
Turizimiin utubaawwan riifoormii dinagdee mandhalee shanan (Qonna, Industirii, Turizimii, Albuudaafi ICT) keessaa isa tokkoodha. Jijjiiramaa as xiyyeeffannaa mootummaan damee kanaaf kenneen jijjiiramni guddaan mul’achaa jira. Iddoowwan hawwata turizimii akka biyyaatti jiran hedduunis misoomaniiru. Isaan keessaa Haroo Wancii, Halaalaa Keellaa, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraafaa akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama. Iddoowwa hawwata turizimii akka biyyaatti misoomaa jiranis hedduudha. Barreeffamni kun ammoo hojii Komiishiniin Turizimii magaalaa Shaggar gama iddoowwan hawwata turizimii magaalattii beeksisuutiin hojjechaa jirurratti xiyyeeffata.
Hogganaan Komiishinii Turizimii magaalaa Shaggar Obbo Biiniyaam Tsaggaayee gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka himanitti, komiishinichi erga hundaa’ee waggaa tokko yoo ta’u, qabeenyawwan turizimii magaalattiin qabdu kan uumamaa, namtolcheefi aadaafi duudhaa Oromoon walqabatan qorannoon adda baasuu, beeksisuufi misoomsuuf qooda fudhatoota waliin hojjechaa jira. Komiishinichi iddoowwan hawwata turizimii magaalattii bu’uraalee misoomaa barbaachisaniin akka guutaman taasisuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jira.
Komiishinichi iddoowwan hawwata turizimii bakka aaragalfiifi ciisichaa akka qabaataniifi tajaajila nyaataafi dhugaatii akka kennan taasisuuf dhaabbilee misooma turizimii waliin hojjechaa jiraachuu himanii, bu’uraaleen misoomaa kanneen akka hoteelotaa, riizoortiifi loojii magaalattii keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Komiishinichi iddoowwan hawwata turizimii uumamaa magaalattiitti sona adda addaa ittidabaluuf abbootii qabeenyaa waliin hojjechaa jiraachuu kaasanii, Shaggar handhuura biyyaa magaalaa Finfinneetti marsitee waan argamtuuf akkasumas giddugala dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi turizimii waan taateef dhaabbileen kenna tajaajilaa turizimii hoteelotaafi riizoortii sadarkaasaanii eeggatanii akka ijaaramaniif onnachiistuuwwan gara garaa taasifamaafii jiraachuu himu.
Komiishinichi iddoowwan hawwata turizimii magaalattii beeksisuun abbootiin qabeenyaa bal’inaan hojii misooma iddoowwan hawwata turizimiirratti akka hirmaataniif hojjechaa jiraachuu himanii, dhaabbileen hojii daawwachiisummaarratti hirmaatan akka babal’ataniifis deeggarsa barbaachisu taasisaafii akkasumas eyyama gahumsaa kennaafii jiraachuu eeraniiru.
Akkasaan jedhanitti, qabeenyawwan uumamaa magaalaan Shaggar qabdu keessaa inni guddaafi beekamaan Paarkii Biyyaalessaa Bosona Subbaati. Paarkiin kun jaarraa 15ffaa irraa kaasee daangeffamee waan jiruuf akka Afrikaatti paarkii jalqabaati jedhama. Paarkiin bosona uumamaatiin daangeffame kun simbirrootafi bineensota hedduu of keessaa qaba. Simbirroonni daran nama hawwatan baay’een paarkicha keessatti argamu. Haalli teessuma paarkichaa lafa ol ka’aarratti waan argamuuf baay’ee kan nama hawwatudha.
Paarkichi bineensota Itoophiyaa qofa keessatti argaman kan qabu ta’uu himanii, iddoowwan turistoonni qabeenya uumamaa dinqisiifatan baay’inaan dawwatan keessaa Paarkiin Biyyaalessaa Bosona Subbaa umurii waggaa 500 ol qabu isa tokko ta’uus eeraniiru.
Paarkichi biqiloota uumamaa waggoota dheeraa lakkoofsisan kanneen akka gaattiraa, birbirsa, waddeessa, laaftoofi kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uu himanii, bosonni Subbaa bakka barattoonniifi qorattoonni biyya keessaafi alaa qorannoo bal’aa itti adeemsisan ta’ee tajaajilaa jiraachuu dubbatu.
Ayyaanni Irreechaa duudhaa ummanni Oromoo, ummanni magaalaa Shaggariifi ummanni Tuulamaa qabu keessaa tokko ta’uu kan kaasan Obbo Biniiyaam, ummanni Oromoo Ayyaanna Irreechaa duudhaa Sirna Gadaarraa madde kana waggaa waggaan Hora Finfinneefi Hora Harsadiitti waliin kabajuufi Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoof walakkaaf addaan citee ture mootummaa jijjiiramaa as waggaa waggaan sirna ho’aadhaan kabajamaa jiraachuu himu.
Ummanni magaalaa Shaggariifi naannawaashee (Tuulamaa) Ayyaanni Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadii kabajamee torbansaatti Irreecha Malkaa Ateetee haala ho’aafi miidhagaa ta’een kabajaa jiraachuu himanii, Ayyaanni Irreechaa bakka ummanni Oromoo aadaafi duuudhaasaa itti beeksifatuufi tokkummaasaa itti cimsatu ta’ee tajaajilaa jiru ta’uu ibsu. Ayyaanni Irreechaa iddoo hawwata turizimii guddaa ta’ee tajaajilaa jiraachuus eeraniiru.
