Ayyaanota amantii hordoftoota Amantii Kiristaanaa biratti bifa ho’aan kabajaman keessaa Ayyaanni Dhalachuu Yesus Kiristoos isa tokko. Ayyaanni kun Waaqayyo ilmisaa jaalala, araara, nagaa, tokkummaa, qajeelummaafi walii yaaduu namoota akka barsiisuuf kennaa godhee gumaache.
Duudhaan amantii kanaas haaluma kanaan kabajamaa as qaqqabeera. Dhimma kanarratti yaada akka nuu kennaniif Pirezidaantii Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itoophiyaa Luba Doktar Yoonaas Yiggazuu keessummaa taasifanneerra. Isaanis yaadota ciccimoo galaa gaarii ta’an kaasaniiruu dubbisa gaarii!
Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee Lubaa dubbistoota keenyaan walbaraa.
Luba Yoonaas: Ani Luba Yoonaas Yiggazuu Dhibbisaati. Kanin dhaladhee guddadhee Godina Wallagga Lixaa, naannawa Calliyaa Waatoo jedhamutti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa hanga kutaa saddeetiittis naannawuma sanatti Mana Barnootaa Misiyoonii jedhamuttin baradhe. Sadarkaa lammaffaas Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Gimbiittin baradhe.
Akkan barnootakoo xumureen hojii eegumsa fayyaarratti bobbo’een ture. Ergan yeroo muraasaaf hojjedhee booda gara biyya Ingilizii deemeen digriiwwankoo jalqabaafi lammaffaakoo baradhe. Gara boodaattis barnoota Tiyoolojiidhaan achuma Ingilizitti digriikoo sadaffaa fudhadheera.
Dhaloonnikoo Wallagga ta’uus hojiidhaan bakkeewwan baay’ee hojjedheera. Sinodosii Iluu Abbaa Boor keessatti barreessaa olaanaa ta’ee tajaajileera. Akkasumas pirezidaantii sinodosichaa ta’ee hojjedheera.
Ergasii booda Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus, gita biyyaalessaatti hogganaa qajeelcha tiyoolojiifi wangeelaa ta’ee waggoota 10 ol hojjedheera. Wayita ammaa ammoo Pirezidaantii Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itoophiyaa ta’een gaggeessaa jira.
Bariisaa: Gara yaadannoo keessan ijoollummaattin isin deebisaatii, mee barataa akkamii turtan, maatii keessaniifoo ilma akkamii turtan?
Luba Yoonaas: Maatiin keessatti dhaladhee guddadhe, maatii qonnaan bulaa of danda’ee jiraatuudha. Amantoota warra wangeelaa waan turaniifis tajaajila wangeelaas ni kennu turan. Anis ijoollummaakootti maatiikoo karaa baay’een gargaaraan ture.
Horii tiksuudhaan haa ta’uu, midhaan eeguufi darbee darbee immoo qonnaan maatiif ergamaafi gargaaraan guddadhe. Akkasumas, waanin ilma hangafaa ta’eef ittigaafatamni obbolaakoo na duuba dhalatan torba deeggaruufi barsiisuun narra tureera.
Akka waliigalaatti jireenyuma ilmi qonnaan bulaa tokko jiraatu jiraadheen guddadhe. Barnoota yommuun baradhu guyyaa guutuun barataa ture. Ganama barii deemsa sa’aatii tokkoo deemeen dabaree ganamaa baradha. Akka yeroo ammaa laaqana qabatanii deemuun waan hinturreef agabuudhuma achi ooleen sa’aatii booda wayitii lama baradheen deebi’ee sa’aatii tokko miilaan deemee manatti gala.
Ergan manatti galeemmoo waan maatiirraa argadhu argadheen gara hojii gargaaruutti darba. Barumsatti barataadhuma sadarkaa keessa ba’uun ture. Erga sadarkaa lammaffaatti darbee, hangan digriikoo sadaffaa xumurutti barnootaan sadarkaa gaariirran ture.
