“Dhimmoonni Afaan Oromoo afaan federaalaa taasisuu, nageenya amansiisaa mirkaneessuufi kabajamuu daangaa marii biyyaalessaatiin xiyyeeffannoo addaa argachuu qabu” – Abbaa Gadaa Siikkoo Mandoo Aliyyii Mohaammadsuruur

Jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Oaromoon mirga qabeenyasaarratti abboomuu, mirga aadaafi afaansaa dagaagfachuufi ofiin of bulchuu dhabee qe’eefi golasaatti akka lammii lammaffaatti ilaalamaa tureera.

Qabsoo obsa fixachiisaafi wareegama qaalii kaffalchiiseen sirni sirna nyaatee sirnoonni balaafamoon farra walqixxummaa ta’an marti dabareesaanii eeganii diigamuusaaniin har’a guyyaan caalmaa yaadaafi mariin hudhaa akka naannoofi biyyaatti jiru karaa ilaafi ilaamee akka furamuuf mariin sadarkaa biyyaalessaa naannolee hundatti gaggeeffamaa jira.

Kana raawwachiisuufis Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee hojiitti yoo seenu, yeroo ammaatti marsaa 10ffaaf qopheessummaa komishinichaatiin Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Bu’uuruma kanaan marii biyyaalessaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti Mudde 7 hanga 15 bara 2017tti Adaamaatti gaggeeffamaa jirurratti kutaaleen hawaasaa gara garaa kuma saddeet kan hirmaatan yoo ta’u, baniinsarratti haasaa mi’aahaa taasisuun qalbii hirmaattotaa kan seenan Abbaa Gadaa Siikkoo Mandoo Aliyyii Mohaammadsuruur Baaleerraa dhufan keessummaa Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa taasisuun gaafdeebii isaan waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Mariin biyyaalessaa sadarkaa naannootti qophaa’uun kun Oromoof hiika akkamii qaba jettu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Mariin biyyaalessaa kun sadarkaa naannootti qophaa’uunsaa Oromoof qofa miti sabaafi sablammii kaaniifis hiika guddaa qaba. Maaliif yoo jette sabaafi sablammiin ammi kun biyya keessa jiraachuusaayyuu kan hinbeekne hedduudha.

Har’a barri dhufnaan Itoophiyaa keessa sabaafi sablammiin 76 akka jiran beekamuu eegale.

Bariisaa: Osoo sabaafi sablammiin 76 biyyattii keessa jiranii jiraachuunsaanii wallaalamuun maalirraa kan ka’eedha?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Dhugaa dubbachuuf sirnoonni darban marti farra walqixxummaa, farra sabaafi sablammiilee olantummaa afaan tokkoo, amantaa tokkoo warra labsan turan. Kanarraa kan ka’e Oromoo dabalatee sabaafi sablammiin hedduu afaansaa, aadaasaa, duudhaasaa, eenyummaasaatti akka qaana’u, saalfatu taasifamuun cunqursaan sirnaa itti fe’amee hacuuccaa jala turan.

Kaan dhiisi Oromoon afaansaa, eenyummaasaa qabeenyasaarratti abbummaa akka dhabu taasifamaa tureera. Ummata akka galaanaa guddaa ta’e kana afaan qawweetiin ugguranii qorqalbiinsaa akka jaamu taasifamaa tureera. Sun hundi darbee har’a mirga gadi baanee filachuu, afaan keenyaan barachuu, amantii feene hordofuu arganneerra.

Kun injifannoo guddaa qabsoofi wareegama qaaliin argame waan ta’eef jaarraan tokkoofi walakkaa darbe Oromoofi sabaafi sablammiif Gadaa dukkanaati yoo jenne isa ibsa.

Bariisaa: Oromoon dhimmaafi faayidaa argachuu malu yeroo gaafatu ija inaaffaafi jibbaan ilaalama, maaliif laata?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Jibbaafi ilaalcha balaafamaa warra kan keenyatti abbaa ta’uu barbaadutu har’as akka jaarraa darbee oftuulummaaf warra kaka’uudha. Sun har’a hinjiru. Jaarraa amma keessa jirru kana keessatti kan barbaadamu yoo jiraate walkabajuu qofa.

Sababnisaas akkuma, “Akka baran osoo hintaane akka baraatti bulu” jedhamu dhugaafi haqaan waldanda’uun malee, namalee Itoophiyaan nidiigamti ilaalcha jedhuun biyyi ijaaramtu hinjirtu.

