“ Tarkaanfii humna nageenyaafi dhiibbaa ummataatiin nageenyi Oromiyaa fooyya’aa jira ”- Obbo Abarraa Bunoo

Rakkoon nageenyaa Oromiyaa yeroo tokko fooyya’aa, yeroo kaan immoo boora’aa iddoowwan tokko tokkotti ummanni sababa rakkoo nageenyaatiin nagaan bahee galuu akka hindandeenye, saamicha gara garaatiifis akka saaxilamaa tureefii jiru, ni dhaga’ama.

Yeroo ammaa kana immoo murnoonni hidhatanii rakkoo nageenyaa booressaa turan kun baay’inaan harka kennachaafi diigamaa waan dhufaniif rakkoon nageenyaa kunis furamaa jiraachuu mootummaan ibsaa jira.

Ergama hojii nageenya naannichaa mirkaneessuu fudhatee kan hundaa’e Waajjirri Milishaa Oromiyaa immoo hojii kana keessatti shoora guddaa qabu waan ta’eef, Obbo Abarraa Bunoo Ittigaafatamaan Waajjira Milishaa Oromiyaa dhimma kanarratti ibsa akka nuu kennaniif keessummaa taasifanneerra.

Bariisaa: Yeroo hojiidhaaf baadiyyaa Oromiyaa keessa naanna’aa jirtanitti Afgaaffii keenyaaf eeyyamamoo ta’uu keessaniif dursinee isin galateeffanna.

Obbo Abarraa: Homaa miti. Isinis hojiin keenya kun ummata bira akka gahuuf waan ta’eef kunis akkuma qaama hojiitti kan ilaalamuudha.

Bariisaa: Hayyee mee haala nageenyaa Oromiyaan yeroo ammaa keessa jirturraa haa kaanuu?

Obbo Abarraa: Bareeda. Akka waliigalaatti haala yeroo ammaa nageenyaan walqabatee jiru yoo ilaallu sadarkaa gaarii ta’erra jira jechuun kan nama dandeessisuudha. Kunis akkanumaan kan dhufe osoo hintaane, tarkaanfii olaanaa qaamoleen nageenyaa eeruu ummataa bu’uura taasifachuudhaan fudhataniini.

Ji’oota muraasa darbanitti murni diinaa hidhatee qe’ee Oromoo keessa naanna’uudhaan nageenya ummataa booressaa ture yeroo ammaa rukuttaa humna nageenyaa mootummaa dandamachuu dadhabuudhaan harka kennachuufi baqachuutti jira. Inni achirraa hafe immoo bittinnaa’eera.

Murnoota hidhatanii ummata hiraarsaa turaniifi yeroo ammaa rukuttaa waloo qaamolee nageenyaa dandamachuu dadhabuudhaan baay’inaan harka kennachaa jiran kanneen mootummaan leenjisee gara hojii isaan barbaadaniitti akka galaniifis haalota mijatoo hedduu uumeera.

Kana qofaa osoo hintaane, dabballeefi seeliin diinaa isaan ijoo ta’aniifi daddabarsitootni loojistiksii diinaa hedduun eeruu ummataatiin saaxilamanii isaan kuun gorsaan gara ummataatti akka deebi’an, warri kana fudhachuu didan immoo to’annoo jala akka oolaniifi tarkaanfii madaalawaan akka irratti fudhatamu taasifamaa jira.

Kanaaf bifa waliigalaatiin yemmuu ilaalamu adeemsi diinni akka duraa sana magaalaafi baadiyyaa naannawa tokkoo to’achuuf taasisaa ture yeroo ammaa bifa amansiisaa ta’een fashalaa’uu danda’eera jechuun ni danda’ama. Abjuun akka durii magaalaa qabachuuf abjoochaa turan sun amma gara baay’inaan harka kennachuutti deebi’eera.

