Buufata xiyyaaraa Waaqoo Guutuu Roobeetti

Tarminaalli Buufata Xiyyaaraa Waaqoo Guutuu Godina Baalee Magaalaa Roobeetti qarshii biliyoona 1.1n ijaarame Dilbata darbe eebbifamee tajaajilaaf banaa taasifameera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila geejjibaa qilleensaa biyya keessaa cimsuuf bu’uuraalee misoomaasaa babal’isaa akka jiruudha gaggeessaan hojii dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasawu kan ibsan.

Tarminaalichi walitti hidhamiinsa geejjiba daandii qilleensaa dilbii dinagdee naannawichi qabu daran kan si’eessuudha. Maqaan buufatichaa qabsaa’aa Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuun moggaafamuunis, gama tokkoon gaaffiileen isaan qabsaa’aniif deebii argataa jiraachuu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biraatiin mootummaan qabsaa’ota qaalii mirga ummata Oromootiif gatii kanfalan yoomiyyuu kan hindaganneefi aarsaa kanfalaniif caalchisee jiraatu ta’uu kan agarsiisuudha.

Hojii gaggeessan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasawu akka jedhanitti; daandii xiyyaaraa mijata taasisuuf bu’uuraalee misoomaa babal’isuun biyyattiitti dhaqqabamaa akka ta’aniif xiyyeeffannoon kennameera.

Daandiin xiyyaaraa kun tajaajila geejjiba qilleensaa biyyattiitti cimsuunsaa damee turizimiifi invastimantii akka kakaasus hubachiisaniiru.

Daandiin xiyyaaraa kun walitti hidhamiinsa waliigalaa ummata biyyattii cimsuuf magaalota naannoleetti bu’uuraalee geejjibaa qilleensaa sadarkaasaanii eeggatan hundeessuun tajaajila balallii fooyyessuuf hojjechaa jiraachuus ni ibsu.

Buufata xiyyaaraa Waaqoo Guutuu, buufata imaltootaa Baalee Roobeetti ijaarame fooyya’iinsa daandiin xiyyaaraa kun balallii biyya keessaa ammayyeessuuf gaggeessaa jiru keessaa isa tokko.

Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee, Holqa Uumamaa Soof Umariifi hawwatawwan namaan tolcheefi uumamaa naannawichatti argaman biroof daawwatoota baay’isuu keessattis gumaacha oolaana qaba jedhan.

Daandiin xiyyaaraa kun bakkeewwan biyya keessaa 22f tajaajila kennaa akka jirus eeraniiru jedha Kominikeeshiniin Godina Baalee odeeffannoo Bariisaaf ergeen.

Tarminaalicha kan eebbisan Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimalis Abdisaas ergaa ittaanu dabarsaniiru.

Sagantaa eebba Tarminaala Buufata Xiyyaaraa Waaqoo Guutuu maqaa qabsaa’aa Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuutiin moggaafamerratti argamuu kiyyatti gammadeera. Tarminaalli ammayyaa’aa kun xumuramee hojii jalqabuusaatti, ummanni godinaalee Baalee, hawaasni qaxanichaa akkasumas ummanni Oromoo marti baga gammaddan.

Godinaaleen Oromiyaa kallattii kanaan jiran, dilbii misoomaa hedduun kan eebbifamanidha. Qaxanichi gama qonnaa, turizimiifi albuudaatiin lafa carraa baldhaa qabu yoo ta’u, koriidorii jabaa dinagdee alergiifi algalchiis ta’uu kan danda’uudha.

Haata’uutii rakkoon hidhamiinsa daandii qilleensaafi lafaa gaaffii bara dheeraa naannawichaa ta’ee tureera. Mootummaan Jijjiiramaas kana dafee hubachuudhan rakkoolee bu’uuraalee misoomaa jiran hiikuun dilbii naannawichaa gara fayyadamummaa dinagdeetti jijjiiruuf xiyyeeffannoo olaanan socho’aa jira. Tarminaalli Buufata Xiyyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu eebbifame kunis qaamuma sochii kanaati.

Akkuma Jeneraal Waaqoo Guutuu, gabrummaa hiddaan buqqifna, yoo didame ilmaan itti guddifna jedhan, yaadni isaanii milkaa’ee, ilmi isaanii Looreetiin Nagaa Addunyaa Abiyyi Ahmad (PhD) gahee Muummee ta’e; bu’uurri qabsoo isaanis galma gahuun buufanni xayyaaraa kun maqaasaanitiin akka mogga’u taasisan.

Kanaan duras Buufanni Xiyyaaraa Guddinaa Tumsaa Naqamteefi Hayilee Fidaa Dambiidoollootti maqaa gootota keenyatiin moggaafamaniiru. Kunis gama tokkoon Mootummaan Jijjiiramaa keenya qabsaa’ota qaalii mirga ummata Oromootiif gatii kanfalan yoomiyyuu kan hindaganneefi waadaa isaan aarsaa kanfalaniif kan jiraatudha. Gama biraatin dhaloonni haaraan sabboonummaa gochaatiin saba ofii waliin dhaabbachuun kabaja fuula seenaa irraa hinhaqamne ta’uu hubachuun akka socho’u kan onnachiisudha.

Daandiii qilleensaa cinaatti mootummaan naannawa kanatti daandii aspaaltii babaldhisuuf pirojektoota adda addaa hojiitti hiikaa kan jiru yoo ta’u, gama kanaan pirojektoota daandii aspaaltii Gobba- Barbaree-Dalloo Mannaa akkasumas daandii aspaaltii Roobee- Soof-Umar hojiilee ariitiin hojjetamaa jiraniidha.

Bu’uuruma kanaan, qabeenyaafi dilbii olaanaa naannawichaa gabaa, faayinaansiifi beekumsa giddugaleessaafi biyya alaatiin walitti hidhuun fayyadamummaa ummanni keenya gama hundaan argachuu qabu mirkaneessuuf socho’aa jira.

Irradeebiin ummanni keenya baga gammaddan jechaa, yeroo dhufuttis Garee Daandiiwwan Qilleensaa Itoophiyaa waliin ta’uun buufataalee xiyyaaraa Mattuu, Yaabeelloofi Nageellee Booranaa adeemsa ijaarsaa irra jiran yeroo gabaabaa keessatti kan xumuraman ta’uu abdii guutuun qabu ibsaa Garee Daandiiwwan Xiyyaaraa Itoophiyaa hojiisaanii bakka bu’iinsa hinqabne kanaaf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada jedhan.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You