
Jijjiirama haala qilleensaan walqabatee gaaga’amni Gaanfi Afrikaa keessummeessaa jiru daran olaanaadha. Hongeen waggoota lama dura godina Booranaa mudate beeyiladoota miliyoonaan lakkaa’aman galaafachuun seenaa keessatti godaannisa hamaa buusee darbeera. Hongeen hamaan kun sanyiiwwan loon Booranaa kan daran filatamoofi barbaadamoo ta’an hanga dhabamsiisutti sodaatamee turus hojii cimaa hojjetameen sanyiin loon kunneenii baraaruun danda’ameera.
Hangaan akka kan Booranaa ta’uu baatus ummatni Baalee aanaalee gammoojjii keessa jiraatan kanneen akka aanaalee Raayituu, Sawweenaa, Daawwaa Qaaccaafi Daawwaa Sararfaa hongeen miidhamaa turaniiru. Godinni Booranaa yeroo ammaa rakkoo hongee keessaa guutummaatti dandamatus Baalee Bahaatti ammayyuu sodaa hongee hamaatu jira. Aanaaleen mallattoon hongee itti mudate kunneen yoo roobni arfaasaa roobuu baate gaaga’ama guddaa uumuu mala.
Gaazexaan Bariisaa torban darbe sochii misooma qonnaa, rakkoo bulchiinsa gaarii, dhimmoota akka carraafi yaaddootti ilaalaman ilaalchisee Bulchaa godina Baalee Bahaa Obbo Jaarsoo Boruu waliin gaafdeebii taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.
Bariisaa: Nu waliin gaafdeebii taasisuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif galatoomaa. Maqaafi gahee hojii keessanii nuuf himuun mee haala hundeeffama godinichaa nuuf ibsaa?
Obbo Jaarsoo: Jaarsoo Boruun jedhama; Bulchaa Bulchiinsa Baalee Bahaati. Godinni Baalee Bahaa godina Boorana Bahaatti aanee godina quxisuu yommuu ta’u aanaalee saddeetiifi gandoota 170 qaba. Godinni kun rakkoo bulchiinsa gaarii hedduu kan qabu waan ta’eef bu’uura gaaffii ummataan kan hundeeffamedha. Ta’uus erga of danda’ee hundeeffame as gaaffiin ummataa karaa roga qabuun furamuu eegaleera. Godinni kun haala qilleensa baddaa, badda dareefi gammoojjii kan qabu yommuu ta’u aanaaleen godinichaa keessaa aanaaleen shan horsiisee bulaadha.
Bariisaa: Godina kana keessatti hojjetanii milkaa’uuf wantootni akka carraatti ilaalaman maal fa’i?
Obbo Jaarsoo: Godinichi godinaalee Oromiyaa 21 keessaa bal’ina lafaatiin sadarkaa 2ffaa irratti argama. Dilbii turizimii hedduu qabaachuun godina filatamaa ta’edha. Bakkewwan hawwata turizimii kanneen akka Dirree Sheek Huseen, Holqa Soof Umariifi paarkiiwwan garaagaraa kan of keessatti hammatedha. Godina ambaasaaddara nageenyaa ta’eefi akka fedhanitti sodaa malee keessatti hojjetanii duroomaniifi nageenya amansiisaa qabudha. Laggeen waabeefi weeyib kan keessa qaxxaamuranidha.
Bariisaa: Sochiin misooma qonnaa godinichaa maal fakkaata?
Obbo Jaarsoo: Godinichatti omishni waggaa keessatti yeroo sadii omishama. Qonna arfaasaan lafa hektaara kuma 152 ol qotamee omishni kuntaala miliyoona 3.5 ol argameera. Bara 2014 irraa eegalee qonni arfaasaa kun waggaadhaa gara waggaatti dabalaa dhufeera. Qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 508 oltu qotamee midhaan akaakuu garagaraa callaan kuntaala miliyoona 16.3 oltu argame. Inisheetiivii mootummaan diriirseen midhaanota akaakuu 10 kanneen alergiif oolan godinichatti omishamaa jiran keessaa qamadiin dhibbantaa 75 kan aguugudha. Godinichatti qamadii qofti lafa hektaara kuma 378 irratti omishama. Kana malees, xaafii, boqqolloo, saliixiifi boloqqeen omishaalee godinichi ittiin beekamanidha. Waliigalatti, godinichatti omisha waqtiilee sadiin lafa hektaara kuma 708 ol qotamurraa callaan kuntaala miliyoona 20tti hiiqu ni argama.