Bariisaa: Maal ta’uu hawwitu turtan?
Luba Yoonaas: Ijoollummaakootti waantota laman hawwan ture. Inni tokko waanin waldaa keessatti guddadheef luba ta’uun hawwa ture. Ta’uu baannaan ammoo doktara ta’uun hawwan ture. Egaa lamaan keessattuu hirmaadheera. Akkan sila kaase hojjetaa eegumsa fayyaa ta’ee hospitaala keessa hojjedheera. Ammammoo lubas ta’uu danda’eera.
Bariisaa: Egaa amma isin gaggeessaa amantiiti. Yommuu gaggeessaa amantii jennu maalfaa qabata. Gaggeessummaa siyaasaarraa maaltu adda taasisa?
Luba Yoonaas: Akka waliigalaatti dhaaba amantii tokko gaggeessuu jechuun hojii abbummaati. Namni Waldaa Kiristaanaa gaggeessu tokko aangoonsaa kan namni kennuuf osoo hintaane kan Waaqayyo kenneef waan ta’eef sodaafi jaalala Waaqayyootiin, Waaqayyoorraa dhaga’aa gaggeessa.
Aangoon nama amantii gaggeessuu garalaafummaafi garraamummaadha. Waanti humnaan dirqisiisuudhaan ta’uu danda’u hinjiru. Amantoota gorsuudhaan, keessumaa namni tokko yommuu hoggansa guddaarra jiru luboota hojii Waaqayyo hojjetaniif iyyuu luba. Gaggeessaan tokko karaa danda’ameen ni deeggara, ni gorsa, qajeelcha kenna, kanneen dhukkubsatan ni gaafata, kanneen rakkataniif ni birmata, wallaaloota ni gorsa, kanneen dogoggoran ni sirreessa. Nisirreessa jechuun ammoo sirreessa isa humnaan ta’u osoo hintaane amalaani.
Hunda caalaa garuu fakkeenyummaadhaan gaggeessa. Kana malees mul’ataafi yaadawwan addaddaa hojichaaf malan maddisiisuudhaan hojjeta. Amma fakkeenyaaf ani akka hogganaa Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesusitti falaasama waldittiin tajaajilaaf qabdurratti hundaa’uun tajaajila waliigalaan (‘holistic ministry’) kenna.
Namni lubbuusaatiif akka fayyu itti lallabaa, amantiitti jajjabeessaa akkasumas namni lubbuu qofa osoo hintaane foonillee waan qabuuf waan jireenyasaaf isa barbaachisu gochuu, hojii misoomaafi hawaasummaa hojjechuu, nama akka dhuunfaafi hawaasaatti tajaajila barbaadu hunda kennuudha. Kanneen hunda akka abboommiifi yaada Waaqayyotti qajeelcha Macaafni Qulqulluun kennuun gaggeeffamanii hojjechuudha.
Hojiin amantii gaggeessuu garalaafummaafi garraamummaadhaan gaggeeffama jechuun wallaalummaadhaan gaggeeffama jechuu miti. Ogummaa Waaqayyo biraa ta’een beekumsaan hogganama. Barnootiyyuu kanaaf barbaachisa. Warra kaaniif beekumsa qooduun, namni waa itti hir’atee akka hindeemne abbummaadhaan gaggeessuudha.
Abbaa ta’uun immoo gorsuu, dheekkamuu, qajeelchuu, sooruu, nyaachisuu, obaasuu akkasumas isa cabsee dhufemmoo adabuullee of keessaa qaba jechuudha. Adabuun isa qaama miidhu osoo hintaane akka amantiitti namoonni jireenya afuuraasaaniirraa akka hinkaanneef kan gargaaruudha.
Egaan akka waliigalaatti, gaggeessummaa kamuu yoo ta’e humnaafi aangoodhaan hinta’u; akkas taanaan hinmilkaa’u. Gaggeessummaan ummata gaggeessan gidduutti argamuu, isa keessaa tokko ta’anii argamuu, ummata gaggeessan wajjin jireenya jiraachuufi hirmaachuudha.
