Sirnoota waggoota dheeraaf biyyattii bulchaa turan keessatti Masaraan mootumaaaa dallaawwan guguddoofi lafa bal’aa qabatanii ijaaramuu malee ilmaan mootiifi firoottansaaniitiin ala ummata biyyattiitiif cufaa akka ture yaadannoo yeroo dhihooti.
Masaraawwan kunniin iddoo babal’aa qabatanirratti bosonaafi bineensota gara garaa dallaa keessa galchanii ijoolleesaaniifi aanga’oota mootummaa itti bashannansiisuun ala ijoolleen ummata biyyattii achi keessa seentee bashannanuun hafee daandiirraayyuu ilaalaa darbuuf mirga hinqaban turan.
Erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee as garuu wantootni kanaan dura hinbaramin hedduu yemmuu mul’achaa dhufanitti masaraa mootummaa kanaan dura ilmaan moototaafi aanga’oota mootummaa qofaaf banaa turan lammiilee biyyattii hundaaf banaa taasiseera.
Kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin Masaraa Mootummaa ummata biyyattiitiif iccitii ture ummataaf banaa gochuu qofa osoo hintaane, haaressuudhaan turistootaaf banaa ta’ee akka madda galiitti tajaajiluu eegaleera.
Masaraan Mootummaa Biyyaalessaa bara 1948 bara mootiin Hayilasillaasee bara mootummaasaanii waggaa 25 kabajuuf ijaarsisan yoo ta’u, mooraa lafa bal’ina hektaara 27 ta’u qabuudha.
Masaraan kun Itoophiyaan biyya aadaafi seenaa guddaa qabdu ta’uushee kan agarsiisuufi erga mootummaan ADWUI gara aangootti dhufee booda immoo bakka jireenyaa Pirezidaantii ta’uudhaan tajaajilaa ture.
Masaraan waggoota dheeraaf tajaajila kennaa tureefi lammiilee biyyattiitiif cufaa ture kun dhiheenya kana erga hojiin haaressuufi miidhagsuu hojjatamee booda lammiilee biyyattiitiifi turistootaafis banaa ta’eera.
Hojiin haaressaa kunis osoo bifasaa kan kaleessaa gadi hindhiisiin of eeggannoo cimaadhaan kan hojjatame yemmuu ta’u; haala kanaan dura bakka jireenyaafi iddoo bashannanaa ijoollee moototaa qofa ture kun qabeenya waloo lammiilee biyyattii ta’uu danda’eera.
Wantoota haaressa Masaraa kanaatiin hojjataman keessaa inni tokko iddoo dhaabbii konkolaataa ammayyaa yemmuu ta’u, kunis konkolaattota qaqqaalii yeroowwan adda addaatti bitamanii mooraa sana keessa turan iddoo tokkotti gurmeessuudhaan akka daawwataman kan taasisuudha.
Masaraan kun deeggarsa mootummaa Faransaayiitiin kan haaroomfame yemmuu ta’u, yeroo darbe Pirezidaantiin Faransaay, Emaanuel Maakrooniin daawwatamuunsaas kan yaadatamuudha.
Masaraan kun bifa sadarkaasaa eeggateefi miidhagaa ta’een haareffamee ummataaf banaa ta’uu sirna eebba Masarichaarratti kan himan Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee, Masaraan kun kan seenaafi hambaa seenaa hedduu of keessaa qabu qofa osoo hintaane, kan kaleessa keenya itti yaadannuudhas jedhan.
Kaayyoo guddaa ijaarsa masaraa kanaa kan turte biyyattiin biyya yeroo kamittuu birmadummaashee eeggattee weerartoota alaa hunda qolachuudhaan bilisummaa gonfatte ta’uusaa agariisuuf yaadamee ta’uus pirezidaantichi kaasaniiru.
Akka haasaasaaniitti; Masaraa Mootummaa guddaafi miidhagaa ijaaruu qofa osoo hintaane, ammayyummaa beeksisuuf fedhii yeroo sanatti Mootiin Hayilasillaasee qaban kan agarsiisuudha. Yeroon sun immoo yeroo Itoophiyaan weerara Xaaliyaanii jalaa itti bayyanachaa turte waan ta’eef, ijaarsi masarichaas kutannoofi cichoomina biyyattii agarsiisuufis yaadameeti.
