
Faanni imaltuu fuula keessummaa keenya torbee kanaa gara giddugala biyyaa sulula qiinxamaa dachee giddugala daldalaa, misoomaafi yeroo gabaabaa keessatti eeggattummaa seeftineetii seenaa gochuun wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbamee gabaa alergiif gahuu danda’an kan sakatta’uudha.
Warraaqsa dinagdee guutuu Oromiyaatti eegalame saffisiisuun eeggattummaa seenaa gochuurra darbee gabaa alergii keessatti hirmaannaa guddaa taasisuun sulula qiinxamaarratti seenaa addaa hojjechuun aadaan waggaatti lama omishuufi omishaalee dachee Shawaa Bahaarratti takkaa biqilanii hinbeekne kan akka muuzii, boloqqee akaakuu garagaraa misoomsuun hirkattummaan seeftineetii akka hafu ta’eera.
Kanamalees qonnaan bulaan godinichaa wabii midhan nyaataan of danda’uu, omishaafi omishtummaasaa dachaan dabaluun gabaa alergii keessatti qooda akka fudhatu ta’aa jira.
Bu’uuruma kanaan warraaqsi dinagdee akka godina Shawaa Bahaatti jiru maal fakkaata? Jijjiiramichi qonnaan bulaafi hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraa laata isa jedhuuf gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo waliin taasisne akkaataa armaan gadiin isiniif dhiyeessineerra, kunooti.
Bariisaa: Godinni Shawaa Bahaa aanota meeqa of jalaa qaba? Aanaaleen godinichaa waggoota afur dura seeftineetiin jiraachaa turan amma eeggattummaan seenaa ta’uu himama raajii maaltu hojjetame?
Obbo Abbaabbuu: Godinichi aanota 13 horsiisee bulaa, qonnaan bulaafi giddugalattimmoo daldaaltotaan kan guutame qaba. Haalli teessuma lafaa godinichaa misoomaaf mijataa ta’us xiyyeeffannoo dhabuurraa kan ka’e aanotni gammoojjii ta’an abbootiin warraa kuma dhibba tokkoofi afurtamii shan seeftineetiin (deeggarsaan) jiraachaa turani.
Bariisaa: Warraaqsi dinagdee akka godina keessaniitti jiru akka Oromiyaatti fakkeenyaan ni ka’a. Bu’uuruma kanaan misoomni inisheetiiviifi misoomawwan garagaraa maal fakkaata?
Obbo Abbaabbuu: Misoomawwan kanneen akka boloqqee, avokaadoo, muuzii, paappaayaa, qamadiifi kanneen biroon haala kanaan dura ta’ee hinbeekneen guutuu godinichaatti misoomaa jiru.
Bariisaa: Alergii boloqqeefi avokaadoo alatti erguun kan eegalame yoomi? Waggaatti hammam gabaa alergiif dhiyeessaa jirtu?
Obbo Abbaabbuu: Boloqqee waggaa darbe eegalee gabaa alergiif dhiyeessuu eegalleerra. Kan waggaa darbee fudhannee yoo ilaalle kuntaala kuma 57 alergiif dhiyeessinee sharafa alaa argamsiisneerra. Jalqabbiin jiru jajjabeessaa waan t’eef bara kana boloqqee kuntaala kuma dhibba sagaliifi 13 dhiyeessuu dandeenyeerra.
Bariisaa: Akaakuuwwan boloqqee omishamaa jiran kunniin maal fa’i? Gabaa alergii keessatti barbaadamummaansaanii hammami?
Obbo Abbaabbuu: Akaakuuwwan boloqqee akka Godina Shawaa Bahaatti misoomaa jiran boloqqee adii, diimaafi burree yoo ta’an achi keessaa kan alatti barbaadamu qulqullinaafi baay’inaan omishuun dinagdee qonnaan bulaa keenyaa cimsaa eeggattummaa seenaa gochaa jirra.
Bariisaa: Mootummaan, qonnaan bulaan omishaafi omishtummaarra darbee gabaa alergii keessatti akka hirmaatu karoora qabateera. Bu’uura kanaan qonnaan bulaan gabaa alergii kana keessatti qooda fudhate hammami?
