Waldaalee hojii gamtaa: Utubaa hawaas-dinagdee biyyaa

Waldaaleen hojii gamtaa biyya keenyatti daboodhaan, jigiifi akkasumas afooshaafi wantoota hojiilee namni dhuunfaa tokko jireenyasaa fooyyeeffachuuf taasisu namoota biroo waliin walitti hidhuu danda’an gara garaa bu’uura waldaalee hojii gamtaati.

Biyyoota guddataniifi yeroo ammaa kana guddina diinagdeetiin sadarkaa olaanaa irra gahan keessattis taanaan waldaaleen hojii gamtaa akka utubaafi guddina dinagdeesaanii isa ijootti kan ilaalamu yoo ta’u, shoorri waldaaleen hojii gamtaa hawaasa biyya tokkoo keessatti qaban kan gama dinagdeetiin miseensota waldichaatiif darbees kan biyya sanaaf buusan qofa osoo hintaane, sochii hawaasummaafi siyaasaa keessatti shoora olaanaa bahachaa akka turan seenaan biyyoota guddatanii ni agarsiisa.

Waldaalee hojii gamtaatiif akka ka’umsaatti kan gargaaran ammoo waldaalee hojii gamtaa bu’uuraati. Waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa qonnaan bultoota yookiin omishtoota daka, bakka hojii ijoon itti hojjatamutti argaman yemmuu ta’an, qonnaan bultootni kunniin akkuma lafa qonnaa dhuunfaa dhuunfaasaaniitti qaban, lafa qonnaa walitti buusanii waliin qotan horachuudhaan hojii waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa hundeessaniidha.

Lafti qonnaa qonnaan bultootni yookiin omishtootni fuduraafi muduraa gara garaa dhuunfaa dhuunfaasaaniitti cinatti waliisaaniitiif waliin qotan gaafa gahes waliin ta’anii sassaabuudhaan olkaa’u. Sanyiin qonnaan bultootni waliin omishanii waliisaaniitiif olkaa’atan kun immoo gaafa rakkoon isaan mudateef kan ooluudha.

Haalli kun hundaa’uu waldaalee hojii gamtaa bu’uuraatiif akka ka’umsaatti kan ilaalamu yoo ta’u, hojiin isaanii kun immoo faayidaa gama dinagdee miseensota waldichaatiif kennaniin osoo hintaane, amala gaariifi naamusa namni tokko qabaachuu qabus akka gonfataniif shoora guddaa kan taphatuudha.

Nageenyaafi tasgabbii naannawa tokkoo eegsisuufi kabachiisuu keessattis shoorri waldaaleen hojii gamtaa bahataniifi bahachaa jiran olaanaa yemmuu ta’u, namni tokko hojjatee ofiisaatiifis ta’e biyyasaatiif kan bu’aa buusuu danda’u yemmuu nageenyi amansiisaan hojiif mijatu jiraate qofa waan ta’eef dhimma nageenyaarrattis adda durummaadhaan kan hirmaatan akka ta’antu eegama.

Ummata sababoota gara garaatiin bittinnaa’ee ture walitti qabuufi tokkummaa faayidaa gama hundaa walqixxummaafi walamantaarratti hundaa’e uumuu keessattis shoora bakka hinbu’amne kan qaban waldaaleen hojii gamtaa, rakkoo waloosaanii irree walootiin dura dhaabachuuf jecha haala fedhii miseensota tokko tokkoo waldaaleetiin kan hundaa’uudha.

Waldaan kamuu kan hundeeffamuu danda’u fedhii waloo miseensotaarratti hundaa’ee qofa osoo hintaane, tokko tokkoon hojiiwwan ijoo waldichaarrattis hirmaannaafi sagaleen miseensonni waldichaa qaban hundi walqixaafi kan walhincaalleedha.

Yommuu biyyoota guddataniifi guddachaa jiran hedduu ilaallu dhimmootni guguddoon biyya tokko keessatti dhageettiifi sagaleen waldaaleen hojii gamtaa qaban olaanaa yoo ta’u, biyyootuma ollaa Itoophiyaa keessaa ishee takka kan taate Keeniyaa osoo fudhannee bakka bu’ootni ummatashii sadarkaalee gara garaatti ummata bakka bu’anii manneen maree sadarkaadhaan jiraniif dorgoman irra caalaansaanii hoggantoota waldaalee hojii gamtaati.

Heerri biyyattiis namni tokko miseensa mana maree ummataa ta’ee filatamuuf miseensaafi hoggansa waldaalee bu’uuraarraa hanga, waldaalee hojii gamtaa, federeeshinii hojii gamtaafi liigiitti jiranii ta’uu akka qaban ifatti taa’eera.

Caasaalee waldaalee hojii gamtaa biyya tokkoo keessatti qaamni olaanaafi mataa waldaaleefi federeeshiinotaa walitti hidhee hogganu liigiin jiraachuunsaa dirqama. Biyya liigiin waldaaleefi federeeshiinota waldaalee hojii gamtaa hinjirretti immoo jiraachuun waldaalee bu’uuraafi waldaalee hojii gamtaatuu gaaffii keessa kan galuudha.