Bariisaa: Mariin ammaan tana sadarkaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru gaaffilee Oromoo maal maal deebisa jettanii yaaddu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gaaffii guddaan dhimma Finfinneeti. Finfinneen magaalaa lafee ilmaan Oromoorratti kan hundooftedha. Qonnaan bulaa hedduun dhiibbaa sirnoonni cunqursaa irraan gahaa turaniin lafasaarraa ari’atameera. Qonnaan bulaan Finfinnee hedduu Finfinneerraa gara Arsiitti, Baaleefi magaalota birootti ari’atamee jiruufi jireenya gadadoof saaxilameera.

Dhimmi Finfinnee dhimma deebii waaraa barbaadudha, Oromoon qe’eef golasaarratti kabaja dhabee qubataan alaa dhufe abbaa itti ta’ee akka lammii lammaffaatti ilaalamaa tureera.

Bariisaa: Finfinnee keessatti akka lammii lammaffaatti Oromoon ilaalamuunsaa dhiibbaa akkamii irraan ga’eera jettu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Finfinnee keessatti Afaan Oromoo dubbachuun, maqaa Oromoo qabaachuunuu yakka ta’ee ilaalamaa ture. Kanarraa kan ka’e maatiin maqaasaa, kan ilmaansaa sadarkaa jijjiiruurra gaheera.

Bariisaa: Finfinnee keessatti Oromoon maqaasaa ganamaa dhabeera. Kan kutaa magaalaafi kan magaalattiis dhabeera. Kunis dhiibbaa sirnaatiin kan walqabatudha jechuu keessanii?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Eeyyee maqaa namaa qofa miti maqaan magaalaa, kutaalee magaalaafi kan biroollee maqaa biraa iti moggaasuun magaalaa keenya, eenyummaa keenya nuwallaalchisaniiru. Mariin kun hudhaa kana nuu fura jennee abdanna. Seenaatu ragaa keenya, Finifinnee qonnaan bulaatu irraa buqqa’e malee lafti achuma jira.

Bariisaa: Gaaffiin abbaa biyyumma Finfinnee ka’aa jiru kanneen Oromoo kan fayyadu, saba biraammoo midhuudha kan jedhan jiruutii isin maal jettu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Nuti mirga keenya abbaa biyyummaa gaafanne malee kan namaatti hinbuune. Dachee Finfinneerraa gamoon dhaabatu kan warra nuweeraree ta’us buqqifadhaa keessaa nuu bahaa hinjennu. Ta’us ilaalchaafi gamoo jibbaa sammuusaanii keessatti Oromoof qaban haa diigan; nagaa buusnee waldandeenyee jiraanna yaada jedhuudha kan qabnu.

Bariisaa: Oromoon sabaafi sablammiif kabaja akkkamii qaba laata?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Oromoon ormayyuu hammatee harma hoosisuun, guddifachaan, moggaasaan guddisee lafa kennee akka dhalasaatti jiraachisaa tureera har’as sanuma. Dhala namaa miti uumama lafarraafuu kabajaafi ulfina qaba. Muka akka fedhe hinkutu, namas akka fedhe hinmiidhu, waaqaafi lafaaf jedhee hambifata.

Bariisaa: Har’a Oromoon gaaffii mirgaa yeroo gaafatu kan seenaan ragaa bahuuf maaliif ija hamaan ilaalama laata?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Akkuma qamaleen abbaa harbuu ari’atti jedhamuu san harkaafi qe’ee Oromoorratti guddatanii warreen deebi’anii diina itti ta’an tokko lama miti. Oromoon naamusa qaba. Uumaas uumamaafis kabaja qaba. Warra dhugaasaa dhoksuuf yaalan immoo mariifi ragaa seenaan ofirraa deebisa jedheen abdadha.

Bariisaa: Mariin biyyaalessaa kun gaggeeffamuunsaa boqonnaa jijjiiramaa fida jettanii yaadduuree?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Eeyyee. Sirnoota darban keessatti mariin biyyaalessaa akka kanaa gaggeffamee hinbeeku. Kun ta’uu dhabuusaatiin saamamaa, mirgi keenyas mulqamaa, qorqalbiinis akka miidhamnu ta’aa turre. Amma mootummaan jijjiiramaa dhufe karra marii saaquunsaa fala tokko. Gaaffiin sabaafi sablammiilee jaarraa lakkoofsise xiyyeeffannoo akka argatu kan godhudha.

