ittigaafatama qaba. Mootummaan haalota mijeessuu, seeroota baasuu, hordofuufi to’achuun kan irraa eegamu yoo ta’u, hawaasni immoo bakkuma bobba’etti ittigaafatamaasaa ba’achuu qaba.
Lafoo deemaas yoo ta’e oggaa daandii qaxxaamuru bitaafi mirga ilaalee bakka sararri zeebraan jiruun ce’uu, imalaa yoo ta’e konkolaataa humnaa ol ta’e keessa seenuu dhiisuu, gaafa waan sirrii hintaane argu qaama dhimmi ilaaluuf eeruu kennuu qaba.
Konkolaachisaan seerotaafi danbiiwwan ba’an hunda eegee konkolaachisuu qaba. Hunda dura garuu eeyyama konkolaachisummaa gahumsasaan baafachuu malee bitachuu hinqabu.
Alkooliifi baalota sammuu namaa adoochan fudhatee konkolaachisuurraa of qusachuu qaba. Qaamoleen waraqaa eeyyama konkolaachisummaa kennanis gahumsaan kennuu malee daldala gochuu hinqaban.
Kabachiistoonni seeraas hordoffiifi tarkaanfii barsiisaa fudhachuu qabu. Miidiyaaleen, rogeeyyiin, artistoonniifi namoonni bebbeekamoo yommuu balaan uumamu qofa osoo hintaane yeroo baay’ee hubannoo uumuurrattis hojjechuun irraa eegama. Manneen barnootaa sadarkaan jiranis barattootasaanii sirnaan hubachiisuu qabu.
Akka waliigalaatti, yoo hunduu ittigaafatamasaa sirnaan ba’ate, balaa kana guutummaan dhaabsisuun yoo dadhabame sirnaan hir’isuun ni danda’ama.
Sochiilee mootummaan gama kanaan taasisaa jiru keessaa tajaajila geejibaa si’ataafi ammayyaawaa taasisuun isa tokko. Gama kanaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar, geejibni jireenya dhala namaa guyyaa guyyaa waliin walitti hidhamiinsa guddaa waan qabuuf xiyyeeffannoo olaanaa barbaada jechuun, Waajjirri Geejibaa Magaalichaa tajaajila geejibaa si’ataafi ammayyaa’aa taasisuuf qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.
Magaalichatti sosochii ummataa si’ataan akka jiraatuuf tajaajila geejibaafi nageenya tiraafikii ammayyeessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, torbanuma kana keessallee mariin paanalii qindoomina Waajjira Geejibaa Magaalaa Shaggariifi Qajeelchaa Olaanaa Poolisii Magaalaa Shaggar waliin ta’uun adeemsifameera.
Kantiibaa Ittaanaafi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo, geejibni jireenya dhala namaa guyyaa guyyaa waliin walitti hidhaminsa guddaa waan qabuuf xiyyeeffannoon irratti hojjatamuu qaba jedhu.
Magaalaan Shaggar Magaalaa ammaayyooftuu fayyadamummaa hawaasa qonnaan bulaa mirkaneessuuf hundoofteetti kenna tajaajila geejibaa ammayyaa’aa, si’ataafi qulqullina qabu kennuuf pirojektonni daandii guguddaan hojjetamaa jiraachuu himanii, wayita xumuramanitti fayyadamummaa hawaasaa caalaatti dhugoomsuu bira darbee rakkoo balaa gama tiraafikiin dhufu hir’isuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisu eeru.
Kana malees, rakkoo balaa tiraafikiin dhufu hambisuuf konkolaachisaan naamusa qabaachuu, hubannoo gahaafi dandeettii olaanaa gonfachuu akka qabus eeranii, kana milkeessuuf qindoominni qooda fudhattoota hundaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Komishinii Poolisii Oromiyaatti Ittigaafatamaan Kutaa Olaanaa Nageenyaa Tiraafikii Komaandar Antanah Geetaanah gamasaniin, balaa tiraafikii yeroo ammaa sukkanneessaa ta’e hir’isuuf hojii xiyyeeffannoo guddaan ittikennamee hojjatamaa jiru ta’uu kaasaniiru. Rakkoo nageenya tiraafikii qaamoleen hundi kan ofii godhatanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017