Bariisaa: Maatiidhuma tokko keessattiyyuu abbaan ijoolleesaa amaloota addaddaa qaban qajeelchee guddisuuf yommuu rakkatu argina. Gaggeessaan amantii immoo isarra daran bal’aadha. Kana keessatti wanti daran ulfaatu kami jechuu dandeenya?
Luba Yoonaas: Dhugaadha, akkuma maatiittiyyuu ijoolleen abbaa tokkorraa dhalatanii amalaafi yaada tokko hinqabaatan. Ta’us warra irraa dhalataniif ijoolleedhumasaaniiti. Yoo waan hinmalle tokko jiraatellee filannoon qaban jaalachuudhuma.
Hojii bulchiinsaa kan ulfaataa taasisu nama amala, dandeettii, duudhaa, afaan, sanyii, gosa, naannawaafi yaadota addaddaa qabu walitti fidanii yaada tokkorratti akka waliigalu taasisuudha. Kun aarsaa guddaa gaafata. Addaddummaa jiru kana gara gaariitti jijjiiranii gartokkotti fiduu gaafata. Addaddummaan utuma jiruu kaayyoo waliin adeemanirratti akka waliigalan gochuun hojii abbummaa isa guddaadha.
Gaggeessummaa mana tokko keessatti utuu hinwaciin, sagaleen alatti utuu hindhaga’amiin waliin jiraachuu akka danda’an gochuutu ulfaataa taasisa. Yoo gaaargarummaa yaadaa walsimsiisuun hindanda’amne waa gaggeessuun hindanda’amu. Kaayyoo tokkorratti walqixa akka walfudhataniifi walhubatan taasisuun murteessaadha. Namoonni tokko tokko dafanii waa tole jedhu, tokko tokko ammoo yeroo itti fudhata. Kana hubatanii hojii gaggeessummaa keessatti gurmuu ijaaruun homtuu akka hinharcaaneef hojjechuu barbaachisa.
Adeemsa kana keessatti ammoo obsi iddoo olaanaa qaba. Isa nama dheekkamsiisuufis obsanii dhiifama gochuun, araara buusuun daran barbaachisaadha. Garaagarummaa jirus humnaafi dirqamaan osoo hintaane mariifi walhubachiisuudhaan akka ta’u gochuu barbaachisa. Akka waliigalaatti hojiin bulchiinsaa kan nama gammachiisu tokko nama yaada, amala, qalbii, hubannaafi wantoota addaddaa qabu yaada tokkorratti akka waliigalan taasisuudha.
Bariisaa: Gaggeessummaa amantiif kan nama filatu Waaqayyo jettaniittu. Garuu egaa namni immoo uumamasaatiin aaruufi mufachuu danda’a. Gaggeessummaan keessan keessatti sababa addaddummaa yaadaa namootaatiin yeroo isin waamicha keessan kanatti “Maaliif” jettanii isinitti dhaga’ame ni jiraa?
Luba Yoonaas: Guyyaan ani itti gaddu nijira. Tokkoffaa gaafa namni dhaga’uu didu. Lammaffaa gaafa namni maqaa hinmalle namaaf kennu. Yaada ati kennite dhiisee yommuu yaada faallaa ta’e dhiheessuufi darbee yommuu olola sirratti odeessu nama gaddisiisa.
Kun anaanis na qunnama. Ololichi olola ta’uu hubachuun yoo danda’ame rakkoo hinqabu. Dhugaan yoo jiraate dhugaa sana walhubachiisuun nijira. Garuu namoonni didanii fincilan na mudataniiru.
