Baabbileen magaalaa qarqara Oromiyaa bahaatti argamtu yemmuu taatu, yeroo hedduu maqaan Baabbile jedhamu gaafa ka’u wantootni akka dhagaa Baabbileefi Arbi Baabbilee dursee namatti yaadatama.
Magaalaan Baabbilee Godina Harargee Bahaatti naannolee Harariifi Sumaalee gidduutti kan argamtu yemmuu taatu, maqaan Baabbilee jadhamus kan moggafameef ilmaan Oromoo Baarentoo Baabbilee Qalloo jadhamurra akka ta’etu himama.
Baabbileen kibbaafi bahaan naannoo Sumaaleetiin, dhihaan Aanaa Faadisiin, kaabaan immoo Aanaa Gursumiin daangeeffamtee kan argamtu yemmuu taatu, naannoo Oromiyaa taatee magaalaa naannolee lama gidduutti argamtu ta’uunshees adda ishee taasisa.
Gama misoomaatiin waggoota dheeraaf dagatamtee akka turte kan himattu magaalaan Baabbilee, waggoota jijjiiramaa kanneen keessatti garuu xiyyeeffannoo mootummaa argachuusheetu himama.
Obbo Ahmad Najaash Abdurahman, kantiibaa magaalattiiti. Isaanis haala guddinaafi jijjiirama magaalattiin waggoota jahan darbanitti taasisaa jirturratti Gaazexaa Bariisaa waliin turtii kan taasisan yoo ta’u, innis akka ittaanutti dhihaateeraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Duraan dursee nu waliin turtii taasisuuf eeyyamoo ta’uu keessaniif guddaa galatoomaa jechaa, mee magaalaan Baabbilee maal fakkaatti, maaliinis beekamti kan jedhurraa haa eegalluu?
Obbo Ahmad: Baabbileen magaalota Oromiyaa hunda keessaa qarqara bahaatti tan argamtu yoo taatu, sababa kanaanis maqaa urjii, bahaa/ ‘eastern star’/ jedhamuun beekamti. Naannoo Sumaaleetiin kan waldaangeessitu magaalaan tun, teessuma lafaa mijataafi qabeenya uumamaa hawwataas of keessaa qabdi.
Qabeenya uumamaa magaalattiifi naannawashiitti argaman keessaa kanneen sadarkaa biyyaatti beekaman, bineensota bosonaa keessaa kanneen akka Arbaa, iddoowwan hawwata turiizimiifi albuudota keessaa immoo dhagaa Baabbilee dabalatee albuuda Giraanaayitii dhagaa Baabbilee kanarraa hojjatamuufi akaakuuwwan dhagaa garagaagaraatiin uumamni miidhaagsee uume hedduu kan of keessatti hammatteedha.
Bariisaa: Qabeenyi uumamaa magaalattiin qabdu kun akkuma jirutti ta’ee yeroo ammaa hojii magaalota miidhaagsuufi misooma koriidarii akka biyyaatti jiruun walqabatee hoo Baabbileen maal keessa jirti?
Obbo Ahmad: Magaalaan Baabbilee yeroo ammaa kana hojii misoomaa si’ataa keessatti kan argamtu yemmuu taatu, keessattuu ajandaa ministirri muummee keenya magaalota miidhagsuufi jiraattotaaf akka mijattuu taatuuf eegalchiisan akka magaalaatti hojiirra oolchuuf humna guddaadhaan gara hojiitti galleerra. Kanumaan walqabatee pirojeektota qarqara daandiitti hojjataman qofa osoo hintaane, magaalattiitti iddoowwan bashannanaa gara garaas hojjachaa jirra.
Hojiiwwan misooma koriidarii hojjataman hawaasa magaalattii keessa jiru amansiisuudhaan iddoowwan misoomni kun itti ijaaramurraa dursanii qabeenyasaanii fedhiisaaniitiin akka kaafatan taasisuun hojiin qindoomina cimaa qabuun hojjatamaa jira.
Hojii misooma koriidariin alattis iddoowwan bashannanaa gara garaa ijaaramaa kan jiran yemmuu ta’u, kanneen keessaa ijaarsi ‘city park’/ paarkii magaalaafi qarqara magaalaa iddoo dhagaan Baabbilee argamutti bakki aara galfii ummataa bareedaa ta’e tokko hojiinsaanii saffisaa hojjatamaa jiru.
