Guddina ispoortii biyya keenyaatiif ga’een akkaadaamiiwwanii olaanaadha

Arbaa Minci: Ispoorteessitoota cicimmoo horachuufi ispoortii bu’uura hawaasummaa qabsiisuuf qooda fudhattoonni ga’ee irraa eegamu bahachuu qabu jedhame.

Mataduree, “Guddina ispoortii biyya keenyaatiif ga’ee Akkaadaamiin ispoortii Itoophiyaa” jedhuun marii Arbaa Mincitti adeemsifame haasaan kan banan Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti walittiqabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasaa, Aadaafi Ispoortii Aadde Warqisammuu Maammooti.

Aadde Warqisammuun akka jedhanitti, akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin dargaggoota ga’umsa qaban horachuuf Akkaadaamiin Ispoortii Itoophiyaafi qaamoleen qooda fudhattootaa ga’ee olaanaa qabu. Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa dameen ispoortii biyyattii akka cimuuf Ministeera Aadaafi Ispoortii wajjin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Ispoorteessitoota ciccimoo horachuuf akkaadaamiiwwan ispoortii, manneen barnootaafi kilaboonni biyya keenyaa guddattootaaf xiyyeeffannaa kennuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaas Industirii ispoortiitiin humna nama barbaadamu horachuuf qaamoleen adda addaa ga’eesaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Akkaadaamiiwwan indastirii ispoortii kana hubate qorannoofi qo’annoo gochuudhaan guddina damee kanaatiif hojjechuun akka irraa eegamuufi dargaggoota guddattoota dandeettii qabaniifi ogeessota ispoortiif leenjii saayinsaawaafi hubannoo yeroo gaafatu kennuu qabu jedhaniiru.

Humna qabnu hundatti fayyadamuudhaan ispoorteessitoota ciccimoo sadarkaa biyya keessaa, Afrikaafi Addunyaatti horachuun nurraa eegama jechuudhaanis hubachiisaniiru.

Damee kana cimsuuf Ministeera Aadaafi Ispoortii wajjin dhiyeenyatti hojjechaa akka jiran kan ibsan ammoo daarikteera Akkaadaamii Ispoortii dargaggoota Itoophiyaa obbo Ambassaa Inniyooti.

Akkaadaamichi bara 2009 hanga 2015 naannoolee adda addaa biyyattiirraa kan walitti bahan dargaggoota 531 akkaakuuwwan ispoortii 10niin barsiisee eebbisiisuusaa ibsaniiru.

Marii guyyoota lamaaf adeemsifame kanarratti hoggantoonni federaalaa, naannolee, bakka bu’oonni federeeshinoota biyyaalessaafi keessummoonni affeerraan taasifameef argamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You