
Waggaa 32 dura kan hundaa’e Dhaabbanni Tola Ooltummaa Guddinaa Tumsaa (Guddina Tumsa Foundation-‘GTF’) hojiilee hawaasummaa adda addaarratti xiyyeeffachuun hojjetaa jira; isa beela’e nyaachisuun, isa dheebote obaasuun, isa daaretti uwwisuun, kaan dinagdeedhaan of dandeessisuufi ulaa beekumsaa banuufiin akka ifa barnootaa argan gochaa jirra. Mul’ata tola ooltummaasaas dhugoomsaa jira.
Faawundeeshinichi tibbanumallee manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sulultaatti ijaarsise waan seensarratti jenne hojiidhaan agarsiiseera, pirojektota adda addaa tajaajila hawaasaatiif oolan eebbissiisuun.
Gaazexaan Bariisaas wayita manneen barnootaafi pirojektonni adda addaa eebbifamanitti qaamolee gara garaa dubbiseera. Ittigaafatamtuun Waajjira Barnoota Kutaa Magaalaa Sulultaa Aadde Birtukaan, waan Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaa nuu hojjete lakkoofnee fixu hindandeenyu jechuun oolmaa faawundeeshinichaa ibsu.
Bara darbe naannawuma kanatti, Mana Barumsaa Abdii Boruu keessatti mana fincaanii nuu hojjeteera. Akkasumas bakka rakkoo cimaa qabnu Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Noonnoo Mana Abbichuuf qarshii miliyoona 2.4n bishaan qulqulluu akkasumas qarshii miliyoona lamaa oliin paarkii dijitaalaa nuu hojjechuudhaan barattoonni yeroo aara galfannaasaanii akka ittifayyadaman taasifameera jechuun himu.
Daarektarri Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Walee Baabboo Iluu Abarraash Geetaachoos, manni barumsaa kun hojjii kan jalqabe bara 1995 ta’uufi amma kutaa 5ffaatti tajaajila kennaa jiraachuu eeranii; rakkoon mana fincaanii Faawundeeshinii Guddinaa Tumsaatiin furamuufii ibsu. Kanaanis manni fincaanii kutaalee saddeet qabu korniyaawwan lamaaniifuu hojjetamuu dubbatu.
Gama kanaaniin manni barumsichaa dallaa hinqabu. Barattoonnis ta’e barsiistonni bakka yeroo aara galfannaasaanii ittidabarsan hinqaban. Dirreewwan kubbaa miilaafi saaphanaa qabaannus mijataa miti. Rakkina kana furuuf hawaasa naannawaa, keessumaa maatii barattootaa wajjin mari’ataa jirra jedhan.
Gaggeessaan Hojii Faawundeeshinii Guddinaa Tumsaa Obbo Iyoosiid Yoonaas akka ibsanitti, faawundeeshinichi rakkoolee hawaasummaarratti xiyyeeffachuun guutummaa biyyaatti tajaajila tola ooltummaa kennaa jira.
Faawundeeshinichi Naannolee Oromiyaa, Somaalee, Affaar, Beenishaangul Gumuz, Amaaraa, Gaambeellaafi Ummatoota Kibbaa bakkeewwan hanqinni manneen barnootaafi bishaan qulqulluu jirutti akkasumas, harkaqal’eeyiifi maanguddoota kunuunsuudhaan hojii tola ooltummaa raawwachaa jira jedhu.
Karoora baranaatiin Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sulultaatti pirojektota adda addaa shan hojjechuudhaan qaama dhimmichi ilaallatuuf dabarseera jechuun ibsan.
Pirojektota kanneen keessaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa, akkasumas manneen barnootaa qophaa’inaatti paarkiiwwan barattoonni yeroo aara galfannaasaanii ittidabarsan, iddoowwan qorannoofi qo’annoo barattootaafi barsiistotaa, manneen kitaabaafi kkf guutuufiis ni dubbatu.
Faawudeeshinichi qulqullina magaalotaatiif xiyyeeffannaa kennuudhaan Kutaa Magaalaa Sulultaatti konkolaataa dabalatee meeshaalee qulqulleessitoonni ittifayyadaman guutuu gargaaruus eeraniiru. Qonnaan bultoota naannawichaa waldaadhaan gurmeessee ittifayyadama baayoo gaaziirratti leenjii kennuus ni dubbatu.
Walumaagalatti hojiin faawundeeshinichi keessumaa daa’imman, dubartootaafi dargaggoota fayyadamoo taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru daran olaanaadha. Daa’imman carraa barumsaafi soorata akka argatan taasisuu, humna dinagdee dubartootaa cimsuufi dargaggoonni ammoo carraa hojii akka ummatan akkasumas dhaloonni carraa barnoota akka argatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechuunsaa waan jajamuufi jajjabeeffamuu qabuudha.
Hojiilee gama barnootaa, eegumsa naannawaa, fayyaa beelladootaafi tajaajila liqiifi qusannaa faawundeeshiniin hawaasaa kun raawwateen lammiilee hedduun fayyadamoo ta’aniiru, abdiis horataniiru. Kanaanis faawundeeshinichi aantummaa qabatamaan agarsiisaa jira.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017