Obbo Abbaabbuu: Qonnaan bulaan keenya kallattii misoomawwan inisheetiivii garagaraa mootummaan bocee gadi buuse hordofee hojiitti seenee gaargaarsa seeftineetii jalaa wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbee gabaa alergii keessatti akka hirmaatu ta’eera. Kan boloqqee qofa yoo ilaalle qindeessitoota 17 jalatti qonnaan bultoonni 57 gabaa alergii keessatti akka qooda fudhatan ta’eera.
Qindeessitoonni 17n kunniin abbootii qabeenyaa omishaalee qonnaan bulaa kanatti galtee dabaluun qindeessuun qopheessan yoo ta’an achi jalatti qonnaan bultoonni 57 gabaa alergii keessatti qooda fudhatu jechuudha.
Bariisaa: Alergiin avokaadoo yoom eegale? Waggaa waggaan hammam ergitu? Hirmaannaan qonnaan bulaa godina keessanii maal fakkaata?
Obbo Abbaabbuu: Inisheetiivota qonnaan bulaa keenya dinagdeen jabeessaa jiran keessaa inni biraan misooma avokaadooti. Waggaa sadii dura alergii avokaadoo kan eegalle yoo ta’u hangi erginu waggaa waggaan dachaan dabalaa jira. Bara kana qofa avokaadoo akaakuu “A” jedhamuun beekamu kuntaala kuma shan gabaa alergiif dhiyeessineerra.
Achi keessatti qonnaan bultoonni 104 qindeessitoota (Eastern Agro Malt) jedhamu jalati ijaaramuun alergii omisha avokaadoo kana keessatti qooda fudhataa jiru. Fayyadamummaansaaniis bifuma kanaan mirkanaa’aa jira jechuudha. Akka waliigalaatti aanota afur keessatti misoomni boloqqeefi avokaadoo bal’inaan omishamaa kan jiru yoo ta’u, dhiyeessitoota gabaa alergiif qaqqabanis kanneen achuma keessaa babahanidha.
Bariisaa: Aadaan waggaatti lama omishuu kanaan dura hinturre wayita ammaa babal’ataa jira jedhama. Gama kanaan dadammaqinsaafi bu’aa galmaa’aa jiru akkamiin ibsitu?
Obbo Abbaabbuu: Dhiheenyaa as aadaan waggaatti lama omishuu, kanamalees hanga alergiitti gahuu milkaahaa jira. Qamadii fudhannee yoo ilaalle yeroo ammatti waggaatti lama omishaa jirra; gannaafi bona jechuudha. Waggaatti sadi akka omishamuufis xiyyeeffannoo laannee hojjetaa jirra jalqabbiin jiru jajjabeessaadha.
Kanarraa kan ka’e omishaafi omishtummaan keenya dachaan dabalaa jira. Hawaasni godinichaa seeftineetii jala ture gargaaramuurraa gara abbaa qabeenyummaafi invastimantiitti cehuu akka danda’u taasifameera.
Bariisaa: Waggaatti qamadii bonaafi gannaa hammam omishtu?
Obbo Abbaabbuu: Kan gannaa qofa fudhaannee yoo ilaalle hektaara kuma 200fi kuma kudhan qaqqabneerra. Omisha gannaa kanarraa callaa kuntaala miliyoona shaniifi kuma 800 sassaabuun danda’ameera. Omisha bonaatiin bara kana lafa hektaara kuma 300 sanyiidhaan uwwisuuf hojiitti jirra. Omisha qamadii bonaa kanarraa calla kuntaala miliyoona 12fi kuma 300 arganna jennee yaadna.
Misooma inisheetiivii qamadii jalqaba hektaara kuma 42rratti eegallee bu’uura godhannee bara kana kan gannaan gara hektaara kuma 200fi kuma kudhanii, qamadii jallisii bonaan lafa hektaara kuma 300rraa callaa olaanaa argamsiisuuf hojiitti jirra.
Bariisaa: Hektaara tokkorraa qamadii hammamtu sassaabamaa jira? Kan bonaamoo kan gannaatu caala?
