
Taateewwan biyyooleessaafi biyyaaleessaa kanneen akka weerara kovidii, qaala’insa, nageenyaafi kkf damee invastimantii biyyattii miidhanii turan. Kana malees dambiiwwaniifi qajeelfamoonni damichaa hojii damichaaf danqaa ta’aa turuusaatiin biyyattiin faayidaa hedduu dhabuuf dirqamtee turte.
Dhimmichi kallattiin kan ilaallatu Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa, keessumaa seerawwan invastimantii biyya alaa waliin walqabatanii ba’an waggootaaf danqaa ta’uurra darbee biyyattii faayidaalee hedduu dhabsiisaa waan tureef akka rakkoon kun hiikamuufi hojiilee addaddaa hojjechuuf yaalii taasiseera.
Yaaliin kunis deebii kan argate yeroo mootummaa jijjiiramaa kanatti yoo ta’u, wayita ammaa qajeelfamoonni dhimma kanaan walqabatan 80 ol fooyya’uusaaniitiin dadammaqiinsi olaanaan damee invastimantii alaarratti uumamuu eegaleera; karriwwan invastimantii alaas banamaniiru.
Komishinarri komishinichaa Zallaqaa Tamasgeen (PhD) gaafdeebii Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa sagantaa ‘Ethiopia In Focus’ jedhamu waliin taasisaniin akka jedhanitti, komishinichi invastimantiiwwan alaa bal’inaan akka gara biyyaatti dhufan xiyyeeffannaasaa isa jalqabaafi ijoo taasisee hojjetaa ture. Kana jechuun garuu invastimantii biyya keessaa achi dhiiba jechuu miti. Invastaroonni alaa yommuu dhabaniis filannoowwan lamaan keessummeeffamu. Kunis karaa beekamtii komishinichaa ykn seektaroota birootiin ofiisaaniitiin hojii invastimantii sana kallattiidhaan hojjetu. Inni lammaffaa ammoo invastaroota biyya keessaa waliin hariiroo uumuun kan hojjetan ta’a.
Invastaroota karaa filannoowwan lamaaniin dhufaniif iyyuu Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa deeggarsa barbaachisu hunda hanga xumuraatti kan taasisuuf ta’uu eeranii, keessumaa tajaajila si’ataa osoo balbala seektaroota garagaraa hinrurrukutiin bakkuma tokkootti akka argatan mijeessuun hojii isaa isa duraa ta’uu himu. Tajaajila immigireeshinii irraa eegaluun viizaa invastimantii akka argatan akkasumas bakka jireenyaa mijataa akka argatan komishinichi deeggarsa barbaachisu akka taasisu kaasu.
Kana malees wantoota baankiifi tajaajila baankii wajjin walqabatan, walitti hidhamiinsa gabaafi kanneen biroo komishinichi akka taasisuu ibsanii, deeggarsi taasifamus kaayyoonsaa ijoon biyya invastimantiidhaaf mijattuu taate uumuu ta’uu himu. Haala kanaan hojiileen waggoota ja’an darban inisheetiivii dinagdee Ministirri Muummee biyyattii Abiyyi Ahmad diriirsaniin invastimantii biyyattii fooyya’aa kan dhufe yoo ta’u, Itoophiyaan biyyoota addunyaa 190 keessaa 159ffaa irratti argamuu danda’uushee dubbatu.
Kanaan dura hojii invastimantii biyyattii keessatti hojjechuuf birokraasiin seektarootaafi mootummoota naannoolee dheeraafi nuffisiisaa turuu yaadatanii, inni kun mootummaan damee invastimantiirratti riifoormii taasisuu akka qabuuf waan dirqisiiseef ministirri muummiichaa akka gara aangootti dhufaniin tarkaanfii sirreessaa marsaadhaan qoodanii fudhachuusaanii addeessu. Marsaa tokkooffaatiinis hudhaalee invastimantii 100 adda baasuun 80 ol fooyyeessuun danda’amuu ibsu.
Akka Doktar Zallaqaan jedhanitti, riifoormiiwwan taasifaman kunneen biyyattiin bakka invastimantiif filatamtuu akka taatuufis karaa baneeraaf. Keessumaa hojmaatawwan invastaroota deddeebisuun rakkoo bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraaf saaxilaa turan hambisuun tajaajila si’ataa foddaa tokkoon akka argatan taasifamuun isaa har’arratti invastaroonni Itoophiyaa filannoosaanii jalqabaa akka taasisan haala mijataa uumeera.
Biyyattiin bara bajataa 2017, ji’oota arfan darban qofaatti invastimantii alaa dolaara biliyoona 1.1 kallattiidhaan hawachuushee eeranii, kunis % 6.4 guddina agarsiisuusaafi bu’aa mootummaan dirree invastimantii guddisuuf fooyyeessa dinagdee taasisee irraa kan dhufe ta’uu kaasu.
