
Dilbata darbee magaalaa Finfinnee naannawaa Beeraawwiitti kan argamu Galmi Tiyaatiraa Biyyaaleessaa namootaan humnaa ol guutee ture. Galmichi balbala isaa duratti hiriira dheeraa akkasii, galma keessattis namoota taa’umsa irraafi keessa jiraniin akkanaan guutamee beeka jechuun ulfaataadha. Galmi waggootaaf tiyaatiroonnifi fiilmiiwwan hedduun keessatti agarsiifamaa ture kun tiyaatiruma biyyattii baay’inaan Afaan Amaaraatiin qophaa’u iyyuu baay’ina namoota hammanaatiin keessummeessuusaa nan shakka.
Dilbatni darbe garuu mana tiyaatirichaafis indastirii fiilmiifis waan addaa uumee darbe. Keessumaa fiilmiin Oromoo dorgomaa ta’uu akka danda’uufi yoo itti hojjetame waan abdachiisaan akka jiru kan agarsiise ture. Oromoon magaalaa Finfinneefi naannawaashee miira xiiqii qabuun hiriira dheeraa eeggatee galee, naamusa olaanaadhaan Fiilmii Abbaa Malkaa, Daarektaraafi Qopheessaa Leencoo Fiqruutiin qophaa’e daawwateera. Sirna eebbichaarratti hayyoonni, artistoonni bebbeekamoon, keessummoonni garagaraafi jaallatoonni filmii argamaniiru.
Fiilmichi qulqullina suursagalee olaanaa, seenaa, filannoo taatootaafi ulaagaalee fiilmiin gaarii barbaadu tokko hunda kan guuttate ta’uu namoonni fiilmicha daawwatan ni himu. Keessumaa taatoota haaraa Akkaadaamiin Abbaa Lataa omisheefi egeree aartii Oromoof abdii ta’an irratti hirmaachuun isaanii immoo dinqisifannaa akka argatu taasiseera.
Taatoo keessaa taatoo isa ijoo (Main character ) Qananii Sabbooqaa, Malkaa ta’uun kan hojjete yoo ta’u, bu’aa ba’iin hedduu keessa darbamee hojjetamuun Fiilmii Abbaa Malkaa bu’aa kan argamsiise ta’uusaatiin gammaduu eeree, isa akka dhuunfaatti addunyaa aartiitiin kan wal isa barsiise ta’uu hima.
Hojii fiilmichaa irratti kan hirmaate Barsiisaa Habtee Baqqalaas fiilmichi namoota muuxannoofi hubannoo aartii qabaniin kan hojjetame yoo ta’u taatoonni 100 ol irratti hirmaataniiru. Hamma danda’ametti waan dhaloota kana madaaluufi waliin deemuu danda’a jedhamu hunda qabatee kan hojjetame ta’uunsaa adda akka taasisu hima.
Fiilmii ifaajii olaanaadhaan akkanaan hojjetame kana Oromoon baay’inaan ba’ee ilaaluun isaa fuulduraaf hojii caalu akka hojjetaniif hamilee kan namatti horu ta’uu eera.
Daarektarri fiilmichaa Dargaggoo Leencoo Fiqruu gamasaatiin kaayyoon Akkaadaamii Abbaa Lataa hojii aartii ummata Oromoo gitu akkanaa gumaachuu ta’uu kaasee, gara fuulduraattis hojii walfakkaatu hojjechuu akka itti fufu dubbata. Akkaadaamichi namoota fedha aartii qaban barsiisuufi leenjisuutiin indastirii fiilmii Oromoo fuulduraa namoota baratanii beekumsa aartii horataniin guutuu akka barbaaduus ni hima.
Akkaadaamichi sadarkaa kana kan qaqqabe rakkoolee hedduu keessa darbee ifaajii namoota dhuunfaatiin ta’uu himee, nama sababa himatee hojii dhaabu waan hintaaneef xiiqiidhaan asiin ga’uu ibsa. Qaamoleen addaddaa garuu deeggarsa yoo taasisaniif fiilmii gaanfa Afrikaarratti dorgomaa ta’e hojjechuu akka danda’anillee ni hima.
Fiilmii kana hojjechuuf kan isa kakaase ummanni Oromoo aadaafi duudhaa boonsaa fiilmii ta’uu danda’u hedduu qabaatus kana baasanii agarsiisuun dinagdeetti jijjiiruu dhabuun waan xiiqii keessa isa galcheef ta’uu himee, fuuldurattis kanumarratti xiyyeeffachuun akka hojjetu dubbata.
Fiilmichi kana booda guutuu biyyaatti sagantaan qabameefii kan agarsiifamu ta’uufi biyyoota alaattis haala mijeessuun eebbisiisuuf yaada qabaachuusaa ibsa.
Yoomessi fiilmichaa bara 1970 keessa yoo tahu, akaakuu diraamaa maatii (Family Drama) ta’ee seenaa maatii tokkoo bara sana Oromiyaa keessa jiraatan irratti kan xiyyeeffatedha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 22 Bara 2017