Shaapiyoonaan atileetiksii kilaboota Itoophiyaa har’a xumurama

Finfinnee: Waggaa waggaadhaan kilaboota atileetiksii jidduutti kan gaggeeffamu shaampiyoonaan atileetiksii Itoophiyaa har’a Akaadaamii ispoortii dargaggootaatti xumurama.

Kilaboota atileetiksii 21, giddugala leenjii lamaafi akkaadaamii ispoortii tokkorraa walumaagalatti kilaboonni 24 atileetota 747 hirmaataniiru. Hirmaattota kanneen keessaa dhiironni 416, dubartoonni 331 akkaakuuwwan ispoortii gabaabaa, giddugaleesa, kuma sadiifi tarkaanfiidhaan hirmaachaa jiru.

Sababiin shaampiyoonaan kun ittigageeffameef atileetota carraa dorgommii atileetiksii biyyoolessaa hinarganneef dorgommii biyya keessatti banuudhaan badhaasota adda addaa akka argataniifi hamileesaanii eeguuf ta’uu pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Silashii Sihin ibseera.

Federeeshinichi karoora barana qabate keessaa tokko atileetota guddattootaaf carraa dorgommii banuudhaan hirmaachisuudha jedheera.

Atileetonni ciccimoon shaampiyoonicharraa argaman shaampiyoonaawwan biyyoolessa baranaa biyyoota adda addaatti qophaa’anirratti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan akka hirmaatan eereera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You