Bariisaa: Omishni qamadii jallisii bonaa akka godina Baaleetti sadarkaa maaliirra jira?
Obbo Jaarsoo: Omishni qamadii jallisii bonaa akka godinichaatti taatee haaraadha. Haa ta’u malee, inisheetiivii mootummaan gad buuseen bo’oo qotuun bishaan jallisuun sochiin qamadii bonaa omishuuf taasifamu sadarkaa jajjabeessaarra jira. Bara 2014 yaaliif lafa hektaara kuma 10 kan eegalame yommuu ta’u bu’aan argame abdachiisaa waan tureef bara 2015 gara hektaara kuma 20tti ol guddisuun danda’ameera. Bara 2016 lafa hektaara kuma 33 bara kana ammoo lafa hektaara kuma 42.3 ol sanyii qamadiin uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 1.8 eegamu keessaa hanga ammaatti callaa kuntaala kuma 265 sassaabameera.
Bariisaa: Dhiyeessiin xaa’oofi sanyii filatamaa hoo haala akkamiin ibsama?
Obbo Jaarsoo: Haala qabatamaa jiruun lafti qonnaa waggaadhaa gara waggaatti dabalaa jira. Dabaluu lafa qonnaa duubaan fedhiin xaa’oofi sanyii filatamaas dabalaa jira. Kana dura godinichatti lafti hektaara kuma 200 gad qotamaa ture yeroo ammaa gara kuma 700 olitti guddateera. Qamadiin jallisii bonaa kan hin turre amma qotamaa jira. Kanaafuu, fedhiin xaa’oof jiruufi dhiyeessiin wal hinmadaalu. Bara darbe godinichi fedhii xaa’oo akaakuu garaagaraa kuntaala kuma 700 akka qabu ibsus kan mootummaan isaaf dhiyeesse kuntaala kuma 188 qofa.
Bara omishaa 2017ttis fedhiin xaa’oo godinichi qabu kuntaala kuma 900 ta’uu mootummaaf dhiyeessus kan argate garuu kuntaala kuma 275 qofa. Kun ammoo ummata biratti rakkoo bulchiinsa gaarii ta’ee komii kaasuun alatti omishaafi omishtummaa godinichaa sadarkaa barbaadameen ga’uurratti rakkoo uumeera. Haa ta’u malee, gama qamadii jallisii bonaanis ta’e omishaalee biroon deeggarsi barbaachisu hundi taasifamaa jira. Biiroon jallisiifi horsiisee bulaa Oromiyaas godinichaaf paampiwwan bishaanii sadarkaa barbaadamuun dhiyeessaa jira. Hawaasni bishaan cimmisee jallisiifis ta’e dhugaatiif akka fayyadamu bu’aaleen teknolojii deeggarsaan dhiyaachaa jiru.
Gama biroon ammoo xaa’oo gatii qaalii sharafa alaan galu qofarratti hirkachuun omishaan sadarkaa yaadamerra ga’uun waan hindanda’amneef aadaan xaa’oo uumamaa/kompostiitti fayyadamuu akka gabbatu taasifamaa jira. Aanaalee qonni itti baay’atu hunda keessatti sossochii qophii koompostii taasisuun dabalata giddu gala qophii kompostii shan ijaaruun hojiin xaa’oo uumamaa qopheessuu hojjetamaa jira. Raammoon vermii kompostii qopheessan bituun horsiisuun qonnaan bultoonni muuxannoo kana waraabbatanii qe’ee ofiirratti akka hojiirra oolchan sochiin taasifamaa jira.
Dhiyeessii sanyii filatamaa ilaalchisee godinichi godinaalee biroofuu kan ga’udha. Gosoota invastimantii 50 ol godinicha keessa jiran keessaa harki caalu omisha sanyii filatamaarratti kan bobba’anidha. Isaanis sanyii filatamaa omishanii godinaalee biroofuu dhiyeessuurratti argama.