Akka ibsasaaniitti, Irreechi Malkaafi Irreechi Tulluu iddoowwan hawwata turizimii aadaa (Cultural Tourist Attraction) magaalaan Shaggar qabdu keessaa isa guddaadha. Ayyaanni Irreecha Tulluu Sabbataafi Tulluu gara Laga Xaafootti argamuratti waqtii bonaa adeemsifamu baay’ee kan nama hawwatudha.
Komiishiniin Turizimii magaalaa Shaggar qabeenyawwan turizimii magaalattii karaa miidiyaa hawaasummaa, mootummaafi dhuunfaa beeksisuuf carraaqqii gara garaa taasisaa jiraachuu himanii, Shaggar magaalaa Finfinneetti marsee jiru waan ta’eef turistoota biyya keessaafi biyya alaa gara Finfinnee dhufanitti dhiyoo waan ta’eef turizimiif daran filatamaa ta’uu ibsu. Gara fuulduraatti magaalaa Shaggar guddugala turizimii taasisuuf hojiin tarsiimoorratti hundaa’e raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Hubannoo hawaasni, hoggansiifi dargaggoonni turizimiirratti qaban gabbisuun milkaa’ina hojii turizimii keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himanii, komiishinichi hubannoo gama kanaan jiru gabbisuurrattis hojjechaa jiraachuu kaasu. Dubartoonni, dargaggoonniifi hawaasni naannawaa turizimii naannawaasaatti argamurra akkamitti fayyadamuu akka qabus barsiisaa jiraachuufi dargaggoonni waldaadhaan gurmaa’anii damee hojii turizimiirratti akka hirnaataniif Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalaa waliin hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Akka ibsa Obbo Biniiyaamitti, komiishinichi dhaabbileen kenna tajaajilaa turizimiirrratti hirmaatan tajaajiloota maqaa gaarii magaalaa Shaggar ijaaruufi turistoonni gara magaalattii dhufan ittigammadan akka kennan taasisuuf qaamolee gara garaa waliin hojjechaa jira. Dhiyeenyatti tarsiimoon misooma magaalattii maal ta’uu qaba kan jedhurratti dhaabbilee qorannoo (Yunivarsitii Finfinnee, Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaafi Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa) waliin hojjechaa jira.
Qabeenyawwan turizimii magaalattiin qabdu karaa saayinsaawaafi ammayyaa’aa ta’een akka beekamu, faayidaan hawaasa naannawaa akka eegamuufi galii damicharra argamu akka guddatuuf irratti hojjetamaa jiraachuu himanii, hojiilee baay’een karoorfamanii raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Bu’uraaleen misoomaa yeroo diriirfaman bakkeewwan hawwata turizimii akka hammatan gochuudhaan misoomni kun hundagaleessa akka ta’uuf ta’ee hojjetamaa jiraachuu himanii, bu’uraaleen misoomaa gama daandii, ibsaa, Itiyoo Teleekoomiifi bishaanii magaalaa Shaggar keessatti hojjetamaa jiran misoomni turizimii gara fuulduraatti akka adeemu waan taasisaniif komiishinichi sektaroota kunneen waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himu.
Ijaarsi pirojektii Daandii Guddicha Shaggar ‘Sheger Grand Road’ bakka pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti bara darbe jalqabames iddoowwan hawwata turizimii Shaggar qaqqabamaa kan taasisuu ta’uu ibsanii, ijaarsi pirojektii daandii kun sochiin turizimii akka babal’atuu, gaaffii daandii misooma turizimii kan deebisuufi iddoowwan hawwata turizimii magaalattii kan hammatu ta’uu himu.
Mootummaan hojii misooma turizimii jechaan qofa utuu hintaane qabatamaan gochaan raawwachaa jiraachuu himanii, mootummaan kun qabeenya uumamaafi duudhaa ganamaa qabnuufi akka hawwata turizimiitti beeksifamaa turan walitti qindeessuudhaan iddoowwan hawwata turizimii biyyattii sadarkaa addunyaatti dorgomaafi hawwataa ta’an uumuuf hojiileen guguddoo raawwateera jedhu.
Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaas inisheetiivii kana fudhachuudhaan Komiishinii Turizimii Oromiyaa hundeessuudhaan hojjechaa jiraachuu himanii, komiishinichis inisheetiivii sadarkaa biyyaatti qabame milkeessuuf hojjechaa jiraachuu dubbatu. Komiishinichi iddoowwan hawwata turizimii naannichaa beeksisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera; taasisaas jira jedhanii. hojiilee gama qabeenya turizimii Oromiyaa beeksisuutiin raawwateen Oromiyaan maappii turistii addunyaarra akka teessu taasiseera jedhu.
Komiishiniin Turizimii magaalaa Shaggaris Ayyaana Goobeefi Shinooyyee, Ayyaana Irreechaarratti Komiishinii Turizimii Oromiyaa waliin qabeenya turizimii magaalattii beeksisuutti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 22 Bara 2017