Dogommii ispoortii aadaa: Dirree sinboon dargaggummaafi fooliin Oromummaa itti calaqqisu

Magaalaan Shaashamannee tibbana qeerroofi qarree godinaalee Oromiyaa gara garaa keessaa baba’aniin miidhagdeetti. Dargaggummaan umrii murteessaa biyyi tokko itti ijaaramtu kanamalees sadarkaa Gadaa aadaan, duudhaafi sabboonummaan ummata tokkoo qeerroofi qarreen itti calaqqisu keessaa isa murteessaadha.

Mootummaan jijjiiramaas kana beekee dorgommii ispoortii aadaafi feestivaala aadaa sadarkaa naannootti waggaa waggaan akka kabajamu taasisaa kan jiru yoo ta’u, dargaggoonni eenyummaasaanii akka kabajan aadaafi duudhaa kanamalees sabboonummaa ummatichi qabu dhaloota dhufuuf akka dabarsaniif haala mijataa uumaa tureera.

Baranas dorgommiin ispoortii aadaa marsaa 30ffaafi feestivaala agarsiisa aadaa 17ffaa akka naannootti magaalaa Shaashamanneetti gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, sochichi sabboonummaa cimsuufi tokkummaa jabeessuu keessatti bakka olaanaa akka qabu dargaggoonni nikaasu.

Shamarree Marrituu Nageessaa Gujiirraa kan dhufte yoo ta’u, dhaloonni aadaafi eenyummaasaa hinbeekne sabboonummaa beeka jechuun hindanda’amu jetti. Sabboonummaa kanammoo qabatamaan agarsiisuufi dhaloota ittaanutti dabarsuuf ammoo shoorri qarreefi qeerroo ijoo ta’uu dubbatti.

Bu’uuruma kanaan Shamarree Marrituun uffata aadaa sabboonummaa Oromoo Gujii agarsiisuun faayamtee feestivaalicharratti kan argamte yoo ta’u, qophaa’uun sagantichaa Oromoon kallattiilee afraniin jiru akka walbaru karaa saaqeera jetti.

Dargaggoonni godinaalee Oromiyaa mararraa dhufan hundi calaqqee godinasaaniin of faayanii argamuunsaanii kan nama onnachiisuudha kan jette shamarree tun, ittigaafatamummaa dargaggoonni sabboonmmaafi eenyummaasaanii kabachiisaanii dhaloota dhufuuf dabarsuu keessatti qaban olaanaa ta’uu kaasti.

Dorgommiin ispoortii aadaafi agarsiisa aadaa kun gaggeeffamuun kan walhinbeekne akka walbaru, aadaa waliis akka beeku, aartii waliis akka baru haala kan mijeessu ta’uurra darbee Oromiyaa bal’oo dirree tokkorratti ilaaluuf kan gargaarudha jetti.

Dargaggoonni biyya ijaaruufi biyyasaaniif miidhagina ta’anis sirnoota darban keessa waan xiyyeeffannoo dhabaniif sabboonummaan aadaan, duudhaafi eenyummaan akka ukkaamamu ta’ee ture. Duuba kana garuu keessumaa mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee qeerroofi qarreen Oromoo kallattii afraniin walitti baba’ee dirree takkorratti gammachuusaa dhandhamaa jira.

Sirni amma aangoorra jirus bu’aa qabsoo hadhaa’aa qeerroofi qarree Oromoon argame waan ta’eef bakki dargaggootaaf kennamaa jiru kan nama jajjbeessuudha. Dargaggeessi sirnaan kunuunfamee qaramee guddannaan biyyasaas kabachiisuu danda’a.

Haata’u garuu dargaggoo keenyaaf bakka kennuu dhabuun nama dhuunfaa qofa osoo hintaane biyyallee waan miidhuuf tattaaffii dargaggoota ispoortii aadaafi feestivaala agarsiisa aadaan walitti fiduu kun gabbata adeemuunsaa guddina biyyaafillee bu’uura kan buusuudha. Ispoortiin aadaa gabbataa deemuun dhaloota sammuun qaroome qaamaan ijaarameefi qorqalbiin of gahe horachuu keessattis shoora guddaa taphata.

Ani ammaa Godina Gujiirraan dhufe. Uffata aadaa, meeshaalee aadaafi maalummaasaanii sirriittin beeka. Qarreen Oromoo godina biraas kan ofii beekti. Haata’u garuu kan walii walii keenyaa walbarsiisuun tokkummaa keenya kan cimsu, aadaafi sabboonummaa keenyas kan guddisuudha jetti Shamarree Marrituun.

“Fakkeenyaaf faayi mataa koorra jiru Uttoo jedhama. Faaya mataa ofii ittimiidhagfatan shamarreenis, kan heerumtes ittiin faayamtee baatudha. Kan morma koorratti mul’atu kunimmoo Callee jedhama faaya mormaati kan shamarreen miidhagdee ittiin bashannantuudha.

Uffannin uffadhe Borroo jedhama. Uffata shamarran ittiin miidhaganii bahanidha. Siiqqoon ulee shamarreen harkatti qabattee deemtuudha. Kan harkakkoorra jiru ammo Aanannoo jedhama. Aanannoon meeshaa aannan ittiin dhugamuudha.