Gareen diinaa kan humna nageenyaa mootummaatiin rukutamee bittinnaa’aafi harka kennachaa jiru qofa osoo hintaane, keessoosaattis walwaraansa hamaa keessa kan jiru ta’uun barameera. Inni dur qaamolee nageenyaa mootummaafi ummata waraanaa ture ammaan tana gara ofiisaatiif keessoosaatti walwaraanuutti akka galu kan taasise immoo fashalaa’uu abjuusaatiifi rukuttaa qindaawaa qaamolee nageenyaatiin irra ga’erraa kan madduudha.

Bariisaa: Torbee darbe keessa ummanni iddoowwan gara garaatti hiriira bahee waldhabdeen jiru araaraan akka goolabamuuf dhiibbaan gochaa ture sun bu’aa akkamii fida jettanii yaaddu?

Obbo Abarraa: Bu’aa guddaa buusaa jira malee. Akkuman duratti sii kaasuuf yaale ji’oota muraasa darbanitti humni waloo nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaa murnoota naannichatti seeraan ala hidhachuudhaan nageenya ummatichaa booressaa jiranirratti tarkaanfii laalessaa fudhachaa kan tureefi ammas kan ittifufe yemmuu ta’u, tarkaanfiin kun immoo murnoonni diinaa kunniin akka abdii kutataniifi harka kennataniif isaan dirqamsiisaa jira.

Tarkaanfii mootummaan qaamolee kanneenirratti fudhachaa jiru cinatti immoo dhiibbaan hawaasni bal’aan naannichaa karaalee gara garaatiin murnoota kanneenirratti taasisaa jiru akka salphaatti kan ilaalamu miti. Akkuma atuu jette torbaanota darbaniifi yeroo adda addaatti ummanni hiriira bahee qaamolee kanneen balaaleffachuu qofa osoo hintaane, kanneen karaa nagaa filatanii dhiifamaan galuu hinbarbaanne saaxiluudhaan akka qaamotni nageenyaa mootummaa tarkaanfii barbaachisaa fudhataniif eeruu kennuudhaanis deeggaraa jira.

Osoo dhiibbaan ummataa jiraachuu baatee tarkaanfiin qaamotni mootummaa fudhatan qofti gahaadha jechuun nama rakkisa. Kanaaf tarkaanfiin murnoota hidhatanii bosona Oromiyaa keessa naanna’uudhaan nageenya booreessaa turanirratti humna waloo nageenyaatiin fudhatamu akkuma jirutti ta’ee, dhiibbaan gama ummataatiin murnoota kanneenirratti taasifamaa jiru injifannoo yeroo ammaa kana mul’achaa jiruuf shoora olaanaa kan bahataniidha.

Fedhii ummataatiin ala wanti dhufu tokkollee hinjiraatu. Kanaaf ummatni murnoota nageenyasaa booressaa turaniifi jiran gochasaaniirraa kan ka’e jibbee diineffateera jechuun ni danda’ama.

Murnoonni yeroo ammaa baadiyyaa Oromiyaa keessa naanna’uudhaan nagaa ummatichaa booreessaa jiran diina fagoodhaa dhufe osoo hintaane, warreenuma gudeeda ummata kanaa keessaa bahanii deebi’anii ummatuma isaan dhalee guddiserratti yakka olaanaa raawwachaa kan jiran waan ta’eef ummatichis jara diineffateera.

Gochi qabatamaan murnoota kanneenii nagaa ummataa booressuu waan ta’eef, ummatichi “Nuti waraana osoo hintaane, nagaa barbaannaa koottaa karaa nagaatiin galaa” jedhee yeroowwan adda addaatti gandoota naannichaa hundatti hiriira bahee gaafachaa tureera. Kanarraa kan ka’e dhiibbaan ummatni naannicha keessa jiraatu murnoota kanarratti taasisaa jiru tarkaanfii gama Milishaa Oromiyaafi humna waloo nageenyaatiin fudhatamaa jiru karaa hedduun deeggaraa jira.

Bariisaa: Mootummaan naannichaas yeroo adda addaatti waamicha nagaa dhiheessaa turuufi jiraachuun ni yaadatama. Ammas rakkoo jiru karaa nagaatiin xumuruuf qophiin gama mootummaatiin jiru maal fakkaata?

