
Finfinnee: Ji’oottan ja’an darbanitti bu’aalee invastimantii alergiif oolanirraa galiin doolaara miliyoona kuma 500 ol argamuu Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa beeksise. Abbootii qabeenyaa invastimantii keessa galan jajjabeessuuf mootummaan dolaara miliyoona 10 ol deeggarsa taasiseera.
Daarektarri kominikeeshinii biirichaa Obbo Siyyum Hayiluu ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, ji’oota ja’an darbanitti bu’aalee invastimantii toonii kuma 113fi 358 alergiif oolan irraa galiin doolaara miliyoona kuma 500 ol argameera. Giddugala biyyaa ta’uu, qabeenya lafaa, bishaan, haala qilleensa mijataafi humna nama baratee ga’aa qabaachuun Oromiyaa invastimantiif filatamtuu taasiseera.
Akka ibsasaaniitti, potenshaala invastimantii qonnaa, maanifaakchariingii, agiroo industirii, hoteelaafi turizimii naannichi qabu hojii keessa galchuufi babal’isuuf kenna tajaajilaa saffisaafi qulqullina qabu kennuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Qonnaan bulaa moodeela, abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaa invastimantiirratti hirmaachisuu, invastimantii babal’isuun carraan hojii uumamuu, bu’aqabeessuummaa invastimantii mirkaneessuu, pirojektota haaraafi hojii keessa hingaliin hojii keessa galchuu, omishaalee alergii dabaluun kallattii xiyyeeffannaa bara 2017 keessaa ta’uu kaasaniiru.
Haaluma kanaan raawwii ji’oota ja’an kana keessatti hojii milkaa’aa hojjetameen abbootii qabeenyaa haaraa kuma 10fi 61 simatamuu eeranii, kanneen keessaa pirojektota invastimantii kuma afuriifi 317 kaappitaala qarshii biliyoona 93.8 ol galmeessisan murtoo boordii argachuu himaniiru.
Pirojektotni kunneen lafa hektaara kuma 31irratti gaafa hojiirra oolan namoota kuma 300 oliif carraa hojii uumuu akka danda’an himanii, hanga ammaatti namoota kuma 82f carraan hojii uumamuu ibsu. Pirojektotni invastimantii hafanis ulaagaa invastimantii akka guutaniif ilaalamaa jiraachuu eeranii, pirojektota murtoo argataniifi waliigalteewwan sababoota gara garaan hinmallattaa’in jiran waliigala abbootiin qabeenyaa kuma lamaafi 314 waliigaltee akka malleessan taasifamuu dubbataniiru.
Akka ibsa Obbo Siyyumitti, abbootii qabeenyaa kuma sadiifi 400 eeyyamni invastimantii kennameera. Kanarraas galiin qarshii miliyoona 11 ol argameera. Pirojektota invastimantii gara omishaatti galan (operation) dabaluun walqabatee keessattuu “Mataduree Itoophiyaan haa omishitu” jedhuufi deeggarsa qaama dhimmi ilaallatuun taasifameen pirojektootni kuma tokkoofi 450 ol gara omishaatti akka galan taasifameera.
Mootummaan, abbootii qabeenyaa 265 naannicha keessatti invasti godhan jajjabeessuuf maashinootaafi meeshaalee barbachisan ashuuraa malee biyya alaarraa akka galchaniif doolaara miliyoona 10 ol deeggarsa taasisuu ibsaniiru.
Dhiyeessiin faayinaansii baankotaa, humni ibsaa, meeshaalee ijaarsaa simintoo dabalatee akkaataa barbaadamuun dhihaachuu dhabuun akka haqinaatti mul’achuu himanii, hanqinoota kunneen furuuf biirichi xiyyeeffannaan hojjetaa jira jedhaniiru.
Waliigalaan hanga ammaatti naannicha keessatti pirojektota kuma 25 ol kaappitaala qarshii biliyoona 804 galmeesisaa kan jiran yoo ta’u, namoota miliyoona 1.2f carraan hojii uumamuu eeru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017