Misooma ittifufaa bara 2030 milkeessuuf shoorri waldaalee hojii gamtaa olaanaadha

Qormaatilee jiruufi jireenya hawaasaatti sakaallaa ta’an keessaa inni ijoo dhimma dinagdeen kan walqabatu yoo ta’u, lammiileen wabii midhaan nyaataan of dadhabuurra darbanii eeggattummaaf akka saaxilaman kan taasisuudha.

Hudhaa kana furuuf omishaafi omishtummaan dachaan akka dabaluuf qonna ammayyaa babal’isuun, ooyruu xiqqoo qabanirratti inisheetiivota gara garaa misoomsuun aadeffatamuu akka qabu kallattii taa’een fayyadamummaan lammiilee mirkanaa’eera.

Dhimmi dinagdee qaala’insa gatii gabaafi rakkoo dhiyeessii omishaalee hordofuun addunyaa keenya qoraa kan jiru yoo ta’u, akka biyyaattis sababoota ijoo hawaasa eeggattummaaf saaxilaniidha.

Hudhaa kana furuuf aadaan qusannaa akka gabbatu qonni keenya ammayyaa’uu akka qabu ittifayyadamni teknolojii qonnaa akka gabbatu irratti waliigalamee sosochiin dinagdee biyyaa bayyanachiisuu mootummaan taasifamaa tureera.

Tattaaffii dinagdee bayyanachiisuu hanga eeggattummaafi hiyyummaa seenaa gochuu gama mootummaatiin taasifamaniin qamadii alaa eeguurra biyyuma keessatti makaanaayzeeshinii qonna ammayyaatiin deeggaramuun dachaafi qulqullinaan omishuufi alergiif oolchuun akka danda’amu taasifameera.

Injifannoon gama kanaan argame gahaa waan hintaaneef alseerummaafi gidduseentummaa daldaltoota seeraan alaan mudatuun rakkoon dhiyeessii omishaalee akka hinmudanneef yoo mudatemmoo gabaa tasgabbeessuu keessatti adda durummaan qabsaa’aafi hojjetaa kan jiran waldaalee hojii gamtaati.

Bu’uuruma kanaan Komishiniin Waldaa Hojii Gamtaa Itoophiyaa humna guutuun hojjechuun gaaga’amaafi qaala’insa gatii gabaa omishaalee qaqqabuun hawaasni saaxilamaa akka hintaane humna guutuun hojjetaa jira.

Akka Lakkoofsa Awurooppaatti ji’a Waxabajjii 2024 walga’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii biyya Hinditti mataduree, “Waldaalee hojii gamtaa addunyaa fooyya’aa ijaaruuf” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, barri 2025 bara waldaalee hojii gamtaa akka ta’u murtaa’uu Komishinarri Waldaa Hojii Gamtaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Shifarraa Shugguxee nikaasu.

Komishinarichi egzibiishiniifi baazaarii waldaalee hojii gamtaa akka biyyaatti 11ffaaf akka Finfinneetti ammoo yeroo 4ffaaf Finfinneetti kabajamerratti haasa’aa taasisaniin waldaaleen hojii gamtaa bu’uura jiruufi jireenya hawaas dinagdee biyyaa darbees kan addunyaa ta’uu eeru.

Bu’uuruma kanaan sadarkaa biyyaatti hudhaalee dhiyeessii omishaalee kanamalees dhiyeessiilee qonnaan walqabatanii mudachuu malan gamanumaa jala bu’uun sakatta’ee adda durummaan qolataa kan jiru waldaa hojii gamtaa ta’uu dubbatu.

Dhiibbaa dinagdeen walqabatee mudatu qolachuu keessatti shoorri waldaalee hojii gamtaa olaanaa yoo ta’u, akka biyyaattis bu’aan gama kanaan galmaa’aa jiru daran kan nama jajjabeessuudha.

