“Maqaa qabsootiin nama nagaa karaarraa qabanii maallaqa gaafachuun, ajjeesuun Itoophiyaaf qaaniidha; ummannis warra hidhatee isa saamaa jiru kana ofirraa qolachuu qaba” -Ambaasaaddar Kumaa Dammaqsaa

Oromoon qe’eefi qabeenyasaarratti kabajaafi abbummaasaa mirkaneeffatee sabaafi sablammii waliin waldanda’ee jaalalaan akka jiraatuuf kanamalees akka dimokraasiin lafa qabatuuf fincila diddaa gabrummaa keessatti qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa taasisaa kan turan tokko lama miti.

Dhiibbaa sirnoonni darban Oromoorraan gahaa turan ofirraa qolachuuf qabsoo taasifamaa ture keessatti hedduun lubbuusaanii qaalii wareeganii seenaa hindabarre dhalootaaf olkaa’aniiru. Kaan qaamasaanii itti dhabaniiru. Kanneen biroo biyyaa ari’amaniiru.

Sirnoonni balaafamoo cunqursaa qaqqabsiisaa turan sirna atseewwaniirraa kaasee hanga Dargiitti qabsoofi wareegama hadhaa’aa qabsaa’otaan dabareesaanii eeganii erga hundeedhaa buqqa’anii as ukkaamsaan sabaafi sablammiileerratti raawwatamaa ture akka dhaabatuuf haala mijeesseera.

Mirgi afaan ofiin barachuu, aadaa ofii guddisuu, sadarkaa naannootti ofiin of bulchuu waan eegalameef jijjiiramoonni tole nama jechisiisu biqiluu, daraaruufi ija godhachuu danda’aniiru.

Bu’uuruma kanaan Oromiyaa kaleessaafi har’aa yaada jedhuun gaafdeebii qondaala siyaasaa umriisaanii guutuu Oromoofi Oromiyaaf kennuun waggoota 40 oliif hojjetaa turan tokko keessummaa godhanneerra.

Faanni imaltuu keessummaa keenya, Gaazexaa Bariisaa alanaas gara qe’ee Caalii Shooneefi Firrisaa Abbaa Waggaa, biyya Abbaa Gammachiis, Deessuu dubree Bilillee nugeessiti.

Qabsoo fincila diddaa gabrummaa sadarkaa gadiirraa kaasuun, qindeessuun ala DhDUO hundeessuufi hogganuu hanga caasaa hoggansa mootummaa ministeeraa gara garaa, sanarras darbee ambaasaaddara biyyoota shanii ol ta’uun tajaajilaa kan turan Obbo Kumaa Dammaqsaan eenyu? Eessatti dhalatanii guddatan Oromiyaa kaleessaafi har’aa akkasumas imala qabsoosaanii ilaalchisuun gaafdeebiin isaan waliin taasisne kunooti.

Bariisaa: Ambaasaaddar Kumaa Dammaqsaa eessatti dhalattanii guddattan, haalli guddina keessanii maal fakkaata?

Ambaasaddar Kumaa: Dachee Oromiyaa, Godina Iluu Abbaabooraa, Aanaa Goree, Ganda Quufii jedhamuttan dhaladhee guddadhe. Hanga umriinkoo barnootaaf gahutti akkuma ijoollee naannawaa maatii kiyya tajaajilaa sana boodammoo gara addunyaa barnootaattin seene.

Bariisaa: Barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa eessatti barattan?

Ambaasaaddar Kumaa: Jalqaba mana barumsaa qeesii galeen ture. Achittan qubee lakkaa’uu eegale. Duubarra gara mana barumsaa idileetti deebi’uun sadarkaa 1ffaa Bureettin baradhe. Sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Goree Sadarkaa 2ffaattin xumure.

Bariisaa: Daa’imummaarraa kaastanii qabsoo siyaasaa keessatti qooda fudhataa turuu keessan odeeffannoon jira kun hammam dhugaadha?

