
Qe’een Shaashee, magaalaan Shaashamannee shaa shanbaa jettee miidhagdee tirriin dhiichisaa anaa dhufu jechaa keessummootashii godinaalee Oromiyaa garagaraarraa faayamanii sagaleessaa dhufan nooruu jechuun cuukkoo dhaandhamsiisaa aannan unachiisaa dirreeshiirratti gammachuu waloo qooddachiisaa turteetti.
Miirri obbolummaa daran cimaafi gadi fagoo ta’uusaaf agarsiistuu guddaa kan ta’e yeroo godinaalee Oromiyaa marti hiriiranii dirree seenuun dhiichisaa Shaashamannee miidhagsan; ilmaan Shaasheemmoo uffata aadaatiin faayamanii qalbiin fagaatanii obboleeyyansaanii jilicharratti hirmaachuu dhufan halaalarraa yoo hawwatan garaa nama nyaatu.
Oromummaan faaya kan jedhamuufis kanumaaf waan ta’eef yoo ittibeeknee tajaajilaaf oolchine uffanniifi nyaanni aadaa, aartiin Oromoofi Oromummaa beeksisuun ala madda galii ta’uu danda’a.
Dorgommii ispoortii aadaa 30ffaafi feestivaala agarsiisa aadaa 17ffaa Oromiyaa tibbana magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffame dirree tokkummaa, jaalala, obbolummaafi Oromoofi Oromummaan itti olka’ee calaqqisu ta’uu Ministir De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad nikaasu. Oromoon galaana akkuma ta’e aadaa, duudhaa, uffata aadaa, nyaata aadaafi madda dimokiraasii addunyaaf fakkeenyummaan ka’uunis kan ofgahedha jedhu.
Sirna dimokraatawaa, aadaa, duudhaa, uffataafi nyaata aadaa dilbii kana haa qabaatu malee dinagdeetti jijjiiruurratti ammallee kan hinhojjetamneedha. Yoo damee uffata aadaarratti hojjenne keessumaa faashinii addunyaa hawwatu taasisuurra dabarree qaroomina Oromoon qabu agarsiisuu keessattis hojii guddaa hojjechuun ni danda’ama.
Gama kanaan waldorgommiin ispoortii aadaafi feestivaalli agarsiisa aadaa waggaa waggaan kabajamu kun hariiroo obbolummaa, tokkummaafi jaalala waloo cimsuun ala uffanni aadaa, nyaanni aadaa, aartiin keenya qalbii namaa hawwachuurra darbee madda galii akka ta’uufis hojjechuun dirqama.
Sirni Gadaa keenya dimokraasii addunyaan amman tana shaakalaa jirtuuf madda guddaadha, uffannifi nyaanni kanamalees aartiin keenyas kan qalbii hawwatu qofa osoo hintaane madda galii dinagdeen dhalootaa itti gabbatu ta’ee tajaajiluu qaba. Ispoortiin aadaas ispoortii ammayyaaf madda yoo ta’u gara dinagdeetti jijjiiruuf dhimma xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamuu qabudha.
Aadaafi duudhaa dilbii qabnu kanaan sadarkaa qalbii namaa hawwachuurra darbee madda dinagdeen dhalootaa kan Oromiyaafi biyyaa itti humnaa’u akka ta’uuf sochiin sadarkaa gandaarraa kaasee hanga biyyaatti taasifamu jalqabbii gaariidha jechuun nidanda’ama.
Gama kanaan miirri dargaggoota ispoortii aadaafi feestivaala agarsiisa aadaa kanarratti calaqqisaa jiru daa’imman guddatoofi maanguddootallee kan onnachiisu waan ta’eef yeroorraa yerootti si’aayinaafi dammaqinaan gaggeeffamaa jira.