Akka biyya keenyaattis yeroo ammaatti waldaaleen hojii gamtaafi bu’uuraa akkasumas federeeshinootni naannolee fakkeenyaaf akka Oromiyaatti jiraniin ala akka biyyaatti liigiin waldaalee hojii gamtaa biyyaalessaa hanga ammaatti jiraachuu dhabuun hojiilee guguddoo waldaaleen hojii gamtaatiin biyya kanatti hojjatamaa jiraniif hamilee gaarii hinta’u.

Shoora waldaaleen hojii gamtaa dinagdee biyyattii keessatti qaban daran cimsuuf waggaa waggaadhaan guyyaa waldaalee hojii gamtaa kan kabaju ofiisaatiifi bu’aa waldaalee hojii gamtaa kan ta’e Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, baranas guyyaa waldaalee hojii gamtaa 6ffaa mataduree, ‘’Waldaalee hojii gamtaa, qajeelchitoota egeree hundaa” jedhuun Magaalaa Adaamaatti kabajee ture.

Akeekni kabajamuu guyyichaas gahee waldaaleen hojii gamtaa guddina hawaas-dinagdee biyya tokko keessatti qaban beeksisuufi walta’iinsa sosochii waldaalee hojii gamtaafi qooda fudhattootaa cimsuuf kan gargaaru ta’uu Gaggeessaan Hojii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Darribee Asfaawu ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti; sochii dinagdee biyyattii keessatti qaamolee hirmaannaa olaanaa taasisaa jiran keessaa warroota sadarkaa duraarratti argaman keessaa waldaaleen hojii gamtaa sadarkaa duraarratti argamu.

Waldaaleen hojii gamtaa hundi qajeeltoowwan waldaalee hojii gamtaa hunda kabajuudhaan, iftoomina, bulchiinsa gaarii, hirmaannaafi fayyadamummaa miseensotasanii mirkaneessuudhaaf sochii isaan taasisan hunda deeggaruudhaaf Baankiin Hojii Gamtaa humna guutuudhaan hojjataa tureera ammas ittuma fufa.

Baankichi mul’ata hawaasa humneessuu, sadarkaa guddinaa jijjiiruu, waldaalee cimsuufi deeggarsaafi hordoffii walirraa hincitne kennuun kallattiidhaan kaayyoo hundeeffama baankichaatiin kan walitti dhufu waan ta’eef dhimmi kun hojii kutannoofi xiyyeeffannoo addaatiin hojjatamaa jiruudha.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa tajaajila faayinaansii waldaalee hojii gamtaatiif kennaan jiru cinatti dandeettiifi gahumsa waldaalee hojii gamtaafi qonnaan bultootaa cimsuuf leenjiiwwan gara garaa kennaa kan jiru yemmuu ta’u, haala kanaanis waldaaleen hojii gamtaa hojii dhiheessiifi raabsaa guddiftuu, callaa aadaa qusannoo hawaasaa cimsuufi hojiiwwan alergiirratti bal’inaan hirmaatanii sharafa alaa akka argamsiisaniif hojiin deeggarsaa cimaan taasifamaafii jira.

Gama leenjii kennuutiin yemmuu ilaalamu baankichi waggoota afran darbanitti ogeeyyota ejensii waldaalee babal’ina hojii gamtaa Oromiyaa irraa kaasee hanga sadarkaa aanaafi magaalaatti jiran akkasumas qonnaan bultoota adda duree ta’aniif leenjii barbaachisaa ta’e kennuudhaaf qarshii miliyoona 41 ta’u baaseera. Haala kanaanis waldaaleen hojii gamtaa 1387fi qonnaan bultootni kuma 13fi 362 ta’an fayyadamoo taasisuun danda’ameera.

Waldaaleen hojii gamtaa yeroo ammaa kana miseensotasaaniitiif galii dabalataa uumuu bira darbanii namoota birootiifis sadarkaa carraa hojii bal’aa ta’e ittiin uuman irra gahuusaanii Ittigaafatamaan Waldaa Hojii Gamtaa Raaree Horaa Obbo Musxafaa Saalii ni dubbatu.

Waldaansaanii Godina Harargee Bahaa naannawa Magaalaa Maayaatti akka argamu kan himan Obbo Musxafaan, guddinni waldaasaanii yeroorraa yerootti fooyya’aa dhufuudhaan yeroo ammaa dargaggoota naannawichaa hedduuf carraa hojii uumuun danda’amuus ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti; Waldaan Raaree Horaa yeroo ammaa hojii omishaafi raabsaa kuduraa biyya keessatti taasisaa ture gara daldala alergiitti galuuf yeroo ammaa qophii hunda xumureera. Yeroo gabaabaa keessatti heyyama alergii xumuruudhaan fuduraafi mudura gara gabaa alaatti erguuf yeroo muraasa qofatu nu hafe.

Walumaagalatti; guddina hawaas-dinagdee biyya tokkoo keessatti shoora olaanaa kan qaban waldaaleen hojii gamtaa, akka isaan cimanii hojii gabaa tasgabbeessuufi alergiirratti bobba’an deeggaruun murteessaadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017

Recommended For You