
Yaa’iin idilee 8ffaa waggaa 4ffaa, bara hojii Caffee Oromiyaa 6ffaan Sanbataafi Dilbata darbe Adaamaa, Galma Caffeetti adeemsifameera. Yaa’icharratti gabaasni raawwii karoora hojiilee qaama raawwachiiftuu mootummaa naannoo Oromiyaa ji’oota jahan darbanii pirezidaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhiyaateera. Yaa’icharratti miseensonni Caffee gaaffileefi komiiwwan ummata biraa ka’an dhiyeessuun gabaasicharratti marii bal’aan adeemsifameera.
Deebiin Obbo Shimallis gaaffiileefi komiiwwan miseensonni Caffee kaasaniif kennaniifi kallattiiwwan hojii gara fuulduraa isaan kaa’an akka armaan gadiitti qindaa’anii dhiyaataniiru.
Gaaffiileefi komiiwwan yaa’icharratti mootummaan sadarkaa sadarkaan jiru akka deebisuuf dhiyaatan sirriifi kanneen ka’uu qabaniidha. Gaaffileefi komiiwwan ka’an deebisuuf koreewwan dhaabbii Caffee to’annoofi hordoffii qaama raawwachiisaarratti taasisan caalaatti ittifufsiisuun ciminootarra hanqinoota mudatan guutuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu.
Miseensonni Caffees qaama raawwachiisaa deeggaruun hojiiwwan milkaa’an cimanii akka ittifufan taasisuufi mootummaan hanqinoota ummata biratti komii uuman guutuurratti xiyyeeffatee akka hojjetu taasisuuf yoomuu caalaa cimanii hojjechuu qabu.
Caffeen kun waggoota darban qormaatawwan hedduu keessa dhaabatee carraawwan jiran gara hojiitti akka jijjiiraman, hanqinoonni akka sirrataniifi dogoggoroota bu’uuraarratti ammoo tarkaanfii cimaa fudhachuun daandii sirrii akka qabatan gochuu keessatti gahee bakka hinbu’amne taphachaa tureera.
Qabsoo kaleessaafi har’aa
Biyyiifi naannoon keenya hiyyummaa, duubatti hafummaafi rakkoo hamaa keessa jirti. Hawwii qofaan rakkoo hamaa kana keessaa bahuu hindandeenyu. Rakkoo kana keessaa bahuuf qormaatilee mudataniif utuu hinjilbeenfatiin xiiqiifi cimina olaanaadhaan ittifufiinsaan hojjechuu qabna. Hiyyummaafi duubatti hafummaa keessaa bahuun hojii walharkaa fuudhiinsa dhalootaatiin ittifufiinsaan hojjechuu qabnuudha.
Ummanni keenya hiyyummaafi gadadoo keessaa ba’ee gara badhaadhinaatti akka ce’u gochuun dhimma aarsaa cimaafi raawwii gameessa gaafatuudha. Gaaffiileefi komiiwwan ummata biraa karaa miseensota Caffeetiin yaa’icharratti dhiyaatan dhimmoota sirriifi kanaa olitti ka’uu qabaniidha.
Gaaffiileefi komiiwwan dhiyaatan deebisuuf hundi keenya sadarkaa sadarkaan cimnee irratti hojjechuu qabna. Ummanni keenya qabsoo hamaa keessa darbaa jira. Qabsoon ummanni keenya kanaan dura taasisaa ture gabrummaa diduufi mirgasaa falmachuurratti xiyyeeffata. Qabsoo diddaa gabrummaa taasisaa turreen sirna nu cunqursaa ture ofirraa kuffisneerra.
Hidda sirna jaarraa tokkoofi walakkaaf gadifagaatee ture buqqisuun qabsoo keenya yeroo ammaa isa jalqabaati. Qabsoon keenya lammaffaan sirna cimaa ijaarrachuudha. Sirni ijaarru sadarkaalee hundatti fayyadamummaa ummataa gama hawaasummaafi dinagdeen jiru akka mirkaneessu gochuun qabsoo keenya isa sadaffaadha.
