“Shaakkisoon magaalaa halkanii guyyaa misoomaafi guddina si’ataarra jirtuudha” – Obbo Mi’eessoo Galgaloo

Shaakkisoo: Magaalaan Shaakkisoo Godina Gujiitti kan argamtu yoo taatu, magaalota 15 mootummaan naannoo Oromiyaa riifoormii keessa galche keessaa ishee tokko. Magaalattiin halkaniifi guyyaa misoomaafi guddina si’ataarra jirtu ta’uu bulchiinsi magaalattii beeksise.

Kantiibaa Ittaanaa magaalattii Obbo Mi’eessoo Galgaloo gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, magaalattiin murtii mootummaan naannoo Oromiyaa addatti ilaalee guddinaafi jijjiirama magaalattiin qabaachuu qabdu giddugaleessa godhachuun dabarseen bara 2015 gara magaalota sadarkaa olaanaatti kan ceete yoo ta’u, magaalota mootummaan naannoo Oromiyaa riifoormii keessa galche 15 keessaas ishee tokko ta’uun hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hedduu raawwachaa jirti.

Misooma koriidarii dabalatee hojiileen misoomaa gara garaa magaalattiitti raawwatamaa jiraachuu himanii, hojii misooma koriidarii bara darbeetiin daandiin kiilomeetira 4.5 kan hojjetameera. Hojii miisooma koriidarii kanaan barana ammoo daandii kiilomeetira shan hojjechuuf karoorfamee raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.

Inisheetiivota mootummaan naannoo Oromiyaa gad buuse giddugaleessa godhachuun barana yoo xiqqaate pirojektoonni 22 magaalattiitti hojiirra oolaa jiraachuu himanii, inisheetiivonni kunneen kilaasteroota horii furdisuu, horsiisa loowwan aaannanii, lukkuufi kanneen biroo of keessatti qabatu. Inisheetivonni kunneen qarshii miliyoona 200 oliin hojiirra oolaa jiraachuus eeraniiru.

Barana daandiiwwan keessoo magaalattii dabalatee hojiin bu’uraalee misoomaa gara garaa qarshii miliyoona kuma 700 oliin raawwatamaa jiraachuu himanii, daandiiwwan keessa keessaa bareechuun walqabatee hanqinni jiraachuus himaniiru.

Gaaffii daandii magaalattii keessoo suphuu, bal’isuufi bareechuu dhaabbata Meedirok waliin ta’uun hojjetamaa jiraachuu himanii, hojiin kun bajata qarshii miliyoona shaniin raawwatamaa jiraachuus himaniiru.

Waliingahiisa bishaan dhugaatii magaalattii guddisuuf Dhaabbata Bishaan Adoolaa waliin hojjechaa jiraachuu himanii, barana hojiin bishaan dhugaatii diriirsuu bajata qarshii miliyoona tokko ta’uuun raawwatamaa jira. Shaakkisoon magaalaa halkanii guyyaa hojiirra jirtuufi guddina si’ataa galmeessisaa jirtu ta’uus eeraniiru.

Hojiileen misoomaa gama hundaan raawwatamaa jiran cimanii akka ittifufan taasisuuf galii magaalattii guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Mi’eessaan, barana galii qarshii kuma 461 walittiqabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Waggaa lama dura galiin magaalattiirraa walitti qabamu qarshii kuma 126 turuufi riifoormiin booda galiin walittiqabamu dacha lamaa oliin kan dabale ta’uu himu.

Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuuf carraa hojii bal’aa uumuufi leenjii intarpirinarshiippii kennuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himanii, barana namoota kuma 40 oliif leenjii intarpirinarshiippii kennuun akka hojiitti galan ta’aa jira. Dargaggoonni gurmaa’anii inisheetiivota qonnaa magaalattiitti akka hirmaatan ta’aa jiraachuus eeraniiru.

Akka Obbo Mi’eessoon jedhanitti, gurmaa’inni caasaa mootummaa gandaa ummanni sadarkaa gandaatti tajaajila guutuu akka argatu taasisaa jira. Gurmaa’inni kun ummanni tajaajila barbaadu dhiyeenyatti akka argatu taasisuun deddeebii gara aanaafi magaalaatti taasifamaa ture hambiseera. Gurmaa’insi kun hawaasni qe’eefi hojiisaarraa utuu hinfagaatin, yeroofi qarshiisaa utuu hinqisaasessin tajaajila barbaadu dhiyeenyatti akka argatu taasiseera. Deddeebii tajaajiloota mootummaan kennu argachuuf ummanni gara aanaafi magaalaatti taasisaa tures hambiseera.

Fedhiin ummata keenyaa nageenyaafi misooma. Magaalaan Shaakkisoofi aanaaleen magaalattii marsanii argaman nageenya qabu. Ummanni magaalattiifi naannawaashees nageenya eegsisuu naannawaasaanii mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa waan jiraniif magaalattiin halkaniifi guyyaa hojii misoomaarratti argamti.

Komiin ummataa yeroo dheeraaf ture bu’uuraalee misoomaatiin kan walqabatu ta’uu himanii, jijjiiramaa as Dhaabbatni Meedirook hojiilee misoomaa bal’aa hojjetus ummanni hojii misoomaa dhaabbatichi hojjetetti ittiquufiinsa hinqabu. Hojiileen misoomaa dhaabbatichaan hojjetaman fedhii ummataa waliin kan walgitu miti. Ummanni magaalattiis ta’e godinichaa dhaabbatichi albuuda naannawaa kanaa baasuun hanga fayyadame nu hifayyadne jechuun komataa jiraachuu himu.

Bulchiinsi magaalaan Shaakkisoo hanga humnisaa danda’e misooma koriidarii dabalatee hojiilee misoomaa gara garaa hojjechaa jira kan jedhan Obbo Mi’eessoon, gaaffiilee misoomaa ummataa deebisuuf mootummaan naannoofi federaalaas deggarsa barbaachisu akka taasisaniif gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017

Recommended For You