Iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuun guddina Ispoortii biyya takkoof bu’uura. Kanarraa ka’uun mootummaan hirmaannaa ummataatiin iddoowwan oolmaa ispoortii ijaaruufi kanneen dullooman ammoo haaromsuun dargaggoonni, barattoonniifi hojjetoonni yeroo boqonnaasaanii sochii ispoortii akka taasisan gochaa jira.
Ummata fayya qabeessa, sammuu ifaafi qaama cimaa, akkasumas humna omishaa horachuuf iddoowwan ispoortiin ammayyaa itti gaggeeffaman baay’inaan ijaaruun murteessaadha. Giddugalli ispoortiiwwan biyyaaleessaa ammayyaa Oromiyaatti babal’achaa jiru dargaggoota guddattoota simachuudhaan ispoortiiwwan adda addaan leenjisaa jira.
Leenjiin kubbaa miilaa Pirojektii kubbaa miilaa Ambo “Amboo FIFA Gool Piroject”tti kennamaa kan jiru yoo ta’u, leenjiin atileetiksii ammoo Boqojjiifi Goreetti kenamaa jira.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sulultaatti kan argamuufi maqaa gootittii Olompikii Komishinara Ittaantuu Daraartuu Tulluutiin kan mogaafame Inistiitiyuutiin Barumsaafi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluutti leenjiin kubbaa miilaafi atileetiksii kennamaa jira.
Naannoon Oromiyaa Pirojektoota kanneen cimsuuf waggaatti yeroo afur walmorkii taasisuuf karoorfachuun kaleessarraa kaasee yeroo jalqabaaf walmorkii kubbaa miilaa guyyoota saddeetiif turu adeemsisaa jira.
Kaayyoon dorgommichaa guddattoota abdii ispoortii borii ta’an horachuuf ta’uu himu hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sabbooqaa.
Naannichi kanaan dura giddugaloota Boqojjii, Amboofi Goreetti leenjiiwwan kubbaa miilaafi atileetiksii kennaa turuu himanii, yeroo ammaa ammoo leenjiin giddugala kanatti jalqabamuunsaa milkii guddaadha.
Isoortii mootummaa qofarratti gatuu utuu hintaane ummanniifi dhaabbileen ispoortii adda addaas dargaggootarratti hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.
Barana Biiroon Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa pirojektoota ispoortii adda addaa naannichatti gurmeessuuf ji’oota lamaaf gandaa kaasee hanga naannootti sochii olaanaan taasifamaa jiraachuus himaniiru.
Biirichi ispoortii Oromiyaa caalaatti guddisuuf hojjechaa jiraachuu himanii, barana qofa guddattoota atileetiksii 80, kan kubbaa miilaa ammoo 50 walumaagalatti guddattoota 130 simachuun leenjiif qopheessuu Obbo Maatiwoos himaniiru.
Walitidhufeenya pirojektootaa cimsuuf waggaatti yeroo afur walmorkii gaggeessuuf karoora qabameen shaampiyoonaan pirojeektii guddattoota yeroo jalqabaaf kaleessarraa kaasee guyyoota saddeetiif turu jalqabamuus addeessaniiru.
Kayyoon shaampiyoonichaa tokkummaa, jaalalaafi obbolummaa guddattoota pirojektootaa cimsuurra darbee guddattoota ispoortii biyyaaf abdii boruu ta’an horachuuf ta’uus eeraniiru.
Harmaattonni dhiiraa Giddugla Leenjii Kubbaa Miilaa Amboo, Inistiitiyuutii Leenjii Ispoortiifi Qorannoo Daraartuu Tulluu, Galaan Guddicha, Sululta, Galaan, Mana Maree Abbichuu yoo ta’u, dubaraan ammoo Giddugala Leenjii Kubbaa Miilaa Amboo, Sabbata, Buna Itoophiyaa, Inistitiyuutii Leenjifi Qorannoo Daraartuu Tulluu ta’uun bekameera.
Karaa biraatiin yaa’iin idilee Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa 3ffaafi yaa’iin idilee Kilaboota Atileetiksii Oromiyaa 2ffaan kaleessa galma walga’iisaa Giddugala Leenjii Ispoortii Daraartuu Tulluutti jalqabeera.
Yaa’ichi guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u, gabaasa dhiyaatu dhageeffachuun ciminootaafi hanqinoota jiran adda baasuun karoora bara 2017 kan raggaasisu ta’a.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017