Obbo Abbaabbuu: Hektaara tokkorraa giddugaleessaan qamadii kuntaalli 42 sassaabamaa jira, kan bonaaf gannaa walbira qabnee yoo ilaalle callaan bona argamu kan gannaarra caala.
Sababnisaas kan bonaa jallisiin kan misoomu waan ta’eef bishaan yeroo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu yeroo hinbarbaachisnettimmoo irraa dhaabuun waan danda’aniif sodaan lolaan dhiqamuufi rooba humnaa oliin miidhamuu qaqqabuu hinjiraatu. Kanarraa kan ka’e omishni qamadii bonaa kan gannaa caalaa olaanaadha.
Bariisaa: Haala kanaan dura hinbaratamneen misoomni muuzii godina Shawaa Bahaa keessatti babal’ataa jira. Kana akkamiin madaaltu?
Obbo Abbaabbuu: Dhugaa dubbachuuf misoomni muuzii Shawaa Bahaa keessaatti hinbeekamu ture. Kallattii inisheetiivii muuzii taa’e hordofuun hojiitti seennee bu’aa guddaa galmeessisaa jirra.
Omisha muuzii waggaa darbe hektaara 29 irratti omishame ammaan tana gara hektaara 400rratti omishuun gabaaf dhiyeessaa jirra. Waggaa itti aanutti gara hektaara kuma tokkotti guddisuuf hojiitti jirra. Bu’aan gama kanaan galmaahaa jirus daran jajjabeessaadha.
Bariisaa: Giddugalli gabaa muuzii akka hinjirre komiin omishtoota biraa ka’aa jira. Kanamalees alergiifis haalli hinmijanne jedhu, hudhaa kana furuuf maalitti jirtu?
Obbo Abbaabbuu: Dhugaa dubbachuuf misoomichi jajjabeessaafi seenaan addaa kan itti galmaahedha. Haata’uutii rakkoon giddugala gabaa biyya keessaafi alergiin walqabatee ka’e akka furamuuf hojiitti jirra.
Giddugalli gabaa giddugaleessa godinichaa keessattiifi Magaalaa Mojootti akka hundaahu taasifamee hojiitti seennee jirra. Omishuu qofti gahaa waan hintaaneef walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuufis hojjechuun murteessaadha.
Sadarkaa godinaatti giddugalli gabaa akka ijaaramu ta’eera, gabaa alergii keessatti qooda akka fudhataniifimmoo buufata Mojootti dhaabbilee gara garaa waliin ta’uun qindeessuun sharafa alaa argamsiisuuf hojiitti jirra jechuudha.
Bariisaa: Qonnaan bulaa qonnarraa gara invastimantiitti ceessisuu keessatti hojii hojjetame akkamiin ibsitu?
Obbo Abbaabbuu: Gama kanaan kan waggaa darbee fudhannee yoo ilaalle Shawaa Bahaa keessatti qonnaan bultoota moodela ta’an 400 gara invastimantiitti ceessisneerra.
Hojiilee invastimantii indastiriifi maanufaakchariingii keessatti bobbahuun ofis biyyasaaniis fayyadaa jiru. Bara kana lakkoofsa qonnaan bultoota keenyaa invastimantiitti cehanii gara kuma tokkotti guddisuuf of kenninee hojjetaa jirra.
Kurmaana 1ffaa keessa qofa ragaa qabnuun qonnaan bultoonni 241 invastimantiitti cehuu dandahaniiru. Manii qabame kana milkeessuuf kutannaan hojjetamaa jira. Qonnaan bulaan keenya omishaa qofa osoo hintaane invastimantiitti cehuun dameewwan indastiriifi maanufaakchariingii gara garaa keessatti qooda fudhataa jira.
Bariisaa: Omishaafi omishtummaa dachaan dabaluu kanamalees sharafa alaa argamsiisuuf hojiin eegalame akka cimuuf itti fayyadamni makanaayzeeshinii qonna ammayyaa maal fakkaata?