Dabalataanis yeroo rakkoo sana keessatti masaraa hangana guddatu ijaaruun abdiifi ifa boruu Itoophiyaafi Afrikaanotaas mul’isuuf kan tajaajilu ture. Masaraan kun iddoo qunnamtiin alaafi dipiloomaasii guguddoon itti adeemsifamaa turaniidha.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Masaraan kun sirnaan haareffamee ummataaf banaa taasisuusaaniitiifis Pirezidaanti Taayyeen galatoomfataniiru. Doktar Abiyyi Masaraa kana qofa osoo hintaane, Masaraan Araat Kiiloo jiru dursanii haaressuudhaan ummataaf banaa akka ta’u kan taasisan yemmuu ta’u, wantoota dinqisiisoofi beekamuu qaban muraasa kaasuun barbaachisaadha.
Masaraa mootummoota Itoophiyaa kan Araat Kiiloo keessa maaltu jira?
Masaraan kun hektaara 40 kan bal’atu yoo ta’u, bal’inasaarra kan ka’e bakkee kana iddoowwan guguddoo shanitti hiranii ilaaluun ni danda’ama.
Tokkoffaan boroo ykn dawoo masaraa durii yoo ta’u, bakka kana mana jireenyaa miseensota waraanaa, qorqorroo kukkufe, konkolaataawwan waraanaa caccabaniifi meeshaaleen dullooman kan itti walitti qabamanii turan yemmuu ta’u, yeroo ammaa garuu haala qalbii namaa hawwachuu danda’uun haareffameera.
Lammaffaan immoo masaraafi waajjira mootiin Minilikiifi Hayilasillaasee ijaarsisantu jira. Sadaffaan waajjira mootummaan Kooriyaa hojjechiise yemmuu ta’u, innis kan yeroo ammaa tajaajila kennaa jiruudha. Garuu daawwannaa ummataaf banaa hintaane.
Afraffaan sababoota gara garaatiin kan hindaawwatamne yoo ta’u; Koloneel Mangistuu Hayilamaariyaam yeroo biyyaa bahan bakka isaan hinjirretti hojjettoonnisaanii isaan gammachiisuuf mana ijaarsisaniiftu jira.
Innis achi siiqee kan hojjetame yoo ta’u, duuba mana jireenyaa Ministira Muummee Doktar Abiyyitti argama. Daawwachuuf karaa manasaanii darbuun waan barbaachisuuf daawwannaaf banaa miti.
Inni shanaffaa karaa Hoteela Sharaatan kan kanaan dura bosona ture amma garuu bakka turtii bineensotaafi ‘lafi bishaanii’ itti ijaarameedha.
Amma Masaraa daawwachuufi. Namni tokko masaraa yoo seenu wanti irraa eegaluu qabu tartiibaan kaa’amee kan jiru yemmuu ta’us, innis akka armaan gadiiti:
- Gamoo konkolaataa itti dhaaban
Bakki kun Hoteela Hiiltanirraa oggaa ol adeemnu osoo Masaraa hingahin dura karaa mirgaatti argama. Bakka qullaa dallaan itti ijaarame yoo ta’u; bara kantiibaa ittaanaa Magaalaa Finfinnee kan turan Taakkalaa Uumaa erga gara aangootti dhufanii booda dargaggoonni naannawa sanaa waldaadhaan ijaaramanii namoota konkolaataa achi dhaabanirraa galii funaanuu eegalanii turan.
Yeroo ammaa garuu iddoo sanatti paarkiingiin ykn iddoon dhaabbii konkolaataa ammayyaan ijaaramee daawwattoota masaraa mootummaatiif haala mijataa uumeera.
2. Bakka odeeffannoon ittikennamu
Bakka kana gama biiroo tikeetiin itti muramu yemmuu olbahan kan mul’atu yemmuu ta’u, iddoo kanattis bakki daawwatamu dijitaalaafi waan barreeffame qabatanii ibsi ni kennama. Yeroo ol darban bakka turtii daa’immanii namoota isaan guddisan waliin turantu jira. Meeshaaleen ijoolleen itti taphatanis ni jira.
Bakka “magariisaa” jedhame immoo akkuma bakka daa’imman turanii sanatti iddoon kophaatti adda bahes yemmuu achirraan darban ni mul’ata.
Bakkicha karaan maramaafi leemman ykn shomboqqoo qabu akkasumas gara masaraatti geessu ni jira. Kunis, miidhamtoota qaamaaf akka tolutti kan tolfameedha. Karaa bitaafi mirga wanti bareechu immoo ni mul’ata.
