Barreessaa Gaaddisaa Birruu nama bara jireenyasaanii guddina ogbarruu Oromootiif bu’uura jabaa kaa’aniidha. Isaan namoota Afaan Oromootiin asoosama barreessuu eegalan keessaas hangafa.
Bara 1983 Asoosama Kuusaa Gadoo jedhamu; baruma eerame kana Galmee Jechoota Afaan Oromoo namoota kaan waliin ta’uun; Barruulee Birmata jedhamu bara 1985; Kitaaba ‘Peace and Reconciliation’ jedhamu Afaan Oromoofi Amaaraatti jijjiiruun bara 1993; Asoosama Dhaamsa Abbaa jedhamu bara 1994; Fedhii gamtokkeefi ogbarruu gaggabaaboo biroo bara 2001; Namummaafi ogbarruu gaggabaaboo barreessitoota biroo waliin bara 2004; Asoosama ‘Burreen bifa tokkoo miti’ jedhu bara 2007 barreessanii maxxansisuun dubbiftootaaf dhiyeessaniiru.
Obbo Gaaddisaan namoota Waldaa Barreessitoota Oromoo hundeessan keessaas tokko yoo ta’an, waldichas pirezdaantummaan waggoota afuriif tajaajilaniiru.
Barreessaa cimaan guddina ogbarruu Oromootiin karaa saaqan kun baatii Adoolessa bara 2013 umriisaanii waggaa 63ffaatti addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Isaan lubbuudhaan boqotanis hojiifi maqaansaanii jiraataan garuu dhaloota dhufaa darbaan yaadatamaafi leellifamaa ittifufa; keessumaa karaa badhaasa maqaasaaniitiin moggaafamee waggaa waggaadhaan adeemsifamaa jiruun.
Badhaasni Ogbarruu Gaaddisaa Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin adeemsifamu kun baranas marsaa 3ffaaf Dilbata darbe barreessitoota guddina ogbarruu Oromootiif gumaachaniif beektamtiifi badhaasa kenneera.
Sirna beekamtiifi Badhaasaa Finfinnee, Hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti adeemsifame kanarratti maatiin barreesssa gameessa Gaaddisaa Birruu, hayyoonniifi buleeyyiin akka Gaazexeessaafi Barreessaa Isaayaas Hordofaa; barreessaan, leenjisaan tiyaatiraafi taatoo Diimaa Abarraa, barreessaan diraamaafi tiyaatiraa Mootummaa Asaffaa, miseensi Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Mahaammad Qophee dabalatee keessummoonni hedduun biyya keessaafi alaa hirmaataniiru.
Sagantaa akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootaatiin baname kanarratti ogbarruu Oromoo keessatti waan guddaa gumaachan kanneen lubbuun jiranis ta’e hinjirre daran leellifamaniiru. Jabduu isaan damicharratti hojjetanis haala hawwataadhaan dhiyaateera.
Waltajjicharratti Doktar Gammachuu Magarsaa badhaasa bara jireenyaa kan argatan yoo ta’u, Barreessaa Gaaddisaa Birruu, Abbaa Bariisaa ykn Abbaa Dikshinarii jedhamuun kan beekaman Pirofesar Mahaadii Hamiid Muudee, Gaazexeesaa Ibraahim Hajii Alii, Barreessaafi Gaazexeessaa Gadaa (Tasfaayee) Gabra’aabfaan waraqaa ragaa beekamtiifi badhaasa argataniiru.
Kanneen malees dubartii, hayyuufi cimtuun ogummaawwan adda addaatiin badhaate walalessituun, ogeettiin xiinsammuufi fayyaa akkasumas barreessituun darbees weellistuu Doktar Zabiibaa Roobaa Gafarsoos namoota gaafas badhaafamaniifi beekamtii argatan keessaa tokko. Gaazexaan Bariisaa hayyuu hundagaleettii nama tokko taatee akka namoota hedduutti lakkaa’amtuufi umriishii gararraa waantota baay’ee hojjette tana waliin turtii gabaabduu ittaanu taasiseera.
Doktar Zabiibaa Roobaa Gafarsoo
Kanin dhaladhe Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Dodolaatti. Umrii koo waggaa 11tti gara Awustiraaliyaa deeme. Barnoota koo sadarkaa 2ffaas achuma Awustiraaliyaatti baradhee yunivarsitii seenee hanga ALA hanga bara 2010tti achuma turee bara 2021 gara Ameerikaatti qajeele. Amma teessoon koo Ameerikaa, Kaalifoorniyaa, Magaalaa Saandiyaagoo jedhamuudha.
Maatiin wajjin jiraadhuufi hawaasni naannawaa Afaan Oromoo waan bal’inaan fayyadamaniifi afaan ibsituu eenyummaa waan ta’eef dagachuu hindanda’u; sirumayyuu kitaabota heddu ittiin barreessaan jira.
Hojii irratti bobbaate
Ani walaleessituudha, barreessituudhas. Gama ogummaa kiyyaatiin ammoo saayikolojistii (ogeettii xiinsammuu)ti. Ogeettii fayyaatisi. Wal’aansa onneerrattin ispeeshaalaayiz gochaa jira. Dhiyeenya eebbifamus ogummaa koo kanaan Ameerikaatti tajaajila kennuu jalqabeera.