Obbo Abbaabbuu: Omishaafi omishtummaan keenya gama maraan dachaan akka dabaluuf qonna duubatti hafaan milkoofna jechuun hindanda’amu. Bu’uura kanaan tiraaktara, kombaayinaraafi dhiyeessiilee qonnaa mijeessuun callaan keenya dachaafi qulqullinaan akka dabalu hojjetaa jirra.
Kanamalees misoomni keenyi inni guddaan kan bonee waan ta’eef paampii raabsuun omishaafi omishtummaan keenya dachaan akka dabalu hojjetaa jirra.
Waggaa afur dura tiraaktarri godinicha keessa ture 47 ture ammaan tana garuu gara tiraaktara 272tti guddisuun danda’ameera. Tiraaktaroonni kunniin qusannaa qonnaan bulaan kan bitaman yoo ta’u, liqaa mootummaan mijeesseefiin kan milkaahanidha.
Ganna darbe qofa lafti hektaarri kuma 500 ol ykn dhibbantaan 51 qonna tiraaktaraan deeggaramedha.
Kombaayinaraan walqabatee qonnaan bulaan qusatee bara kana qofa bitee tajaajilaaf oolche shani. Kombaayinarri kun gatiinsaas daran qaala’aa waan ta’eef lakkoofsisaa haa xiqqaatu malee dabaluuf tattaaffiin jira.
Dhiyeessiilee calla guddistuun walqabatee hudhaa mudachuu dandahu furuuf yuuniyeenonni gaheesaanii akka bahatan taasisuun omishaafi omishtummaan keenya akka hingufanne taasisaa jirra. Kun ammallee hojii ittifufiinsaan hojjetamuufi hordoffii barbaadudha.
Bariisaa: Misooma inisheetiivii lukkuufi booyyeetiin walqabatee, gabaa tasgabbeessuu, carraa hojii uumuu keessatti bakka guddaa qabu. Ta’us nyaannisaanii qaala’uun walqabatee galii misoomsitootaa hubaa jira jedhama. Hudhaa kana furuuf falli taa’e jiraa laata?
Obbo Abbaabbuu: Baasiin nyaata lukkuuf bahuufi gatiin buuphaa walmadaalawaa miti kan jedhamu dhugaadha. Gatiin buuphaa kan dabaleef gatiin nyaata lukkuu dabaluusaattiin.
Haata’u garuu hudhaa kana furuuf warshaan lama nyaata lukkuu qindeessu godina Shawaa Bahaa keessatti dhaabatee hojiitti jira. Tokko hojii eegaleera inni lammataa adeemsarra jira. Warshaan kun guutummaa guutuutti hojiitti seenee jennaan warri horsiisanis warri bitanii fayyadamanis qixa fayyadamu jedhamee yaadama.
Bariisaa: Inisheetiiviin misooma booyyee akka godina keessaniitti jiru dabalaa jira. Ta’us foon Booyyee nyaachuun hagas mara kan baratame waan hintaaneef rakkoon gabaa jiraachuu himama. Hudhaa kana furuuf falli taa’e jiraa?
Obbo Abbaabbuu: Akka biyyaatti foon booyyee nyaachuurratti rakkoon ilaalchaa jira. Rakkoon ilaalchaa kun hamma furamutti fayyadamummaa horsiisee bultoota kanaa mirkaneessuuf dhaabbilee biyya alaa warshaalee gara garaa qaban waliin hidhata uumuun akka furamu taasisaa jirra. Dhaabbileen alaa akka godinichaatti jiran fedhii agarsiisaa fudhataa jiru isa kana ammallee cimsinee irratti hojjenna.
Bariisaa: Rakkoo hojidhabdummaa dargaggoota qoraa jiru furuuf tarkaanfiilee fudhatamaniifi bu’aa jiru akkamiin ibsitu?
Obbo Abbaabbuu: Misoomni inisheetiiviiwwan gara garaa babal’achuunsaa fayyadamummaa dargaggoota keenyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa taphataa jira.
Misoomawwan muuzii, avokaadoo, horsiisa booyyee, lukkuufi kanneen biroorratti bobbahuun fayyadamaa kan jiran irra jireessi dargaggoota. Misooma koridarii keessattis bobbahuun of jijjiiraa jiru. Sheediiwwan gara garaa qopheessuunis daldalaafi inisheetiivii adda addaarratti bobbahanii of jijjiiraa jiru.
