
Qonni lafee dugdaa dinagdee biyyaati. Omishtootaafi shamattoota gidduutti cancala ta’ee jireenya lammiileef bu’uura ta’us haala qabatamaa jiruun mala qonnaa ammayyeessuun hindanda’amne. Baay’een waggatti altokko qofa qotuun lafti omisha ga’aa kennuu danda’u baroota dheeraaf agabuu bulaa ture. Waggoottan sadan jijjiiramaa asitti inisheetiiviwwan wabii midhaan nyaataa mirkaneessan 28 ta’an akka Oromiyaatti hojiirra oolan.
Inisheetiiviwwan gad bu’an yeroo ammaa sadarkaa akkamiirra akka jiran adda baasuuf gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa inisheetivii qamadii bonaa naannawa magaala Baatuu tibbana daawwateera. Oyiruu qonnaan bultootaa Ayyaanaa Deebisoo, Gosaayee Abbiyyeefi Sulxaan Badhaanetti argamuudhaan daawwachuun afgaaffiis isaan waliin taasiseera.
Qonnaan bulaa Ayyaanaa Deebisoofi Gosaayee Abbiyyee inisheetiivii qamadii bonaan callaan omishaa dabaluun walqabatee galiinsaa dabaluu garee kanatti himaniiru. Qonnaan bulaa Sulxaan Badhaanee ammoo “ Nyaataan of danda’een gatii madaalawaa dhabnaan qamadii kuntaala 300 olkaa’e” jedhu.
Akka ibsa qonnaan bulaa Ayyaanaa Deebisootti duraan ganna qofa qotuun laftisaanii agabuu ba’a ture. Gorsa ogeeyyii qonnaan kennameef bu’uura godhachuudhaan qonnaan bultoota afurtama waliin qonna kilaastaraatti ijaaramuudhaan qamadii bonaa motaraan bishaan obaasuu fayyadamanii qotuu erga eegalanii bubbuleera.
Rooba gannaa qofaan kan facaasan roobni yoo harkifate callaan argamus hagasuma gad bu’aa ta’a. Qonni bonaa garuu bishaan harkasaanii waan jiruuf yeroo barbaachisetti obaasuun hektaaratti callaa kuntaala 40 ol argatu. Amma mootarri bishaan harkisu waan jiruuf yeroo hundumaa hojiidha bu’aan argamus fufiinsa waan qabuuf jireenyi dhuunfaa isaanii jijjiiramaa akka jiru dubbatu.
Qonnaan bulaa Gosaayee Abbiyees waggoota 20 oliif qonnaan maatiisaanii gaggeeffataa jiru. Utuu qonna kilaasataraa hineegaliin galiin isaan qonnarraa argatan gad bu’aa ture. Qonnaan bultoota waliin ijaaramudhaan erga qonna kilaastaraa eegalanii waggaatti si’a sadii waan omishaniif callaan argatan dabalaa deema.
Galiin gurgurtaa omisha qonnaa irraa argamu waan adda hincinneef jireenyi isaanii fooyya’aa akka jiru dubbatu. Ijoollee isaanii mana barumsaa gaariitti barsiisfachaa jiru. Qonni kilaastaraa guddistuu callaa qofa osoo hintaane bishaan waliin harkisuufi simbirroo eeguu dabalatee hojii salphisa.
Qonnaan bulaa Sulxaan Badhaanee nyaataan of danda’uurra darbanii gatii madaalawaa dhabuudhaan qamadii kuntaala 300 olkaa’uuf akka dirqaman dubbatu. Gatii madaalawaan dhabe jedhanii utuu abdii hinkutatiin lafa hektaara shanirratti kilaastaraan qamadii misoomsaa jiru. Waggaattis marsaawwan lamaan omishuun akkuma haalli qilleensaa toletti hektaaraan kuntaala 40 ol argachuu himu.
Marsaa tokkotti hektaara shanirraa kuntaala 200n argadha jedhu. Utuu gatii gaariitti gurgurameera ta’ee hektaara shanii olan misoomsa ture. Inisheetiviin kilaastaraan qotuu bu’aqabeessummaan isaa olaanaadha jedhu.
“Bu’aan ani akka qonnaan bulaa tokkootti argadhu jireenya dhuunfaa koo fooyyessuurra darbee kan namoota biroofillee fakkeenya ta’uudha. Omishi qonnaan bulaa yeroo dabalu lammiilee shamatanii jiraataniif gatiin akka hinqaalofine taasisa. Kanaaf, mootummaan gatii gabaa bu’aa inisheetiivichaa madaalu mijeessuudhaan furmaata utuu ittikennee.
Maalif yoo jette ganda ani keessa jiraadhu kanatti kanneen akkuma koo olkaa’an baay’eetu jiru. Gara fuulduraattis qonnaan bulaa hamileen bu’ee omishuurraa akka duubatti hindeebineef rakkoon gatii hatattamaan furamuu qaba” jedhu.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017