
Dirre Dhawaa: Yuuniyeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Afran Qalloo raabsa boba’aa qarshii miliyoona 48n Magaalaa Dirre Dawaatti ijaarsise tibbana kan eebbisiise yoo ta’u, giddugala gabaa sadarkaasaa eege abbaa darbii shanii (G+5) ijaaruuf ammoo dhagaa bu’uuraa kaa’eera.
Yuuniyenichi yaa’iisaa idilee 13ffaas torbee achi aanu Magaalaa Dirre Dhawaatti kan adeemsise yoo ta’u, yaa’icharratti gabaasni raawwii hojii waliigalaa, odiitiifi koree to’annoo yuuniyenichaa bara darbee akkasumas karoorri hojii bara 2017 dhiyaateera. Hirmaattonni yaa’ichaas gabaasaafi karoora dhiyaaterratti mari’ataniiru.
Geggeessaan hojii yuniyenichaa Obbo Mahaammad Abdulsamad akka jedhanitti, yuniyenichi bara 1997 waldaalee bu’uuraa 48fi kaappitaala kuma 335n Godina Harargee Bahaa, Aanaa Haramayyaatti hundaa’uun aanaalee shan keessatti hojii jalqabe yeroo ammaa miseensota kuma 55fi 437, waldaalee bu’uuraa 171fi kaappitaala miliyoona 200 ol horachuun aanaalee kudhan keessatti hojjechaa jira. Waldichi jiruuf jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruufi fayyadamummaasaanii mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Yuuniyenichi sanyii filatamaa baay’isuu, guddistuu callaafi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiyeessuu, beellada furdisuu, loowwan aannanii horsiisuufi nyaata beelladootaa dhiyeessuufi omishaalee qonnaan bultootarraa bituun gatii madaala’aan fayyadamtootaaf dhiyeessuun gatii gabaa tasgabbeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, alergii bunaafi jimaaf ammoo qophii xumuraa jiraachuu eeraniiru.
Ittigaafatamtuun Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Godina Harargee Bahaa Aadde Boonsituu Ibraahiim akka jedhanitti, yuniyeniinnoonni kanaan dura sanyii filatamaafi xaa’oo dhiyeessuufi waldaaleerraa omishaalee bituun gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessuun beekaman yeroo ammaa pirojektota gara garaa hojjechuun dinagdee qonnaan bultootaafi biyyaa utubuu keessatti gumaacha olaanaa guddaa taasisaa jiru. Qabeenyi yuuniyenootaa dabale jechuun qabeenyi qonnaan bultootaafi biyaa dabale jechuudha.
Gamtaan waldeggeruu, walbira dhaabbachuu, waliin hojechuu, walbira dhaabbachuu, waliin hojjechuufi waliin qabeenya horachuufi waliin misoomuu waan ta’eef harka walqabannee waliin haa hojjennu jechuun dhaamaniiru.
Walittiqabaan boordii yuuniyenichaa Obbo Yaasiin Ibraahiim akka jedhanitti, kaayyoon hundeeffama yuuniyenichaa rakkoolee gamtaan malee furamuu hindandeenye waliin furuudha. Yuuniyenichi sanyiiwwan filatamaa gara garaa baay’isuun, sanyii filatamaa, guddistuu callaa, farra ilbiisotaafi nyaata beelladootaa qonnaan bultootaaf dhiyeessuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira. Ijaarsa pirojektotaarratti hirmaachuunis guddina dinagdee miseensotaafi biyyaa utubuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Gabaasa raawwii karoora hojii yuuniyenichaa bara 2016 kan dhiyeessan Obbo Abinnat Tasfaayee akka jedhanitti, waldaan hojii gamtaa guddina dinagdeefi hawaasummaa biyya tokkoof bakka guddaa qaba. Miseensonni waldaalees humna, qabeenyaafi beekumsasaanii qindeessuun rakkoo dinagdeefi hawwaasummaasaanii furuun hiyyummaa seenaa gochaa jira.
Yaa’icharratti hoggantoonni mootummaa, abbootiin Gadaa, geggeessitoonni hojiifi miseensonni boordiifi waldaalee hojii gamtaa yuuniyenichsa yaa’icharratti argamuun gabaasa raawwii hojii bara darbeefi karoora bara 2017 dhiyaaterratti mari’ataniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017