Ummatni Oromoo WBO gale galateeffachaa WBO hafe kadhachaa jira

Finfinnee: Waldhabbii yaadaa gara qabsoo bosonaatti ce’uun waggoota shanan darban Oromoofi Oromiyaa gaaga’ama hamaa keessa buuseefi waliigaltee mootummaafi Qondaaltota Olaanoo Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifameen calaqqee qilleensa nagaa dachee Oromiyaa yeroo ammaa ilaalchisee Gaazeexaan Bariisaa Hayyoota Oromoo waliin gaafdeebii taasiseera.

Waldhabbiin ilmaan haadha takkaa jidduutti mudate karaa nagaan akka furamuufi tasgabbii dachee Oromiyaaf namoota ifaaja guddaa taasisaa turaniifi jiran keessaa Aadde Makkiyyaa Maammiyyuu isaan tokko. Aadde Makkiyyaan mootummaafi qaama hidhate gidduutti nageenyi akka bu’uuf  Abbootii qabeenyaa, abbootii amantaa, abbootii Gadaafi haadholii Siinqeefi jaarsolii biyyaa waliin ta’uun Oromiyaa Lixaa,  bosona Gidaamii deemuun Jaal Marroo qaamaan mariisisuu danda’aniiru.

Marii yeroo sana taasifame hordofee loltoonni hedduun gara qabsoo nagaatti deebi’uu eeranii; loltoonni nageenyisaanii eegamee gara biyyaatti deebi’uurratti qoodni Shuumii Itaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildimaarshaal Biraanuu Juulaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’ina marii yeroo sanii keessatti qoodni anga’oota  mootummaa federaalaafi naannoo Oromiyaa sadarkaan jiranii akkasuma qoodni Obbo Kumsaa Dirribaa/ Jaal Marroofi Obbo Daawud Ibsaa  olaanaa ta’uus eeraniiru.

Waliigalteen nagaa sun akka milkaa’uuf gumaachi Obbo Ibsaa Nagahoo guddaa ture kan jedhan Aadde Makkiyyaan; ta’us  ifaajni yeroo saanii ittifufuu baatus yeroo ammaa  ummatni waanjoo mormatti hidhatee haadholiin harma baasanii ba’anii kadhatanii dhageettii argachuutti gammadanii Oromoon hidhatee bosonatti hafes ta’e kan bosonaan ala jiru tokkoomee arguun garuu dheebuusaanii  isa guddaa ta’uu  ibsaniiru

Gameessi Siyaasaa Obbo Ibsaa Nagahoo gamasaaniin akka jedhanitti, waliigaltee mootummaafi Qondaaltota Olaanaa WBO jidduutti taasifameen dachee Oromiyaarraa qilleensi nagaa akka bubbisuuf ilmaan Oromoo bosona jiran gara nagaatti deebi’aa jiraachuun diinaafis dhiigaafis hiika guddaa qaba. miseensonni WBO tibbana dararama ummataa hubatanii dhommoqa siyaasaa agarsiisuun gootummaafi bilchina guddaa ta’uus dubbataniiru.

Kana dura waan aadaan marii hinturreef ABOn qawwee kaasuuf dirqame malee gaaga’ama qabsoon hidhannoo fidu bareechee beeka. Aadaan marii uumamuun  bara 2011 karaa nagaan qabsaa’uuf biyyatti deebi’uu himanii; ofii deebi’uu qofa osoo hintaane warri mufatanii bosonatti maqanis daandii nagaatti akka deebi’aniif koree waloo hundaa’e keessatti sochii adda duree taasisaniin hidhattoota hedduu gara qabsoo nagaatti deebisuun akka danda’ame yaadachiisaniiru.

Waggoota shanan ja’an darbanitti qabsoon hidhannoo Oromiyaa keessatti adeemsifame gaaga’amaan malee bu’aa ittiin madaalamu tokkollee hinqabu jedhanii; Itoophiyaa biyya sablammoota 76 ol qabdu keessatti gareen saba tokkoo qofti qabsoo hidhannoon ka’ee biyya dhuunfachuun  muuxannoo addunyaas akka hintaane hubachiisaniiru.

Ijoollee qabsoo nagaa simachuun deebi’aniif kunuunsaafi deeggarsi barbaachisu akka taasifamu warri hafanis ummata dhaga’anii gara nagaatti akka dhufaniif waamicha dabarsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017

Recommended For You