“Yoo waltaanee hojjenne waan caalu arguu dandeenya” -Abiyyi Ahmad (PhD)

Magaalaan Jimmaa handhuura Oromiyaa, Finfinneerraa kiiloomeetira 356 kallattii kibba lixaatti fagaattee kan argamtu yoo taatu, magaalaa seenaqabeettii jaarraa 18ffaa keessa mootummaa ammayyaa mataashee Shanan Gibee jedhamee waamamu hundeeffattee bulaa turte ta’uu seenaan ni ibsa. Jimma, biyyi Mootii Abbaa Jifaar Abbaa Gomool qabeenya uumamaafi iddoowwan hawwata turizimii hedduu qabdu kun maqaa Jimmaa jedhu kan argatte gosa hidda sanyii Jimmaa Waayyuurraati.

Magaalaan Jimmaa waggoota 194 (1820 ALI) dura Abbaa Jifaar jalqabaatiin kan hundoofte ta’uu qorannoowwan adda addaa ni mirkaneessu. Yeroo hundeeffamte giddugaleessi jalqabaa Jireen akka ta’etu himama.

Magaalaan Jimmaa bara Mootii Hayilasillaasee bara 1942 labsii lakkoofsa 1942/01’n sadarkaa bulchiinsa magaalaan buluu argatte. Ittifufuun bara 1955 bulchiinsota magaalaa jaha keessaa mana qopheessaan buluuf carraa argatteetti.

Jimmi Abbaa Jifaar qaroomina Itoophiyaa duraa keessatti gahee adda durummaan kan qabduu yoo taatu, akaakuu bunaa kooffii Arabikaa addunyaaf gummachiteetti. Akkasumas, teessoo (barcuma) abbaa miila sadii addunyaaf kan gumaachite yoo ta’u, meeshaalee ijaarsaa kan akka akaafaa, mismaaraafi muka adda addaa darbees uffata jirbii irraa omishamaniifi bu’aalee ogummaa harkaa hedduuf Jimmi bu’uura guddaa keesseetti.

Magaalaan Jimmaa teessoofi giddugala Mootolee Shanan Gibee (Jimmaa, Gommaa, Geeraa, Gumaayifi Limmuu Innariyaa) ta’uun tajaajilaa turte. Jimmi har’as seenaa gaarii qabdu kunuunfattee, magaalaa ammayyooftuufi miidhagduu, giddugala daldalaafi turizimii Itoophiyaa lixaa ta’uuf saffisaan guddataa jirti. Nageenya amansiisaa qabaachuufi qabeenya uumamaatiin miidhaguu cinatti immoo pirojektota misoomaatiin ija namaa hawwataniin faayamteetti.

Jalqaba torban kanaattis jilli Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD)n durfamu misooma koriidarii, haaressa Masaraa Jimmaa Abbaa Jifaar akkasumas hojiilee misoomaa Magaalaa Aggaaroofi Bashaashaa daawwatee ture.

Daawwannaan boodas Doktar Abiyyi akka jedhanitti, yaadootni hojii hedduun ergifannaadhaan waan dhufaniif qabeenya biyyaattii sirnaan akka hinfayyadamne taasisu. Kun immoo qabeenya qabnuuf utubaa ta’uu hindanda’u. Yaada ergifatte qabeenya biyyaa waliin walsimsiisuu yommuu danda’amu garuu bu’a qabeessa ta’uu danda’a.

“Masaraan Jimmaa Abbaa Jifaar waggoota 100 oliif kan tureedha. Abbaan Jifaar nama ogeessa lammiilee isaaniifi uumamaaf yaadan turan. Waraanni akka hinuumamaneefis gatii guddaa kanfalaniiru. Naannawaansaanii akka miidhagetti ijoolleesaaniitti akka darbuufis hojjetaniiru.

Lammileensaanii daldalaaf yommuu deeman akka hinrakkanneefillee gamoo ijaaraniiruuf. Daldalaa beekamaas turan. Buna, xirinyii, ixaana, quyyisaafi zibaadii gurguruun beekamu. Maallaqa daldalarraa argataniinis biyya ijaaraa turan. Ammammoo ijoolleensaanii hojii eegalaniiru; ittifufa” jedhu.