Haata’u garuu gara dinagdeefi maallaqaatti jijjiiruurratti hojiin hojjetame laafaa waan ta’eef ammallee xiyyeeffannoo addaa kennuun dhimma yeroon gaafatudha. Har’a uffanni aadaa ittiin miidhagnee baanu dargaggoota hedduu miidhagsuurra darbee gabaaf dhiyaachuun madda galii ta’aa jira.
Miidhaginnisaa daran dabalaa deemuurraa kan ka’e faashinii ammayyaa addunyaan keenya barbaaddu keessas seenaa jira jechuun danda’ama. Sadarkaa naannoofi biyyaarra darbee omishni uffata aadaa Oromoo biyyoota Eeshiyaafi Lixaatti ergamuun dirree addunyaan itti walargurrattis miidhaginaafi simboo Oromummaa olkaasaa jira.
Qeerroofi qarreen Oromoo hedduu omishaafi daldala uffata aadaarratti bobba’uun fayyadamummaasaanii mirkaneessaa jiru kun jalqabbii gaarii of ta’uuti jechuun ni danda’ama. Uffataafi aadaa miidhagaa addunyaan irraa barachuu danda’u qabnu kana gadi baasnee agarsiisuurra dabarree madda dinagdee gochuu dhabuun keenya numiidheera.
Haata’u garuu ayyaanotaafi sirnoota gara garaa akka naannootis ta’e biyyaatti jiranirratti barbaachisummaan uffata aadaa keenya daran dabalaa jira. Uffatichi ogummaan kan guutame ergaafi agarsiistuu eenyummaa Oromoon kan ijaarame sabiyyiirraa kaasee hanga maanguddootti dhaloonni kan itti miidhagee bahuufi qaroomina Oromoon qabu kan calaqqisiisu ogummaa jabaadha.
Uffanni kun namas lafas naannawaas kan miidhagsu sinboo addaa kan qabu sabboonummaan kan guutame dhalootaa dhalootatti darbee dhaloota xiiqii har’a biyya gaggeessaa jiraniinis leellifamaa Oromoofi Oromummaa olkaasaa jira.
Kun ta’us hojiin ogummaafi aadaa kana dinagdeetti jijjiiruu ammallee kan irratti hojjetamuu qabu yoo ta’u, sosochiin gama dorgommii ispoortiifi feestivaala agarsiisa aadaa waggaa waggaan gaggeeffamu kanaan daran beeksisuun faashinii addunyaan barbaadu keessa galchuun amma Oromoon gahu agarsiisuufi barsiisuun dirqama dhaloota kanaati.
Dhaloota xiiqii kan ta’e qeerroofi qarreen har’a bakka jilliwwan gara garaa gaggeeffaman wayita dhaqutti uffata alaa galu caalaa kan aadaatiin miidhagee faayawwan adda addaatiin guutamee walleen dhiichisaa lafa sirbisiisaa gammachuu waloosaanii dhandhamaa jiru.
Dorgommiifi agarsiisni kun dhaloota sammuun qaroomeefi qaamaan ijaarame horachuun ala hariiroon obbolummaafi jaalalli biyyaa maal akka ta’e, ammam akka gahu baruuf bu’uura guddaa buusa.
Oromoon faaya aadaafi duudhaa inni qabus faaya haata’u garuu faaya kana addunyaa barsiisuufi madda galii dinagdeen dhalootaa itti ijaaramu taasisuu keessatti hojiin hojjetamee jiru laafaadha. Sirnoonni darban aadaa duudhaafi qaroomina ogummaa Oromoon qabu awwaalaa waan turaniif ija addunyaa keessa galuu hindandeenye ture.
Har’a garuu bu’aa qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa qeerroofi qarree kan ta’e mootummaan jijjiiramaa erga dhufee qaroominni aadaafi duudhaa sabaaf sablammiilee jaarraa tokkoofi walakkaa oliif awwaalamee ture gadi bahee mul’achuun dhuguma Itoophiyaa keessa sabaaf sablammiileen kunniin jiruu jedhameefiira.