Aggaamnii qabsoo kana duubatti deebisuuf keessaafi alaa taasifamu ofirraa qolachuun ammoo qabsoo keenya isa afraffaadha. Sirna nu cunqursaa ture injifachuu qofti gahaa miti. Sirnichi hojmaata, seeraafi aadaa diriirfateefi dhaabbilee utubate qaba. Hidda sirnichaa bu’uurarraa buqqisuun qabsoo cimaa nu gaafata. Sirna buqqa’e kana sirna, imaammata, tarsiimoo, karooraafi hojmaata sirriidhaan bakka buusuufi lafa qabsiisuu gaafata.
Sirni ijaaramu kun hiyyummaafi duubatti hafummaa hundeerraa buqqisuun rakkoo hawaasdinagdee furee ummanni keenya badhaadhina guutuutti akka ce’u taasisuun fayyadamummaasaa kan mirkaneessu ta’uu qaba. Diinota ijaarsa sirna kanaatti gufuu ta’an ofirraa qolachuun dhimma xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjechuu gaafatuudha.
Sirna kana ijaaruun ummataafi hoggansa aarsaa barbaachisu kaffalu barbaada. Kanaafuu qabsoon sirna darbe keessa geggeessaa turreefi geggeessaa jirru walirraa adda. Ummanni keenya hoggansa jalatti aarsaa qaalii kaffaluun sirnasaa tiksaa jira. Adeemsi kun halkanii guyyaa cimee ittifufuu qaba.
Nageenya
Shirri alaafi keessaa qe’ee Oromootii nagaan akka baduuf xaxamaa ture hinmilkoofne, hiree ummata Oromoos sekondii tokkoofillee duubatti hindeebifne. Ummanni Oromoo iddoo kaleessaa hinjiru. Rakkoolee nageenyaa, hiyyummaa, sirna cimaa dhabuu hiikuu kan dandeenyu halkanii guyyaa dafqinee hojjechuudhaani. Qabsoon ummanniifi mootummaan finxaaleyyii bakkawwan gara garaatti rakkoo nageenyaa uumaniifi ajjeechaa suukkanneessaa raawwatanirratti taasisaa jiru cimee kan ittifufu ta’a. Tarkaanfii mootummaan ummata waliin ta’uun murnoota nageenya booressaniifi rakkoo nageenyaa uumanirratti taasisu cimee kan ittifufu ta’a.
Seenaan kaleessaa akka nutti deebi’uuf gonkumaa diinaaf hiree hinkenninu. Shirri Oromoo hoggansa dhowwuuf taasifamu kamuu gonkumaa fudhatama hinqabu. Kaleessa diinonni keenya kan nu nyaatan namoota keenya fayyadamaniiti. Har’as kan ta’aa jiru kanuma. Waan seenaa kaleessaarraa baranneef kun lammata deebi’ee nutti hindhufu. Aarsaa kamuu kaffaluun sirnaafi hiree arganne kana ni tiksina.
Ummanni Oromoo mootummaasaa waliin ta’uun waggoota torban darban shira samii gad xaxame hunda kukkutee darbuun seenaawwan hedduu jijjiireera. Kana jechuun garuu ummanni keenya ammayyuu rakkoo bulchiinsa gaariifi misoomaa hinqabu jechuu miti. Rakkoolee kunneen halkanii guyyaa hojjechuudhaan hiikaa deemuu qabna. Kanaaf ammoo tarsiimoofi karoora sirrii qabna. Rakkoolee qabnu furuun halkaniifi guyyaa harka walqabannee hojjechuu nu gaafata. Mootummaan jijjiiramaa kun sirnichi sirna ummataa ta’uu hojii qabatamaadhaan agarsiise.
Kenna tajaajilaa
Hojjetaan mootummaa keenya kan ummata qorqu, hoggansi mootummaa keenya kan ummata deddeebisu utuu hintaane kan ummataaf furmaata ta’u ijaaruudhaan sirna cimaa lafa qabsiisuu qabna.