Kana qofa osoo hintaane, hojiiwwan bu’uraalee misoomaa gara garaa magaalattiitti hojjataman cinatti, gamoofi warshaa ijaaruu, iddoowwan banaa magariisummaa magaalattiitiif oolan baay’isuuf xiyyeeffatamee hojjatamaa jira.
Hojiiwwan kunniin akka magaalota biraa zeeroorraa eegallee miidhagina magaalattii dabaluudhaan hawwata turiizimii kan ittiin cimsinu osoo hintaane, magaalattiin uumamumaanuu midhagdee uumamte tana hojii xiqqoo itti daballaan bareedinashii fooyyessuunis ta’ee hawwattummaa turiizimiishii cimsuun daran salphaadha.
Kanaafuu, inisheetiiviin misooma koriidarii kun magaalaa Baabbileef akka carraa misoomaa guddaa tokkootti kan fudhatamuufi carraa kanatti fayyadamuudhaan miidhagummaa magaalattii dabaluun sochii hawwata turiizimii magaalattii cimsuufis hoggansi magaalattiifi jiraattotnishii qindoominaan hojjatu.
Akka waliigalaatti yemmuu ilaallu magaalaa takka bareechanii ijaaruuf kan barbaachisu maallaqa guddaa qofa osoo hintaane, maallaquma magaalattiin maddisiistuufi dhaabbileen misoomaafi dhuunfaa magaalattii keessatti argaman hirmaachisuudhaan hojii ajaa’iba ta’e hojjachuun akka danda’amus barachaa adeemaa jirra.
Hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa magaalattii babal’isuufi miidhagsuuf hojjatamaa jiran kan armaan olitti ibsetti dabalatee iddoo olka’aa magaalattii cinaatti argamurratti galma guddaa tokko ijaaruufis karoorfanneerra. Galmi kun immoo kan sagantaaleen gara garaa kanneen akka walga’iifi ayyaanota adda addaa achitti kabajuufi warreen cidha godhataniifis galma tajaajila kennuu danda’u ijaaruuf diizaayiniinsaa qophaa’eera.
Hojiiwwan misoomaa yeroo ammaa magaalattiitti hojjatamaa jiran kunniin kanneen faayidaansaanii damdameessa ta’e yemmuu ta’u, fakkeenyaaf iddoowwan bashannanaa kanneen akka ‘city park’fi riizoortiin dhagaa Baabbileerratti hojjatamu miidhagina magaalattii dabaluu qofa osoo hintaane, dargaggootni magaalattii keessatti argamanis iddoo hinbarbaachine dhiisanii iddoo bashannanaa kanatti akka yeroo boqonnaasaanii dabarsan kan taasisuudha.
Keessattuu dhagaan Baabbilee miidhaginasaatiifi albuuda giraanaayitii qabuun namootni carraalee gara garaatiin gara naannawa sanaatti dhufaniin daawwatamuun ala faayidaa asii fe’amee iddoo biraatiif kennu asittis miidhagsuun akka danda’amu hubannee gara hojiitti galleerra.
Waan sidhibu hoteelli guddichi Finfinneetti argamu, Sharaatan Addis akkuma jiruun kan miidhagfamee ijaarame albuuda giraanaayitii dhakaa Baabbileerraa fudhatameeni. Kanaafii dhagaan asii Finfinneetti fe’amee Sharaatan akkasitti miidhagse kutannoon jiraannaan naannawa kanas waan hinmiidhaagsineef hinqabu.
Bariisaa: Waggoota jijjiiramaa kanneenitti jijjiiramni magaalaa tanaaf dhufe maali?
Obbo Ahmad: Dhugaa dubbachuuf magaalaa Baabbileetiif lafti kan bari’e erguma jijjiiramni kun dhufee asi jechuun ni danda’ama. Maaliif yoo jette, magaalaan tun uumamaan dachee mijataafi lafa diriiraa akaakuuwwan misooma adda addaatiif mijataa ta’e osoo qabduu, iddoowwan bashannaan oolanii turiizimii harkisuu danda’an kanneen akka dhakaa Baabbileefi bineensota akka arbaa osoo qabduu xiyyeeffannoo mootummaa dhabuudhaan sadarkaa silaa irra qaqqabuu qabdurraa duubatti hafteetti.
