Hidhi Abbayyaa tokkummaa Afrikaanotaa nicimsa

Finfinnee: Hidhi laga Abbayyaa ijaaramaa jiru tokkummaa Afrikaanotaa cimsee walbira akka dhaabbatan taasisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu Waajjirri Qindeessa Ijaarsa Pirojektii Hidha Laga Abbayyaa beeksise.

Daarektarri Ittaantuun waajjirichaa Aadde Fiqirtaa Taammir ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, hidhi laga Abbayyaa ijaaramaa jiru faayidaa hawaasdinagdee cimsuu bira darbee tokkummaa Afrikaanotaa jabeessuun rakkoo waloosaanii irratti walbira akka dhaabbatan taasisa. Anniisaa hanga ammaatti omishamerraa Jibuutiifi Keeniyaaf dabarfamaa jira. Taanzaaniyaaf dabarsuuf irratti hojjetamaa jira. Milkaa’ina ijaarsichaatiif gumaachi ummata Itoophiyaa qarshii, humnaafi beekumsa keessaafi alaa ta’uun taasise shoora olaanaa taphateera.

Akka ibsasaaniiti, guyyaa ijaarsi hidhichaa jalqabamerraa kaasee rakkoolee garagaraa keessa darbuun sadarkaa amma irra jirurra ga’eera. Ammaan tana hojiin makaanikaalaa xumuramuu baatus hojiin siivilii guutummaatti xumurameera. Tarbaayinootni afuris anniisaa elektirikii maddisiisaa jiru. Kuunis akkuma xumuramaniin gara anniisaa maddisiisuutti akka seenaniif hojjetamaa jira.

Anniisaa tarbaayinoota afuriin maddaa jirurraa biyyoota ollaa Jibuutii, Keeniyaaf ergamaa jira jedhaniiru. Dhiyeenyatti gara Taanzaaniyaatti akka eegamus himanii; biyyoota ollaaf anniisaa dabarsuun sharafa argamsiisuun hawaasdinagdee cimsuu bira darbee tokkummaa Afrikaanotaa cimsa. Walitti hidhamiinsi dinagdee uumamus rakkoo waloosaanii furuuf akka walbira dhaabbataniif haala mijaa’aa uumaa jira jedhaniiru.

Qajeeltoo waliin fayyadamuufi waliin guddachuu Itoophiyaan ijaarsa hidhichaarratti qabattee gara ijaarsaatti seente milkaa’ina argameef murteessaa ta’us biyyootni guddina Itoophiyaa hinfeene tokko tokko aadeemsa ijaarsichaarratti dhiibbaa uumuuf kan yaalan turuu Aadde Fiqirtaan yaadachiisaniiru. Kutannoofi qindoomina ummataafi mootummaa Itoophiyaan hidhichi sadarkaa amma jiru irraan ga’uun danda’amuus eeraniiru.

Ijaaramuu hidhichaa odolootaafi haroowwan guguddoon akka uumamaniif haala mijaa’aa uumuu eeranii; odolootiifi haroowwan uumaman hawwata turizimiifi damee qonnaattii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf haroowwaan horsiisa qurxummiif oolan uumuu ibsaniiru. Dabalataanis, carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Eeggannoo hidhichaaf taasifamu cimsuuf naannawa yaa’aa lageen Abbayaa naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Beenishaangul Gumuzitti sagantaa Ashaaraa magariisaa giddugaleeffachuudhaan biqilootni dhaabamaniiru jedhan.

Kanaafis, Ministeerri Qonnaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannawaa waliin ta’uun mataduree “Karooraafi gabaasa tokko” jedhuun yaa’a lageen laga Abbayyaatti hojii eegumsa hidhichaa cimsuu hojjetaa jiraachuu ibsanii; hanga ijaarsi hidhichaa xmuramutti deeggarsi ummataafi dippilomaasiin ummataa gaggeeffaamaa jiru cimee akka ittifufu waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You