“Dhaloonni Yesusirraa gad of deebisuu, jaalalaafi namootaaf jiraachuu barachuu qaba” -Wondimmaagany Uddeessaa Bidiree

Daragaggummaan yeroo waa hunda hojjechuuf humna qabaniidha. Umriin kun umurii murteessaa yoo ta’u, sirnaan qabamuufi hogganamuu baannaan immoo yeroo badiisaa yommuun itti ta’u ni jira. Kanarraa ka’un dhaabbileen mootummaa, miti mootummaa akkasumas dhaabbileen amantiillee xiyyeeffannaa adda itti kennanii hojjetu.

Dhaabbilee amantii dhimma dargaggootaa addatti qabatanii hojjetan keessaa Waldaan Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itoophiyaa ishee tokko. Nutis dhimma kanaafi Ayaana Dhaloota Yesus Kiristoos irratti waajjira olaanaa waldittiitti, Daarektara Qajeelcha Tajaajila Ijoolleefi Dargaggootaa Wondimmaagany Uddeessaa Bidiree dubbisneerra.

Waa’ee Qajeelcha Tajaajila Ijoolleefi Dargaggootaa

Waldaan Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itoophiyaa erga tajaajila Wangeelaa jalqabdee waggoota 125 lakkoofsisteerti.

Tajaajilli waldattiin kennitus ‘Tajaajila Hundagaleessa’ jedhamee beekama; kana jechuunis guutummaa namaa tajaajiluu, ergaa wangeelaafi tajaajila lubbuu, hafuuraafi jireenya foon namaatiif ta’u kennuu of keessatti kan qabateedha.

Waggoota kanneen hundumaa keessatti tajaajila hundagaleessa kennamu keessatti gaheen dargaggootaa guddaadha; tajaajila Wangeelaatiin, hojii hawaasummaafi hojiilee tola ooltummaa garagaraatiin tajaajilu.

Hojiin dargaggootaa kunis waldattiidhaan beekamtiin kennameefii, hojicha akka biyyaatti qindeessuudhaaf qajeelchi hundeeffamee, waajjira olaanaarraa kaasee amma Waldaa Amantootaatti irratti hojjatamaa jira.

Sochiifi xiyyeeffannaa hojii qajeelchichaa

Qajeelchi Tajaajila Ijoolleefi Dargaggootaa Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itoophiyaa, ijoolleefi dargaggootni kennaa hafuuraafi dandeettii uumamaa Waaqayyo biraa kennamee adda baafatanii, guddifatanii ittifayyadamuudhaan dhalootaaf eebba, Waaqayyoof immoo ulfina akka ta’anif hojjata, tajaajila kanas akka biyyaatti qindeessa.

Tajaajila isaa irrattis, qajeelchichi qabxiilee xiyyeeffannoo torba adda baasee irratti hojjachaa jira. Guddina jireenya hafuuraa, milkaa’ina barnootaa, aartii, interpireenarshiippii (aadaa hojii gaarii), ispoortii, kunuunsaafi eegumsa naannawaafi nageenya. Guddina jireenya hafuuraa keessatti, waa’een duuka buutummaa, hojii miisiyoonii Wangeelaa, diyaakooniyaa (hojii tola ooltummaa), hariiroofi maatii qabxiilee irratti hojjataman ta’uus ni eera.

Wantoota dargaggoota achi keessatti hirmaatan adda taasisan

Dargaggootni tajaajila hundagaleessa waldattii keessatti hirmaatan bifa hundagaleessaan ijaaramaa dhaloota ijaaru, milkaa’anii dhaloota milkeessu, eebbifamanii dhalootaaf eebba ta’u. Akkuma Macaafni Qulqulluun 1Ximootewoos 4:15 irratti dubbatutti, guddachuunsaanii karaawwan hundaan akka ta’uufi, akka mul’atuuf; dargaggootni karaa hundumaan guddachuuf gahee isaanirraa eegamu bahuu qabu.

Hiika dhalachuun Yesus kiristaanootaaf keessumaa dargaggootaaf qabu

Dhalachuun Yesus Kiristoos kiristaanota qofaaf osoo hintaane dhala namoota hundaaf sagalee misiraachooti, oduu gammachuutisi. Sababnisaas, Yesus jechuun hiikni maqaasaa, sabasaa cubbuu hunda keessaa kan fayyisu jechuudha (Maatewoos 1:21).

Dhalachuun Yesus Kiristoos dhala namaa hundumaaf hiika guddaa qaba: dhala namaa sababa cubbuu isaatiin Waaqayyorraa adda bahee ture, namni cubbuu isaatiin akka hinbadne, jireenya barabaraa akka argatuuf, araaraafi nagaa buusuuf Waaqayyo ilmatu nama ta’ee gara biyya lafaa dhufe, cubbuu dhala namaa hundumaaf du’ee jireenya nuuf kenne (2Qorontos: 5:14).