Hojiiwwan misoomaa yeroo ammaa erga mootummaan jijjiiramaa biyyattii hogganuu eegalee as magaalattiitti hojjatamaa jiran yemmuu ilaallu garuu faallaa isa kanaan dura baratameeti.
Akka fakkeenyaatti qabatamaan sii kaasuuf hojiidhuma bara darbe magaalaa kanatti hojjataman yemmuu ilaallu, pirojektota haaraawaafi buleeyyiin 27 yeroo tokkotti eebbisiisuun danda’ameera. Kun immoo magaalaa kanaaf waan kanaan dura waggoota meeqaaf yaadamee milkaa’uu hindandenye kan milkeesseefi hawaasa magaalattii keessa jiraatuttis abdii kan horeedha.
Bara bajataa amma keessa jirruttis pirojektoota faayidaa hawaasummaa gara garaa qaban hojjachuuf magaalichi qarshii miiliyoona 133 ramadee gara hojiitti galeera. Hojiiwwan inisheetiivii gara garaatiin hojjataman kanneen miidhagummaa magaalattiifi naannawa kanaa dabaluudhaan turiizimii baay’inaan harkisuuf gargaaran hedduus kan hojjatamuu eegalan erguma mootummaan jijjiiramaa kun dhufee asi.
Bifa waliigalaatiin yemmuu ilaalamu, hojiiwwan misoomaa damdameessaa yeroo ammaa magaalaan Baabbilee keessa jirtuuf bu’uurri mootummaa jijjiiramaa kana yoo jenne dubbii arbeessuu hinta’u.
Bariisaa: Gama misooma koriidariitiin hoo magaalattiin sochii akkamii keessa jirti?
Obbo Ahmad: Dhimma misooma koriidarii kana kallattiilee xiyyeeffannoo lamaan itti adeemaa jirra. Kana keessaa kallattiin jalqabaa dhaabbileen daldalaa hundi iddoo fuulasaanii dura jiru akka misoomsan taasisuu yemmuu ta’u, kallattiin ittaanu bajata mootummaatiin misoomuudha.
Isa bajata mootummaatiin hojjatamu yemmuu ilaallu, hojii misooma koriidarii kanaaf qarshii miiliyoona 110 ramadnee gara hojiitti galleerra. Gama hojii misooma koriidarii kanaan daandii kiiloomeetira sadii dheeratu misoomsuuf kan hojjatamaa jiru yemmuu ta’u, kunis daandii bal’isuufi bareechisuu qofa osoo hintaane, iddoowwan magariisa gara garaas kan dabalatuudha.
Hojiin misooma koriidariis ta’e kaan keessatti hirmaannaan ummataa barbaachisaa ta’uu hubachuun, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen misoomaafi hawaasni bal’aan magaalattii hojii kana keessatti qoodasaa akka bahatuuf hojiin hubannoo uumuu bal’inaan waan hojjatameef yeroo ammaa miira walhubannaa qabuun osoo komiin tokko hinkaane hojiin kun haala gaariin adeemsifamaa jira.
Bariisaa: Mee hojiiwwan babal’ina bu’uuraalee misoomaafi misooma koriidarii kana cinatti dargaggoota magaalattiitiif gama carraa hojii uumuutiin Baabbile maal fakkaatti?
Obbo Ahmad: Hojiiwwan ijaarsa paarkii magaalaarraa kaasee hanga hojiiwwan misooma koriidariitti hojiin hojjatamaa jiru irra jireessaan dargaggootuma magaalaa kana keessatti argamaniini. Dargaggootni ogummaawwan garaa garaatiin eebbifamanii carraa hojii eeggachaa turan gurmeessinee hojiiwwan misoomaa kamuu keessatti akka hirmaatan taasisuudhaan sochii hojiiwwan misoomaa kamuun fayyadamummaa dargaggootaa akka dhimma ijootti fudhannee hojjachaa jirra.