Isaan kanneen egaa obsumaan hamma isaan yaadasaanii sirreeffatanii qalbii diddiirratanitti ni eegama. Gaafa ammoo dubbichi waan guddaa hintaane callisanii bira darbuun yeroo eeguun ni jira. Tajaajila gaggeessummaa keessatti wanti akka qajeelfamaatti ani ilaalu yommuu hamaan dhufu isa faccisuurratti yeroo dabarsuurra, tasgabbaa’anii yaadni kun maalirraa dhufe, eessaa burqe, eenyutu duubarra jira, hammeenyaaf moo wallaalummaarraa madde, kanneen jedhan yaadanii ka’umsasaa obsaan adda baafachuu barbaada.
Yeroo inni dhaqee humnaa ol ta’e, fakkeenyaaf waldaa addadda hiruun miidhaa fidutti deema yoo ta’e garuu callisuun hindanda’amu. Gatiin kanfalamu kanfalamee nama ykn gurmuu sana tasgabbeessuun ni jiraata jechuudha. Keessumaa bara kana yeroo miidiyaan hawaasaa dirree ololaa ta’ee jiru kanatti gaggeessitoota waldaarratti humni hamaan meeshaa godhatee irratti duula.
Bakka kanatti Waaqayyoon kadhachuun isa duraati. Waaqayyo humna, ogummaafi hubannaa akka kennuuf kadhachuun dirqama. Akka hinbabal’anneef ittisuunis akkuma jirutti ta’ee yommuu soba ta’ummoo kun soba jechuun dirqama.
Bariisaa: Yeroo isin gaggeessummaa keessanitti baay’ee ittigammaddanihoo?
Luba Yoonaas: Baay’eetu jira. Guyyoota hunda nan gammada. Sababnisaas yommuu qabsoon tokko si mudatu qabsoo ittiin qabdee yommuu Waaqayyo si gargaaree mo’attu nama gammachiisa. Wantoonni akkanaa yeroo baay’ee na mudatu waan ta’eef ittin gammada.
Fakkeenyaaf yeroon Sinodosii Iluu Abbaa Boor geggeessaa ture hojii xiqqoorraa jalqabnee, gurmuu xiqqoo tokko taanee hojjenna. Hojichi babal’atee bara sana yeroo sinodosii taanee hundoofnetti waldaa amantootaa 60 hincaalletu turan.
Amantoonni ammoo kuma 30 ta’u turan. Har’a garuu amantooota miliyonotaan lakkaa’amutu sinodosii tokko qofa jala jira. Sinodosiiwwann lama bahaniiru, lama ammoo yeroo dhiyootti bahu. Kanaaf yeroon sun yeroo gammachuu ture. Kan gammachuu sanaan nu gahe garuu akka gareetti waliigallee gurmuu xinnoo taanee hojjechuu danda’uudha. Yeroo babal’ataa deemu xinnooshii nama rakkisa. Yeroo hojiin xinnoo ta’e bulchuu ykn hogganuun nama hinrakkisu.
Yeroon ittigammade keessaa inni biraan ammoo waamichuma koo kana. Ijoollummaadhaa kaaseen hojii Waaqayyoof yeroon waamamee kaasee milkaa’inuma gaariidhaaniin xumuree akka gaggeessaa sinodosiitti.
Barreessumaa olaanaa sinodosiin milkaa’inuma gaariidhaan fixe. Waajjira olaanaattis muummee guddaa tokkon geggeesse; waggoota 10f. Kanattis baay’een gammada. Bu’aa guddaatus achirraa argame.
Hojichi nuuguddate. Waan haaraatu uumame. Waanta duraan hinturretu uumame. Tokko kana kan nama gammachiisu. Waanta duraan hinturre tokko akka jiraatu gochuu keessatti gahee taphachuun gammachuu guddaa namaa kenna.
Ammas taanaan baran amma jiru kanatti yoon yeroo tokko tokko gadde 100 keessaa 90 ol garuu gammachuun qaba. ani guyyaadhaa gara guyyaatti ayyaana Waaqayyoorraa kan ka’e hojiinsaa guddataa waan deemuuf.