Bariisaa: Gaaffiin biraa Oromoon qabu maali jettu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gaaffiin biraa dhimma afaanin kan walqabatudha. Afaan ummata bal’aa biyya keessaafi alatti dubbatamu afaan hoji federaalaa taasisuu dhabuun isa biraati.

Kun amma akka nuu furamuudha gaaffiin keenya. Gaaffiin kun erga Doktar Abiyyi gara aangootti dhufanii kan ka’e osoo hintaane gaaffii bara lakkoofsise waan ta’eef nuu deebi’uu qaba. Ummatni akka galaanaa bal’atu kun sadarkaa federaalaatti afaan ofiin tajaajiluu dhabuun salphina guddaadha. Ilmaan keenya hedduu gaaffii kana kaasuusaaniin cunqursaan gara jabummaa hedduu irra qaqqabaa tureera. Kun sirna jijjiiramaa kana keessa nuu deebi’uu qaban jedha.

Bariisaa: Afaan Oromoon afaan hojii federaalaa ta’uu dhabuunsaa miidhaa akkamii qaqqabsiise?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Ilmaan keenya baratanii lafa taa’aa jiru. Afaan keenyaan sadarkaa federaalaatti tajaajilamuun osoo eegalame achi keessatti mindeeffamanii hojjechuu danda’u. Kun ta’uu dhabuusaatiin dhiibbaan kana hinjedhamne dhaloota guddataa jirurratti fe’ameera.

Harqoonni cunqursaa jaarraa tokkoo oliif ummata keenya hiraarsaa ture nurraa cabuu qaba. Afaan keenyaan sadarkaa naannoorraa hanga federaalaatti tajaajila barbaanne argachuu feena.

Bariisaa: Finfinneefi Afaan Oromoo akkamiin ilaaltu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Afaan walwallaalaniiru yoon jedhe gaariidha. Finfinnee keessa yoo seente Afaan Oromoo dhagahuun ulfaataadha. Nama dubbatutu hinjiru jedheen kaasaa ture dur yeroon achi deemu. Kanarraa kan ka’e duulli Oromoorratti jaarraa tokkoofi walakkaaf banamee ture afaansaas galaafachuuf kan kaayyeffattedha jedheen yaade. Kanarraa ka’e Finfinneefi Afaan Oromoo walwallaalaniiru kanan jedheef.

Bariisaa: Har’a mootummaan jijjiiramaa gara aangootti erga dhufee jijjiirama jiru akkamiin ibsitu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Dhugaadha jijjiiramoonni nama jabeessan jiru. Ta’us mariin biyyaalessaa kun ifatti eegalamuusaa caalaa wanni nagammachiise hinjiru. Maaliif yoo jette komii, qeeqa, yaada akka Oromootti keessa keenya jiru gaaffii jaarraa lakkoofsise ifatti gadi baanee dubbachuun furmaataaf imala jalqabuun waan gaariidha.

Bariisaa: Mariin biyyaalessaa sabaafi sablammiilee hirmaachisuusaa kana akkamitti ilaaltan, maalis taajabdan?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Sabaafi sablammiileen 76 Itoophiyaa keessa jiraachuusaayyuu kan dhagahaa dhufne boodana. Maarree sirnoonni darban eenyummaa, aadaa, duudhaafi amantii namootaallee sarbaa turan. Kanarraa kan ka’e sirnoonni darban marti farra sabaafi sablammiileeti. Jibbi sirnoota kanarra jirus hammaataadha.

Bariisaa: Gaaffiin Oromoo inni biraa daangaa bulchiinsaatiin walqabata jechaa turtan waltajjiirratti. Daangaan walqabatee hudhaan jiraa?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Daangaan Oromiyaa bakkawwan gara garaatti saamameera. Kan Finfinnee amma furamuu dhageenyeerra. Kan naannolee biroon walqabatee daangaan saamamee jiru jira. Gama Affaar, Sumaalee, Amaaraatiin Shawaa keessatti daangaa babal’ifannaan hammaateera. Kunimoo waliti bu’iinsa hawaasa gidduutti uumaa jira.

Naannoon kamuu gaafa hundaa’u daangaa mataasaa seeraan lafa taa’eef qaba. Gaaffiin keenya daangaan seeraan lafa taa’e sun haa kabajamu kan jedhuudha. Kun ta’uu dhabuusaatiin walitti bu’iinsa yeroorraa yerootti mudatuun gaaga’amni lubbuu qabeenyaafi qorqalbii ummataarra gahaa jiru hammaadha.