Yaada abjuu fakkaatu kana fudhatanii hojjechuun yoo danda’ame, Itoophiyaa keessa magaalota kudhan, kudha shan ijaaruun akka danda’amu himanii, hawaasni naannawa Jimmaa yaadotaafi abjuuwwan kunneen akka dhalataniif qoodni qabu ummata Itoophiyaa hundaaf barnoota ta’uu akka qabu kaasu. Yaadni hordofaa gaarii yoo hinarganne akka hindhugoomneefi yoo jalqabamellee akka dhaabatu, diigamuufi boodatti deebi’u himu.

Yommuu hojiin koriidarii magaalaa Jimmaa hojjetamu manneen, bakka awwaalchaafi bakkeewwan hojii diigamuu ibsanii, yeroo kana garuu ummanni magaalittii beenyaa gaafachuurra yaadni qabame akka milkaa’uuf tumsuu dubbatu. Yaadichatti amanuunis maallaqa, yeroo, beekumsaafi humnasaa gumaachee hojiin kun akka dhugoomuuf qooda olaanaa ba’achuusaas ibsu.

“Ummanni Itoophiyaa hundis yaada, kaka’umsa hojii, jabinaafi cimina qabna. Kanaaf ammoo hordofaa gaarii yoo arganne, yoo waltaaneefi idaa’amne hojii bareedaa hojjechuu dandeenya. Namoonni yaada hinqabne callisnee odeessuurra yaada fudhanneefi hordoofnee osoo hojjennee ykn yaada filannoof ta’uu osoo dhiheessinee gaariidha. Ummata gurmeessaniifi hirmaachisanii biyya dhalootaaf gaarii taate osoo hojjechuu dandeenyee gaariidha” jedhu.

Nuti yaada fidnee, barreessinee hojiitti jijjirree agarsiisneerra kan jedhan ministirri muummichaa, yaada kana baay’isanii itti fayyadamuun yoo danda’ame Itoophiyaa keessatti waan dinqisiisaa uumuun akka danda’amu hojiin Finfinnee, Jimmaa, Gondar, Baahirdaar, Arbaaminciifi bakkeewwan biroo jiru agarsiiftuu ta’uu kaasu.

Lammileen Itoophiyaa hojii kana keessatti hirmaatan hunda galateeffatanii, keessumaa, seektaroonni dhuunfaa hojii invastimantii hedduu eegalan, ummanni jimmaa nageenya eegsiseefi tumsa taasise hunda addatti galateeffataniiru. “Waltaanee yoo hojjenne waan caalu arguu dandeenya. Rakkoo, hiyyummaa, idaa urgufachaa eebbaafi qabeenya ilmaan keenyaaf haa dabarsinu” jechuun dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa yaada fuula miidiyaa hawaasummaasaaniirratti kennaniin akka ibsanitti, misoomni koriidarii Magaalaa Jimmaa yaadonni jijjiiramaa hagam haala magaalotaa hundeerraa jijjiiraafi imala badhaadhinaa biyyaa fuulduratti tarkaanfachiisaa akka jiran ragaa bahuuf carraa kan uumedha.

Hojiileen raawwatamaa jiran, hoggansi dandeettii addaa dilbii hintuqamne arguufi wantoota akka qormaatatti ilaalaman gara carraatti jijjiiru argamnaan, badhaadhina biyyaa mirkaneessun raajii osoo hintaane, bu’aa yaadaafi gochaa ta’uu kan hubachiisanidha.

Haalli qabatamaan kallattiin jireenya ummataa fooyyesse kun kan uumame, akka hoggansaatti mul’ata jajjaboo qabaachuun qofaa osoo hintaane, kutannoofi cichoomina raawwii olaanaan kan deeggarame ta’uu kan mirkaneesse ta’uu ibsu.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin Qabeenya uumamaan badhaatuu kan taate magaalaa seenaqabeetti Jimmaatti hojiin misooma koriidarii eegalameefi haaroomsi masaraa Abbaa Jifaar mootummaan haaromsaa hambaaleefi hojii misooma koriidarii Finfinnee qofaatti osoo hintaane magaalota biyyattii biroottis eegaluun magaalota jiraattota isaaniif mijatoofi qulqulluu akka ta’an akkasumas hawwattummaan turizimiisaanii akka dabalu hojiiwwan baay’ee hojjechuurratti akka argamu fuula miidiyaa hawaasummaasaaniirratti ibsaniiru.

Keessuummaa simataafi nagaa jaalataa ummata magaalaa Jimmaafi naannawasaatiinis baga gammaddan jedhanii, hirmaannaa isaanii dorgomaa hinqabneen mul’anni kuni akka dhugoomu dandeessisuusaaniifi jaalala isaanitti agarsiisaniifis galateeffataniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017

Recommended For You