Bu’uuruma kanaan ukkaamsaan sirnaa sabaafi sablammiileerratti aggaamee ture cabuu hordofee aadaan duudhaafi sirnoonni sabaaf sablammiilee qalbii ijaafi gurra addunyaa akka argataniif haalli mijataan uumameera. Haala mijataa kanatti fayyadamee ofis biyyasaas fayyaduufimmoo shoorri dargaggootaa olaanaa ta’uu qaba.
Sosochiin waldorgommii ispoortii aadaafi feestivaalli agarsiisa aadaa kun aartii, ogummaa, aadaa uffataa, nyaataa, walleefi kuun Oromoon qabu golaa bahanii addunyaatti akka ifan kan godhu waan ta’eef nijajjabeeffamu jechuudha.
Dorgommii ispoortii aadaafi feestivaallli agarsiisa aadaa Oromiyaa Shaashamanneetti gaggeeffame qalbii namootaa kan hawwatudha. Qeerroofi qarreen ifanii kan itti walargan, ilaalanii kan walhinquufne ija mararfannaatiin wal ilaalaa qalbiin masakamanii gammachuusaanii ibsataa turan.
Hunduu dabaree dabareen wal ilaalaa duubarrammoo takka dhiichisaa, takka gadtumee, takka ashkummee takka ragada, fedhan reegeefi tirriin dhukkee lafarraa kaasaa mijuu tokkummaafi jaalalaa waliin dhandhamu.
Aartiifi aadaan Oromoo daran gadi fagoo ta’uun walqabatee yeroorraa yerootti guddachaa gadi bahee mul’achaa deemuurraa kan ka’e takka takkammoo yaadqalbiin masakamanii miira jaalalaatiin fagaatanii oggaa xiyyeeffannoon waldaawwatan mul’atu.
Agarsiisichi dhugumattuu Oromoofi Oromummaan faaya ta’uusaaf agarsiistuu guddaa ta’ee mul’ateera. Faaya aadaa kanammoo dinagdeetti jijjiiruu keessatti qeerroofi qarreen keenya ittigaafatamummaa guddaa waan qabaniif deeggarsi gama mootummaan taasifamus cimuun irra jiraata.
Aartiin muuziqaa aadaa, ispoortii aadaa, uffata aadaa kun sadarkaa naannoofi biyyaatti fudhannee yoo ilaalle madda dinagdee ta’aa jiraatus sadarkaa Afrikaafi addunyaatti gabaa argachuurratti hojiin beeksisaa gama abbootii qabeenyaanis ta’e dhaabbileen taasifamu cimuu qaba.
Aadaafi duudhaa kanamalees sirnoota gara garaa madda galiifi agarsiistuu qaroominaa ta’e dilbii kan qabdu Oromiyaan sirriitti irratti hojjechuun dinagdeetti jijjiiruun Oromoofi Oromummaa beeksisuun murteessaadha.
Dhaloonni xiiqii ittigaafatamummaan harka jiru qeerroofi qarreen Oromoos tattaaffii aadaafi duudhaa Oromoon qabu guddisuuf ofkennanii hojjetaa jiran dirqama Oromummaa kennameef bahachuuf ammallee cimanii hojjechuu qabu.
Gama kanaan sosochii mootummaan taasisaa jiru jajjabeessaa ta’us shoorri abbootii qabeenyaa keessumaa uffataafi nyaata aadaa Oromoon qabu gabaa addunyaa keessa galchuurratti osoo hojjetanii hojii jajjabeessaa biyyi ofii itti nama galateeffatu ta’uu dagatamuu hinqabu.
Walumaagalatti waldorgommiin ispoortii aadaafi feestivaalli agarsiisa aadaa sadarkaa naannoofi biyyaatti gaggeeffamu hariiroo obbolummaafi jaalala biyyaa cimsuun ala ispoortii aadaa addunyaaf madda waan ta’aniif dinagdee akka maddisiisaniifis xiyyeeffannoo cimaan kennamee irratti hojjetamuu qaba.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017