Utuu qabeenya albuudaa, bishaanii, biyyee gabbataa guddaafi bal’aa qabnuu hiyyummaafi gadadoo keessa jiraachuun salphina. Salphina kana keessaa ba’uuf mootummaan imaammataafi bocee hojiitti hiikaa jira. Rakkoo kana keessaa ba’uuf dhimmoota shanirratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.
Aadaa qusannaa
Dhimmi tokkoffaan duraa qusannaadha. Qusannaa akaakuuwwan lamatu jiru. Isaanis kan namni dhuunfaafi mootummaan galii walittiqabuun geggeessuudha. Qusannaa namni dhuunfaa geggeessu gara invastimantiitti ce’uu qaba. Galiin mootummaan walittiqabu ammoo misooma dinagdeefi hawaasummaarra ooluutu irra jiraata.
Dhimmoota kanneen lamaanirratti rakkoo guddaa qabna. Namni dhuunfaa omishee waan waggaa tokkoof nyaatu argachuun jijjiirama miti. Namni tokko waggaa tokko hojjetee isa hojjeterraa yoo qusate malee qabeenyi uumamu hinjiraatu. Halkanii guyyaa hojjjetee qusachuu baannaan hiyyummaa hininjifannu.
Lakkoofsi ummata keenyaa waggaa waggaan saffisaan dabalaa jira, haalli qilleensa addunyaa jijjiiramaa jira, gatiin gabaa addunyaas yeroo yeroon dabalaa jira. Kana dandammachuu kan dandeenyu yoo tokko tokkoon keenya jabaannee qusanneefi gara invastimantiitti ceene qofa. Aadaan qusannaa keenya sirriitti ilaalamuu qaba.
Sirna darbe keessa qonnaan bulaan qusatee gara invastimantiitti ce’uu hindanda’u ture. Mootummaan kun garuu qonnaan bulaaf lafa invastimantii tolaan dhiyeessuun deeggarsawwan gara garaa taasisaa jira. Qonnaan bulaafi waldaaleen keenya gara invastimantiitti akka ce’aniif mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisaa jira. Invastimantiin naannoo Oromiyaa barana mirkanaa’erratti baay’inaan kan hirmaatan qonnaan bulaafi dargaggoota.
Qusannaan gama mootummaan taasifamu galii funaanamuudha. Barana akka Oromiyaatti galii qarshii biliyoona 200 galchuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Galiin kun dinagdee waliigalaa naannichi maddisiisu waliin yoo madaalamu daran xiqqaadha.
Galiin mootummaan walittiqabu misooma walootiif oolaa jira. Hanguma galii guddifneeni misoomni keenya guddachuu kan danda’u. Kanaafuu galiin naannichaa kana caalaa guddachuu qaba. Galii naannichaa guddisuu baannaan misooma hawwinu bira gahuu hindandeenyu. Dhimmi galii guddisuu dhimma egeree ummata keenyaati. Galiin walittiqabame hojii misoomaaf akka ooluuf ammoo sadarkaa sadarkaan to’annoo cimaan gaggeeffamuu qaba.
Galii guddisuu
Galiin sadarkaalee hundatti seeraafi hojmaata eeggatee walittiqabamuu qaba. Ummanni keenya galii nagaheen ala walittiqabamu kamuu keessummeessuu hinqabu. Namni galii nagaheen ala walittiqabu diina ummata Oromooti. Galiin naannichaa dhibbantaa afuriifi shanirra jiru saffisaan gara %15 hanga 20tti guddachuu qaba.
Intarpirinarshiippiifi ogummaa
Inni lammaffaan dhimma intarpirinarshiippiifi ogummaati. Dhaloonni duubaa dhufu dhaloota daldalaafi biznasii beekuufi qaawwa gabaa jiru hiiku akka ta’uuf intarpirinarshiippiin sirna barnootaa keessa galee kutaa tokkoffaarraa eegalee kennamaa jira. Qaawwi gabaa keessa jiru carraa malee rakkoo ta’uu hinqabu. Kana malees leenjiiwwan intarpirinarshiippii sadarkaalee hundatti kennamaa jira. Kun hawaasa intarpiriinara ta’e horachuuf gargaara.
