Oromiyaatti hanga kurmaana lammaffaatti aannan liitirri biliyoona 2.2 omishame

Finfinnee: Oromiyaatti bara bajataa 2017, hanga kurmaana lammaffaatti aannan liitirri biliyoona 2.2 omishamuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Biirichatti Qindeessaan Maaddii Guutuu   Obbo Gomoroo Dheeressaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, inisheetivii maaddii guutuu milkeessuuf kan dandeessisu Oromiyaan haala qilleensaa misooma beeladaatiif ta’u, beekumsa aadaafi saayinsawaa horsiisa beeyiladaaf mijataa ta’e qabdi.

Galma gahiinsa kaayyoo inisheetivii maaddii guutuuf bara bajataa 2017, raawwii bara darbe xiinxaluufi galteewwan barbaachisan hanga humni eeyyame dhiyeessuudhaan hojiitti galame jedhanii; bara bajataa 2017 hanga kurmaana lammaffaatti aannan liitira biliyoona 2.1 omishuuf karoorfamee liitira biliyoona 2.2 omishuun danda’ameera.

Kurmaanicha keessatti sanyii loonii fooyyessuun bu’aa barbaadamu argachuuf saawwan miliyoona 1.6 diqaalomsuuf karoorfamee saawwan miliyoona 1.7 kan diqaalomfaman ta’uu yaadachiisanii; jabbileen kuma 530 dhalataniirus jedhan.

Foon diimaa toonii kuma 743 omishuuf karoorfamee, toonii kuma 834 omishuun danda’ameera jedhanii; loon furdisuuf omishni margaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Gama horsiisa lukkuufi omisha killeetiinis hojiin milkaa’ina qabu hojjetameera jedhanii; foon lukkuu toonii kuma 59 omishuuf karoorfamee toonii kuma 66, killee biliyoona lama omishuuf karoorfamee biliyoona 2.7 raawwatamuu ibsaniiru.

Oromiyaa galaana dammaa nitaasifna ejjennoo jedhuun hojiin misooma dammaatis naannichatti xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira, inisheetivichis misoomichaaf carraa hedduu uumeera jedhanii; kurmaanichatti damma toonii kuma 58 omishuuf karoorfamee, toonii kuma 72 raawwatameera jedhan.

Dargaggoota waldaadhaan gurmeessuudhaan gatii giddugaleessaan gaagura ammayyaa akka dhiyeessan taasifamaa jira. Kanaanis dargaggootni hedduun carraa hojii argatanii fayyadamaa jiru jechuun eeraniiru.

Gaagura cehumsaatiin alatti gaagura ammayyaa qofa gaagura kuma 750 dhiyeessuuf karoorfamee gaagura ammayyaa kuma 792 dhiyeessuun danda’ameera. Foon qurximmiis toonii kuma 126 omishuuf karoorfamee toonii kuma 146tu omishameera jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You