Bariisaa: Yeroo turtii bakka amma jirtanii xumurtanii baatan maal hojjechuuf karoorfattan, dhaalota kana qaruuf maaltu ta’uu qaba jettu?
Luba Yoonaas: Egaa, kana booddee ani gaggeessummaa koo nan fixa. Sagantaa Waldaa Warra wangeelaa Makaana Yesusii gaggeessuu waggoota muraasa booda nan fixa. Waantin ittideemaa jiru dargaggoota wajjin hojjechuudha. Dhaloota oladeemaa kana gargaaruu, dhaloonni kun akka qaramuuf hojjechuudha karoorri koo.
Durumayyuu dargaggoota wajjin hojjechuun jaaladha. Amma ammoo akkuma beekamu ummata Itoophiyaa keessaa harki caalu dargaggeessa. Waldaadhuma kana keessa dargaggoota waggaa 35 gadiiti baay’inaan kanjiru. Dhaloota kana qaruun hojii guddaadha.
Waan dhaloota kanaaf fakkeenya ta’u tokko tokko hojjechuun barbaada. Dargaggoota wajjin hojjechuu, akkuma sibiilatu sibiila qara jedhamu dargaggoonni gita gitasaaniitiin walqaran gochuurratti hojjechuudha karoorri koo.
Lammaffaan ammoo karaa barnoota akkaadaamii muuxannoon argadhe jira. Kanin karaa hojiis argadhe jira. Barnoota liidarshiippiirratti leenjiilee tokko tokko kennuuf hamma ammaatti carricha bal’inaan hinarganne. Kana booda garuu bal’inaan waanin yeroo argadhuuf carraa kanatti fuulleffachuun barbaada.
Dhalootuma waldaadhaa ala jiru qaqqabuus nan barbaada. Egaa namni tokko kan hojjetu hanguma humnasaatiiti. Ta’us hamma tokko waa gumaachuun yaada.
Bariisaa: Kan karoorfattan kun akka isinii milkaa’u nutis ni abdanna, ni hawwinas. Garuu maaliif dargaggootarratti xiyyeeffattanii hojjechuu barbaaddan? Silas miidiyaa hawaasaatiin walqabsiistanii waa naa kaastanii turtanii sababa kutaa hawaasaa kanarratti xiyyeeffachuu barbaaddaniif dubbistoota keenyaaf otoo nuu ibsitanii?
Luba Yoonaas: Ka’umsi koo kutaan hawaasaa kun lakkoofsaan baay’eedha. Yeroo tokko tokko dargaggoota namoonni hinhubatani. Dargaggoonumti kunuu amma bara dargaggummaa keenyaa miti. Yeroo nuti umrii dargaggummaa keessa turre saalfiin, safuun, hangafa dhaggeeffachuufi irraa barachuun tureera.
Nuti guyyaa mana barumsaa oolla. Galgala ammoo miila abbootii keenyaa jala teenyeet isaanirraa ogummaa barachaa turre. Isatu nu qare. Bara sana luboonni baay’een hinturre. Warruma jiran wajjin sanbata karaa deemnee bakka isaan gahan geenyee isaanirraa dubbii Waaqayyoo barre, ogummaa dhaalle.
Dhaloota ammaa namarraa dhaga’uurra miidiyaa hawaasummaa qofarraa dhaga’uu barbaada. Miidiyaan hawaasummaa ammoo yoo waan gaarii xiqqoo qabaateyyuu harka baay’eedhaan dhaloota dargaggoo amma jiru jireenya hawaasummaarraa adda baasaa jira.
Dargaggoon amma qofaasaa guddataa jira yoo baay’eesaa ilaalle, qofaasaa karaa deema. Kanaaf amma waanuma akka moodeelii ta’u wayii hojjechuufan karoorfadhe kanin jedheef. Dhaloota amma jiru kanatu xinnoooshii gadhiisii ta’uu barbaada yeroo tokko tokko.