Kanamalees giddugaloota dinagdee loojii, misooma qurxummii (Hara Basaqaarratti bobbahuun) eeggattummaa seenaa gochaa jiru. Sosochichi ammallee kan itti fufudha.
Bariisaa: Haroon Basaqaa barootaaf akka bishaan abaarsaatti ilaalamaa ture har’a tajaajila akkamii laataa jira laata?
Obbo Abbaabbuu: Misoomni Loojii Benuunaa kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin misoomee achitti baname carraa hojii guddaa dargaggoota keenyaaf uumeera. Kanamalees haroo kaleessa lubbu qabeeyyiin tokko keessa jiraachuu hindanda’u jedhamu kana keessatti dargaggoonni gurmaahanii qurxummii horsiisuun fuduraafi muduraa omishuun fayyadamummaasaanii mirkaneessaa jiru.
Naachi bakka biraarraa finnee achitti horsiisaa jirrus dachaan dabalaa jira. Kutannaan jiraannaan jijjiiramni fagoo akka hinjirre kan itti agarredha.
Bariisaa: Hawaasa naannawaa fayyadamaa taasisuuf mul’anni pirojektota garagaraa haricharratti babal’isuu hinjiruu?
Obbo Abbaabbuu: Naannawaan harichaa dur gammoojjii ture magariisatti jijjiiramaa jira. Bu’uuruma kanaan pirojektonni lama sadii bulchiinsa magaalichaan gaggeeffamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo dhiyootti xumuramanii tajaajila kennu jennee yaadna. Matahaaraan giddugala invastimantii tuuristiifi bakka aara galfii akka ta’uufis humna guutuun hojjetamaa jira.
Bariisaa: Lakkoofsi naachaa hara Basaqaa keessa jiru dachaan dabalaa jiraachuu himama; naacha kana tajaajila gara garaaf oolchuuf kallattiin taa’e jiraa laata?
Obbo Abbaabbuu: Naachi hara Basaqaa keessatti amma dabalaa jiru arbaaminciifi bakka biraarraa fidnee kan misoomsaa jirrudha. Naacha kana daawwannaaf qofa oolchuurra gogaasaaniitti galtee dabaluun gabaa alergiif oolchuufis karoorsinee irratti hojjetaa jirra.
Bariisaa: Gara misooma barnootaattin isin deebisa. Misoomni barnootaa akka godinichaatti jiru maal fakkaata? Barnoota qulqullina qabu waliingahuuf maalitti jirtu?
Obbo Abbaabbuu: Gurmii tiraanisfoormeeshinii mootummaan naannoo Oromiyaa hundeessuun hudhaalee qulqullina barnootaaf sababa ta’u jedhaman sakatta’uun baruu barsiisuun akka si’atu hojjetamaa jira. Guutumaan guutuutti ta’uu baatus rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa furuuf tajaajila mana jireenyaa akka argatan taasisneerra.
Daa’imman naannawaa jiranitti tajaajila barnoota qulqullina qabu akka argatan tajaajila nyaataas akka argatan hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaadha. Manneen barnootaa akka godinichaatti jiran 500 ol keessatti baruu barsiisuun karaa si’ataafi itifufiinsa qabuun gaggeeffamaa jira.
Bariisaa: Misooma Koridariin walqabatee sosochiifi duubdeebii hawaasaa akkamiin ilaaltu? Bakka tokko tokkotti manniifi dallaan diigamuu dandahaatii maal taajjabdan?
Obbo Abbaabbuu: Hawaasni baadiyyaa misoomaaf dammaqaadha. Koridariin eegalame dallaasaniirra yoo bu’us miira gammachuun sirreessaa jiru.
Sababnisaas jiruuf jireenyasaanii mijataa taasisuuf kaayyeffatee kan hojjetamu keessumattuu karaatti bahanii yoo dalleessan ykn mana ijaarratan beeladoonnisaanii balaa konkolaataaf saaxilamoo ta’uu waan danda’aniif hubannoon akkuma isaaniif kennameen miira gammachuun waan ka’uu qabu kaasuun misoomichaaf fedhii qaban qabatamaan agarsiisaniiru.
