Badhaadhina maatii bu’uura badhaadhina biyyaa

Dachee biyya keenyaa gama hundaan badhaaterratti omishnee hiyyummaa injifachuun dirqama. Mootummaanis Itoophiyaafi ummatashii maraammartoo hiyyummaa keessaa baasuuf karoora imala badhaadhinaa qopheessee xiyyeeffannnoo olaadhaan hojjetaa jira.

Imala badhaadhinaa keessaa karoorri badhaadhina maatii isa tokko. Karoorri kun dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef sadii, maaltu akka omishamu, hammam akka omishamuufi kan omishamerraa hammam akka qusatamu kanneen jedhaniidha.

Qonnaan bulaan dhimmoota kanneen milkeessuuf kan ganna roobaan facaase ammaan tana sassaabee galchaa jira. Waan omishee galchaa jirurraa hangam akka qusaturratti hubannoon uumamuu qaba.

Gama biraatiin qamadii dabalatee hojii misooma bonaatti xiyyeeffannoo addaatiin seenameera. Birraa, bonaafi arfaasaa jallisiifi coba bishaniitiin misoomsuun ajandaa ummata keenyaa ta’eera.

Kanaaf goleewwan Itoophiyaatti tibboonni hundi yeroo misoomaa ta’aa jiru. Muuxxannoon misooma qamadii bonaa qonnaan bultoota hunda biratti babal’achuun imala badhaadhina maatii cimsuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi alergii guddisuu keessatti waan guddaa waan gumaachuuf hojii ijoo si’anaa kan ta’e sassaabbii midhaanii, qusannaafi qonna jallisii milkeessarratt xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Mootummaan gamasaatiin bara 2013 irraa kaasee badhaadhina maatii dhugoomsuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachuun badhaadhina tokko tokkoon qonnaan bulaafi horsiisee bulaa biraan gahuuf hojjechaa xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetaa jira.

Kanaanis inisheetivoota adda addaa kanneen akka dammaa, horsiisa lukkuu, aannanii, kuduraafi muduraafaa baay’ina, saffisaafi qulqullinaan akka omishamuuf yeroo kamuurra tattaaffii cimaa taasisaa jira.

Fakkeenyaaf misoomni dammaa, dinagdee qonnaan bulaafi horsiisee bulaa dabaluurra darbee, rakkoo wabii nyaataa furuudhaan sagantaa “Maaddii Guutuu” akka biyyaatti qabamee hojjjetamaa jiru, dhiyeessii nyaata madaalawaa mirkaneessuun keessumaa dhaloota sammuu qaroo horachuu keessatti gahee guddaa qaba.

Akkuma irranatti eeruuf yaalame tarkaanfii addaa omisha qamadiirratti fudhatameenis Itoophiyaan boqonnaa kadhaa kaleessaa keessaa baatee, haala mijataa misoomaaf qabdutti gargaaramuun bonaafi gannaan qamadii omishtee wabii nyaataa mirkaneeffachuu, darbees al ergiidhaaf oolchuudhaan boqonnaa seenaa haaraa saaquu eegalteetti.

Kanaaf, badhaadhinni maatii, hundee badhaadhina biyyaa waan ta’eef qabeenyaafi humna qabnu hundaa fayyadamnee hiyyummaa injifachuun dirqama. Tokko tokkoon maatii omishaafi omishtummaarratti xiyyeeffatee akka badhaadhinasaa mirkaneeffatuuf hubannoo uumuurratti ammas xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You