Bara abbootiin ijoolleesaanii sodaatantu dhufe. Dur ijoolleetu abbaa sodaata. Yeroo isaan nu gaggeessantu dhufe, yeroon nuti gaggeessinu darbee. Fedhii kanatu dargaggoota keessaa mul’ata. Kanaaf amma dargaggoo kana qaruun kan barbaachisuuf. Isaanis jaalatanii otoo hintaane haaluma ykn sirnuma jirutu isaan dirqisiise.
Haala gilobaalaayzeeshinii wajjin walqabatee waan dhufetu jira. Kan dhugaan yaadumasaa keessa jiru qofa ittifakkaata dargaggoon bara kanaa. Dhugaan barumsarraa, namarraa argama jechuurra akkan itti amanetu dhugaadha bara jedhamu keessa jira namni. Dhugaan ammoo akka nuti itti amanne qofa miti, namni biraas bifa biraatiin itti amana.
Dhugaa tokko tokko walirraa baru. Harka baay’eeyyuu walirraa baru. Kana kanafaarrattan xinnooshii waa hojjechuu barbaada. Waldaa keessatti jalqabnee waldaa keessaa ammoo bakkaa bakkatti faca’ee qaama biraa bira ga’ee ummatuma bal’aayyuu tajaajila jedheetan yaada. Egaa ani nama tokko. Yoo namoonni akka kootii baay’een jiraatan akkuma kana ammoo dhiibbaa gaarii ummaticharraan ga’uun danda’amu bal’aadha jechuu kooti.
Bariisaa: Mee Doktar waa’ee dhimma dhuunfaa keessaniii gara xumuruutti jirraatii haala maatii keessanii waa nutti himaa? Ijoollee meeqa qabdu? Ijoollee keessan keessaa kan akkuma keessan gara gaggeessummaatti dhufe jiraa?
Luba Yoonaas: Galanni Waaqayyoof haa ta’uu ijoollee afurin qaba. Ijoolleen ijoollee kootii ammoo shantu jira. Hundisaaniiyyuu ijoollee Waaqayyoo jaalataniidha. Waldaa Kiristaanaa keessatti dhuunfaadhaan tajaajilu. Hojii guguddaas qabu. Kanneen biyya alaa jiranis jiru. Kan luba ta’e jiraachuu baatus gaggeessummaa dhaabbata olaanaa keessa jiran jiru. Ijoolleedhuma Waaqayyo amala gaaridhaan nuu guddise qabna.
Bariisaa: Ayyaanni Dhalachuu Yesus Kiristoos Kibxata dhufu kabajamatii dhoksaanumti dhalachuusaa kana keessa jiru maalinni, akkamittis ibsama?
Luba Yoonaas: Egaa ayyaanni Dhalachuu Kiristoos akkuma beekamu addunyaa kanarratti ayyaana amantiidhaan walqabate otoo hinta’iin ayyaana aadaa ta’aa jira. Ayyaana daldalaa ta’aa jira. Ayyaana namni itti bashannanu duwwaa ta’aa jira. Akkana ta’uunsaa nama gaddisiisaa.
Ayyaanni Dhaloota Kiristoos garuu eeyyee dhugaadha, ayyaana karaa tokko ayyaaneffannee yeroo itti walwaamnee walwajjin gammadnee tokkummaadhaan dabarsuuf gargaaruudha. Ayyaanni Dhalachuu Kiristoos yaadannoodha.
Yaadannoo jechuun kun waan Waaqayyo karaa ilmasaa Yesus Kiristoos biyya lafaa kana fayyisuuf taasise sana nu yaadachiisa. Gadi of deebifnee Waaqayyoo galateeffachuufi isatti gammaduu nu yaadachiisa.
