Ityoo-Elektirik Dorgommii Qaxxaamura Biyyooleessaa Jaan Meedaatti shaampiyoona ta’e

Dorgommiin Qaxxaamura Biyyooleessaa Jaan Meedaa erga jalqabee waggaa 41 lakkoofsiseera. Dorgommiin kun bara 1976 kan jalqabe yoo ta’u, utuu addaan hincitin waggaa waggaan adeemsifamaa jira.

Wayita dorgimmichi jalqabe Itoophiyaa dabalatee biyyoonni ja’a, Bulgaariyaa, Chekozlovaakiyaa, Xaaliyaanii, Keeniyaafi Yaman hirmaataniiru.

Dorgommii Qaxxaamura Biyyoolessaa waggaa waggaan Magaalaa Finfinnee, Dhaabbata Ispoortii Jaan Meedaatti kan adeemsifamu yoo ta’u, Dilbata darbe yeroo 42ffaaf adeemsifameera.

Dorgommicharratti biyyoonni sadii (Itoophiyaa, Keeniyaafi Sudaan hirmaataniiru. Akkasumas kilaboonni naannoolee, dhaabbileen ispoortii adda addaafi kaan ammoo dhunfaan dorgommicharratti hirmaataniiru.

Dorgommicha Itiyoo-Elektirikiin shaampiyoona bara 2017 ta’uun olaantummaan yoo xumuru, Itiyoo- Elektirikiin shaampiyoonaa kan ta’e fiigicha walmakaa dhiiraafi dubaraa, fiigicha kiiloo meetira kudhanii dhiiraafi dubaraan mo’chuudhaan waancaawwan sadii fudhachuudhaani.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa ammoo fiigicha kiilo meetira jahaa dubaraan, Shagar Siitiin fiigicha kiilo meetira saddeetii dhiiraan mo’achuun waancaa tokko tokko fudhataniiru.

Dur dorgommicharratti meedaaliyaafi waancaawwan qophaa’an hunda fudhachuun kan beekamu naannoon Oromiyaa dorgommii baranaa kanatti utuu hinmilkaa’in hafeera.

Atileetii beekamaan garee biyyaaleessaafi kilaba Ityoo Eletirikii Barrihuu Aragawwii atileetota dorgommii walmakkaarratti hirmaatan halaalatti gatee xumuruun ga’umsasaa agarsiiseera.

Atileetiin kun akka jedhutti, dorgommichi baay’ee ulfaataa ta’us atileetota bebbeekamoo Keeniyaa isa waliin dorgoman waliin morkii cimaa taasisuun injifateera.

Dirreen dorgommichi itti adeemsifames isaafis ta’e dorgomtoota biroof mijataa miti. Dorgommichi maqaa biyyooleessaatiin qophaa’us ulaagaa dorgommii biyyoolessaa waan guutu natti hinfakaatu. Kanaafuu koreen dorgommicha qopheessu itti yaaduu akka qabu yaadachiiseera.

Miseensa Komiishinii Dorgommii Atileetiksii Biyyoolessaafi Koree Raawwachiiftuu Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa, Doktar Injinar Saadiiq Ibraahiim akkasumas barreessaan Federeeshinii Atileetiksii Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa argamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017

Recommended For You