Bu’aalee imala waggoota shanii eegamuu qaban

Waggoonni jijjiiramaa darban kan injifannoowwan hedduun ittigalmaa’aniifi qormaatonni adda addaas itti keessummeeffamaniidha.

Yaadama siyaasaa walqooduufi loogii keessaa bahamee paartii biyyaalessaa hammataa, madaalawaafi tokkummaa sabdaneessaa cimsu hundeessuudhaan badhaadhina Itoophiyaatiif mul’ata qabachuun yeroo boqonnaa haaraan itti eegalameedha.

Akka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi jedhanittis, imalli jijjiiramaa mijataa qofa otoo hintaane yaadamaafi gochoota duubatti harkisoo Itoophiyaa waggootaaf takaalee qabe keessaa baasuuf qabsoofi bu’aa ba’ii olaanaa keessa darbuu kan gaafatu ture.

Oggaa misoomsuuf tattaafatamu isa balleessuuf qabsaa’u faana; oggaa ijaaruuf fiigamu murnoota diiguuf wixxirfatan wajjin wal’aansoo walqabaati.

Dhugaan bara sobaa waliin; amantaa cimaan shakkiifi ganuu faana; waliin; boqonnaa gaarummaan hammeenya wajjin wal’aansoo walqaban dhugaa qabachuun gaarummaa raawwachaa, ciminaan mo’achaa waggoonni abdiin ifaa ittimul’atan darbaniiru.

Imala rakkisaa waggoota shanii keessatti milkaa’inoota ijoo lakkaa’amuu danda’an galmeessaa jecha gochatti jijjiiraa paartichi akeeka dhaabateef dhugoomseera; hojiidhaanis agarsiiseera.

Dhaloota dhufuuf kan darbuu qabu idaa otoo hintaane mindaa akkasumas biyya badhaateefi misoomte dhaalchisuuf paartii xiyyeeffannaan hojjechaa jiruudha.

Waggoota jijjiiramaa darbanitti gaaffiileen seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhiyaachaa turan waadaa bira darbanii deebii gochaan deeggarame argataniiru.

Bu’aa jijjiiramichaa kan ta’e Paartiin Badhaadhinaa cabiinsawwan darban kan wal’aanu, kan har’aaf furmaata ta’u, imala egeree ammoo kan qajeelchuudha.

Paartichi waggaa shanaffaa hundeeffamasaa yeroo kabajatu kanatti dallaawwan adeemsa siyaasaa qarqaraafi jidduu, ijoofi deeggaraa, qonnaan bulaafi horsiisee bulaa, diinaafi fira…diiguudhaan gurmaa’insa siyaasaa yaada qofarratti hundaa’e uumeera.

Addummaa yaadaa akka faayaafi dhuudhaatti fudhachuudhaan morkattootasaa akka diinaatti hinilaalu. Paartichi kan naannawa ykn saba tokkoof dhaabate otoo hintaane paartii yaada tokkummaa sabdaneessummaa qabuudha.

Jijjiiramaa as walabummaan dhaabbilee amantii kabajameera. Adda addummaa durabu’oota abbootii amantii jidduu ture walitti dhiyeessuufi gara tokkummaatti akka dhufaniif mootummaan paartichaan hogganamu gumaachasaa bahateera.

Dhaabbileen ibsama dimokraasii kanneen akka Boordii Filannoo, Komishinii Mirgoota Namoomaa, Dhaabbata Abbagaar, Abbaan Taayitaa Miidiyaalee irradeebiin akka gurmaa’an taasifamaniiru. Akka bilisa, loogmaleeyyiifi amanamoo ta’aniifis jijjjiirraan seeraafi gurmaa’inaas taasifameera.

Jijjiiramichi akka walabummaan miidiyaa kabajamuuf, midiyaaleen seeraan qofa akka hojjetaniifi bulaniif, waltajjii yaadaa kutaalee hawaasaa hundaa akka ta’an taasifamaniiru. Baay’inni miidiyaalee 122 ture ammaan tana 272 qaqqabeera. Buufattoonni televizyinii 25 irraa 78, kan raadiyoo 52 irraa 73 guddataniiru. Qaqqabamummaan afaanii miidiyaalee kanneeniis 39 irraa gara 60tti guddateera.

Hojii qonnaa boodatti hafaa ture ammayyeessuun aadaa hojiirratti jijjiiramni mul’ateera. Ammaan tana hojiin qonnaa waggaa guutuu hojjetamaa jira.

Kanaanis hojii qamadii, ruuzii, garbuu, boqqoolloofi omishaalee kuduraarratti xiyyeeffannoon hojjetamee Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa qamadii omishuun adda duree taateetti. Qamadii alaa galchuus dhiisteetti. Omisha damee kuduraafi muduraatiinis hangi alergii dabaleera.

Hojii maaddii guutuurratti hojjetameenis omsihaaleen aannanii, lukkuufi dammaa maaddii maatiirratti akka argamaniif tattaaffiin eegalameera. Kanaanis omishni foon lukkuu toonii kuma 70 irraa gara toonii kuma 208tti; kan aannanii liitira biliyoona 7.2 irraa gara biliyoona 10tti; akkasumas kan dammaa toonii kuma 129 irra gara toonii 272tti guddisuun danda’ameera.

Gama ashaaraa magariisaatiinis waggoota jijjiiramaa darbanitti biqiltuuleen adda addaa faayidaalee dinagdee qaban biliyoonni 40 dhaabamaniiru. Omishaalee uffataa tajaajiloota garagaraatiif oolanis biyyuma keessatti omishuun danda’ameera.

Damee turizimiifi misooma koriidariirratti dabalatee hojiileen dameelee hundatti hojjetaman daran hedduu waan ta’aniif bu’aalee kanneen eeggachaafi kunuunsaa nageenyas mirkaneessaa, hanqinoota mul’atan guutaa milkaa’ina imala badhaadhinaa hafeef hunduu haa gumaachu.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017

Recommended For You