Qabeenyi dilbii qabnu qabeenya ittiin jiraannutti jijjiiramuu kan dadhabeef intarpirinarshiippiirratti akka hawaasaatti rakkoo waan qabnuufi. Ogummaan iddoowwan hundatti fooyya’uu qaba. Mana hojii mootummaa keessattis ogummaan fooyya’uu qaba.
Qonnaan bulaanis ogummaasaa ammayyeessuufi fooyyessuu qaba. Hanga ogummaan qonnaan bulaa fooyya’eedha omishaafi omishtummaan qonnaa kan fooyya’u. Hanguma ogummaa keenya fooyyessine omishaafi omishtummaan keenya fooyyessina.
Namni ogummaa sadiifi afur hinqabne jireenya bor dhufu injifachuu hindanda’u. Kanaafuu kolleejoonni ogummaafi teknikii ogummaa guddisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Addunyaa nutti dhufaa jiru faana dorgomuuf dhimma intarpirinarshiippiifi ogummaarratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.
Aadaa hojii waloo
Dhimmi sadaffaan ummanni misooma walootiif dhaabachuu, hojjechuufi aadaa hojii keenya jijjiiruuti. Waggoota darban ummanni Oromoo misooma waloorratti raajii hojjeteera. Manneen barnootaa bu’uura boruu Oromiyaa keessa turan muraasa gara kuma 17tti akka guddatu kan ta’e bajata mootummaatiin utuu hintaane hirmaannaa ummataatiini. Hojiileen ummanni tajaajila lammummaatiin raawwate kun raajiidha.
Hojiin manneen murtii aadaa bakkawwan hundatti raawwatames raajiidha. Hojiileen gama buusaa gonofaafi gaachana sirnaatiin raawwatamaa jiranis raajiidha. Kanaafuu humna waloo kana cimsuun daran murteessaadha. Bajata mootummaa dabaluufi galii mootummaa guddisuu qofaan rakkooleen hiikaman muraasa waan ta’aniif ummanni dhimma walootiif waliin dhaabatee akka hojjetu gochuun barbaachisaadha. Hojii ummanni keenya misooma sululaafi biqiltuu dhaabuurratti waliin hojjechaa jiru raajiidha. Aadaan hojii waloo ummata keenyaa raawwatamaa jiru kun daran cimee ittifufuu qaba.
Akka nama dhuunfaattis aadaan hojii keenya jijjiiruudhaan halkanii guyyaa hojjechuun of jijjiiruu qabna. Iddoowwan tokko tokkotti kanneen bakka akka sheedii irratti hojjetuuf kennameef kireessuufi tiraaktara bitee callisee taa’ee kireessu jira. Mana hojii mootummaa keessattis aadaan hojii cimuu qaba. Sa’atii hojii mootummaa kenname keessatti hojii bu’aqabeessi raawwatame ilaalamuu qaba.
Aadaa qusachuu, liqeeffachuufi liqii deebisuu
Dhimmi afraffaan dhimma liqeeffachuufi liqii deebisuuti. Mootummaan naannoo Oromiyaa Baankii Siinqee kan hundeesse ummanni keenya itti qusatee akka irraa gargaaramuufi. Baankichi abbootii qabeenyaaf utuu hintaane qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, jiraataa magaalaafi dargaggoota keenyaaf liqii akka kennuufi. Gama qusannaatiin jijjiiramni dhufe guddaadha.
Liqii fudhachuufi deebisuurratti garuu jijjiiramni hindhufne. Piroppozaala qopheessanii liqii fudhachuurratti hanqinni hubannaa jira. Baankiin Siinqee bara darbe namoota kuma 200 ta’aniif liqeesseera. Barana ammoo namoota miliyoona tokkoof akka liqeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Baankichi yeroo ammaa qarshii biliyoona 20 ol liqeessuuf qophaa’eera. Kanaafuu namni keenya qarshii kana liqeeffachuu qaba. Liqeeffatanii hojjechuun ammayyummaadha. Hanga nama liqeeffatee hojjetu uumnetti naannichaafi biyya keenya guddisuu hindandeenyu. Baankiin Siinqee waggoota ittaananitti gara qarshii biliyoona 200 ol liqeessuutti ce’uu qaba. Mootummaan qarshii baankichatti qusatamu ummanni liqeeffatee akka ittiin hojjetu barbaada. Namni qarshii liqeeffatee hojjetee liqicha deebisuu qaba. Aadaa qarshii liqeeffachuufi kan liqeeffanne deebisuurratti warraaqsa guddaa geggeessuu qabna.