Barri waldaa hojii gamtaa addunyaa jechuunis 2025 furtuulee afur kan of keessaa qabu yoo ta’u, wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu hojmaanni dimokraatawaa akka jiraatu gochuu, walqixxummaafi seeraqabeessummaan akka lafa qabatu gochuufi hariiroo waloo waldaalee hojii gamtaa gidduu jiru cimsuu kan of keessatti hammatuudha.

Inni lammataa waldaalee hojii gamtaaf imaammata baasuun haala mijataa uumuu yoo ta’u, ga’umsa hoggansaa waldaalee hojii gamtaa cimsuunimmoo furtuu sadaffaadha.

Furtuu 4ffaan waldaa hojii gamtaa addunyaa egeree dinagdeen ijaaramte ijaaruun ALA bara 2030tti misooma ittifufiinsa qabuun jechuunis dinagdeen hawaasummaan naannawa keessatti hiyyummaa seenaa gochuun kaayyoo waldichaa isa ijoodha.

Haaluma kanaan waldaaleen hojii gamtaa hudhaalee hawaasaa keessatti adda durummaan hirmaachuun omishaalee gara garaa dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuu hanga eeggattummaa maqsuutti hojjetaa jiru.

Kayyoon waldaalee kanaa fayyadamummaan dinagdee seeraqabeessa ta’e akka jiraatu adda durummaan kan hojjetu wabii hawaas dinagdee lammiileeti jechuun ni danda’ama.

Baranas kanuma sababeeffachuun mataduree waldaaleen hojii gamtaa badhaadhina Itoophiyaaf shoora guddaa taphatu jedhuun akka kabajamu ta’eera.

Simpooziyeemiifi baazaariin dhiyeessiiwwan gara garaan guutamee kan gaggeeffame yoo ta’u, kaayyoonsaa alseerummaa omishaleefi dhiyeessiiwwanirratti dabalu maqsuun addunyaa dinagdeen badhaate ijaaruuf tattaaffii taasifamuudha.

Keessumaa misooma qonnaan, indaastiriin bittaan faayinaansiifi dhiyeessiiwwan gara garaatiin walqabatee hudhaan jiru akka furamu kanamalees misooma keenya ammayyeessuun gaaga’ama dinagdee hudhaa hawaasaa ta’e gamanumaa qolachuuf kaayyeffatee kan hojjetudha jedhu Komishinar Shifarraan.

Misooma qonnaan walqabatee qonnaan bulaafi horsiisee bulaan teknolojii qonna ammayyaa akka argatan gochuufi walitti hidhaminsa gatii gabaa mijeessuun wabii midhaan nyaataatiin of danda’uufi hiyyummaa hir’isuu keessatti shoorri isaan taphatan olaanaadha.

Shoorri qonnaan bulaafi horsiisee bulaan dinagdee biyyaa utubuu keessatti qaban akka addaan hincinneefi dhiyeessiiwwan barbaachisoo gama waldaalee hojii gamtaan dhiyaachuun misoomichi ittifufiinsa akka qabaatu taasifamaa jira.

Gama misooma indastiriin omishaalee qonna omishuurra darbuun galteewwan dabaluun omishaalee gabaa alaatiif dhiyaachuu danda’an gara omishuutti akka galan taasifamaa jiru.

Bittaafi gurgurtaan walqabatee hawaasni magaalaa omishaalee barbaade gatii madaalawaan akka argatu taasisuun qaala’insa gatii gabaa tasgabbeessuun ykn dhiibbaa daldaltoota seeraan alaatiin hawaasarratti qaqqabu maqsuuf waldaaleen hojii gamtaa hojii guddaa hojjetaa jiru. Gama tajaajila faayinaansiin walqabatee tajaajilli liqaa akka mijatu caasaa gadiirraa hanga oliitti xiyyeeffannoon hojiitti seenamee bu’aanis galmaa’aa jira.

