Sabni Oromoo beekumsa, aadaa, duudhaa, safuu, amantaa, ilaalchaafi falaasama mataasaa karaa afoolaatiin dhalootarraa dhalootatti dabarsa. Afoolli immoo akaakuuwwan fookloorii ta’ee himinsa afaaniin dhalootatti kan daddarbuudha. Akkasumas, Oromoon aadaa yaa’aa akka galaanaa kan walirraa hincinne qaba.
Afoolli qaama dilbii aadaa Oromooti. Aadaan Oromoo bu’uura qaroominaa waa hundaa akka ta’eefi mul’istuu aadaa, argaa dhageettii, jiruufi jireenyaa hawaasichaati. Aadaan hiika baay’ee kan of keessa qabu ta’ee jireenya ilmoo namaa, maalummaasaa, beekumsaafi dandeettiisaa, seenaa, afaansaa, aartii, miidhagina, haala uffannaasaa, amaantiifi duudhasaa, akkaataa nyaataa walumaagalatti aadaan mallattoofi eenyuummaa ummata tokko kan ibsuudha jechuun ni danda’ama.
Dhalli namaa jiruufi jireenyasaa keessatti kallattiiniis ta‘ee alkallattiin, fooklooriitti dhimma bahuunsaa hinoolu. Jecha fookloorii jedhu kun jecha waliigalaa kan afoolaa, meeshaalee aadaa, duudhaa hawaasaafi artii duudhaa (hawaasaa) bakka buufamuun moggaafameedha.
Akkuma yaada kanarraa hubannutti, afoolli dameelee fookloorii keessaa isa tokko. Afoola jechuun karaa hawaasni tokko aadaa, muuxannoo, falaasama, aartii, afaan, amantaafi seenaasaa afaaniin dhalootarraa gara dhalootaa ittiin dabarsu jechuudha.
Akkuma fookloorii, afoolli jireenya hawaasa tokkoo keessatti iddoo guddaa qaba. Keessattuu, hawaasni gammoojjii Sahaaraatii gaditti argaman seenaa dheeraa beekumsaafi muuxannoo afoola gargaaramuun dhalootarraa dhalootatti akka daddabarsu.
Hawaasa kana keessaa tokko egaa ummata Oromooti. Ummanni Oromoo akkaataa itti waaqeeffatu, aadaa, duudhaa, seenaafi safuusaa itti eeggatuufi hojiilee adda addaa keessatti dhaamsawwan gara garaa waliif dabarsu, waljajjabeessu, walqeequufi ittiin walbarsiiifatu fooklooriitti fayyadamuuni. Afoolli hawaasa tokko keessatti faayidaa guddaa qaba. Faayidaaleesaa kanneen keessaa tokko duudhaa, seenaafi beekumsa hawaasichaa tursiisuufi tokkummaasaa cimsuudha.
Afoolli, yeroo ammaas akkuma baroota hedduu duraatti akka tajaajilaa jiru amanama. Hawaasni gara garaa karaa ittiin taateewwan hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeefi aadaa itti simataniifi geggeessan qabu. Karaa wantoota kanneen ittiin gaggeeffatan keessaa inni duraa afoola. Faayidaalee afoolaa saba tokkoo gabaabsuudhaan ibsuun salphaa hinta’u.
Aadaan kan nama wajjin dhalatu osoo hinta’in, adeemsa jiruufi jireenya ummataa keessatti kan uumamu, kan baramuufi dhalootaan kan darbuudha. Ummanni Oromoo Harargee akkuma ummata kamuu aadaa, duudhaa, gammachuu, gadda, gootummaa, heera ittiin bulmaatasaa, walummagalatti haala jiruufi jireenyaasaa kan ittiin ibsatu afoola mataasaa qaba. Akaakuuwwan afoola keessaa weedduu guuzaa eeruun nidanda’ama.
Akaakuun guuzaa haala itti kadhatamurratti hundaa’uun bakka sadiitti qooduun nidanda’ama. Isaaniis guuza kadhannaa, guuza marroofi guuza dimishaati. Guuzni kadhannaa akaakuu guuzaa kan namni tokko yeroo hojiin cimtuun isa qabatte gargaarsaaf namoota biroo hojii akka isa gargaaraniif kadhatuudha.
Namni guuza kadhatee hojii isa gargaaran kun dirqama namoota isa gargaaraniif harka deebisuun irra hinjiraatu. Akaakuun guuzaa kun akaakuu hojii kamiyyuu nikadhatama. Akaakuun guuzaa lammaffaan guuza marrooti. Akkuma maqaansaa ibsutti guuzi marroo guuza namoonni murta’aan dabareedhaan hojii ittiin walgargaaraniidha. Akaakuu guuza kanaa keessatti namni daboo ooleef ykn hojjeteef harka namoota isa gargaaranii ni deebisaaf.