Hojiiwwan misoomaa yeroo ammaa magaalattiitti adeemsifamaa jiran hunda yoo ilaalte hojii humnaatii kaasee hanga diizaayiniifi ijaarsaatti kanneen keessatti qooda fudhachaa jiran dargaggootuma magaalaa waldaadhaan gurmaa’aniidha.
Akkuma fakkeenyaatti yoon sii kaase, bara bajataa kanatti pirojektota akka magaalaatti qabaman 18 yemmuu ta’an, bajatni pirojektota kanneeniif qabame immoo qarshii miiliyoona 133 oli. Pirojektotni kunniin hundi kan hojjatamaa jiran gurmuu dargaggootaa magaalattii keessa jiraniin ala kontiraaktarri iddoo biraatii dhufee asitti hojjachaa jiru hinjiru.
Kana jechuun hojii misooma magaalaa kamuu keessatti fayyadamummaa jiraattota magaalichaa keessattuu dargaggoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii carraa hojii hinarganne gurmeessuudhaan gara hojiitti galchuudhaani.
Magaalaa Baabbileetti inisheetiiviiwwan qonna magaalaa paappaayyaan sanyii filatamaa xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjatamaa jira. Qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf akkasumas jiraattonni magaalaa lafa xiqqaa qabanirratti inisheetiiviiwwan qonna magaalaa paappaayyaa sanyii filatamaa dhiheessuudhaan gama kanaanis carraan hojii dabalataa akka uumamu taasifamaa jira.
Dargaggoonni inisheetiiviiwwan qonna magaalaatiin kuduraafi muduraa adda addaa misoomsuun fayyadamaa akka ta’an qonni magaalaa karoora maaddii guutuufi madaalawaa, carraa hojii uumuu, lafa xiqqaarratti omishuu danda’uu, omisha gahaa gabaaf dhiheessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf qabame milkeessuu keessatti dargaggeessi gahee olaanaa akka bahatu taasifamaa jira.
Qonni magaalaa bu’aa olaanaa argamsiisaa waan jiruuf cimee akka ittifufu gochuun karoora rogawwan hundaan qabame milkeessuuf hojjetamaa jira. Omisha argame kanaanis qaala’insa gabaa magaalichaa tasgabbeessuu, karoora maaddii madaalawaa magaalittiin qabame milkeessuufi rakkoo carraa hojii hiikuu dhimma cimee ittifufuu qabuudha.
Dargaggoota damee horsiisa lukkuu, lukkuu foonii, beeyladoota garagaaraa kanneen akka furdisa loonii, loon aannaniifi indastirii godoorratti gurmeessuudhaan akka isaan humna argatanii ofiisaanii bira darbanii maatiisaaniis geeddaraniif hanga liqii mijeessuufiitti deemnee hojjachaa jirra.
Kanaafuu, hojiiwwan babal’ina bu’uuraalee misoomaafi ijaarsota gara garaaafi qonna magaalaa fa’irrattis dargaggootni baay’inaan akka hirmaatan taasisuudhaan rakkoo carraa hojii dhabuun walqabatee jiru salphisuuf Baabbileetti hojiin hojjatamaa jiru kan fakkeenyummaa qabuudha.
Bariisaa: Baabbile iddoowwan hawwata turiizimii Oromiyaan qabdu keessaa tokko waan taateef asirratti hojiin dabalataa hojjachaa jirtan yoo jiraate?
Obbo Ahmad: Akkuma atuu kaafte Baabbile magaalota Oromiyaa uumamumaanuu miidhagduu taatee uumamteefi tuuristoota hawwachuuf carraa bal’aa qabdu keessaa ishee tokko. Amma immoo hawwata uumamaan magaalattiin qabdutti waa dabaluuf ‘land scape’ tokko hojjachaa jirra Gaara Tarree magaalaa keessatti argamurratti. Iddoon kun immoo lafa olka’aa achii yemmuu gadi ilaallamu guutuun magaalattii itti mul’atu waan ta’eef iddoowwan hedduu bareedaa waan ta’eef paarkii magaalattiis achumarratti ijaaraa jirra.
Inni lammataa immoo hojii dhagaa Baabbileerratti hojjachaa jirruudha. Kanas Inistitiyuutii Pilaanii Oromiyaa waliin ta’uudhaan dhagaa Baabbilee kana misoomsinee hawwata turiizimiitiif oolchuuf hojii guddaa tokko achirratti eegalleerra.
