Hariiroo Itoophiyaafi Somaaliyaa nageenya waaraa gaanfa Afrikaatiif

Biyyootni ollaa waggaa tokko guutuu waldhabdee siyaasaa miira walhubannaa dhabuufi fedhiiwwan dhuunfaasaanii dursuuf taasifamuun maqaa walitti baasaafi maqaa walballeessaa turan yeroo ammaa kana bakka dubbiin itti dabde arganii waliigaltee araaraa mallatteessan.

Walgaarreffannaa biyyoota ollaa seenaafi aadaa umrii dheeraa waliin qabaniifi jaarraa hedduuf ollaa gaarii turan Itoophiyaafi Somaaliyaa kana akka carraa gaariitti fudhachuudhaan biyyootni guddinaafi badhaadhina Itoophiyaa hinfeene dibbee waranaa rukutaa turan.

Sababa ijaarsa hidha guddichaa Itoophiyaan laga Abbaay irratti eegalteef Itoophiyaa akka diinaatti kan ilaaltu Misir waldhabdee kanatti fayyadamtee mootummaa Somaaliyaafi Itoophiyaan walitti buusuuf deeggarsa meeshaalee waraanaa dhiheessuurraa hanga loltoota Somaaliyaa leenjisuutti geessee “waan yaadde raawwachuuf yeroon amma” jette.

Misrii hanga Eertiraatti, finciltoota keessoo biyyaatii hanga warra biyyoota gara garaa keessa jiraniitti, carraa kanatti fayyadamuuf osoo isaan afaan bananii eeggachaa jiranii oduun tasaa tokko Tarkiirraa as qaaritee mogoleen isaan buute.

Jaarsummaan nama guddaa Pirezidaantii Turkii biyyoota ollaa gaafa rakkoofi fira ta’an Itoophiyaafi Somaaliyaa haqasaanii eeganii faayidaa waliinii irratti akka waliigalan taasisanii lammiilee biyyoota lameeniifi michootasaanii gammachiisuudhaan diina walwaraansa biyyoota lamaanii eegaa ture immoo abdii kutachiisan.

Haala kanaan biyyootni waldhabdee miira walhubannaa dhabaafi shakkii irraa maddeen walgaarreeffachaa turan lamaan araaramanii yeroo ammaa kana immoo walitti dhufeenya damee dinagdeetiin yeroo ammaa cimaa dhufe gara dameewwan biroottis bal’isuuf fedhii akka qaban agarsiisaa jiru. Kana qofas osoo hintaane, Itoophiyaafi Somaaliyaan ergama haaraa Gamtaa Afrikaarrattis ‘waltumsuuf waliigalanii jiru.

Somaaliyaan sababa dhibdee Itoophiyaa waliin qabaachaa turteef waraanni Itoophiyaa ergama haaraa Gamtaa Afrikaa jalatti akka hinhirmaanne watwaataa kan turte yemmuu ta’u, waliigaltee araraa Ankaaraatiin booda garuu ergama haaraa Gamtaa Afrikaarratti Itoophiyaa waliin waliigalteerra ga’uu danda’aniiru.

Itoophiyaafi Somaaliyaan ergama haaraa Gamtaa Afrikaa (AUSSOM) eegaleerratti ‘’waltumsuuf waliigaluu’’ Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibse. Jilli olaanaa Itoophiyaa Ministira Ittisaa Itoophiyaa Injinar Ayishaa Mohaammadiin durfamu guyyaa Kamisaa Moqadiishootti imalee aangawoota Somaaliyaa waliin mari’ateera.

Kaayyoo ijoo daawwannaa jila Itoophiyaa keessaa tokko ergama haaraa Gamtaa Afrikaa jalatti waa’ee egeree waraana Itoophiyaa mari’achuu akka ta’e gabaafamee ture. Biyyoonni lamaan hariiroo isaanii cimsuuf waliigaluu isaanii Itoophiyaan ibsiteetti.

Ergamni haaraa, Ergama Gamtaa Afrikaa Tasgabbiifi Deeggarsa Somaaliyaa (AUSSOM) Amajjii, 1, 2025 irraa ka’ee hojii eegaleera.

Jilli Somaaliyaa qondaalota Itoophiyaa waliin Finfinneetti maal mari’ate?

Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa Somaaliilaand waliin mallatteessite yoo haqxe malee loltoota kanneen akka baaftu Somaaliyaan dhaadachaa turte. Muddama waggaa tokko booda jaarsummaa Turkiin erga araaramanii booda garuu biyyoonni lamaan hariiroo isaanii fooyyessaa jiru. Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Somaaliyaatti ergama haaraaf torban darbe eeyyama kenneera.