Guuzni dimishaa immoo akaakuu guuzaa kan namni intala kaadhimmate warra soddaasaatiif namoota gara garaa kadhatee akka gabbartiitti hojii hojjetuufiidha. Karaa biraatiin haala afeerraasaaniif taasifamurratti hundaa’uun, guuza bakka guguddaa lamatti qooduun nidanda’ama. Isaanis, guuza oolmayaafi guuza galfataati.
Guuzni oolmayaa bakka hojiin itti hojjetamu sanitti dalagaa oolanii yeroo dhiitu gara mana ofiitti galaniidha. Guuzni galfataa immoo guuza bakka hojiin itti dalagamu sanitti hojjechaa oolanii galgala afeerraaf gara mana abbaa guuzaa galaniidha.
Weedduuwwan yeroo omishaa Harargee keessaa tokko abbaa ykn haadha guuzaa faarsuu yoo ta’u, wantoonni bu’uureffachuun itti faarsanis carraaqqataa, arjaa, qabaataa, boonaa, goota, beekaafi nama kabaja namaaf qabu ta’uu, akkasumaas, kaamettummaa haadha warraa ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, abbaan guuzaa qabaataa ta’uusaatiif yoo walaloo weedduu guuzaan faarsan akka ittaanu kana jedhu:
Dirree Dhawaa keessi laqaa laqaa
Aabboo kan kiishi maallaqaa
Hiika qabeessummaa walaloo guuzaa kanaaf ga’een bo’oon jalqabaa qabu xiqqaadha; rukuttaa manaatiif haala mijjeessuu qofa. Kanaaf, Aabboo kan kiisha maallaqaa, yoo jedhan, sooreessa, arjaafi nama waan irraa barbaadan hunda irraa argatan jechuudha.
Karaa biraatiin, abbaan daboo nama callaa midhaanii guddaa omishuun beekamu yoo ta’es weedduu guuzaa keessatti ni faarsa. Fakkeenyaaf, walaloowwan weedduu kan abbaa guuzaa (daboo) callaa guddaa inni omishuuf jecha faarsuuf faayidaarra oolan kanneen kanaa gadii haa ilaallu:
Gummaan gaaraan qixxaate
Aabboon mootii fakkaate
Walaloo kana keessatti gummaan gaaraan qixxaate yoo jedhu tuullaan bishingaa abbaa daboo hanga tulluu ykn gaaraa ol dheeratee, yookiin jecha biraatiin abbaan daboo callaa guddaa omishee jechuu yoo ta’u; inni aabboon mootii fakkaate jedhu immoo guddana callaa omisheetiif ykn nama carraaqqataa ta’uusaatiin callaan omishe mootiin walisa qixxeesse akka jechuuti. Haaluma walfakkaatuun walaloon guuzaa inni itti aanuus yaaduma walfakkaatu ibsa.
Ciroo gubbaa bosonni hurrumaa
Aabboo boolli haddaaruma
Kana jechuun abbaan daboo qonnaan bulaa cimaa, omisha midhaanii guddaa galfachuun beekamu kan boollisaa yeroo mara midhaan qabu jechuudha. Kun immoo abbaan daboo sun nama carraaqataa ta’uu argisiisa. Walaloo guuzaa kan abbaan daboo nama carraaqatu ta’uusaatiif ittiin faarsan kan armaan gadii kanneen dabalataan haa ilaallu.
Suqqaa bari
Callaan sitti haqaa barii
Walaloo kana keessatti bo’oon ergaa walalichaa baate isa lammataati. Bo’oo kana keessatti callaan sitti haqaa bari yoo jedhu abbaan daboo nama carraaqataa ta’uudhaan beekamu waan ta’eef callaa guddaa argachuun waanuma isarraa eegamu ta‘uu agarsiisa. Haaluma walfakkaatuun, walaloon guuzaa armaan gadii abbaan daboo nama callaa midhaanii guddaa omishuun beekamu ta’uusaatiif kan ittiin faarsaniidha.
Lashaa lasha akka sootii
Gummaan kun kan warra mootii
Bo’oo lammaffaa walaloo kanaa keessatti gummaan kun kan warra mootii yoo jedhu; gummaan midhaanii kun kan nama akka warra mootiitti omisha guddaa argatuuti jechuudha. Kun gara biraatiin abbaan daboo san carraaqataa ta’uu mul’isa.
Maddi oddeeffannoo Hawaasaati.
Muummee Jamaal, Kominikeeshinii Waajjira Kantiibaa Magaalaa Ciroorraa
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017