Ambaasaaddar Kumaa: Dhugaa dubbachuuf siyaasni gadi fageenyaan naa galuu baatus umrii daa’imummaa jechuunis wayitan kutaa 8ffaa baradhurraa kaasee warraaqsa siyaasaa manneen barnootaatti gaggeeffamu keessatti adda durummaafi qindeessummaan gaggeessaan ture, yaadichi sirriidha.

Kutaa 8ffaa taa’ee hiriira mormii qindeessaan ture. Yeroo sana nan yaadadha mootummaan Hayilasillaasee kufuutti dhiyaateera.

Kufaatii sirna Hayilasillaasee hordofeen miseensa Ihaappaa ta’uun sadarkaa konyaatti (awuraajjaatti) hojjetaan ture.

Mootummaa abbaa irree Dargii kuffisuuf jecha qabsoo yeroorraa yerootti gaggeeffamaa ture keessattis hirmaannaa cimaa taasisuun hanga umriin sirnichaa gabaabbatee awwaalamutti warraaqsa fincila diddaa keessatti qindeessummaan gaggeessaan ture.

Bu’uuruma kanaan Dargiin humnasaa jabeeffatee nu adamsuu jalqabnaan dhaabni Ihaappaa waan diigameef irra deebiin Warraaqsa ykn Sochii Dimokraatawaa Ummattoota Itoophiyaa keessatti 1973 hanga 1983tti waggoota 10f qooda fudhachaan ture.

Bariisaa: Paartiileen Sochii Dimokraatawaa Ummattoota Itoophiyaa farra Dargii ta’e sun sabaafi sablammiin kan ijaaramedhaa?

Ambaasaaddar Kumaa: Eeyyee dhugaa dubbachuuf Dargiin farra sabaafi sablammii ture bu’uuruma kanaan sirna kana dhabamsiisuuf ijaaramnee Walloo, Gondar keessumaa bakka Armaacihoo jedhamu keessa socho’aa qabsootti turre. Duubarra waan ABUTs sagantaasaa fooyyessee dhiyaateef tokkoomnee kufaatii sirna Abbaa Irree Dargii saffisiisnee awwaaluu dandeenyeerra.

Bariisaa: Bara sana ABO wajjin hojjechuuf hin yaallee laata?

Ambaasaaddar Kumaa: Dargiin osoo hinkufiin Kaartuum deemnee nu waliin akka hojjetaniif qaamaanis xalayaadhaanis gaafanneerra. Warra sana keessaa kanneen lubbuun jiran jiru. Kanneen darbanis jiru. Kun dhugaa lafa jiruudha.

Dhugaa dubbachuuf deebiin yeroo sana nuu kenname hammaataa ture. Isin eenyu taatanii osoo kallachi qabsoo Oromoo, ABOn jiruu dhaaba biraa hundeessuun maali? Yoo feetan sagantaa keessan kana diigaatii nutti makamaa yaada jedhu nuu kaasan.

Hudhaa kana furuuf mariitti seenne. Nuyi sabaafi sablammiilee dabalannee Dargii kuffisuun dimokraatawaa taanee waliin jiraanna. Haata’u garuu hacuuccaan kan nutti cimu gabrummaan kan nurraa hinbuune taanaanimmoo waliin qabsoofna yaada jedhu kaasneefii ABO’n ammoo qofaa qabsoofnee cinnee Rippablikii Oromiyaa ijaarra yaada jedhuun waliigaluu dhabnee gara ADWUI ijaaruutti deebine jechuudha.

Bariisaa: Kanneen ADWUIn Oromoof hinhojjenne jedhan jiruutii isin maal jettu?

Ambaassadar Kumaa: Dhaabni ADWUI kan hundaa’e xiiqii guddaadhaani. Xiiqiin kunis ummanni Tigree miliyoona sadii hinguunne tokkoomee bilisummaasaa labsate. Nuyi hagas mara baay’annee duubatti hafuun maali yaada jedhuun hojiitti seenne.

Sababa ABOfi DhDUOn qindoomuu dadhabaniif mootummaa ta’uu hindandeenye. Kun akka Oromootti booddeetti nuharkiseera. Ejjennoo ummanni kamuu yoo gurmaahe, ijaarame ni injifata, cehuu dandaha jedhuun ji’a saddeet keessatti DhDUO sagantaa keenya qopheessinee hojiitti seenne.