Itoophiyaa waliin waliigalamuun ibsamuu malee waraana hangamii akka hirmaachistus ta’e dhimmoota dabalataarratti wanti ifatti dubbatame hinjiru. Gama mootummaa Somaaliyatiinis ammatti wanti jedhamee hinjiru.

Itoophiyaan ergama Gamtaa Afrikaa jalattis akkasumas waliigaltee biyyoota lamaan loltoota kuma 10 ta’an Somaaliyaa keessaa kan qabdu yemmuu ta’u,Kunneen, hidhattoota Alshabaab dhabamsiisuuf kanneen bobba’an ta’uunsaas ni yaadatama.

Ministir Di’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa mariin kun ‘’jijjiirama abdachiisaa’’ hariiroo biyyoota lamaanii gidduu jiruurratti kan xiyyeeffate jedhu.

Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti muddamni erga dhalatee waggaa tokko booda pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiitiif Finfinneetti imaluun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad wajjin walarguun mari’atan.

Mootummaan Itoophiyaafi Somaaliyaa ibsa waloo baasaniin gaggeesitoonni biyyoota lamaanii dhimmoota hariroo biyyoota lamanii irratti marii bu’a qabeessa gochuu ibsaniiru.

Walitti dhufeenyasaanii [laaffatee ture] karaa dippilomaatota isaanii biyyoota isaanii iddootti deebisuuf waliigaluus ibsaniiru.

“Tasgabbiin naannichaa [Gaanfa Afrikaa] walta’iinsa biyyoota lamaanii walamantaa, ofitti amanamummaafi walkabajuurratti hundaa’e akka barbaadu gaggeessitoonni biyyoota lamaanii jabeessanii ibsaniiru,” jechuun walitti dhufeenya naannawaa cimsuuf akka waliigalan ifa godha ibsi waloo kun.

Dhimmi nageenya waloos qabxiilee Ministirri Muummee Abiyyiifi Pirezidaanti Hasan Sheek Mohaammad irratti mari’atan keessaa tokko akka ta’e kaasa ibsi waloon biyyoonni lamaan baasan.

“Yaaddoo cimaa hidhattoonni finxaaleyyii ta’an naannichatti uuman hubachuudhan, gaggeessitoonni biyyoota lamaanii ejensiiwwan biyyoota nageenyafi tasgabbii naannichatti jajjabeessuuf qindoominaan akka hojjataniif ajaja akka kennan waliigalaniiru” jedha ibsichi.

Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gara Finfinnee kan imalan muddama waggaa tokkoof biyyoota lamaan gidduutti uumameen boodadha.

Itoophiyaafi Somaaliyaan ergama haaraa Gamtaa Afrikaarratti ‘waltumsuuf’ waliigalan

Pirezidaantiin Masrii waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa’’ itti dhiheenyaan hordofaan jira’’ jedhan. Itoophiyaafi Somaaliilaandi, kan Somaaliyaan akka qaamasheetti ilaaltu, waliigaltee ulaa galaanaa walii mallatteessuusaanii booda biyyoota lamaan gidduutti qofa osoo hintaane Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalatee ture.

Pirezidaanti Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif Finfinnee yeroo seenan Ministirri Muummee Abiyyi buufata xayyaaraa Idiladdunyaa Booleetti argamuun simannaa ho’aa taasisaniif. “Baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftan” jechuun fuula miidiyaa hawaasaasaaniirratti barreessan Ministirri Muummee Abiyyi.

Pirezidaanti Hasan Sheek Mohaammad Finfinnee dhufuusaanii dura Waajjirri Pirezidaantii Somaaliyaa ibsa baaseen daawwannaan qondaalonni olaanaan biyyattii Itoophiyaatti taasisan affeeraa Ministirri Muummee Abiyyi irraa dhiyaateen ta’uu beeksise.

Kaayyoon daawwannaa hojii pirezidaantiin Somaaliyaa Itoophiyaatti taasisan kanaas waliigaltee biyyooni lamaan jaarsummaa Turkiitin Ankaaraatti mallatteessanirratti hundaa’uun walitti dhufeenyasaanii haaressuuf akka ta’es ibseera Waajjirri Pirezidaantii Somaaliyaa.

Dabalataanis “Dhimmooota waloo irratti dubbachuuf” kan waliigalan yoo ta’u, walta’iinsi biyyoota lamaanii haareffame jalqabbii boqonnaa haaraa hariiroon hawaas dinagdeefi obbolummaa itticimu ta’ee kan tajaajiludha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017

Recommended For You