Obbo Abarraa: Akkuma beekamu mootummaan yeroo ammaa biyyas ta’e naannicha bulchaa jiru mootummaa olaantummaa qawwee osoo hintaane, olaantummaa yaadaatti amanuudha. Kana jechuun mootummaa rakkoolee sababoota garaa garaatiin uumamanii waldhabdee fidan maraaf furmaanni afaan qawwee osoo hintaane, yaadaan walmormanii walinjifachutti kan amanuufi nageenyaaf iddoo olaanaa kan kennuudha.

Kanarraa kan ka’e, harki nagaa mootummaan diriirse yeroo kamuu kan dacha’u osoo hintaane, qaamolee sababoota gara garaatiin burjaaja’anii dogoggoraan daandii hinmalle qabatan yeroo yaadaA argatanii daandii hamaa sanarraa akka deebi’aniif yeroo gahaa kennaa tureera. Ammas taanaan murna garaa nagaatiin gocha safuufi safeeffannaa ummatichaa hinmadaalle kanarraa deebi’uu barbaaduuf balballi nagaa mootummaa banaadha.

Kutannoo olaantummaa yaadaatti amanuu kanarraa kan ka’e mootummaan jijjiiramaa kun qaamota waggoota hedduuf sababa siyaasaatiin biyyarraa baqatanii turan dirree siyaasaa bal’isuudhaan gara biyyaatti akka deebi’an kan taasiseedha.

Tarkaanfiin dhaabbilee siyaasaa sababa dhiphachuu dirree siyaasaa biyyattiitiin abdii kutatanii biyya ormaatti baqatanii turan ilaalcha siyaasaa qaban qabsoo karaa nagaa qofaan yaada qaban ummatatti gurgurachuu akka danda’aniif yaadamee kan hojjatamaa tureedha.

Kanaaf mootummaan jalqabumarraa olaantummaa yaadaafi mariitti amanu kun haala kanaan kan ittifufuu danda’u yemmuu murnoonni kunniinis daandii hamaarraa deebi’anii gara daandii mariifi olaantummaa yaadaatti deebi’an  qofa. Dirreen siyaasaa olaantummaa yaadaatiif akka bal’atu taasifametti fayyadamanii kanneen jiruufi jireenya hawaasaa booressan, ummata nagaan bahee nagaan galuu dhorkan, qonnaan bulaan qotatee akka hinsassaabbanne ugguran mootummaan cal jedhee kan ilaalu osoo hintaane, olaantummaa seeraa kabachiisuuf nidirqama.

Ummatni dammaqinaan bahee mootummaa kana kan filateef, nagaa nuu eegsisa, nagaan baanee nagaan galla, nagaan baanee qotannee, daldallee akka galluuf mootummaan nageenya amansiisaa nuu uuma jedhanii waan abdataniifi. Kana waan ta’eef balballi mootummaa yeroo hundaa mariifi araaraaf banaadha jechuun murnoota karaa kana hinfilanne cal jedhee kan ilaalu osoo hintaane, tarkaanfii barbaachisaa irratti fudhachuuf dirqama seeraatu irra jira jechuudha.

Kanaaf hojiin yeroo ammaa naannoo Oromiyaatti hojjatamaa jirus adeemsuma kana kan hordofu yemmuu ta’u, haaluma kanan murnoota balbala mootummaan karaa nagaatiif banetti fayyadamanii nagaadhaan gara daandii nageenyaatti dhufan simachuudhaan leenjii barbaachisu kenneefii gara hojii filataniitti bobbaasaa jira.

Warreen gaaffii ummataafi mootummaan gara karaa nagaatti akka dhufaniif dhiheessaa jiran fudhachuu didanii ammas hojii nageenya naannichaa booressuu barbaadanirratti immoo tarkaanfii qindaa’aan humna waloo nageenyaatiin irratti fudhatamu cimee kan ittifufu ta’a jechuudha.

