“Itoophiyaan qabeenya bishaanii qabdutti haalaan fayyadamaa hinjirtu” -Doktara Injinar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee: Sululalawwan Itoophiyaan qabdu 12n keessaa saddeet  bishaan humna elektirikii maddisiisuu, misooma jallisiifi bishaan dhugaatiif oolu bal’inaan qabu.  Biyyattiin qabeenya bishaanii humna elektirikii giigaa waatii 45 maddisiisuu danda’u kan qabdu ta’us hanga ammaatti faayidaaf kan oole %10 hincaalu. Kun qabeenya bishaanii jirutti haalaan kan hinfayyadamne ta’uu akka mul’isu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii ni ibsa.

Ministirri ministeerichaa Doktar Injinar Habtaamuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, qabeenya bishaanii keenya misoomsuun humna elektirikii maddisiisuu, misooma jallisiif, bishaan dhugaatiifi  balaa lolaa ittisuuf gargaaru. Lolaan balaa utuu hintaane akka eebbaatti fudhatamuu qaba. Lolaa argachuu jechuun bishaan argachuu jechuudha. Hidhawwan ijaaramanis misooma jallisiifi humna elektirikii maddisiisuun ala omisha qurxummiif, geejjibaafi hawwata turizimiif gargaaru.

“Qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamuudhaan lafa bal’aa jallisiidhaan misoomsuu dandeenya. Yeoo ammaa misooma jallisiitiin omishni qamadii, ruuziifi fuduraalee bal’inaan adeemsifamaa jira. Itoophiyaan addunyaarratti humna elektirikii haaromu maddisiisuudhaan beekamti Kana keessaa humni elektirikii bishaaniin maddu gahee guddaa qaba. Humni elektirikii qilleensa, aduufi urka irraa maddu qaamuma humna elektirikii haaromuudha” jedhu.

Itoophiyaan qabeenya bishaanii humna elektirikii giigaa waatii 45 maddisiisuu danda’u kan qabdu ta’uu himanii, kana keessaa hanga ammaatti giigaa waatii 4.8 (%10) hincaalu. Ijaarsi xumuramaa kan jiru Hidhi Abbayyaa madda humna elektirikii haara’u isa guddaa ta’uu himu.

Baay’ina ummata Itoophiyaa magaalaafi baadiyyaa jiraatu keessaa miliyoona 71 kan ta’u bishaan dhugaatii qulqulluu argachaa kan jiru ta’uu himanii,  kun baay’ina uummata biyyattii waliin walbira qabamee yoo ilaalamu gahaa waan hintaaneef hojii guddaa kan gaafatu ta’uufi kunis humna mootummaa qofaan milkaa’uu waan hindandeenyeef deggersa qaamolee deggertootaa kan gaafatu ta’uu ibsu.

Bishaan dhugaatii qulqulluu keessumaa magaalotatti lakkoofsi ummataafi dhiyeessi bishaan dhugaatii walsimuu dhabuurraa kan maddu ta’uu himanii, bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyaateen bilokeetii omishuun, laabaajoof itti fayyadamuun, qonna magaalaaf fayyadamuun seeraan ala ta’uu himu. Bishaan dhugaatii qulqulluu qusannaa malee itti fayyadamuufi ijaarsi seeraan alaas hanqinni bishaan dhugaatii qulqulluu akka uumamuuf sababa ta’uus ni eeru.

Hoggantoonni godinaalee, aanaaleefi kantiibonni magaalaas yeroo bishaan dhugaatii badu qofa waa’ee bishaanii dubbachuu utuu hintaane akkuma hojiilee misoomaa biroof baajata Ramadan rakkoo bishaan dhugaatii furuufis bajata ramaduu akka qaban yaadachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You