Itoophiyaan dirreewwan Olompikii, Shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaafi Taphawwan Guutuu Afrikaatti akaakuuwwan ispoortii atileetiksii caalaa ittiin beekamtu fiigicha maaraatoonii kiiloo meetira 42.195n ture. Har’a ammoo shaampiyoonaawwan qaxxaamura biyyaatiin beekamti.
Biyyattiin dirree olompikiirratti hirmaachuu kan jalqabde olompikiii 16ffaa ALA bara 1956 Awustiraaliyaa, Meelboornitti adeemsifamerratti ture. Dorgommii kanatti qabxii gaariin argamuu baatus waggoota afur booda ALA bara 1960 olompikii 17ffaa kan Xaaliyaan, Roomitti adeemsisametti gooticha Irreessaa Abbabaa Biqilaatiin raajiin hojjetameera.
Itoophiyaan eddasii kaastee dorgommiiwwan maaraatooniitti atileetota gootota burqisiisuudhaan maqaanshee hanga ammaatti waamamaa jira.
Maammoo Waldee, Kabbadaa Baalchaa, Darajjee Nadhii, Balaayinah Deensaamoo, Abbabaa Mokonnon, Gazaahaany Abarraa, Leellisaa Disaasaa, Fayisaa Leellisaafi Taammiraat Tolaa dabalatee atileetonni fiigicha maaraatoonitiin biyya keenya waamsisuudhaan boonsisaa turaniifi jiran baay’eedha.
Olompikii Atilaantaatii kaasee ammoo dubartootaan daandii Faaxumaa Roobaa saaqxee Ilfinash Alamuufi obbolaanshee Hiyiwat Sisaay, Koree Alamuu akkasumas Tikkii Galaanaa, Maaree Dibaabaa, Madiinaa Iisaafi Tigisit Asaffaa akkasuma maaraatooniidhaan nu bonsisaa turaniiru. Kanneen faanasaanii hordofan ammas biyya boonsisaa jiru.
Atileetota Itoophiyaa dirreewwan adda addaarratti maqaashee maaraatooniitiin waamsisan keessaa atileet Yamaana Tsaggaayee isa tokko.
Yamaanan Naannoo Tigraayi, magaalaa Maqaleetti ALA bara 1985 dhalate achumatti guddate. Ispoortii atileetiksii kan jalqabe ammoo wayita mana barumsaa sadarkkaa tokkoffaa baratutti ture.
Shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaafi Taphawwan guutuu Itoophiyaarratti naannoo Tigraay bakka bu’uudhaan hirmaatee mo’achusaatti kilabni Machaal (Raayyaa Ittisaa) Finfinneetti hambisuudhaan miseensa taasise.
Yamaanan atileetii yeroo gabaabaa keessatti garee biyyaalessaa Itoophiyaaf filatamee sadarkaa biyyoolessaatti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan atileeta hirmaateedha. Atileetiin kun dorgommii maaraatoonii sadarkaa biyyoolessaatti yeroo 40 dhunfaafi Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaateedha.
Walumaagalatti wayita dorgommiirra turetti sadarkaa biyyoolessaatti meedaaliyaawwan warqii kudhan, meetii jahaafi nahaasa sadii mormatti dirateera.
Ka’umsasaafi wayita dorgommii keessa turetti, akkasumas yeroo ammaa sadarkaa maaliirra akka jirurratti Gaazexaa Bariisaatiif dhiheenya kana akka ibsetti, ispoortii atileetiksii kan jalqabe wayita sadarkaa tokkoffaa barachaa turetti.
Gandaa kaasee hanga naannootti sadarkaa sadarkaadhaan dorgomaa turuus eeree, shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaarratti naannoo Tigraayi bakka bu’ee qabxii gaarii waan galmeessiseef Kilaba Machaaliin filatamee yeroo gabaabaa keessatti garee biyyaalessaa Itoophiyaatti makamuu dubbata.
“Dorgommii atileetiksii biyyoolesaarratti hirmaachuu kan jalqabe bara 2008 fiigicha maaraatoonii Morookoo, Kaazaabilaankaarratti. Yeroo jalqabaaf hirmaadhee 3ffaan ba’e. Atileetota muuxannoo olaanaa qaban wajjin dorgomee qabxii akkanaa galmessisuu kiyyatti anis, leenjisaan kiyyas daran gammanne” jedha atileetichi.
Fiigicha maaraatoonii Rotardaam bara 2012 adeemsifametti sa’aatii 2:04.48 raawwachuudhaan rikardii iddoo sanaa fooyyesseera. Rikordiin Rotardaam kun ALA bara 1988 atileet Balaayina Deensaamootiin qabamee kan ture sa’aatii 2:06.50 ta’uunsaa kan yaadatamuudha.