Loltuunis of ijaarree lola Dabramaarqoos, riqicha Abbaay, lola Hangar Guttin keessatti Dargii waliintaasisnee injifannoo guddaa galmeessisneerra. Gabaabaatti DhDUOn seenaa boonsaa ijaan mul’atu kan seenaarraa dubbifamu dhalootaaf olkaahee kan darbe malee akka namoonni muraasni kaasan kan komatamu miti.

Bariisaa: Erga Dargiin kufee mootummaa ce’umsaa hundeessuuf wayita hojiitti seenametti ABOfi DhDUOn qindoomanii mootummaa ta’uu hindanda’uuyyuu?

Ambaasaaddar Kumaa: Bara 1983 erga Dargiin kufee waltaanee mootummaa  ta’uu dandeenya turre. Bu’uuruma kanaan ejjennoo ABO cinatti dhiisuurra jedhuun ofitti fidnee mootummaa ce’umsaa ijaaruuf biyya alaatti nama erginee waamsisne.

Battala sana lolli xumuraa Dambidoollootti gaggeeffamaa ture. Duubarra injifannoon goolabnee ABOf bakkicha kenninee lola Amboofi Daseetti deebine.

Hunduu xumuramee ABO dabalannee paartiilee shan maqaa Oromootiin socho’an waliin marii taasisaa turre. Mariin sun garuu DhDUOfi kanneen biroo ABO jala galchina yaada jedhutu ka’e. Kanarratti waldhabdeen mudatee faffaca’amus DhDUO ejjennoosaa cimsuun guyyaa kana akka agarruuf bu’uura buusuu danda’eera.

Bariisaa: Hundaa’uu dhaaba DhDUO irraa Oromoon maal argate jenna?

Ambaasaaddar Kumaa: Hundaa ol Oromoon dheebuu nageenyaa qaba ture. Loltoonni hundi meeshaaleesaanii lafa buusanii tasgabbii nageenya waaraa dheebotaa ture dhandhamuuf lakkoofsa tokkoffaan isa ture.

Dargaggoon waraanarraa gara barumsaatti deebihu oolanii buluuf dheebuun jiru olaanaa waan ta’eef kun sagantaa dhaabichi qabatee ka’eefi milkaaheedha.

Lammaffaan dhimma jiraachuu dimokraasii ture. Kunis ofiin of bulchuu naannoo ofiirratti hogganuu, filannoo gaggeessuu, afaan ofiin dubbachuu aadaa ofii guddisuun mirkanaa’e.

Sadaffaan Oromoon lafasaarratti ciisanyaa jedhamee murna isarra ciisee isa nyaatu soora ture. Sun cabee Oromoon lafasaarratti abbummaafi kabaja argatee misoomatti seenee fayyadamummaasaa akka mirkaneeffatu ta’eera. Kun injifannoo haalamuu hindandeenyeedha.

Bariisaa: DhDUOfi dhimma Finfinnee yoo kaasnu dhaabichi abbummaa Finfinnee deebisiisuuf hinhojjenne jedhamaatii isin dhimma kana quba qabduu, hammamis itti deemtaniittu?

Ambaasaaddar Kumaa: Fala yeroo battalaa kennuuf jecha hojii hojjetameen abbummaan Finfinnee heerarra taa’ee jira. Ta’us akkamiin raawwatama hiikni jedhu itti hinkennamne. Kun furamuu dhabuun rakkoo ture.

Bariisaa: Ejjennoo DhDUOn yeroo sana dhimma abbummaa Finfinneerratti qabu maal ture?

Ambaasaaddar Kumaa: Ejjennoon dhaabichaa ifaadha. Finfinneen qe’ee Oromoo Tuulamaati.

Oromoo hedduutu irraa buqqa’e, magaalattiin lafee Oromoorratti kan hundoofte waan ta’eef Finfinneen teessuma Gamtaa Afrikaa, magaalaa guddoo biyyattii taatus kan heerarratti faayidaa addaa jedhamee barraa’e mataansaa kan Oromiyaa ta’uusheef agarsiistuu guddaadha.