Dhalachuun Yesus abdii, nageenyaafi gammachuu addaas qabatee nuu dhufe. Dhalachuu isaa waggaa dhibba torba dura ergaan raajii karaa Raajii Isaayyaasiin dubbatame, Inni ‘Angafa Nagaa’ akka ta’e dubbata (Isaayaas 9:6).

Dhalachuu Isaatiin nagaatu argame, abdiitu haareffame, gammachuu addaatu ta’e. ‘Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hunduu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!’ jedha Sagaleen Waaqayyoo waan ta’eef (Yohaannis 3:16).

Akkaataa dargaggoonni ayyaana Dhalachuu Yesus itti kabajuu qaban

Ayyaanni Dhalachuu Gooftaa Yesus yeroo itti jaalala, nagaa, abdii fi eebba karaa isaa arganne hundumaa yeroo itti dhalootaaf qoodnuudha. Akkuma ani isin jaaladhe kana isinis waljaaladhaa jedhee nu abboomeera waan ta’eef (Yohaannis 15:12), abboommii ykn ajaja kana hojiirra oolchuuf gahee keenya bahuun nurraa eegama.

Namoota jaalachuu keenyas kan agarsiisnu jecha ykn haasawa afaanii qofaan osoo hintaane, gochaan agarsiisuun nurraa eegama. Akkuma fakkeenya namicha Samaariyaa sana (Luqaas 10:30-37), dargaggootni ofirra darbinee dhalootaaf jiraachuun nurraa eegama; kanas ambaasaaddara nageenyaa ta’uudhaan, hojiilee tola ooltummaa garagaraa hojjachuudhaan, warra rakkataniifi harkaqal’eeyyii gargaaruudhaan, warra beela’an nyaachisuudhaan, warra dheebotan obaasuudhaan, warra daaran uffisuudhaan, warra dhukkubsatan bira dhaabachuudhaan, warra hidhaman gaafachuudhaan ta’uu akka qabu Macaafni Qulqulluun nutti dubbata (Maatewoos 25:34-40).

Waldaan Kiristaanaa Makaana Yesusis hojii hawaasummaafi gargaarsaa kana hojjachuuf koomishinii guddaa, Komishinii Misoomaafi Tajaajila Hawaasummaa jedhamu hundeessitee, waldoota Kiristaanaafi dhaabbilee tola ooltummaafi mitimootummaa garagaraa biyya alaa jiran waliin ta’uudhaan namoota miiliyoonotaan lakkaa’aman karaa tajaajila hundagaleessa isheetiin deeggaraa jirti, hojii seena qabeessas hojjachaa jirti.

Qajeelchi Tajaajila Ijoolleefi Dargaggootaas, sadarka sadarkaadhaan tajaajila hundagaleessa waldattii kana keessatti dargaggootni adda durummaan akka hirmaatan, hawaasa naannawaa isaaniis akka tajaajilan hojii barsiisuu, leenjisuufi qindeessuu hojjachaa jira.

Dhaloonni dhalachuu Yesus irraa waan barachuu qabu

Dhalachuu Yesus Kiristoosirraa dhalootni, gad of deebisuu, jaalalaafi namootaaf jiraachuu irraa barachuu qaba jedhee yaada. Yesus ulfina guddaa gad dhiisee, bifa garbummaa fudhatee; fakkaattii namummaatiin dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame.

Akkuma inni gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e sana (Filiph. 2:7-8), nuutis fakkeenyummaa isaa kana fudhachuudhaan gad of deebisnee tajaajiluun nurraa eegama. Akkuma Yesus miila bartootasaa gad jedhee dhiqee, ‘Akkuma ani isin jaaladhe kana isinis waljaaladhaa’ (Yohaannis 15:12) jedhee barsiise sana, waljaalachuun, jaalalaan waliin jiraachuun nurraa eegama.

Ergaa waliigalaa dargaggootaaf

Biyya keenyaafi aardii keenya Afrikaattis, ijoolleefi dargaggootni dhibbeentaa 70’tti tilmaamamu. Kun nama hubatee, irratti hojjateefi itti fayyadameef eebba guddaadha. Ijoolleefi dargaggoota bifa hundagaleessaan ijaaranii ceesisuudhaaf, dhaloota eebbaa taasisuudhaaf hundumtuu gahee irraa eegamu bahuu qaba.

Dargaggootaa, isinimmoo abdiifi egeree biyya kanaa ta’uu keessan beektanii, karaa hundaan akka of qopheessitan, akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu ‘Jabina Gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a’ (Filiphisiyuus 4:13), jettanii, humna Waaqayyootti amanattanii mul’ata keessan adda baafattanii guddifachuudhaan irratti akka hojjattan jaalala Gooftaatiin isin jajjabeessuu jaaladha.

Waaqayyo Gooftaan biyya keenya nagaa, jaalalaafi tokkummaan haa eebbisuu. Ayyaanni Dhalachuu Gooftaa Yesus kan eebbaa nuuf haa ta’u.

Horaa Bulaa Deebanaa!

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You