Bariisaa: Oggaa isin akkas dubbattan kanneen deeggaraa siyaasaati jedhan jiraachuu danda’u. Isin akkamin of ibsitu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Ani nama Gadaan bulu malee siyaasa kamuu deeggaru miti. Ta’us haqaafi dhugaaf nan dubbadha. Kunimmoo siyaasa deeggaruufi deeggaruu dhiisuu miti.

Bariisaa: Nama Gadaan bulu jechuun maal jechuudha?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gadaan dimokraatawaadha, ilmi Oromoos waan Gadaan buluuf dimokraatawaadha. Safuu qaba, duudhaa eega, aadaa kabaja, uumaafi uumama safeeffata jechuudha.

Aangoon sirni marti seera Gadaan darba malee waraana nama hinkaassisu. Haqa dabe deebisuuf qawwee caalaa mariifi marabbaa filata. Duudhaa gadaatu kanneen hunda nubarsiise waan ta’eef siyaasa kamirraayyuu bilisa. Mirgaafi haqa ofiif dubbachuun ammoo Waaqaanis lafaanis waan jaalatu amantaan kamuu deeggaru waan ta’eef siyaasaan walhinqabatu.

Bariisaa: Oromon qabeenyasaaf jibbama, dhiibama jechaa turtan. Kanaaf ka’umsi keessan maali?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Lafasaafi qabeenyasaaf darbees galaana waan ta’eef jibbama. Jibbimmoo eessayyuu nama hingeessisu. Inni guddaan Oromoon ummata akkamii akka ta’e osoo beekanii qe’eesaatti jibbuun sirrii miti.

Bariisaa: Ilaalcha Oromoon saboota kaaniif qabu akkamitti ibsitu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Waan Ministirri Muummee Itoophiyaa Oromoo ta’eef baalagizee nuun jedhu. Nuti garuu faayidaa saba biraarraa addatti nuu kenname hinqabnu. Kanuma keenyarra jirra. Mootummaan jijjiiramaa walqixxummaa sabaafi sablammiileef nan hojjedha jedhee kaanaan kanumatu garaa isaan gubee akkuma dur baran saba biraa cunqursaa jiraachuun kan hindanda’amne waan ta’eef kanatu isaan aarsee Oromoo gadi qabuuf yaalii taasifamudha.

Bariisaa: Waan Ministirri Muummee Oromoo ta’eef Oromoon mirgasaa gaafachuu dhiisuu qabaa?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Kun walhinargu, mirga ofii gaafachuun seera, haqa namaa dabsuun seera miti. Ta’us waan mirga keenya gaafanneef baalagizee kan jedhamnu yoo ta’e kun dogoggora sirrachuu qabuudha.

Sirni biyya bulchaa jiru sabaafi sablammiileen filatamee kan hogganu malee Oromoon qofa kan filatame miti. Kana beekuu dhabuudhaan Oromootti quba qabuufi gadi cabsuuf yoo yaalan mul’atu. Ilaalchi akkasii ilaalcha farra walqixxummaa cabuu qabuudha.

Bariisaa: Inni biraan gaaffii abbaa biyyummaan kan walqabatu kaasaa turtan yaadichi maalinni?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gaaffiin Finfinneen kan eenyuuti jedhu irra deddeebbin ka’aa tureera ammas sanuma. Dhimma Finfinneen walqabatee heerriifi seenaan maal jedha isa jedhu ilaaluun gahaadha. Haqni abbaa haqaaf deebihuu qaba yaada jedhun qaba. Gabaabaatti gaaffiin Oromoo gaaffii mirgaati, kunis marii kanaan nuu deebi’a jedheen abdadha.

Bariisaa: Oromoo gadi cabsuun faayidaa seeraan argachuu malu dabsuun ni danda’ama jettuu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gonkuma faayidaa Oromoon seeraafi seenaan argachuu qabu gufachiisuun hindanda’amu. Baalagizee jedhanii gadi cabsuuf yaalanis yeroon yeroo olaantummaan seeraa bu’uura heeraan itti mirkanaa’u waan ta’eef karaa walitti bu’iinsa hinuumneen mariifi marabbaa gaaffiin Oromoo nideebi’a abdii jedhun qaba.