Godina kanatti yaalamee kan hanga ammaatti sababa haala qilleensaan walqabatee hinmilkoofne ruuzii qofa. Bakka baay’eetti facaafamee aramaa ta’uu danda’eera.
Bariisaa: Caasaa gandaa lafa qabsiisuufi rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuuf hojiileen hojjetaman akkamiin ibsama?
Obbo Jaarsoo: Hundeeffama magaala Shaggaritti aansee hundeeffamni caasaa gandaa murtoo jajjaboo mootummaan naannoo Oromiyaa dabarsedha. Haaluma kanaan gandoota 170 godinichi qabu hundatti caasaan gandaa diriiree hoggansi hundi harcaatii tokko malee akka gad bu’u ta’eera. Ijaarsi waajjiraaleefi manneen hoggansaa gandoota tokko tokkorratti wayita xumuramuu bakka tokko tokkotti ammoo ijaaramaa jira. Kana dura hoggansiifi ummatni walirraa fagaachuun madda rakkoo bulchiinsa gaarii gangalataa dhufe ta’uus ammaan tana mootummaan jijjiiramaa sirna caasaa gandaa qorannoorratti hundaa’een hoggansaafi ummata walitti dhiyeessuun qaawwaafi komiin ture akka hiri’atu taasiseera. Ummatni godina Baalee Bahaas rakkoonsaa karaa caasaa bulchiinsa gandaan furamaa jiraachuu ragaa ba’aa jira.
Kana malees, ummatni tajaajila si’ataafi itti quufiinsa ummataa qabu akka argatuuf hordoffiifi sakatta’iinsa taasifameen ji’oottan ja’an darbanitti qofa namoota rakkoo bulchiinsa gaarii uuman 76 irratti tarkaanfiin fudhatameera. Haaluma kanaan, sadarkaa godinaafi aanaatti namoota 48f of eeggannoo afaanii akkasumas namoota 15f of eeggannoon barreeffamaa kennameera. Namootni sadii sadarkaarraa wayita gad buufaman, namootni shan hoggansarraa buufamaniiru. Namootni lama ammoo hojiirraa ari’amaniiru.Koree taaskifoorsii tajaajilaa dabalatee sakatta’iinsi tasaa irra deddeebiin akka taasifamus ibsaniiru.
Hoggansi guyyoota sadan(Wiixata, Roobiifi Jimaata) dirqama waajjiratti argamee yeroosaa guutuu abbootii dhimmaa akka tajaajilu taasifameera. Haa ta’u malee, waajjiratti argamuu qofa galtee godhachuun kanneen qixa barbaadameen hawaasa hintajaajilles akka jiran hordoffii taasifameen bira ga’ameera. Koree qindeessituu jiran kilaastara afuritti qooduun hordoffii qofa osoo hintaane deeggarsi barbaachisu akka taasifamu godhamaa jira. Walumaagalatti, gandoota godinichaa dhibbantaa 60 ta’an to’annoofi hordoffiin dhaqqabuun danda’ameera.
Kellaa bakka hedduutti dhaabuun rakkoo qaala’iinsa jireenyaa daran akka hammeessu bira ga’ameera. Godinichatti kellaan baay’een jiraachuu baatus battaluma mootummaan naannoo Oromiyaa murtoo dabarseen kellaawwan sadan jiran hojii dhaabsisuun danda’ameera. Ummatni naga’ee mootummaan beekuun alatti qarshii tokkoyyuu garmalee akka hinkaffalle murtoon darbeera.
Ummatni mootummaafi paartii biyya bulchuu kan filateef waan hunduu waan guuteef osoo hintaane kaayyoofi cichoomina paartichi jireenya ummataa jijjiiruuf qabu dursee waan hubateefi. Kanaafuu, hoggansi rakkoo bulchiinsa gaarii uumuun walitti dhufeenya mootummaafi hawaasaa gurraachessuu hinqabu. Rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuurratti leenjiin hubannoo gabbisuu hoggansa sadarkaan jiruuf kennameera.