Bariisaa: Oromoon Finfinneerraa mirga abbaa biyyummaamoo faayidaa addaa gaafata?

Ambaasaaddar Kumaa: Oromoon kan barbaadu mirga abbaa biyyummaati malee faayidaa addaa miti. Dhimmi faayidaa addaa jedhu dhimma hiikkaa heeraa barbaaduudha jechuukooti. Kan Oromoo ta’uusaatiif seenaatu ragaa baha. Anis kanumattan amana. Kan ofiitti abbummaatu gaafatama.

Kana jechuun sabaafi sablammiin keessa hinjiraatan jechuukoo miti. Giddugala biyyaa taatee hintajaajiltu jechuukoo miti. Garuu abbummaanshee kan Oromooti. Kun ifatti hojiirra ooluu qaban jedha.

Bariisaa: Imala qabsoo, jiruufi jireenyaa keessan keessatti wanti garaa isin nyaatuufi osoo hinhojjetiin na hafe jettan jiraa?

Ambaasaaddar Kumaa: Dhugaa dubbachuuf caasaa gadiirraa kaasee hangan soorama bahutti ergama natti laatameefi ogummaan qabuun waakkii tokko malee Oromoofis biyyakoofis hojjedheera. Miira gammachuufi hiikamaa ta’ee hojii narraa eegamu hojjedheera.

Taayitaa natti laatameen ummatakoo tajaajiluuf waanan itti amane hojjedheera. Waan itti hinamanne hinhojjenne. Kanaaf ta’e jedhee waanan osoo hinhojjetiin hafeefi garaa na nyaatu hin qabu.

Bariisaa: Sirna jijjiiramaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamuttin isin deebisaatii achi keessatti qooda fudhattaniittuu?

Ambaasaaddar Kumaa: Ani qaama jijjiiramichaati. Bu’uuruma kanaan qorannaa gadifagoo akka dhaabaatti gaggeessinee rakkoofi burqaan rakkoo adda baheera.

Bu’uuruma kanaan waliigaltee ADWUI cabsuun akka dhaabaatti tarkaanfii fudhachuu keessumattuu Dura Taa’aa Dhaabaa, Pirezidaantii Oromiyaafi Ittaanaarraa aangoon akka ka’u ta’e miidiyaan darbe.

Tarkaanfiin kun gama naannoo Tigraayiifi Amaaraatiin fudhatamuu hinqabu ture yaadni jedhu ka’ee ture. Ta’us tarkaanfii fudhatame hordofuun warraaqsi dargaggootaas waan cimaa deemeef qabsichi cimee finiinuun Mnistirri Muummee yeroo sanaa Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany akka aangoo gadhiisan ta’uufi jijjiiramichi akka milkaa’u ta’eera.

Jijjiiramichi dhufuunsaa kan nama gammachiisuudha, hirmaachisummaafi walqixxummaan akka mirkanaahu, dimokraasiin milkaahu ta’eera.

Bariisaa: Jijjiiramicha gama sabaafi sablammiilee dagataman hirmaachisuutiin akkamitti ibsitu?

Ambaasaaddar Kumaa: Dhugaa dubbachuuf jijjiiramichaan sabaafi sablammiileen dagataman yaadatamaniiru. Hirmaannaa isaan dhaaba keessatti qaban kanaan dura ukkaamsaa ture. Amma garuu jijjiiramichi isaan hirmaachisuun akka walqixxummaan lafa qabatu ta’eera.

Bariisaa: ABUT jijjiirama booda waraanatti akka galu kan isa kakaase maalidha jettu?

Ambaasaaddar Kumaa: Aangoon ijoo ta’e marti isaan harka ture. Saamichi hammaataanis raawwatamaa ture. Jijjiiramaa booda waan balballi kun itticufameef waraana filannoo godhatan. Gatiis kaffalaniiru. Waraanichi kan ka’uu hinmalle ture.

