
Seenaa Itoophiyaanotaa keessatti injifannoowwan lama yoomillee hindagataman. Injifannoowwan kunneen kan diina weerartuurratti akkasumas hiyyummaarratti taasifamanidha. Injifannoowwan kanneen kan walfakkeessu lammileen biyyattii addaddummaa ilaalcha siyaasaa, afaanii, amantii, sabaafi eenyummaa malee sagalee tokkoon kan waliin hiriiran ta’uusaati.
Waggoota 129 dura wayita Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerate, akka kannisa gaagurrishee tuqamee ilmaan biyyattii meeshaa waraanaa ammayyaa malee, hidhannoo waraanaa malee fardeen isaanii yaabbatanii, eeboo, gaachanaafi zinnaarasaanii hidhatanii waliin duulan. Kaayyoo tokkoof waan hiriiraniifis injifannoo boonsaa Afrikaanotaaf illee fakkeenya ta’e goonfatan.
Akkasuma ijaarsi hidha guddichaa waggoota 14 dura yommuu eegale Itoophiyaanoonni biyya keessaafi alaa addaddummaa tokko malee waliin hiriiranii hiyyummaa seenaa gochuuf waadaa walii seenan. Pirojektiin akka biyyaatti guddaa ta’e kun qormaatawwan addaddaa dandamatee har’a sadarkaa xumuraarra ga’eera. Pirojektiin kun Adwaa lammaffaa jedhamee dhaadheeffama.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) “hidhi haaromsaa maallaqaafi dandeettii qofa osoo hintaane akkuma Adwaa dhiigaan ijaarame; namoota hedduu ittiin dhabnee, itti boonyee, itti dadhabne ijaarre. Qabeenya qabnu xuruurfannee, kadhannee, lammileen biyyattii waan qaban buusanii pirojektii hojjetanidha” jedhanii turan.
Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Habtaamuu Ittafaas (Doktar Injinar) gamasaaniin yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin Adwaafi Hidhi Haaromsaa seenaa injifannoo waloo Itoophiyaanoonni waliin argatan ta’uu ibsu.
Injifannoowwan lamaan kunneen dhalootaa dhalootatti ce’aa kan deemaniifi seenaa waloo Itoophiyaanoonni bara keessa jiranitti galmeessanidha; Adwaan kan abbootii keenyaa, hidhi haaromsaa kan keenya.
Injifannoowwan kunneen lamaan wanti ni danda’ama jedhamee hin yaadamne kan itti danda’ame, wanti ulfaataa fakkaatu kan itti raawwatame, hinta’u kan jedhame kan itti ta’edha. Injifannoo aarsaa qaaliifi qabsoo hadhaawaatiin argamee Itoophiyaanoota boonsedha.
Akkasumas ashaaraa Itoophiyaanoonni waliin ta’anii kaa’aniifi siidaa tokkummaa itti ijaarratan yoo ta’u, seenaan cululuqaa kunneen seenaa akka Afrikaattis ta’e akka addunyaatti warqeedhaan barreeffamedha. Tokkummaadhaan kaanaan wanti injifatamuu hindandeenye akka hinjirre kan agarsiiseefi kallattii illee kan kaa’edha.
Gaafa waraana Adwaa Itoophiyaanoonni eenyuunuu naa birmadhaa hinwaammanne; hinkadhanne. Gaafa ijaarsa hidha haaromsaas liqiifi deeggarsa biyyoota dureeyyii hingaafanne. Ilmaanumasheetu qabeenyas humnas ta’eefii injifannoo gonfachiise.
Injifannoowwan kunneen dhaloota waan barsiisan qabu. tokko taanaan, waliin kaanaan, kaayyoo tokkoof hiriirraan waan hininjifatamne akka hinjirre barsiisa. Kanaaf addaddummaa keenya ol kaawwannee, waan tokko nu taasisurratti waliin taanee seenaa akka Adwaafi Hidha Guddichaa hojjechuun biyya haa ceesisnu.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 22 Bara 2017