Bariisaa: Rakkoon bu’uuraalee misoomaa deebii atattamaa barbaadan kam fa’i?
Obbo Jaarsoo: Godinni omisha olaanaa qabu kun rakkoo bu’uuraalee misooma qaburraa kan ka’e haala barbaadameen gabaaf dhiyeessee fayyadamummaasaa mirkaneessaa hinjiru. Godinni guddaan kun rakkoo daandii hamaa qaba. Ummatni godinicha bona awwaara/dhukkeen ganna ammoo dhoqqeen waan dararamuuf gabaa deemmachuu, mana yaalaa deemee wal’anamuuf daran rakkachaa jira. Gama biroon ammoo yeroo itti godinaalee biroo netwoorkiin dhaloota 5ffaa/5G dhaqqabaa jirutti gandootni 60n godinichaa yaada wal jijjiiruufuu netwoorkii dhaloota 2ffaa iyyuu hinqaban. Bishaaniifi ibsaanis godina kanaatti rakkoo hamaadha.
Bariisaa: Aanaalee godinichaa gammoojjii ta’an keessatti rakkoon hongee sadarkaa maalirra jira?
Obbo Jaarsoo: Jijjiiramni haala qilleensaan qormaata biyyoota guddataniifi guddinarra jiran hundaati. Bu’aa jijjiirama haala qilleensaa kan ta’e hongeen, keessattuu kutaalee biyyattii gammoojjii ta’an haalaan hubaa jiraachuun taatee baratamaa ta’aa dhufeera. Haa ta’uutii mootummaan Itoophiyaa rakkoo jijjiirama haala qilleensaan walqabatan maqsuuf tarsimowwan garagaraa hojiirra oolchaa jira. Hundaa ol hawaasa jijjiirama haala qilleensaa dandamachuu danda’u horachuuf Finna dabalatee pirojektiiwwan hedduun hojjetamaa jiru.
Akka godina Baalee Bahaattis aanaalee kanneen akka Raayituu, Sawweenaa, Daawwaa Qaccaa, Daawwaa Sarariifi Laga Hidhaa keessa mallattoon hongee ni jira. Hawaasni aanaalee kunneen irra jireessaan horsiisee bulaa waan ta’aniif beeyiladootasaanii gaaga’ama hongeerraa baraaruuf mootummaan godina kanatti pirojektii Finnaa qarshii biliyoona lamaa oliin hojjetaa jira. Pirojektonni bishaanii akka Calcaliifi Weyibiis hojjetamaa jiru. Pirojektonni bishaanii kunneen keessaa kan xumuraman wayita jiran kanneen ijaarsisaanii dhibbantaa 90 irra ga’es ni jiru.
Mootummaan naannawaa gammoojjiitti omishaafi qusannaa nyaata beeyiladootaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjetaa jira. Haaluma kanaan ummatni godinichaa naannawaa gammoojjii jiraatu haala ittiin nyaata beeyiladaa omishurratti deeggarsi taasifamaa jira. Pirojektonni bishaanii kunneen gaaga’ama hongee mudachuuf daran gargaaru. Haa ta’uutii, aanaaleen godinichaa, keessattuu aanaaleen Raayituu, Daawwaa Qaaccaafi Daawwaa Sararitti bara darbe roobni quubsaan waan hinroobneef hongeen mul’atee jira.
Aanaaleen kunneen rooba xiqqaa argametti fayyadamuun lafa qotanii midhaan facaafatanis hanqina roobaarraa kan ka’e callaa galfachuu hindandeenye. Hongeen mudate kun beeyilada caalaa jireenya hawaasaaf sodaatama. Sababiinsaa gammojjiiwwan kunneen keessa bishaan dhabamus margi hanga tokko waan jiruuf beeyiladootni tarii dandamachuu malu namaaf garuu sodaachisaadha. Haa ta’u malee, baay’inni beeyiladootaas daran xiqqaachaa jira.
Bariisaa: Gaaga’ama hongee kanaan walqabatee mudachuu malu maqsuuf sochiin taasifame hoo?
