“Bishaan Haroo Haramaayaa ALA bara 2020 kiyuubikii miliyoona 6.5 ture yeroo ammaa kiyuubikii miliyoona 12 irra gaheera” – Doktar Yisihaaq Yusuuf

Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Haramaayaatti kan argamu Haroon Haramaayaa eegumsaafi kunuunsa barbaachisu dhabuufi bishaan harichaatti seeraan ala fayyadamuurraa kan ka’e waggaa 18fi ji’a saddeetiif gogee dirree kubbaa miilaafi beelladoonni irra dheedan ta’ee ture. Harichi erga badee booda eegumsaafi kunuunsa haricha deebisuuf Yunivarsitiin Haramaayaa, mootummaafi hawaasni naannawaa qindoomina taasisaa turaniin harichi deebi’ee maddeera. Hangi bishaan harichaas waggaa waggaan dabalaa jira.

Yunivarsitii Haramaayaatti, Pirezidaantii Ittaanaa Qorannoofi Hirmaannaa Hawaasaa Doktar Yisihaaq Yusuuf Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, yunivarsitichi qorannoowwan rakkoolee hawaasaa furan hedduu adeemsiseera; adeemsisaas jira. Qorannoowwan yunivarsitichi adeemsisu hundi rakkoolee hawaasaa hiikuufi jiruufi jireenyasaa fooyyessuurratti xiyyeeffatu.

Yunivarsitichi Haroon Haramaayaa waggoota 10 oliif badee ture biiroo ‘Integrated Haromaya Lake Water Shade Management’ jedhu qofaatti banee hojjechaa turuu himanii, biirichis sululawwan naannawaa harichaarra biqiltuuwwan hedduu dhaabeera. Hojiin misooma sululaa kun bokkaan roobu gara dachee akka seenuufi bishaan qulqulluun gara harichaatti akka yaa’u taasisuun Haroon Haramaayaa deebi’ee akka maddu taasisaniiru. Hojiin misooma sululaa naannawaa harichaatti dalagame Haroon Haramaayaa akka deebi’uuf gumaacha guddaa taasiseera jedhu.

Hojiin misooma sululaa naannaa harichaatti hojjetame biyyeen lolaadhaan dhiqamee gara harichaatti akka hin yaane taasisuudhaan harichi akka deebi’u taasisuu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu himanii, qonnaan bultoonni naannawaa harichaa jiranis lafa naannawaa harichaa jiru akka hinqonneefi mukeen naannawaa sana jiran akka hinmurre taasisuun harichi akka deebi’u ta’eera.

Harichi erga deebi’ee booda bishaan harichaa sadarkaa maaliirra akka jiru ‘Satellite image’n ilaalameera. ‘Satellite image’n kun akka agarsiisutti, ALA bara 2013 bishaan harichaa dhabamee ture. Biqiltuuwwan naannawaa harichaa dhaabaman akkuma heddummachaa dhufaniin harichi ALA bara 2017 kan deebi’e ta’uu himu.

Akka Doktar Yisihaaq jedhanitti, bishaan harichaa bara 2020 irraa eegalee waggaa waggaan baay’ee dabalaa dhufe. Bishaan harichaa bara 2020 irraa eegalee baay’ee dabalaa dhufe. Bishaan harichaa bara 2020 bishaan kiyuubikii miliyoona 6.5 irra ture yeroo ammaa barana gara kiyuubikii miliyoona 12tti guddateera.

Hojii Yunivarsitiin Haramaayaa raawwateefi jijjiirama haricharratti mul’ateen yunivarsitichi dorgommii yunivarsitoota addunyaa (International University and College Association) bara 2004 irraa eegalee Londonitti adeemsifamaa jirurratti bara darbe sadarkaa keessa galuun beekamtii argateera. Dorgommicharratti yunivarsitoonniifi kollejoonni addunyaarratti hawaasaaf bu’aa guddaa buusan badhaasaafi beekamtii kan argatan ta’uus eeraniiru.

Yunivarsitiin Haramaayaa bu’aa hawaasaafi ikkooloojiirratti fideen dorgommii bara 2024 Yunivarsitootaafi kollejoota 98 gidduutti adeemsifamerratti badhaasaafi beekamtii kan argate ta’uu himanii, yunivarsitootaafi kollejoota kunneen keessaa 24 sadarkaa olaanaa keessa galaniiru. Yunivarsitootaafi kollejoota sadarkaa olaanaa keessa galan keessaa saddeet sadarkaa duraa keessa kan galan ta’uufi Yunivarsitiin Haramayaa kanneen sadarkaa duraarratti argaman keessaa tokko ta’uun sadarkaa addunyaatti waraqaa ragaafi beekamtii kan argate ta’uu himu.

Yunivarsitichi hojii eegumsaafi kunuunsa Haroo Haramaayaafi ikkoolojiirratti taasisaa ture ammas ittifufiinsaan hojjechaa jiraachuu himanii, yunivarsitichi yeroo hojii eegumsaafi kunuunsa harichaafi ikkoolojii kana ittifufiinsaan hojjechuuf pirojektii doolaara miliyoona ja’aan raawwatamu qopheessee bajata itti barbaadaa jiraachuus eeraniiru.

Akka Doktar Yisihaaq jedhanitti, yunivarsitichi hawaasa hirmaachisuun waggaa waggaan waqtii gannaa biqiltuuwwan kuma 500 ol gaarreen naannawaa Haroo Harmaayaa jiranirra dhaabeera. Hawaasni qulqullina harichaa akka eeguufis yeroo gara garaa barumsa hubannoo gabbisuu kennaa jira. Hawaasnis yunivarsiticha waliin ta’uun eeguufi kunuunsuurratti haricharatti hirmaannaa guddaa taasisaa jira.