Wanti dagatamuu hinqabne tokko dhiyeenyuma kana Caffee Oromiyaa dabalatee qaamni olaanaan naannichaa karaa ifa ta’een waamicha nagaa murnoota hidhatanii socho’aniif dhiheesseera. Ummannis daangaa hanga daangaatti osoo hinnuffiin irra deddeebiidhaan nageenyi akka bu’uuf waamicha dhiheessuudhaan murnoota kanneenirratti dhiibbaa taasisu cimsee ittifufeera.

Bariisaa: Tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameen yeroo ammaa humni murna ABO Shanee hangam laafeera?

Obbo Abarraa: Rukuttaa qindaa’aa murnicharratti fudhatamaa jirurraa kan ka’e yeroo ammaa diigameera jechuun ni danda’ama. Diigamuu murnichaa karaalee lamaa sadiin ilaaluun kan danda’amu yoo ta’u, inni jalqabaa dhiibbaa ummataa cimaa ta’e, rukuttaa humna qindaa’aa nageenya walootiin irratti raawwatamu dandamachuu dadhabuurraa kan ka’eefi inni dabalataa akkuma beekamu murni kun hanna malee kaayyoo biraa kan hinqabne waan taateef, hattuun immoo kan waldhabdu gaafa hattu osoo hintaane, gaafa waan hatte qooddattu waan ta’eef waldhabdeen keessoosaaniitti uumame diigamuusaaniitiif sababa sadaffaadha jedhanii kaa’uun ni danda’ama.

Kanaaf miseensotni murnichaa rukuttaa humna waloo nageenyaarraa hafte gara jaarsolii biyyaatti dheessuudhaan araara kadhachaa jirti. Isaan kaan immoo qaamolee nageenyaa naannawasaaniitti argamanitti dhihaachuudhaan karaa nagaatiin hiriira galanii harka kennachaa jiru. Kanaaf bifa waliigalaatiin yemmuu ilaalamu murni ABO Shanee kun yeroo ammaatti diigamaa kan jiruufi bittinnooftee kophaa kophaa asii achitti carraa argattetti fayyadamuudhaan saamicha gara garaatiif kan tattaafatuudha malee gurmaa’ee humna waloo nageenyaa keenya dura dhaabachuu kan danda’uu miti.

Dadhabaafi diigamaa dhufuu garee kanaarraa kan ka’e nageenyiifi tasgabbiin Oromiyaa keessatti mul’achaa ture yeroorraa yerootti fooyya’aa dhufuudhaan ammaan tana haalli nagaa jijjiirama qabu naannichatti uumamaa jira.

Bariisaa: Milishaan Oromiyaa nagaa yeroo ammaa mirkanaa’aa jiru keessatti shoora akkamii bahachaa jira?

Obbo Abarraa: Waajjirri Milishaa Oromiyaa akka hundaa’uuf jalqabarraa ka’ee mootummaan kan yaadeef dhimmi nageenyaa dhimma murteessaafi ijoo waan hundaa akka ta’e itti amanuudhaani. Qonnaan bulaan, daldalaan, hojjataan naannichaafi qaamni kamuu nagaan bahee kan galuu danda’u yoo nageenyi amansiisaan jiraate qofa.

Bakka nageenyi amansiisaan hinjirretti badhaadhinni yaadamus milkaa’uu hindanda’u. Kanaaf naannichatti rakkoon nageenyaa murnoota dirree siyaasaa banameen biyyatti galanii humnaan mootummaa aangoorraa kaasuuf wixxirfataniin akka hinmilkoofneef Waajjirri Milishaa Oromiyaa hundeeffamuun nageenya yeroo ammaa naannichatti mul’achaa jiruuf shoora olaanaa taphachaa jira jedhanii kaa’uun ni danda’ama.

Kanaaf mootummaanis barbaachisummaa waajjira kanaa hubachuudhaan Caffeedhaaf dhiheessee waajjirri kun labsiidhaan akka ijaaramuuf taasise.