Haata’u garuu oftuulummaafi mirgi aangoo murteessaa ta’e kan ofii godhachuu akkasii kun walqixxummaafi tokkummaa kan diiguufi dhalachuu waraanichaatiif sababa ta’eera. ABUT garaagarummaasaa mariidhaan furatee jijjiirama akka biyyaatti dhuferraa qooddachuu osoo maluu diddaa uumeen miidhaan qaqqabe gatii hinmalle kaffalchiisus jijjiiramicha hanbisuu hindandeenye.

Bariisaa: Milkaa’inoota gama misoomaafi dippilomaasiin mootummaan jijjiiramaa galmeessisaa jiru akkamiin ibsitu?

Ambaasaaddar Kumaa: Dhugaa dubbachuuf gama misooma qamadiin, inisheetiivotaafi misooma koriidariin jijjiiramni galmaa’aa jiru daran kan nama onnachiisuudha.

Gabaasaan osoo hintaane arganii dubbachuufi ibsuun kan danda’amu yoo ta’u, ammas dachee qabeenya uumamaan badhaadhe waan qabnuuf cichinee hojjennee biyya badhaate ijaarrachuuf tumsuun nurraa eegama.

Ummanni keenya dammaquu qaba. Qabeenya uumamaa uumaan kenneefitti fayyadamee misoomsuu qaba. Eeggattummaafi hiyyuma seenaa gochuu qaba. Dhugaa dubbachuuf qabeenya uumamaa keenyatti haalaan fayyadamnaan biyyi keenya yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama addaa galmeessisuu dandeessin jedha.

Gama dippilomaasiinis tarkaanfii fudhatameen Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ taateetti. Balbala galaanaa argachuufis hojiin hojjetame laafaa miti. Hariiroo biyyoota ollaa Itoophiyaa jiran waliin taasifameenis imalli deemame jajjabeessaadha.

Dabalataanis liigii Arabaatti makamuun hawaas dinagdeefi siyaasaan faayidaashii kabachiifachuuf tattaaffii Itoophiyaan taasisaa jirtu kan nama jajjabeessu waan ta’eef hojiin gama dippilomaasiin hojjetamaa jiru daran kan jajamu yoo ta’u, ammallee ciminaan kan irratti hojjetamuu qabudhan jedha.

Mootummaan jijjiiramaa amma aangoorra jiru yeroo gabaabaa keessatti milkaa’inoota guguddaa galmeessisaa jira. Kun kan nama gammachiisudha. Ummanni keenyas faana hiriiree humneessuun akka jijjiiramichi fiixaan bahuufi badaadhinni yaadame galmaan akka gahu abdiin qaba.

Bariisaa: Hudhaa jijjiirama kana qoraa jiruufi furamuu qaba jettan jiraa laata?

Ambaasaaddar Kumaa: Rakkoon nageenyaa keessumaa qaamolee hidhatanii socho’aniin qaqqabaa jiru hudhaa biyya keenya qoraa jiruudha. Hudhaan kun xiyyeeffannoo argatee hiikamuu qaba. Salphaattis ilaalamuu hinqabu; sababnisaas gufuu dimokraasii, walqixxummaa, nageenyaafi misoomaa waan ta’eef. Osoo hudhaan kun furamee imalli jijjiirama biyyattii daran kan nama jajjabeessuufi egeree biyyaafillee kan abdiin itti horatamuudha.

Bariisaa: Kaayyoon namoota hidhatanii qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiranii kun ifatti beekamaa?

Ambaasaaddar Kumaa: Kaayyoofi tarsiimoon qabsoosaanii hinbeekamu jechuun nidanda’ama. Oromiyaa keessattis ta’e naannoo Amaaraatti qaamonni hidhatanii socho’an saamicha, nama ukkaamsanii maallaqa gaafachuu, ajjeechaa, humnaan gudeeduufaa raawwatu. Kunimmoo foolii qabsoo ofirraa hinqabu.

