Adaamaa: Komiishiniin Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee Komiishinii Hojii Gamtaa Federaalaa waliin ta’uun waldaalee hojii gamtaa, yuuniyenoota, omishtoota industirii, dhiyeessitootaafi sektaroota daldalaa waliin Kibxata darbe Magaalaa Adaamaatti mari’ateera.
Waltajjicharratti yuniyenonni bitattootaa Magaalaa Finfinnee omishtoota qonnaa, omishtoota omisha industirii naannoleefi dhiyeessitoota waliin sanada waliigaltee walitti hidhamiinsa gabaa bara 2017 waliif mallatteessaniiru. Yuuniyenoonni omishtoonniifi bitattoonni waliigaltee walitti hidhamiinsa gabaa bara darbeetiin gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisan waltajjicharratti badhaasniifi beelkamtii argataniiru.
Komiishinarri Komiishinii Hojii Gamtaa Finfinnee Aadde Li’iilti Gidey haasaa baniinsaa taasisaniin akka jedhanitti, komiishinichi yuuniyenootaafi omishtoota industirii naannolee waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuun omishaalee qonnaafi industirii gatii madaala’aan jiraattota Magaalaa Finfinneef dhiyeessuudhaan gatii gabaa tasgabbeessuufi qaala’ina jireenyaa hir’isuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Komiishinichi lammiilee balaa namtolcheefi uumamaaf saaxilaman gargaaruu keessattis gumaacha irraa eegamu bahachaa jiraachuus eeranbiiru.
Komiishinichiifi Waldaaleen Hojii Gamtaa Finfinnee omishaalee qonnaafi industirii gahaafi qulqullina qabu gatii madaala’aan jiraattotaaf dhiyeessuudhaan qaala’iinsa gatii gabaafi jireenyaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himanii, walitti hidhamiinsa gabaa bara darbe yuniyenootaafi omishtoota industirii naannolee waliin taasifameen jiraattota magaalattiif omishaalee qonnaafi industirii gahaa dhiyeessuudhaan sirni gabaa tasgabbaa’aan akka jiraatu taasifameera. Hojiin kun baranas yoniyenootaafi omishtoota industirii naannolee waliin sanada waliigaltee walitti hidhamiinsa gabaa uumuudhaan kan ittifufu ta’uus himaniiru.
Waldaaleen hojii gamtaa sochii daldaltoonni seeraan alaa omishaalee dhoksuudhaan gatiin gabaa akka qaala’u taasisan ittisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himanii, fooyyessi dinagdee maaykiroo mootummaan taasises sirni gabaa tasgabbaa’aan akka jiraatu taasiseera; daldaltoota seeraan alaa omishaalee dhoksuun gatiin gabaa akka qaala’u taasisanirrattis tarkaanfiin fudhatamuus eeraniiru.
Komiishinichi gahee waldaaleen hojii gamtaa gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti qaban daran cimsuuf humnasaanii cimsuufi rakkoolee faayinaansii inaan mudatu furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu kan himan Aadde Li’iilti, bulchiinsi magaalaa Finfennees hanqina maallaqaa waldaalee hojii gamtaa mudatan furuuf fandii marmaartuu qarshii biiliyoona tokko kan mijeessuudhaan waggoota afran darban utuu walirraa hinkutin deggeraa jiraachuus himaniiru.
Komiishinara Ittaanaa Komiishinii Federaalaa Obbo Abdii Umad akka jedhanitti, waldaaleen hojii gamtaa biyyattii omishaalee qonnaafi industirii gahaa dhiyeessuudhaan qaala’insa gatii hanqina omishaalee hordofuun qaqqabu ittisuufi deggersa namoomaa taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiru. Waldaaleen hojii gamtaa omishoota qonnaafi indistirii waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuudhaan omishaaleen kallattiidhaan omishtootarraa gara fayyadamtootaa akka dhufan taasisuudhaan sirni gabaa seera qabeessi akka jiraatu taasisaa jiraachuus himaniiru.
Hojii waldaaleen hojii gamtaa hanqinni omishaaleefi qaala’inni gatii akka hinmudanne taasisuuf raawwataa jiran jajjabeessaa ta’us gahaa miti kan jedhan Obbo Mahaammad, kanaafuu humnasaanii caalaatti cimsachuun dorgomaa cimaa ta’anii argamuuf tattaafii cimaa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa mudatee jiru karaa waaraa ta’een furuuf walitti hidhamiisi gabaa waldaaleen hojii gamtaa omishtoota, yuniyenootaafi dhiyeessitoota waliin taasisan cimee itti fufuu akka qabu eeranii, hoggantoonni naannolee hojii kana milkeessuu keessatti gahee isaanirra eegamu akka bahataniif gaafataniiru. Komiishinichis waldaalee hojii gamtaaf deggersa barbaachisu hunda kan taasisuuf ta’uu eeraniiru.
Kantiibaa Ittaanaafi Hogganaa Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obba Zyaanxiraar Abbaay akka jedhanitti, Komiishiniin Waldaa Hojii Gamtaa karaa yuniyenotaafi waldaaleen hojii gamtaa omishaalee qonnaafi industirii dursee bitee kaa’uufi gatii madaala’aan bitattootaaf dhiyeessuudhaan gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabu.Yuniyenoonni naannoleefi magaalaa Finfinnee yeroon midhaan itti walityiqabamu kanatti omishaalee qonnaa gahaa bitanii akka kuusaniifis dhaamaniiru.
Sanadni waliigaltee walitti hidhamiinsa gabaa uumuu Waldaaleen Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee yuuniyenootaa, omishtootaafi dhiyeessitoota naannolee waliin taasise omishaaleen naannoleerraa gara Finfinnee akka dhufan taasisuudhaan hanqinni omishaalee akka hinmudanne taasisuun qaala’ina gatii tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Hoggantuun Biiroo Daldala Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj akka jedhanitti, Finfinneen wiirtuu gabaa biyyattiiti. Magaalattiin omishaalee qonnaa naannoliirraa fudhachuu qofa utuu hintaane omishaalee industirii bal’inaan naannoleef kennaa jirti. Magaalattiin omishtoonni naannolee omishaaleesaanii kallattiidhaan gabaa Finfinneef akka dhiyeessaniif suuqota 113 kan qopheesseef ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017