Bariisaa: Rakkoo nageenyaas kaasaa turtan. Oromoo kan qoraa jiru rakkoo nageenyaati. Kun akka furamuuf kaasaa jirtu. Haala nageenya Oromiyaa akkamiin ibsitu mee?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Amma nageenyaan walqabatee akkasaa wallaalaa jirra. Kan keenyatu orma faana hiriiree nuwaraanaa jira, dargaggoon keenya dhaabatee of ilaaluu qaba. Garaagarummaa siyaasaa jiru furuufi mariin amma eegalame jajjabeessaadha. Bu’uuruma kanaan furamuu qaban jedha.

Yeroon kun Oromoof yeroo murteessaa waliin qabsoofnudha malee yeroo itti walitti qabsoofnu miti. Nuti walitti duuluurraa kan ka’e ormi nutti duulee nudhadhabsiisuuf yaalaa jira kanaaf ilmaan keenya dammaqaan jedha.

Ilmi abbaafi haadhasaa hindhageenye amantaa kamiinuu abaaramaadha. Kanaaf dargaggoonni keenya mariif balbala baname kanatti fayyadamuun qe’ee ofiitti deebi’uun gaaffii Oromoo mariin deebisuuf yaalii eegalame kanatti makamuun furmaataaf dhaabachuu qabun jedha.

Bariisaa: Oromoon walitti duuluun gatii nunkaffalchiisnee laata?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gatii qaalii nukaffalchiiseera. Qe’eefi qabeenyi Oromoo barbadaa’eera, nageenyi boora’ee ture. Osoo walii duuluu qabnuu walitti duuluu keenyaan hawaas dinagdeefi siyaasaan akka hintasgabboofne taane.

Bariisaa: Waamicha mariifi araaraa mootummaan taasise hordofuun kan deebihan jiru, kan hafanif ergaa akkamii qabdu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Oromoon nagaa labsa, nagaaf wabii dhaabata. Gadaan keenyas sanuma. Barsiisa kanaaf waldhabdeen siyaasaa mariin haa furamu. Ilmaan haadha tokkoo taanee waljifachuun diina ofirratti goobsuu siyaasa Oromoo dadhabsiisuu waan ta’eef dammaqnee araaraaf, mariif dursa kennuu qaban.

Ilmaan keenya karaa nagaa qabsaa’uuf qawwee lafa kaa’anii dhufan anaa dhufu jenna; warra hafemmoo kootaa Oromiyaan isin waamti isin barbaaddi isin malee manni golli hinbareedu waldhabdee mariin fixu qawween walhinfixnun jedha.

Bariisaa: Marii kutaalee hawaasaa hirmaachise kana keessatti qabxiileen ka’an hedduudha, achi keessaa dhimmi ijoon hudhaa naannichaati jettan kami?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Dhimma mirga abbaa biyyummaa, dhimma Afaan Oromoo afaan federaalaa taasisuu, nageenya amansiisaa mirkaneessuufi kabajamuu daangaaf xiyyeeffannoon addaa kennamu qaban jedha.

Bariisaa: Mootummaarraa maal eegdu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gaaffiileen ka’an kunniin xiyyeeffannoo argatanii furmaanni waaraa kennamuufii qaba.

Bariisaa: Sabaafi sablammiileerraa maaltu eegama?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Gaaffii qaban karaa dimokraatawaa dhiyeeffataniiru duubdeebii kennamuuf obsaan eeguudha.

Bariisaa: Ijaarama Itoophiyaa keessatti shoora Oromoon taphate akkamiin ilaaltu?

Abbaa Gadaa Aliyyii: Biyya itoophiyaa jedhamtu tana keessatti adda durummaan qabsaa’ee ijaaruu keessatti Oromoon isa duraati. Haata’u garuu kan itti of jaju, ana malee nidiigamti, natu ijaare ilaalchi jedhu ammallee dhimma marii kanaan furamu ta’uu qaba.

Ilmaan keenya hedduu itti wareegnee abbootiin keenya itti dhiiganii biyya asiin gahanidha. Ta’us maqaa Itoophiyaa jedhamtu kanaan cunqursaan Oromoo dabalatee sabaafi sablammiirra gahaa ture hammaataadha. Hara garuu ilaalchi sun cabee Itoophiyaa ijaaruu keessatti ashaaraan sabaafi sablammiilee ifatti calaqqisuu qaba yaada jedhun qaba.

Bariisaa: Turtii nuwaliin taasistaniif isin galateeffanna.

Abbaa Gadaa Aliyyii: Isinillee galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You