Maqaa qabsootiin nama nagaa karaarraa qabanii maallaqa gaafachuun, ajjeesuun Itoophiyaaf qaaniidha. Qaamonni qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiran akkuma obboleeyyansaanii karaa nagaa galuu qabu. Yoo kun hintaane tarsiimoofi kaayyoo tokko malee hidhatanii ummata saamuun ajjeesuun seermaleessummaa waan ta’eef ummannis callisaanii ilaaluu hinqabun jedha.

Tarkaanfiin garajabummaa ummatarratti qaamolee hidhatanii socho’aniin fudhatamaa jiru hammaataa waan ta’eef ummanni Oromoos Amaarris nagaha jedhee ofirraa deebisuu qaba. Murnoonni kunniinis ummata saamanii ofii duroomaa jiru. Namni dhumaa jira. Kanaaf alseerummaan kun dhaabachuu qaba. Ummanni mootummaa waliin ta’ee ofirra deebisuu qaba.

Bariisaa: Dheebuun Araat Kiiloo namoota baay’ee waccisiisaa jira. Kanneen dhaala abbootii keenyaatti galla jedhanis jiruutii isin kanarratti maal taajjabdan mee?

Ambaasaaddar Kumaa: Takka takka dhimma Araat Kiiloo galla jedhu kana yeroon dhaga’u dhugaa dubbachuuf nan aarsu, nakofalchiisa malee. Sababnisaas sabaafi sablammiin Itoophiyaa har’aa lafa waggaa soddommaan har’aa dura ture keessa hinjiru.

Seenaafi dhugaa wallaaluutu waccisiisaa jira. Ta’us Oromoon akkamiin akka biyya bulchu qabatamaan agarsiisaa jira. Oromoon ummata walqixxummaati amanu waan ta’eef miira namalee Itoophiyaan diigamti jedhuuf gurra hinqabnu.

Bariisaa: Bara kana keessa qabsoo hidhannootiin jijjiiramni dhufu jira jettanii yaadduu?

Ambaasaadar Kumaa: Qabsoon hidhannoo amma Itoophiyaa keessatti taasifamaa jiru hanna, saamicha, ajjeechaa darbees qaxxaamuraan duroomuufi miliyeenara ta’uuf yakka hojjetamaa jiru waan ta’eef eessayyuu kan isaan geessisu miti. Ummanni nagaha jedhee yoo ka’e warra hidhatee isa saamaa jiru kana ofirraa qolachuuf gahaadha.

Bariisaa: Biyyi akka biyyaatti akka ittifuftuuf mootummaa jijjiiramaarraas ta’e warra qabsoo hidhannoo gaggeessaa jirurraa maaltu eegama?

Ambaasaaddar Kumaa: Warri qabsoo hidhannootti jiran karaa nagaa qabsaahuu qabu. Mootummaanis dimokraasii babal’isee filannoo haqa qabeessaan biyyattii ceessisuu danda’urratti ciminaan hojjechuu qaba.

Bariisaa: Amma sooramarra jirtuutii hojii dhuunfaa hinjalqabnee?

Ambaasaaddar Kumaa: Dhugaadha, soorama baheera. Gara hojii dhuunfaakootti seenuuf sochiirran jira. Yeroo dhiyoo booda hojii dhuunfaakoon jalqaba jedheen yaada.

Bariisaa: Muuxannoofi mudannoo hirmaannaa siyaasaa keessanirraa dhalootaaf qooduuf waan yaaddan qabduu?

Ambaasaaddar Kumaa: Muuxannoofi mudanoo koo siyaasa Itoophiyaa keessatti horadhe kitaabaan qopheessaan jira. Yoo Rabbi jedhe dhiyootti maxxansiiseen dhalootaaf olkaaha.

Humnaafi beekumsakoo osoo hinqusatiin of kennee hojjedhee soorama baheera. Muuxannookoo barreeffamaan qooduun ala Itoophiyaa biyya walqixxummaa, dimokraasiifi misoomni itti mirkanaa’e akka taatuuf hawwiin qabu guddaadha.

Bariisaa: Ambaasaaaddar Kumaa turtiifi aarsaa yeroo keessaniif guddaa galatoomaa isiniin jenna.

Ambaasaaddar Kumaa: Isinillee guddaa galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017

Recommended For You