Sa’aatiin kun waggoota 11 oliif tureera. “Ani iddoo gootichi kun itti mo’atetti sa’aatii gaarii galmeessisuudhaan mo’achuu kiyyatti gammachuu daangaa hinqabnetu natti dhagahame” jedha.
Akkasumas shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa bara 2015 Chaayinaa, Beejiingitti adeemsifametti Itoophiyaa bakka bu’ee hirmaachudhaan mo’ateera. Haata’u malee Olompikii Riiyoorratti hirmaachuuf carraa hinarganne jechuun ibsa.
Atileetichi waggoota dheeraaf fiigicha maaraatooniitiin dorgomaa turee ammaan tana gara hoggansaatti dhufeera. Pirezidaantii Waldaa Atileetota Itoophiyaa ta’ee waggoota afran dhufaniif tajaajiluuf hojii eegaleera.
Atileet Balaayinash Oljiraa wajjin waldaa keenya bakka buunee miseensa koree raawwachiistuu hojii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan taane. Haaluma kanaan anas ta’u hiriyaan tiyya atileetota qofa osoo hinta’in atileetiksiifis bakka bu’oota jedha atileeti Yamaanan.
Akkuma beekamu kanaan dura Itoophiyaa dirree atiletiksiirratti maqaa biyyaa waamsisaa kan turan Daraartuu Tulluufi Duubee Jiloo, Asaffaa Mazgabuufi Geexee Waamii, Gabragzi’abiheer Gabramaaramiifi Biraanee Adaree, Silashii Sihiniifi Masarat Daffaar, Maarqos Gannatiifi Massalachi Malkaamuu Waldaa keenya bakka bu’uudhaan miseensa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta’uun hojjetaniiru. Ammaan tana ammoo Balaayinash Oljiraa wajjin koree federeeshinichaatti makamneerra jedha.
“Akkuman jedhe ittigaafatamummaan keenya waldaa atileetotaa qofa osoo hinta’in atileetiksii biyya keenyaafisi. Maalif yoo jedhame atileetii qofa miti kan miidhamu. Atileetiksiinis ni miidhama. Bakka atileetiin hinjirretti atileetiksiin hinjiru. Lameenuu walitti hirkatu.
Yaadachiisumaaf bara 1988 dura Waldaan Atileetota Itoophiyaa seeraan dhaabate hinturre. Isaa asis maqumaaf hundaa’e malee atileetotas ta’u atileetiksii dandamachiisuuf rakkachaa ture.
Keessumaa yeroo shaampiyoonaan atileetiksii addunyaafi taphiwwan olompikii gahu filannoodhaan walqabate koree olompikiifi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa jidduutti abbaan ana, abbaan ana jechuudhaan walmormiin tureera. Ummata, atileetiifi atileetiksii asii achi daddadaaqsuudhaan rakkisaa turan. Kanumarraa kan ka’e qabxiin dhabamuudhaan meedaaliyaan biyyattiin eegdu harkaa bahaa tureera.
Kanaafuu haalli kanaan dura ture akka itti hinfufne Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaafi Waldaan Atileetota Itoophiyaa tokko ta’uudhaan abbummaadhaan hojjechuuf qophaa’aa jira jechuun ibseera.
Koreen raawwachiiftuu hojii federeeshinichaa dhiheenya kana filannoo taasiseen ramaddii hojiis raawwateera. Aniifi Balaayinash koreewwan adda addaa keessatti ramadamuudhaan hojii jalqabneerra jedhan Yamaanan.
Federeeshinichi karoora qabateen xiyyeeffannaansaa pirojektota guddatootaafi dargaggootaa, akkasumas iddoowwan oolmaa ispoortii atileetiksii, keessumaa tiraakii atileetotaaf dursa kennee hojjechuuf karorfateera. Fiixan bahinsasaa hordofuudhaan qaama dhimmi ilaallatu wajjin furmaata kennuuf nihojjetaa jedhan.
Waggoota afran darbanitti sababa hintaaneen diigamee kan ture gareen atileetiksii biyyaalessaa leenjisaa garee biyyaalessaa ramaduudhaan hamilee atileetotaa eeguudhaan qabxiin biyyattii akka fooyya’u xiyyeeffannaan hojjenna jedheera.
Akkumas qoricha jajjabeessituu to’achuudhaan atileetonni dafqasaanii qofaan akka mo’ataniifi biyyattiin maqaa gaarii kanaan dura qabdu eeguuf koreen kun waadaa galuu Yamaanan eereera.
Burqaa atileetotaa kan ta’an kilaboonniifi naannoleen atileetotasaanii kunuunsanii guddisuudhaan garee biyyaalessaaf akka filachiisan federeeshinichi deeggarsa barbaachisu maraa akka taasisus himeera.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017