Tajaajila mootummaa fooyyessuufi sirna cimaa ijaaruu
Dhimmi shanaffaafi xiyyeeffannoo olaanaa barbaadu dhimma tajaajila mootummaa fooyyessuufi sirna cimaa ijaaruu faana walqabatuudha. Tajaajilli mootummaa cimaa jiraachuu baannaan jijjiiramni dhufu hinjiru. Injifannoo barbaadnu bira akka geenyu kan nu taasisu tajaajila mootummaarraa kennamuudha. Tajaajilli mootummaa ummata bira akka ga’uuf caasaan mootummaa gandaa diriiree hojiirra oolaa jira. Hoggantoonni mootummaa kuma 50tti hiiqan gandoota Oromiyaatti gad bu’anii ummata tajaajilaa jiru. Hoggantoonni sadarkaa naannoofi godinaarra jiranis akkamitti hojjechaa akka jiran of ilaaluu qabu. Akka kaleessa hoggannetti har’as hogganna yoo ta’e badhaadhina fiduu hindandeenyu.
Hogganaan ergama kennameef gahumsaan bahachuuf of fooyyessaa hindeemne ba’aadha. Hogganaa jechuun qormaata jiruuf furmaata kan kennu, dukkana keessatti ifa kan agarsiisuufi ba’aa ummatasaa kan baatuudha malee ummatarratti ba’aa kan ta’u miti. Kanaafuu hoggansi maal akka fakkaatu of sakatta’uu qaba.
Sirnichi hoggansa jijjiirama kana waliin hintarkaanfanne harcaasaa deemuu qaba. Ammaan booda hoggansa tajaajila hinkennine, faayidaa ummataa hineegneefi kallattii mootummaan kenne hinraawwachiifneef obsa hinqabnu. Tarkaanfiin hattuurratti fudhatamus cimee ittifufuu qaba.
Raawwattoota sadarkaa sadarkaan jiraniifi halkanii guyyaa hojjechuun jijjirama fidaniif kabaja guddaa qabna. Gama biraan ammoo hoggantoonniifi hojjettoonni yeroo hojii hojiirratti hinargamnes jiru. Hoggantoonni galii guddisuuf halkaniifi guyyaa hojjetan akkuma jiran kanneen galii saamanis jiru.
Bakka hoggansiifi raawwataa cimaan hinjirretti rakkoolee furuun hindanda’amu. Ittiquufinsi ummanni mana murtii aadaatti argachaa jiru mana murtii idileettis mirkanaa’uu qaba. Kanaafuu caasaan mootummaa of sakatta’uu qaba. Tajaajila si’oomina qabu kennuu baannaan rakkooleen jiran si’aayinaan hiikamuu hindanda’an. Sadarkaa hundatti tajaajilarratti bu’aa barbaadamu fiduuf xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjechuu qabna.
Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa
Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa furuuf omishaafi omshtummaa keenya guddisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Daldaltoota seeraan ala gatii dabalanirratti ammoo tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Qonnaan bulaan keenya ammoo omisha omishurraa bu’aa maluuf argachuu qaba.
Mootummaan akka biyyaatti qarshii biliyoona 89, akka naannoo Oromiyaatti ammoo qarshii biliyoona 34n gatii xaa’oo hirphuun qonnaan bulaan akka himiidhamne taasiseera. Kana jechuun mootummaan qonna jajjabeessuufi omishaafi omishtumnmaa qonnaa guddisuuf xaa’oo kuntaala tokkotti hirpha qarshii kuma sadiifi 700 taasiseera. Kana malees mootummaan qonnaan bulaan meeshaalee qonnaa taaksiirraa bilisa akka bitatus taasiseera.