Bariisaa: Misoomawwan hundaaf bu’uura kan ta’e mirkanaa’uufi jiraachuu nageenya waaraati. Gama kanaan rakkoo nageenyaa to’achuuf sosochii jiru nuuf kaasaamee? Qaamoleen hidhatanii socho’an waamicha mootummaan taasiseen deebihaa jiruu laata?
Obbo Abbaabbuu: Akka godinichaatti giddugala daldalaafi dinagdee ta’uun walqabatee rakkoon nageenyaa hudhaa ta’ee ture.
Aanota saddeetiifi gandoota jaatama keessatti rakkoon nageenyaa mudataa ture qormaata godinichaa ture. Gandoota kanneen keessatti ji’ota muraasa dura tajaajila hawaasaa garagaraa kennuufillee rakkisaa ture jechuudha.
Marii hawaasaa bal’aa taasisneen waamicha gama mootummaan taasifameen hidhattoonni hedduu meeshaalee waraanaa guguddaafi xixiqqaa qabatanii deebi’aniiru. Hidhattoonni deebi’an kunneen dhibba lamaafi 98 deebi’aniiru.
Hidhattoonni kun meeshaalee guguddaa akka Bireeniifi kanneen biroo qabatanii waamichicha dhagahuun kan deebihan yoo ta’u yeroo ammaatti aanota lama hincaalleen alatti nagaan bu’aa jira. Bakkeewwan waamicha diduun hanna saamichaafi hiraarsaa qaqqabsiisan ammoo caasaalee nageenyaa keenyatti fayyadamuun oppireeshinii gaggeessuun sirreessaa jirra.
Bariisaa: Hidhattoota waamicha nageenyaa fudhatanii dhufan kana hojiitti galchuuf kallattiin taa’e jiraa laata?
Obbo Abbaabbuu: Namoota 300tti siiqan simanne kana kan barachuu barbaadu barnootasaatti, kan carraa hojii barbaadu hojiitti, kan qonna barbaadu qonnasaatti akka deebihu taasisuun danda’ameera.
Walumaagalatti nageenya waaraa mirkaneessuuf jecha waamichi nageenyaa ammallee kan iti fufu ta’uu bakkeewwan rakkoon nageenyaa itti haammaatemmoo tarkaanfii sirreessaa fudhachuun ittifufa.
Bariisaa: Godinni Shawaa Bahaa naannoolee addaddaan kan waldaangessu yoo ta’u, daangaan walqabatee walitti bu’iinsi mudataa jiru furuuf qophaahummaan jiru maal fakkaata?
Obbo Abbaabbuu: Godinni keenya Affaar, Amaaraafi naannoolee kibbaa waliin waldaangessa. Bu’uuruma kanaan dhimmi waldhabdee daangaa yoomiyyuu mudachuu danda’a. Ta’us ilaafi ilaameen kan furamudha.
Hawaasni kunneen durii kaasee waliin jiraachaa kan turaniidha. Akkuma obbolaan walloolu ollaanis walitti bu’uunsaa waan oolu miti. Haata’u garuu hagas mara hammaatee rakkoon uumame hinjiru.
Kuni ta’us finxaaleyyii naannoo Amaaraan tuttuqaan mudatu jira. Isa kanammoo tarkaanfii madaalawaa fudhachuun nageenya waaraa godina keenyaa kabachiisuuf humna guutuun hojjetaa jirra.
Bariisaa: Biyya badhaateefi hundumaaf taatu ijaaruuf sochiin waliigalaa godina keessaanii akkamiin ibsitu?
Obbo Abbaabbuu: Makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’isuun omishaafi omishtummaa keenya dachaan dabaluun eeggattummaa seenaa gochuu wabii midhan nyaataan of danda’uurra dabarree gabaa alergii keessatti qooda fudhachuun biyya badhaate ijaaruuf hojjetaa jirra. Waan ta’eef kottaa misoomsaa misoomaan waamicha keenya.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017