“Carraa hojii ofii uummatanii hojjechuun daandii of danda’uufi jijjiiramuuti” -Dargaggoo Godaanaa Guyyoo

Hojidhabdummaan rakkoo dargaggootaa keessumaa magaalaatti babal’atee mul’atudha. Rakkoo kana hir’isuuf mootummaan sheedota ijaaree dargaggoota gurmaa’aniif kennaa jira. Inisheetiviin qonna magaalaas carraa hojii bal’aa uumuufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Hojiin gama carraa hojii uumuutiin Godina Booranaa, Magaalaa Yaaballootti raawwatamaa jiru akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Kantiibaa Magaalaa Yaaballoo Obbo Boruu Diidaa dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaatti akka himaanitti, carraa hojii bal’aa uumuufi wabii nyaataa mirkaneessuun hojiilee mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e bulchiinsi magaalattii irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa isaan ijoodha. Inisheetiviin misooma magaalaa hojiirra oolaa jirus kilaastara furdisa loonii, horsiisa looniifi lukkuu of keessatti hammata. Inisheetivii kana milkeessuuf barana lafa hektaara 24 qopheessuun sheediin irratti ijaaramaa kan jiru ta’uu himu.

Sheediiwwan hirmaannaa ummataafi mootummaatiin ijaaramaa jiraachuu himanii, hanga ammaatti sheediiwwan 20 qarshii miliyoona 25tti tilmaamaman hirmaannaa ummataatiin ijaaramaniiru. kanneen keessaa 14 kilaastara horsiisa lukkuuf, jahan hafan ammoo kilaastara horsiisa looniif kennamaniiru. Afooshni qarshii miliyoona 1.2n sheediiwwan lama ijaaraa jiraachuu himu.

Sheediiwwan barana ijaaruuf karoorfaman 30 keessaa 20 hirmaannaa ummataatiin kan ijaaraman yoo ta’u, sheediiwwan hafan 10 qarshii miliyoona 8.5n ijaaramaa jiru. Sheediiwwan ijaaramaa jiran keessaa afur kilaastara horii furdisuuf, lama ammoo horsiisa loon aannaniif kan oolu ta’uu himaniiru.

Kilaastarri horsiisa lukkuu hanqina buuphaa Magaalaa Yaaballoo keessa ture furaafi gatiisaa gad buusaa jiraachuu himanii, kilaastaronni akka waliigalaatti magaalattiitti adeemsifamaa jiran wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu himu.

Dargaggoota gurmaa’anii hojii horsiisa lukkuurratti hirmaachaa jiran keessaa waldaan lukkuu kuma tokkoofi 600 qabu jiraachuu himanii, waldaan kun guyyaatti hanga buuphaa kuma tokkoofi 160tti argachaa jira. Waldaan kun buuphaa tokko qarshii 13n gurguraa kan jiru yoo ta’u, ji’atti hanga qarshii kuma 450 argachaa jira. Bulchiinsi magaalattii waldaa kanaaf sheedii kan kenne ta’uus eeraniiru.

Qonni magaalaas carraa hojii bal’aa uumuufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himanii, kunis lafa hektaara 30 olirratti hojjetamaa jira. Qonna magaalaa kanarraa omishni guddaan argamaa jiraachuufi muuxannoo gaariin kan irraa argame ta’uus himaniiru.

Aadaa qusannaa cimsuuf barana hawaasni magaalaa Yaaballoo hanga ammaatti qarshii miliyoona 20 Baankii Siinqeetti kan qusate ta’uu himanii, qarshii qusatame kana keessaa miliyoona saddeet dargaggootaaf liqii kennameera. Hojiin dargaggoota gurmeessuun gara hojiitti galchuu kun gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’uu eeraniiru.

Hojiin barana gama carraa hojii uumuufi dargaggoota hojiitti galchuutiin raawwatame jajjabeessaa ta’uu himanii, sheediiwwan hirmaannaa ummataatiin hojjetaman sheediiwwan mootummaatiin ijaaramaa jiran dursee xumuramuun hirmaannaan ummataa daran olaanaa kan agarsiisu ta’uus himaniiru.

Dargaggoo Godaanaa Guyyoo Godina Booranaa, Magaalaa Yaaballoo jiraata. Dargaggoon kun dargaggoota biroo waliin gurmaa’uun hojii horsiisa lukkuurratti hirmaatee hojjechaa jira. Waldaan miseensota 10n hundaa’e kun bara 2016 ji’a 10ffaa keessa hojiitti kan seene ta’uu dubbata.

Bulchiinsi Magaalaa Yaaballoo sheediifi cuuciiwwan lukkuu 400 waldaa keenyaaf kennuun deeggarsa guddaa nuu taasiseera kan jedhu dargaggoon kun, waldichi qarshii kuma 150 Baankii Siinqeerraa liqeeffachuun cuuciiwwan ji’oota afuriif qallabaa turuu hima. Lukkuuwwan kunneen ji’a shanirraa kaasanii buuphaa buusaa jiru. Lukkuuwwan kunneen erga buuphaa buusuu jalqabanii ji’a afur ta’uufi guyyaatti giddugaleessaan buuphaawwan 250-260tti buusaa jiru. Lukkuun tokko hanga waggaa lamaatti buuphaa gahaa buusuu kan dandeessu ta’uu ogeessarraa odeeffanneerra jedha.

Waldichi nyaata lukkuu kiilo giraamii 50 qarshii kuma lamaafi 750n bitee lukkuuwwan horsiisaa jiruuf dhiyeessaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, nyaatni lukkuu kiiloo giraamiin 50n lukkuuwwan 400 guyyaa lama caalaa kan hingeenye ta’uufi baasii guddaaf saaxilaa jiraachuu hima.

Waldichi buuphaa tokko qarshii 13n gabaaf dhiyeessuun guyyaatti qarshii kuma sadii argachaa jiraachuu kan himu Dargaggoo Godaanaan, galii waldichi buuphaa gurguruun argaturraa harki caalu ammoo nyaata lukkuu bituuf oolaa jira. Waldichi galii argataa jirurraa qusachaafi qarshii Baankii Siinqeerraa liqeeffates deebisaa jiraachuus eera.

Sheedii Bulchiinsi Magaalaa Yaaballoo waldichaaf kenne al tokkotti hanga lukkuuwwan kuma lamaatti qabachuu danda’a kan jedhu dargaggoon kun, waldichi hanga qarshii liqeeffate hunda ofirraa deebisee fixutti qarshii biraa liqeeffachuu waan hindandeenyeef dafee ofirraa deebisee xumuruun qarshii biraa liqeeffachuun baay’ina lukkuuwwan horsiisaa jiruu dabaluuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsa.

Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Yaaballoos waldichaa gurmeessuun leenjii kennuufi qorichoota gara garaa lukkuuwwaniif dhiyeessuun waldichaaf deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu himee, ogeessonni qonnaas yeroo lukkuuwwan dhukkubsatan dafanii dhufanii qoricha kennuufiin waldicha bira dhaabbachaa jiraachuu hima.

Carraa hojii ofii uummatanii hojjechuun daandii of danda’uufi jijjiiramuuti kan jedhu Dargaggoo Godaanaan, dargaggoonni hojidhabeeyyiin biroonis hojii utuu hintuffatiniifi hinfilatiin carraawwan argaman hundatti fayyadamuun hojii dhuunfaasaanii uummachuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban gorsa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You