Dhalachuun Kiristoos diinummaa Waaqayyoofi nama jidduu jiru fageesseetu ummata cubbuurraa ka’ee dukkana keessa jiru ifatti baasee Waaqayyoofi nama walitti fide. Galgala dhalachuu Kiristoosiin ilmaan namootaa lafarra taa’anii ergamoonni Waaqarraa ammoo Waaqarraa sagalee tokkoon faarsaa faarfatan.
Galanni Waaqayyoof lafarratti, namootaaf jaalalli gaariin jedhan. Namaafi nama gidduu, Waaqayyoofi nama gidduu, ummata jidduutti nagaa fide. Kanaaf ayyaanni Dhalachuu Yesuus Kiristoos dhoksaansaa yeroo ayyaana ayyaaneffannu mul’achuudhuma Waaqayyoo, Waaqayyo karaa Kiristoos nama ta’ee foon uffatee nutti mul’atee dhufee nu jidduu jiraachuusaa yaadanna.
Yeroo ayyaana kana ayyaaneffannu yeroo hunda Amaanu’eel jenna. Amaanu’eel jechuun Waaqayyo nu wajjin jira jechuudha. Kaleessas nu wajjin jira. Borus nu wajjin jira. Amma Kiristoos humnaafi aangoodhaan mootummaasaatti mul’atutti Waaqayyo nu wajjin jira.
Bakka nuti geenye hundatti Waaqayyo nu wajjin jira jenna. Kana nu yaadachiisa. Ummata calluma jedhee qofaa yaa’u, akka obomboleettii sagalee dhageessisee iyyuu otoo hinta’iin nu wajjin jira jennee yeroo karaa deemnus ta’e yeroo hunda Waaqayyo achi jira jenna.
Ayyaanichi kana nu yaadachiisa. Amaanu’eel jechuu nu yaadachiisa jechuudha. Kanaaf amantoonni yeroo ayyaana kana ayyaaneffatan qophiilee adda addaa qopheeffatu. Inni caalu garuu waliin ta’anii Waaqayyo galateeffachuun matumasaatiin gammachuu guddaadha. Yoo mul’achuusaafi dhalachuusaa yaadannee hinayyaaneffannu ta’e deebi’ee dhufaatiisaa ammoo ni daganna jechuudha.
Bariisaa: Egaa Kiristoos nagaa fide. Haalli nageenyaa biyya keenyaa kanaan walqabsiifamee maaltu hojjetamuu qaba jettu mee Doktar?
Luba Yoonaas: Egaa ayyaana kana ilaalchisee jidduu kana ergaawwan adda addaa dabarsaa jirra. Ayyaanni Dhalachuu Yesus Kiristoos carraa guddaadha. Keessumaa biyya keenyaaf yeroo ammaa kana waan guddaadha. Kan biyyi keenya dheebotaafi beela’aas jirtu nageenya.
Goleewwan hundarraa waa’eedhuma nagaatu dubbatama; kadhatamas. Egaa nagaan dubbachuufi haasaa babbareedaa gochuu qofaan hindhufu. Galata qofaanis hindhufu. Dhimmichi hojii barbaada.
Kanaaf ayyaana kanaan qabannee waanti amantoota keenyatti himaa jirru tokko bakka jiran hundatti ofumasaaniitiif ergamoota nagaa akka ta’an, nagaa buusuuf ergamoota akka ta’an, saba filatamaa akka ta’an, amantoota yaadachiisuudha.
Ummatuma biyyattiiyyuu ammoo nagaan jiraatu malee akka ummataatti waliin jiraachuufi misooma dhugoomsuun waan hindanda’aneef kana ni hubachiinsa. Yeroon yeroo ummata keenyaaf waamichi taasifamuudha.
Ergaa dabarsinu hunda keessatti yeroo baay’ee kan jennu warri waanuma ta’e tokkorratti walkomattan yoo jiraattan araaraaf walbarbaadaa, nagaa buusaa jenna; fakkeenyummaadhaan jechuudha.