Hubannaa hawaasni qusannaafi liqaarratti qabu daran cimaa jiraachuu kan kaasan Komishinarichi hojjetanii of jijjiiruun hawaasa ofiif bu’aa buusuun qaala’insa gatii gabaafi rakkoo dhiyeessii furuu omishaafi omishtummaa dabaluu keessatti qoodasaanii bahataa jiru.

Dabalataanis ga’umsa dubartootaafi dargaggootaa cimsuun walqabatee dinagdeen hawasummaanfi bu’aa hiika qabu galmeessisuuf hojii olaanaa galmaahaa jira.

Waldaaleen hojii gamtaa qaala’insa gatii gabaa tasgabbeessuurra darbee omishaafi omishtummaan gama qonnaan jiru akka fooyya’uufi teknolojiin akka deeggaramu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphatu kan jedhn ammoo Ministira Qonnaa Doktar Girmaa Amanteeti.

Itoophiyaa makaanaayzeeshinii qonna ammayyaan deeggaramtee omishaafi omishtummaashii dachaan dabalaa akkuma jirtu dhiyeessiiwwan qonna ammayyaanis of ijaaraa omishaafi omishtummaashii dachaan dabaluuf imala jajjabeessaarra jiraachuus kaasu.

Bu’uuruma kanaan omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf ittifayyadamni qonna Itoophiyaa makaanaayzeeshinii ammayyaan deeggaramaa jira, dhiyeessiiwwan qonnaas dachaan dabalaa galiin callaas bifuma kanaan olka’aa jiraachuus eeru.

Xiyyeeffannaa mootummaan damee qonnaaf kenne cimuusaan seenaa Itoophiyaa keessatti takkaa ta’ee hinbeekneen qamadii alaa galchuurraa gara alatti erguutti cehuun milkaa’ina isa ijoodha.

Qonnaan bulaan keenya omishaafi omishtummaasaa dachaan dabaluun isa ijoo yoo ta’u; wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbee gabaa alergiif oolchuu danda’uun ammo injifannoo guddaa Afrikaaf fakkeenya ta’udha.

Aadaan eeggattummaa akka hafuuf qaala’insa gatii gabaa maqsuuf lafa xiqqoo qabanirratti inisheetiivota gara garaa misoomsuun fayyadamummaa akka mirkaneessu kallattii taa’e hordofuun hojii hojjetameen lammiileen keenya balbalasaaniitti dhiyeessiiwwan nyaataa gara garaa akka omishatan ta’eera.

Magaalaa hanga baadiyyaa misoomni inisheetiivii gara garaa gabbachuun gabaanis akka tasgabbaa’u, qaala’insi gatiis akka furamu taasisaa jiraachuusaaf bu’aan galmaa’e agarsiistuu guddaadha.

Qoonni waldaalee hojii gamtaa olaanaadha kan jedhan Doktar Girmaan omishaafi omishtummaan dachaan akka dabalu, eeggattummaan seenaa akka ta’u tajaajiloota hiyyummaa hir’isuun gabaa tasgabbeessuu bakka hanqinni dhaqqabetti gahuu keessatti shoora olaanaa tapahataa jiru.

Bu’uuruma kanaan sosochiin mataduree, “Itoophiyaa badhaate ijaaruuf shoora waldaalee hojii gamtaa badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf” jedhuun ademsifamaa jiru kan abdii namatti horuudha.

Galmoota misooma ittifufiinsaa addunyaan keenya qabattee kaate bara 2030tti gama hawaas dinagdeefi misooma naannawaan badhaate milkeessuuf shoorri waldaalee hojii gamtaa olaanaa waan ta’eef sosochiin jalqabame hojiin deeggaramee addunyaa eeggattummaan keessatti seenaa ta’e ijaaruuf tumsuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti waldaaleen hojii gamtaa bu’uura hawaas dinagdee biyya tokkoo keessatti lafee dugdaa waan ta’aniif sosochiin waldaaleen jalqabame gama maraanuu kan deeggaramudha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You