“Mootummaan Itoophiyaa haala mijataa damee invastimantii uumuuf kuteenyummaa olaanaadhaan hojjetaa jira. Kun immoo invastaroonni mamii tokko malee bakka walgeettii isaanii Itoophiyaa akka taasisaniif carraa uumeera. Invastarri tokko utuu gara Itoophiyaa hindhufiin dura haaloota mijatoo jiran dursee akka qoratu beekamaadha.
Haala hojjechiisuu danda’u maaltu jira isa jedhurratti yeroo fudhatanii ilaalu. Kanaaf riifoormiin damee dinagdeerratti taasifame Itoophiyaan filannoosaanii isa jalqabaa, kanneen bakka kaaniitti eegalanif immoo bakka inavastimantiisaanii ittaanu akka godhatan taasisa” jedhu.
Akka fakkeenyaatti dameen daldalaa yoo ilaalame Itoophiyaan waggoota 50 oliif karri daldalaashee cufaa turuun wantoota invastaroonni akka gara biyyattii hindhufneef danqaa ta’an keessaa isa tokko ta’uu eeranii, riifoormiin booda boordiin invastimantii biyyattii fooyyeessa taasiseen invastaroonni omishasaanii daldalachuu haalli itti danda’an uumamuusaa dubbatu. Rakkoon alergiifi galchiirratti ture fooyya’uun isaa gaaffii isaanii tokko deebisuufi himu.
“Riifoormiiwwan dinagdeerratti taasifaman kunneen duubdeebii gaarii invastarootarraa akka argannuuf nu gargaareera. Kenniinsa eeyyama invastimantii fooyyeessuun, hojmaata dijitaalawaa bal’isuun, hammattuuwwan seeraa fooyyeessuufi hojmaata walxaxaafi dheeraa hojii daldalaaf hudhaa ta’e hambisuun invastimantiin biyyattii akka bayyanatu taasiseera. Kun immoo kuteenyummaa mootummaan biyyattii invastimantiirratti qabu waan agarsiisuuf invastaroota biratti akka wabiitti fudhatameera” jedhu.
Kana malees dhiyeessii lafaa dabalatee bu’uuraalee misoomaa guutuun gaaffii yeroo baay’ee invastaroonni kaasan ta’uu himanii, kanaaf deebii quufsaan kennamuun isaa fedhiin jiru akka dabalu taasisuusaa himu. Carraa kanatti fayyadamuunis invastaroonni alaa dameewwan qonnaa, maanufaakchariingii, inarjii, Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoofi turizimiirratti bal’inaan hirmaachaa jiraachuufi kanarraas sharafni alaa olaanaa argamaa akkasumas carraan hojii bal’inaan uumaamaa jiraachuu kaasu.
Akka ibsa komishinarichaatti, yeroodhaa gara yerootti hudhaalee damichaa adda baasaa, fooyyeessaa deema. Ammallee hirmaannaa invastaroota alaa daran dabaluuf bakkeewwan haaraa uumuu akkasumas, kubaaniyaawwan biyyoolessaa dameewwan addaddaarraatti hirmaachuu akka danda’aniif haaloota mijatoo uumaa jira.
Damee invastimantii guddisuudhaaf waa hunda caalaa ofitti amanamummaa invastarootaa uumuun murteessaa ta’uu himanii, gama kanaan hojiin beeksisuufi hubannoo uumuu bal’inaan hojjechuun murteessaa ta’uu dubbatu. Bu’aan kanaas halkan tokkoon kan argamu osoo hintaane hojii irra deddeebiidhaan hojjetamuun kan dhufu ta’uusaatiin nuffii malee irratti hojjetamuu akka maluu himu.
“Ammaan tana Itoophiyaan biyyoota addunyaa kaanirraa filatamtuu akka taatu wantootni taasisan hedduudha. Isaan kanneen keessaa tarsiimoon bakka argame biyyattii isa ijoodha. Carraa Daandii Qilleensa Itoophiyaatiin argamu qofa yoo ilaalle invastarri tokko gara Itoophiyaa dhufee omishasaa achitti yoo beeksifate sa’atii saddeet keessatti qofa namoota miliyoona 3.5 qaqqabuu danda’a. Kana malees baay’inni ummataa biyyattiin qabdu miliyoonni 120s akka carraa gabaatti kan fudhatamudha” jedhu.
Akka waliigalaatti hojiileen riifoormii damee invastimantiirratti hojjetaman biyyattiin invastimantiif filatamtuu akka taatu gochuusaa kaasanii, mootummaan fuuldurattis tajaajila kennamu si’eessuuf akkasumas gama maraan haala mijataa uumuu cimee kan ittifufu ta’uu kaasu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017