3. Bakka ijoolleen mootii itti tursiifaman
Lij Iyyaasuu, Mootittii Zawudituu, akkasumas Tafarii Mokonniin mootii ta’anii muudamuusaaniin dura mana kana keessa jiraachaa akka turantu himama. Manni kun abbaa darbii tokkoo yoo ta’u, dhagaafi mukarraa ijaarame.
Gamoon gadi garagalee mul’atu bara mootii Miniliik kan ijaarame yoo ta’u, Finfinnee gubbaadhaa gadi ilaaluuf kan nama dandeessisuudha.
4. Masaraa mootii Miniliikiifi waajjirasaanii
Asitti jalqaba kan argamu mana jireenyaa Fitaawraarii Habtagiyoorgis Dinagdee (Abbaa Malaa)ti. Abbaa Malaan ministira waraanaa kan turan yoo ta’u, mannisaanii xiqqoofi mukarraa ijaaramte mana mootii Miniliik cinatti kan argamtuudha.
5. Bataskaanota sadeen
Manneen amantii kunneen baha galma mootiin dur nyaata itti nyaachisanitti argama. Bataskaana Kidaanamihirat (mana fakkii mootii Miniliik): Bara mootii Miniliik kophaatti dallaa kan itti ijaarsisan yoo ta’u, yeroo ammaa garuu ummanni ittifayyadama.
Bataskaana Baa’itaa Maariyaam (Mootiitti Zawudituun kan ijaarame yoo ta’u, reeffi mootii Minilikis asitti akka awwaalametu himama.) Amma masaraan ala kan jiru yoo ta’u, eegumsi cimaan garuu ni taasifamaaf.
Namoonni daawwatanis yeroo dhufan luboonni awwaalchasaanii mana lafa jiru keessa geessanii daawwachiisu.
Bataskaanota sadeen keessaa inni sadaffaan Bataskaana Gabri’eeliifi duuba bataskaana Baa’itaa Maariyaamiitti kan argamuudha.
6. Dhaddacha Gajjallaa (Taachinyaawu Yazufaan Chiloot)
Manni kun bara mootii Hayilasillaasee kan ijaarame yoo ta’u, ‘dhaddacha ariifachiisaa’ dhimmi sadarkaa gadiitti gudunfaa hinarganne bakka itti ilaalaniidha.
Manni kun waajjira mootichaas ta’ee tajaajileera. Keessatti waajjirasaanii dabalatee bakki kuusaa ni jira. Kutaaleen tajaajila gara garaa kennanis ni jiru.
Yeroo Mootii Hayilasillaaseen aangoorraa bu’an loltoonni Dargii manicha to’atanii turan. Bulchiinsi Koloneel Mangistuus waajjira taasifatee ittifayyadamaa ture.
Erga lubbuun mootichaa darbee booda mana dhaddachaafi waajjira taasifatan jalatti akka awwaalamaniifi boodarras reeffisaanii akka fudhatame seenaan ni ibsa.
Galmi walgahii Dargii, biiroo Mangistuu Hayilamaaariyaam, waajjira gargaaraa Koloneel Mangistuu, Mangistuu Gammachuu jedhaman akkasumas bakka loltoonni Dargii hidhaman itti tursiifamaniidha.
Yeroo tokko yaaliin ajjeechaa Mangistuu Hayilamaariyaam irratti yeroo taasifame bakki itti baqatanii jalaa bahan gamoo kana akka turetu himama.
Yeroo ADWUI’n biyyattii to’atu Obbo Mallas Zeenaawiin mana kana mana jireenyaasaanii godhatanii turan. Yeroo lubbuunsaanii dabartes reeffisaanii mana kana keessaa akka bahe ni yaadatama.
Bara Obbo Mallas Ministira Muummee turan haati warraasaanii Aadde Azeeb Masfin masaraa keessatti mana jireenyaa ijaarsisuu eegalanii kan turan yemmuu ta’u, ergasii Ministerri Muummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaalanyi mana jireenyaa isaanii godhatani turani. Waggaa afur erga keessa jiraataniin booda mana jireenyaa haaraa ijaarametti akka galantu himama.
Walumaagalatti; masaraaleen mootummaa kanaan dura iddoo turtii ilmaan moototaafi aanga’ootaa qofa ture, yeroo ammaatti haaroomee ummata biyyattiifi turistootaaf banaa ta’aa jiraachuunsaa miira abbummaafi qabeenya waloo biyyattii ta’uu masaraawwanii kan agarsiisuudha. Gama biraatiin galii damee turiizimiirraa argamu kan cimsu waan ta’eef masaraawwan Finfinneen ala jiranis haaluma kanaan haareffamanii ummataaf banaa ta’uu qabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017