Jijjiiramniifi faalamni qilleensaa addunyaarratti rakkoo guddaa ta’ee jiraachuu himanii, rakkoo kana furuuf hojiin eegumsaafi kunuunsa ikkoloojii bakka tokkotti raawwatamu qofti gahaa miti. Rakkoon jijjiiramaafi faalama qilleensaa biyya tokkotti mudatu biyyoota addunyaa biroos waan miidhuuf hundumtuu harka walqabatee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Biqiltuuwwan waggaa waggaan dhaabamaa jiran ‘Carbon dioxide’ qilleensa keessa jiru ofitti fudhatanii gara ‘Oxygen’ tti jijjiiruun faalama qilleensaa hir’isuufi bokkaan roobu lafa keessa akka seenu taasisuun maddeen bishaan lafa irraafi lafa jalaa gabbisuu keessatti gumaacha olaanaa waan taasisaniif eeguufi kunuunsuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Yunivarsitichi dhimma eegumsaafi kunuunsa harichaarratti hawaasa naannawaafi bulchiinsa Magaalaa Maayaa waliin hojjechaa jiraachuu himanii, hojiileen misoomaa haricha iddoo hawwata turizimii filatamaa taasisuuf raawwatamaa jiranis jajjabeessaa ta’uu himaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maayaa Doktar Ifrahaa Waziir akka jedhanitti, Haroon Haramaayaa bade waggaa 17 booda deebi’ee argame. Bulchiinsi Magaalaa Maayaa Yunivarsitii Haramaayaa waliin ta’uun eegumsaafi kunuunsa harichaarratti hojjechaa jira. Hojii eegumsaafi kunuunsarratti harichaarratti raawwatamaa tureen barana hangi bishaan harichaa barana baay’ee dabaleera. Haricha madda turizimii guddaa taasisuufis hojiin naannawaa harichaa misoomsuu raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.

Haroo Haramaayaa eeguufi kunuunsuun dhimma murteessaafi xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjetamaa jiru ta’uu himanii, bulchiinsi magaalaa Maayaa Yunivarsitii Haramaayaa waliin ta’uun sululawwan 14 adda baasuun hojii eegumsaa biyyoofi bishaaniirratti ittifufiinsaan hojjechaa jira. Biyyeen lolaadhaan dhiqamee gara harichaatti yaa’uufi ittifayyadamni bishaan jallisii daangaa dhabeen ta’uu qorannoon mirkanaa’e ta’uus eeraniiru.

Yeroo ammaa ittifayyadama bishaan harichaatti daangaa gochuun hawaasni naannawaa haricha eeguufi kunuunsuurratti akka hirmaatu taasifamaa jiraachuu himanii, bulchiinsi magaalaa Maayaas hawaasa naannawaa waliin ta’uun torban torbaniin guyyaa Sanbata ganama duula qulqullina harichaafi naannawaa harichaa adeemsisaa jiraachuu himaniiru.

Ummanni haroo kana abbaa ta’ee akka eeggatuuf hojii bal’aan raawwatamaa turuu himanii, ammayyuu darbee darbee haaylaandii gara harichaatti gatuun ni mul’ata. Naannawaa harichaa qulqulleessuufi iddoo hawwata turizimiifi bashananaa taasisuuf pirojektii guddaan tokko qarshii miliyoona 88n hojjetamaa jiraachuufi hojiin ijaarsa pirojektichaa %45 olirra gahuu himaniiru.

Kosiin gara harichaatti gatamu hir’isuuf jiraatota seeraan alaa naannawaa harichaa qubatan kaafamaa jiraachuu himanii, hojiin kun galii turizimiirra argamu guddisuu keessattis gahee guddaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Obbo Ramadaan Yusuuf jiraataa magaalaa Haramaayaa yoo ta’an, Haroon Haramaayaa waggoota dheeraaf gogee ture. Lafti harichi irra tures qotamaafi bakka mana jireenyaa ta’ee ture.

Haroon kun erga deebi’ee waggoota muraasa lakkoofsiseera. Ergasii as bishaan harichaa waggaa waggaan dabalaafi mana jireenyaa baay’ee bakkaa buqqisaa jira. Manni nuti keessa jiraachaa tures sababa kanaan buqqa’eera jedhu.

Manni keessa jiraachaa turan bishaan harichaa dabalaa dhufuusaanii buqqa’uu himanii, bulchiinsi Magaalaa Maayaas mana jireenyaa ykn bakka mana jireenyaa itti ijaarratan kan hinkennineef ta’uufi yeroo ammaa maatii waliin bakkee keessa dunkaana xiqqoo tokko keessa jiraachuu dubbatu.

Haroon kun deebi’uun nuuf gammachuu guddaadha kan jedhan Obbo Ramadaan, harichi qabeenya keenyaafi qabeenya biyyaa waan ta’eef qabeenyicha eegaafi kunuunsaa jiraachuufi qurxummiis keessaa baasanii ittifayyadamaa jiraachuu himu.

Harichi balfawwan goggogaafi dhangala’aan akka hinfaalamneef eegumsaafi kunuunsa barbaachisu taasisaafii jiraachuu himanii, mootummaanis haricha iddoo hawwata turizimii taasisuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017

Recommended For You