Biyya kiyya, Itoophiyaatti ammoo dhaabbata dhuunfaa koo ykn hospitaalaafi yunivarsitii banuuf sochiirran jira. Ergan waanan harkaa qabu kana dhugoomsee ummata kiyyas nan tajaajila jedheen qophiirra jira jechuudha.
Kitaabota barreessite
Ani kitaabota 10 barreesseera. Kitaabota kanneen keessaa kan Afaan Oromootiin barreesseefi Ingiliffaan barreessee Afaan Oromootti hiikes jiru. Kanneen keessaa kitaabonni saddeet maxxanfamaniiru. Kitaabota lama bara darben barreesse.
Lamaan kanneenis maxxansiisee ummata biraan gahuuf tattaafataan jira. Kitaabonni jaha asoosama yoo ta’an, tokko tokkoonsaanii fuulawwan 500, 500n qabu. Kitaabota guguddoodha. Afransaanii ammoo kitaabota seenaati. Kitaabonni seenaa kunniinis tokko tokkoonsaanii fuulawwan 500, 500 qabu.
Kitaabota saddeet maxxansiisee ummata biraan gahe keessaa shan asoosama, sadii seenaadha jechuudha. Kitaabota kanneen ALA bara 2009n barreessuufi maxxansiisuu eegale. Kitaabni asoosamaa tokkoffaan matadureensaa, “Yaadannoon Hindu’in” jedha. Lammaffaan “Yuuboo” jedhama, kunis asoosama.
Bara 2020s kitaabota laman (asoosamaafi seenaa) barreesse. Matadureensaanii “KORMA NYAARAA”fi “BOKKUU” jedhamu. Bara 2021 ammoo kitaabota “MIILOO”fi “TASBEE DURBAA” jedhamanin barreessee maxxansiise.
Bara 2022 kitaabota “DANBALII”fi “DHADDACHA WALAABUU” jedhamanin barreesse. Bara 2023 ammoo kitaabota “SHANACAA”fi “XIIFA ARSEE” jedhamanin barreesse.
Iccitii nama tokko taatee akka namoota hedduu…
Iccitiin dandeettii koo kanaa 1ffaa abbaan kiyya barsiisaadha; hayyuu seenaatisi. Abbaan keenya umrii keenya daa’imummaatti xalayaarraa eegalee akka dubbisnu nu jajjabeessaa ture. Abbaan kiyya waanin barreesses ilaalee naa sirreessaafi na jajjabeessaa ture. Anis achumarraa ka’een dandeettii dubbisuufi barreessuu gabbifachuu ittifufe. Ergan akkan barreessuu danda’u hubadhee booda waanin fedhii qabuuf kitaabota kanneen barreesse.
Iddoowwan kitaabonnishii itti argaman
Kitaabonni koo biyya keessatti Adaamaa, Shaashamanneefi Dodola; alatti ammoo Ameerikaafi Awustiraaliyaatti argamu. Yunivarsiiiwwan guguddoo Awurooppaatti argamanittis raabseera. Feesbuukiifi marsariitii koorrattis ni argamu. Feesbuukiin koo maquma koo ‘Zebiba Roba’ jedhuun, akkasumas marsariitii koo ‘yadanonhindu’in’ jedhurraas argachuu danda’u. Feesbuukiirratti Afaan Oromootiin, marsariitiirratti ammoo Ingiliffaanin hojjedha. Gorsa saayikolojiis karaa miidiyaalee kanneenii waanin kennuuf dubbistoonni Bariisaas na hordofuu danda’u.
Dhaamsa dargaggootaaf keessumaa shamarraniif
Yoo jabaatanii tattaafatan ykn hojjatan shamarrummaa ykn dubartummaan waan tokko hojjechuurraa nama hindhorku. Sirumayyuu dubartoonni dhiirota caalaa jajjaboodha; yoo kutannoo qabaatte.
Waa hunda dura kutannootu barbaachisa. Hojii tokko hojjechuuf dura kan barbaachisu yaada. Yaadatu gochatti jijjiirama. Kanaaf shamarran yeroo hunda of ta’anii socho’uu qabu. Shamarreen tokko ofitti amanamummaa yoo qabaatte eessayyuu gahuu nidandeessi.
Yoo dogoggorte qajeelfataa, yoo hinbeekne barataa waan yaadde milkeeffachuu dandeessi. Kanaaf waantin shamarraniif dhaamu tokkoffaa ofitti amanamummaa akka qabaatan, lammaffaa waanti dubartummaa jedhamu maaluma gochuurraayyuu kan isaan hindhorkine ta’uu hubatanii cimanii akka tattaaffiisaanii ittifufaniidha.
Industiriin keessa jiran hundisaa akka goota dirree waraanaatti duuluu waan ta’eef isaanis akkasuma bakka irratti bobba’anitti cimaniifi cichanii tattaafachuu qabu. Bakka jirtanitti otoo hinsodaatiiniifi duubatti hinjedhin dandeettii keessanitti fayyadamaan jedhaan.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017