Kanin mudhii kiyyatti baadhee jiru kun ciicoo jedhama. Ciicoon meeshaa dubri gaafa heerumtu aannan itti naqattee deemtuudha. As keessatti agarsiistuu aadaafi duudhaa godina tokkoo ibsuun walqabatee ittigaafatamummaan dargaggootarra jiru daran olaanaadha kanan jedheef kanaafi; achi bahee beeksisuu, agarsiisuu kan qabu nuyi waan ta’eefi.

Dargaggeessi imaanaa abbootiisaarraa dhaale dhaloota ittaanutti dabarsuu keessatti bakka olaanaa qaba. Kanaaf miidhagnee faayamnee dhufnee obboleeyyan keenya godinaalee Oromiyaa biroorraa dhufan waliin gaafa dirreetti baanee mul’annu Oromummaan miidhagummaadha isa jedhu qabatamaan agarsiisna”.

Miidhagina Oromummaa gadi baasnee mul’isuuf dhaloota xiiqii ta’uun murteessaa yoo ta’u, imaanaafi ittigaafatamummaa dhaloonni darban kan har’aatti laatan kan egereetti dabarsuu keessatti hojiin dargaggootaan hojjetamaa jiru kan nama jajjabeessuudha.

Sirnoota darban keessa sabboonummaa, aadaafi duudhaa ofii gadi baasanii agarsiisuu mitii Afaan Oromoollee dubbachuun akka yakkaatti ilaalamaa tureera.

Amma garuu sirni aangoorra jirus sirna bu’aa qeerroofi qarree Oromoo waan ta’eef ilaalcha gadi qabaa cabsuun dargaggoonni ibsaa biyyaa akka ta’aniif haala mijeesseera. Yeroo ammaatti haala kanaan miidhagnee baanee yoo dirree miidhagsinu bagan Oromoo ta’e akka jennu nutaasiseera.

Oromummaan miidhagummaa, sabboonummaafi agarsiistuu eenyummaa ta’uu akka hubannu nugargaareera. Sosochiin dargaggoota godinaalee Oromiyaa mara ispoortiin waliitti fidanii walbarsiisuu kun cimuun ijaarsa biyyaa keessatti murteessaa waan ta’eef ammallee cimuun irra jiraata.

Sosochiin sadarkaa naannootti gaggeeffamaa jiru kun sadarkaa biyyaattis gaggeeffamuun Itoophiyaa jechuun maal jechuu akka ta’e, eenyufaa akka ta’e dirreerratti kan walbarsiisu yoo ta’u, garaagarummaa jiru kan dhiphisu ta’uusaaf agarsiistuu guddaadha.

Dhaloonni sadarkaa dargaggummaarra jiru kun hamma biyya tokko qabutti garaagarummaa yaadaa dhiphisuun ijaarsa biyyasaaf walfaana hiriiruu qaba. Garaagarummaan miidhagina ta’uu dhaloonni sadarkaa dargaggummaarra jiru bareechee beekuu qaba.

Godinaaleen Oromiyaa hundi miidhaganii faayamanii walleefi dhiichisaan lafa sochoosanii sagalee tokkoon Oromiyaa yoo olkaasan dargaggeessi humna guddaa akka qabu ifatti agarsiiseera.

Ijaarama biyyaafimmoo bu’uuraafi murteessaa waan ta’eef sochii qaama cimsuufi sammuun qaroomsuu ispoortii aadaan walqabsiisanii walitti fiduun daran nama gammachiisa.

Ministir De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad gamasaaniin dargaggummaan umrii miirri ittigaafatamummaa horatamu waan ta’eef haalaan bocamee qaramee guddachuu qaba jedhu.

Mootummaanis kana bu’uura godhachuun waldorgommii aadaafi feestivaala aadaa waggaa waggaan sadarkaa naannoo hanga biyyaatti gaggeessaa jiraachuu kaasuun, alatti sochichi egeree biyyaaf dhaloota baallii fudhatu horachuu keessatti bakka olaanaa kan qabudha.

Humni kun haalaan qabamee yoo ijaaramaa deeme biyyi keenyas kan ijaaramtu yoo ta’u, sosochiin kun cimuunsaa xiyyeeffannoon dargaggootaaf kennamu olaanaa ta’uusaaf agarsiistuu guddaadha. Dargaggoonni keenya gama hawaasummaafi siyaasdinagdeen ijaarsa biyyaa keessatti qooda fudhachuun murteessaa yoo ta’u, bu’uuruma kanaan hoggansa keessattis gaheesaanii taphachaa jiru.

Sirna kana dhaluu keessatti dargaggoonni aarsaafi wareegama cimaa kaffalaniiru mootummaanis kana beekee fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf humna guutuun hojjetaa jira. Dargaggummaan umrii murteessaa ofiis ta’e biyya ofii ijaaruu keessatti nama tajaajilu yoo ta’u haalaan kunuunfamuu baannaan biyyaaf balaadha.

Walumaa galatti dargaggoonni keenya qaamaa fi sammuun ijaaramanii akka bahaniifi ilaalchaanis qoraafamanii akkasumas qaramanii akka bahaniif sosochiin dorgommiifi feestivaalli aadaa yeroo yeroon qophaahaa jiru kun murteessaa waan ta’eef yoomuu caalaa cimee irratti hojjetamuun dhaloota biyyasaaf wabii ta’e horachuuf carraaqama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017

Recommended For You