Dorgommiin madaallii guddattootaa olaantummaa Oromiyaatiin goolabame

Naannoo Itoophiyaa Kibbaatti, Magaalaan Wallaayittaa Sooddoo sababii tapha guutuu guddaattoota Itoophiyaaf leenjistootaafi dursitoota gareetiin, komishinaroota ispoortiifi kennitoota murteetiin akkasumas qaamolee dhimmichi ilaallatuufi ispoorteessitoota kuma lamaafi 207 hirmaachaa turan guyyoota sagaliif keessummeessitee Roobii darbe gaggeessiteetti.

Hirmaattonni kunneen yeroo turtiisaanii kanaan magaalattiif miidhagina ta’uun ganda olompikii xinnoo fakkeessaniiru. Akkasumas faaruuwwan naannawawwan irraa dhufaniin jiraattota daaw’attoota ispoortii bashannansiisaniiru.

Dorgommii madaallii pirojektii leenjii guddattoota guutuu Itoophiyaa baranaa qopheessummaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Federaalaatiin adeemsifame kanarratti riikordiiwwan haaraan galmaa’aniiru.

Dorgommichi kanaan dura akaakuuwwan ispoortii 15n gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, barana garuu akkaakuwwan ispoortii 11tti gadi bu’uudhaan adeemsifame.

Dorgommii kanarraa taphattoonni ciccimoon naannoleefi bulchiinsota magaalota adda addaa kanneen egere Itoophiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaawwan biyyoolessaarratti hirmaachuu danda’an argamaniiru.

Dorgommii madaallii marsaa 8ffaaf adeemsifame kanarratti Finfinneefi Dirre Dhawaa akkasumas naannoleen 13 kan hirmaatan yoo ta’u, Oromiyaan akkuma kanaan duraa meedaaliyaawwan 223 fudhachuudhaan shaampiyoona ta’uun xumureera.

Naannichi walumaagalatti taphawwan olompikiitiin meedaaliyaawwan 84, dorgommii paaraalompikiitiin ammoo 79, Deefiidhaan meedaaliyaawwan 60 fudhachuudhaan milkiidhaan galeera. Oromiyaan walmorkiiwwan taasifatetti qabxii dimshaashaatiin dursuusaatti waancaawwan lamas fudhateera.

Kaayyoon dorgommichaa guddattoonni umrii 17fi isaa gadii akaakuuwwan ispoortii dandeettii qabanirratti calalamanii akkaadaamiiwwaniifi wiirtuulee leenjii ispoortii akka galan taasisuuf ta’uu Ministir De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makiyyuu Mahaammad ibsaniiru. Biyyattiitti iddoowwan leenjii pirojektotaa 11 jiraachuus eeraniiru.

Dorgommii madaallii baranaatiif naannolee 13fi bulchiisonni magaalota lameenii gandaa kaasanii guddattoota calaluudhaan taphicharratti hirmaachuu addeessaniiru.

Biyya keenyatti sagantaan leenjii guddattootaa bara 1976 Komishinii Ispoortii jalatti akaakuuwwan ispoortii waloo jahaan jalqabamuus yaadachiisanii; bara 1989 akaakuuwwan ispoortii sadii qofaan, bara 1990 irraa kaasee ispoortiiwwan shan itti dabalamanii akaakuuwwan ispoortii saddeetiin ittifufusaa ibsaniiru.

Haaluma kanaan kubbaa miilaa dabalatee, atileetiksii, kubbaa saaphanaa, kubbaa kachoo, kubbaa harkaa, teenisa dirreefi minjaalaa, akkasumas bunyaadhaan leenjichi adeemsifamaa turuufi sababii bara 2012 Koviid-19n addaan citee barana ittifufuusaas yaadachiisaniiru..

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You