Gatiin xaa’oo gabaa addunyaarratti waan hundaa’uuf gara fuulduraattis gatiinsaa dabaluu danda’a. Kanaafuu humna galii keenyaa guddisuufi xaa’oo uumamaafi kompostiirratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Hanga warshaa xaa’oo mataa keenyaa qabaannutti qormaanni kun ittifufuu danda’a.
Kaayyoo Haroo Finnaa
Kaayyoon Haroo Finnaa bishaan to’achuun hanqina bishaanii hiikuu waan ta’eef kaanaaliin Finnaarratti ijaaramu hinjiru. Maallaqa dabalataa yoo argannellee Finnaa dabalataa ijaarra malee kaanaalii finnaarratti hinijaarru. Qonnaan bulaan naannawa Finnaa jiru paampii fayyadamuun bishaan sana baasee horiisaa obaafachuu, misooma jallisiifi qurxummii ittifayyadamuu danda’a. Kaayyoon mootummaa Haroo Finnaa bakkawwan hundatti babal’isuu waan ta’eef gara fuulduraattis kaanaaliin Finnarratti hojjetamu hinjiru.
Rakkoolee gama ijaarsa pirojektotaa, fayyaafi barnootaatiin jiran furuunis dhimma xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjetamaa jiruudha. Dhimmoota tokko tokkorratti ammoo kalaqa haaraa fiduun barbaachisaadha.
Hojii kaadaastara lafa magaalaafi baadiyyaa
Rakkoo lafaan walqabatee jiru furuuf hojiin kaadaastara lafa magaalaafi baadiyyaa cimee kan ittifufu ta’a. Kenna tajaajiloota biroo fooyyessuuf gara sistamaatti fiduun barbaachisaadha. Abbootiin dhimmaa bakka tokkotti tajaajiloota gara garaa akka argatan taasisuurrattis xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Maastar pilaaniin magaalaa Shaggar mirkanaa’ee gara hojiitti hiikamaa jira. Magaalaan Shaggar invastimantiis simachaa jira. Hojmaanni miseensonni Caffee magaalaa Shaggaritti lafa mana jirenyaa akka argatan taasisus diriireera. Miseensonni Caffee akkaataa hojmaata taa’een ni keessummeeffamu.
Miseensonni Caffee lafa mana jireenyaa kana argachuuf qusachuu qabu. Akka durii lafti bilisaan kennamu hinjiru. Hojmaata kana raawwachiisuun ammoo kallattiidhaan kantiibaa Magaalaa Shaggar ilaallata. Magaalonni Oromiyaa Oromoo Oromoo urgaa’uu qabu.
Injifannoowwan raawwii hojii ji’oota ja’an darbanii
Raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin injifannoowwan guguddoon galmaa’aniiru. Injifannoowwan galmaa’an garuu fedhii ummata keenyaatiiin kan walgitu miti. Kanaafuu dhimmoota yaa’ii Caffeerratti akka hanqinaatti ka’an guutuufi rakkoolee raawwii hojii darbe keessatti mul’atan hiikaa deemuuf hundi keenya harka walqabannee hojjechuufi qormaatilee dhufan dandammachaa misooma keenya si’eessuu qabna.
Imala fuuldura keenyaa
Imalli fuuldura keenya jiru caalmaatti dadhabbiifi dafqa, deddeebisnee yaaduu, jabina, halkanii guyyaa hojjechuufi tumsa ummata keenyaa kan gaafatu waan ta’eef jabaannee hojjennee badhaadhina nu dura jiru bira ga’uu qabna.
Daandiin gara badhaadhinaatti geessu bu’aa ba’iiwwan hedduu waan qabuuf dadhabanii hojjechuu, obsaafi tumsa guddaa gaafata. Kanaafuu hundi keenya gara badhaadhinaatti taasifamu milkeessuuf harka walqabannee jabaannee hojjechuu qabna.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017