Bariisaa: Hawaasa fayyabuleessa horachuun misooma kamiifuu bu’uura waan ta’eef, mee gama inshuraansii fayyaatiin hoo Baabbile maal fakkaatti?
Obbo Ahmad: Akkuma atuu jette hojiiwwan misooma magaalattiitti taasifamaa jiran kanneen hunda kan hojjatu nama fayyaa qabuudha. Magaalaa Baabbileetti hojiiwwan babal’ina bu’uuraalee misoomaafi misooma koriidariis taanaan hunduu kan hojjatamaa jiran kontiraaktara iddoo biraatii dhufeen osoo hintaane, dargaggootuma magaalattii keessatti argamaniin akka ta’e armaan olitti sii kaaseen ture.
Kana jechuun hojiiwwan pirojektii barana magaalattiitti hojjataman kunniin kan sirnaan ijaaramuu danda’an yoo hawaasni magaalattii keessa jiraatu fayyaansaa sirnaan eeggame qofa. Kana qofaa osoo hin taane, iddoowwan bashannanaa kanneen akka city park magaalattiitti ijaaramaa jiran bor kan tajaajilan hawaasa magaalattiiti. Yoo hawaasni nagaa guutuu hinqabaanne namni iddoowwan bashannanaa kanatti bashannanu akka hin jirre ifa.
Kanarraa ka’uun dhimmi fayyaa dhimma xiyyeeffannoo addaatiin hojjatamuudha. Kana keessaa hawaasni inshuraansii fayyaa hawaasaa kana beekee akka ittifayyadamu hojii hubannoo uumuu cimaa hojjachuudhaan yeroo ammaa sadarkaan fayyadama inshuraansii hawaasa magaalattii fooyya’eera.
Fakkeenyaaf magaalaa Baabbileetti barana miseensa inshuraansii fayyaa kuma shaniifi 965 horachuun buusii qarshii miiliyoona torba ol walittiqabuuf karoorfamee hojitti galameera.
Hojii gama inshuraansii fayyaatiin bara darbe hojjatame yemmuu ilaallu immoo miseensa inshuraansii fayyaa abbaa warraa kuma 5,965 horachuudhaan buusiin qarshii miiliyoona 5.4 ta’u walitti qabuun danda’ameera.
Sochii hanga ammaatti gama kanaan taasifameen magaalattiitti namoonni kuma 11fi 300 ol fayyadamaa inshuraansii fayyaa kan ta’an yoo ta’u; namoonni 414 immoo tajaajila inshuraansii fayyaa bilisaan argachaa turaniiru.
Muuxannoowwan bara darbeerraa ka’uunis baranaaf miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa kuma 5, 965 horachuun buusii qarshii miiliyoona 7.2 walittiqabuuf karoorfameera. Kanaaf hojiiwwan misoomaa hojjataman cinatti hojiin hawaasa fayyabuleessa horachuu dhimma yeroo kamuu dursi kennamuufiidha.
Bariisaa: Ani gaaffii koo xumuree isin yoo ergaa qabaattan?
Obbo Ahmad: Dhaamsi guddaan ani qabu hojiiwwan misoomaa yeroo ammaa magaalattiitti adeemsifamaa jiranirratti hawaasni humnaafi beekumsa qabuun akka hirmaatu gaafachuu yemmuu ta’u, keessattuu ijaarsa paarkii Baabbileetiin walqabatee hawaasa yeroo ammaa magaalattii keessa jiru qofa osoo hintaane, dhalattootashii biyyoota adda addaa jiraatan hirmaachisuudhaan hojiin guddaan mallattooshii ta’uu danda’u tokko eegalameera.
Kanaaf qaamoleen hojii kana keessatti hirmaachaa jiran cimsanii akka ittifufaniifi qaamoleen biroos hojiiwwan misoomaafi hawwattummaa turiizimii magaalattii dabaluuf magaalattiin hojjachaa jirtu cinaa akka dhaabbatan kabajaan gaafachuu barbaada.
Bariisaa: Galatoomaa
Obbo Ahmad najaash: Isinis galata qabdu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017