Dur yeroon xinnoo ture nan yaadadhaa, Ayyaana Dhalachuu Gooftaa Yesus Kiristoos ji’a tokko dura ayyaaneffatamuu kan jalqabu. Torban keessaa guyyaa tokko waldaa dhaqanii galgala galgala namoonni wallolan yeroo sana ni araaramu.
Abbaan warraafi haati warraallee yoo walitti bu’an yeroo sana araaramu, walitti deebi’u. Sababiinsaas ergaa nagaatu ergame. Kanaaf akka carraatti fayyadamnee akka waldaa keenyaatti mootummaadhaafis warra karaa seeraan alaa hidhatanii socho’aniifis, qaamolee siyaasaatiif nagaadhaaf hojjedhaa, nagaan hojii barbaada. Dhugaadhaan dubbachuus barbaada.
Nagaa sobaan fiduun hindanda’amu. Nagaan waanuma dhugaa barbaada. Kana godhanii walhubachiisuu barbaachisa. Siyaasa qofaan nagaa fiduu hindandeenyu.
Nagaan dhiifama gochuurraa dhufa. Araara gochuurraa dhufa. Tokko kan isa kaanii fudhatee walii dhiisuu, walhubachuu, waldhaggeeeffachuu qabu. Waan walhubattanirratti ammoo wajjin hojjedhaa. Ergaan qaamolee hundaaf dabarsinus kana.
Bariisaa: Kadhaan karaa dhaabbilee amantii, waamichi nageenyaa mootummaafi ummanni irra deddeebiin dhiyeessaa turan deebii argatee qaamoleen hidhatanii socho’aa turan gara nagaatti deebi’aa jiruutii kun cimee ittifufee nagaan akka waara’uuf maal dhaamtumee?
Luba Yoonaas: Akkuma ati jette, mallattooleen tokko tokko jiru. Qaamolee hidhatanii jiran wajjin walhubannaa uumuuf keessumaa waanti Oromiyaatti mul’ate mallattoo gaariidha. Yoo waldhageettiifi mariin jiraate walhubachuun ni uuma. Walhubannaan jiraannaan ammoo gara tokkummaatti dhufuun nidanda’ama.
Kanaafis mallattoosaa argaa jirra. Haa ta’u malee mootummaas ta’e qaamoleen hidhatanii socho’an waan gaarii ta’ee otoo jiruu garuu qarqara jirra, reefu jalqabne. Dhimmi mallattoo gaarii ta’us hinga’u. Si’achi waan hojjechuu qabnutu jira. Marii qaamoleen hundi irratti hirmaatan geggeessuu barbaachisa.
Dhimmi keenya kanaan hiikama. Ergaan keenya kan waldaas kanuma. Otoo namni hidhate tokkollee bosonatti hinhafiin dhufanii taa’anii mari’achuu qabu; yoo dhimmisaa dhimma ummata keenyaa, Itoophiyaa yoo ta’e. Dhimmisaa waa’ee Oromoo, Amaaraati yoo ta’e walmari’achuu duwwaan rakkoo jiru furachuun danda’ama. Kanaaf jalqabbiin kun cimee ittifufuu qaba; sochii waliigalaas gochuu barbaachisa.
Bariisaa: Ayyaanicha ilaalchisuun ummatoota biyya keenyaatiif ergaa hawwii gaarii otoo dabarsitanii?
Luba Yoonaas: Egaa amantoota hundaaf, ummatoota biyya keenyaatiif ayyaanichi kan eebbaa akka ta’uuf hawwaa; oggaa ayyaana kana ayyaaneffattan waliif yaadaa, isa itti hir’ateef itti guutaa, hiyyeeyyiifi harkaqal’eeyyii isin jidduu jiran yaadadhaa.
Kun yeroo ayyaana kana qofa otoo hintaane yeruma kamuu harkaqal’eeyyii jireenyi itti ulfaate gargaaruun dirqama keenya ta’uun hubatamuu qaba. Hundumaaf ayyaana gammachuu akka ta’un hawwa.
Saamraawwit Girmaaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017