Obbo Jaarsoo: Gaariidha. Ummatni gammoojjii kana keessa jiru rooba xiqqaa argateen lafa qotee midhaan omishus hanqina roobaarraa kan ka’e callaa galfachuu akka hindandeenye Gaaddisa Buusaa Gonofaa godinichaa waliin walta’uun daawwannaan taasifame qaboo yaa’iin deeggaramee mootummaa naannoo Oromiyaaf gabaasni ergameera. Buusaan Gonofaa Oromiyaas aanaalee sadeeniif deeggarsa atattamaa midhaan kuntaala kuma sadii wayita gumaachu hanga tokko bishaan botteen akka dhiyaatu taasifamaa jira. Aanaan Daawwee Sarar botteewwan bishaanii lama kan qabu yommuu ta’u aanaa Daawwaa Qaaccaan bottee tokkoyyuu waan hinqabneef galii Buusaa Gonofaa Godinaa dhibbantaa 10 walitti qabameen bottee bishaanii kireessuuf caalbaasiin ba’ee jira.
Midhaan qarshii miliyoona 49n bitamee barataan tokko sababa beelaan barumsa akka addaan hinkutne midhaan nyaataafi zayitiin guyyoota 40f ga’uu manneen barnootaa 260 ol qaqqabeera. Dabalataanis Buusaan Gonofaa aanaalee omishni jirurraa midhaan gara fuulduraatti hawaasa kana dandamachiisu walitti qabaa jira.
Bariisaa: Hongee kanaan walqabatee gara fuulduraatti sodaan jiru hoo akkamiin ibsama?
Obbo Jaarsoo: Odeeffannoo raaga haala qilleensaa jiruun rakkoon hongee kun hammaachuu mala sodaa jedhu qabna. Hongeen kun kan hammaatu yoo ta’e ummata dandamachiisuuf qophii roga maraatu barbaachisa. Buusaa Gonofaa waliin wal ta’uun haala dandamannaa hongeerratti hubannoo gabbisuun cinatti dhiyeessii garaagaraarratti akka hojjetamuu kan taasifamu ta’a. Loonirra beeyiladoota hongee dandamatan kanneen akka gaalaafi re’eerratti akka xiyyeeffatan gamanumaan hojiin hubannoo uumuu ni taasifama. Yoo hongeen kun hammaataa dhufe osoo beeyiladootni hinhubamiin hawaasni beeyiladasaa gurguratee qarshii baankii akka ol kaayatu hojiin hubannoo itti dhiyeenyaan kan kennamu ta’a. Aanaaleen kunneen rakkoo hongee waggaa lama dura isaan mudate osoo hinbayyaannatiin hongee lammataaf waan saaxilamaniif hojii dandamachiisuu guddaatu barbaachisa.
Bariisaa: Rakkoo hongeen walqabate hundeerraa qolachuuf maaltu itti adeemamaa jira?
Obbo Jaarsoo: Gaaffiin kun gaaffii bu’uuraati. Akkuma addunyaattuu marsaan deddeebii hongee daran dabalaa waan jiruuf furmaata waaraa diriirsuun barbaachisaadha. Pirojektota bishaanii hongee dandamachiisan hojjechuun fala tokko yommuu ta’uu haala jireenya hawaasaa jijjiiruun ammoo fala biroodha. Haaluma kanaan ummatni godinichaa naannawa gammoojjii jiraatu beeyilada horsiisuu cinatti misooma jallisiirratti akka bobba’u sochiin jalqabameera.
Yeroof garuu hangi nyaata namaafi beeyiladaa akkasumas dhiyeessiin bishaaniif botteen barbaachisu mootummaa naannoo Oromiyaaf tooraan ibsamee deebiin eegamaa jira. Hundaa ol, aanaan Daawwee Sarar daran saaxilamaadha. Kunis pirojektii Finnaa aanaaleen biroo qaban hinqabu. Akka aanaalee gammoojjii biroo bishaan lafa jalaa dhabuun dabalata aanaa baay’ee bal’aadha. Aanaalee gammoojjii shanan keessaas rooba daran gadaanaa kan argate aanaa kana. Baatii Bitootessaa keessa roobni ni rooba abdii jedhu ni jira. Roobni waqtii arfaasaa hinroobu taanaan garuu sodaan jiru daran hamaadha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 22 Bara 2017