Kanaaf waajjirri kun erga ijaaramee booda hojii ijoon jalqaba hojjate gandoota Oromiyaa hundatti humna milishaa ijaaruu ture. Kunis akkanumaan lafaa ka’amee kan ijaaramu osoo hintaane, istaandaardii mataasaa qopheeffatee haaluma istaandaardichi heeyyamuun humna Milishaa dandeettiin raawwachiistummaasaa yeroo yeroon fooyya’u hundeessuun danda’ameera.

Kana qofa osoo hintaane, Milishaa gandaa gandatti ijaarramee kana keessaa filachuudhaan sadarkaa aanaatti humni nageenyaa cimaan akka ijaaramu taasifameera. Kunis rakkoolee nageenyaa humna Milishaa gandaatii ol ta’an irratti humna waloo nageenyaa waliin ta’ee akka hirmaatuufi furmaata kennuu danda’utti kan ijaarameedha.

Kanaanis sadarkaa gandaa qofaan osoo hindaangeeffamne gara sadarkaa aanaattis guddisuudhaan dhimmoota filatamoo ta’aniifi humna dabalataa barbaadanirrattis ijaaramichi akka cimu taasisuudhaan godinaalee Oromiyaa hundatti bifuma walfakkaatuun akka diriiruuf haala mijataa uumuudhaan, naannichi rakkoo nageenyaa qaamolee garaa garaatiin uumamu akka dandamatuuf hojii guddaafi bu’uraa hojjatameera.

Akkasumas sadarkaa godinaattis qaamni milishaa karaalee garaa garaatiin filamee sadarkaa komaandootti akka ijaaramu taasifameera. Qaamni kun leenjiifi gahumsa dabalataa kan qabuufi rakkoolee nageenyaa aanaa yookiin ganda tokkotti uumamuu maluuf haala itti si’aayinaan dhaqqabee furmaata hatattamaa kennuu danda’uun kan ijaarame waan ta’eef qaama yeroo gabaabaa keessatti humna diinaa barbadeessuu danda’uudha.

Kanaafuu Waajjirri Milishaa kun erga ijaaramee waggoota sadii ta’us hojiin inni nageenya Oromiyaa mirkaneessuufi qaamolee Milishaa sadarkaa gandaatii hanga godinaatti hundeessuudhaan shoorri taphachaa ture umrii gabaabaa kanaan yemmuu madaalamu hojii guddaa akka ta’etti fudhachuun ni danda’ama.

Kanarraa kan ka’es har’a guutuu Oromiyaatti humni milishaa sadarkaalee gara garaatti gurmaa’uu qofa osoo hintaane, humna horatee sadarkaa diina dadhabsiisuudhaan ofiisaatiif immoo humna cimaafi abdii nageenyaa naannichaa ta’uu danda’uu horachaa jiru ta’uun hubatamuu qaba.

Qaamni Milishaa kun akkanumaan lafaa ka’ee maqaadhaaf kan ijaarame osoo hintaane, seera militariitiin kan ijaarame, naamusaafi seera miliitarii kan kabajuufi nageenya naannichaa kabachiisuuf immoo wareegama barbaachisu kanfaluuf qophii kan ta’eedha. Qaama nageenya ummataatiif wareegama barbaachisu kanfaluuf manaa bahe kanaaf ummanni hundi deeggarsa barbaachisu taasisuu qaba.

Deeggarsi taasifamu nama miseensa milishaa ta’e sanaaf osoo hintaane, maatii inni manatti dhiisee nageenya ummataatiif manaa bahe gargaaruudhaan ta’uu qaba. Kunis dabareedhaan lafa maatii Milishaa kana qotuufi yeroo midhaan gahetti immoo daboodhaan bahanii midhaan sana walittiqabanii galchuufiin kan ibsamuudha.

Bifa waliigalaatiin yemmuu ilaalamu, ijaarsi Waajjira Milishaa Oromiyaa kun akkuma mootummaan yaada hundeeffamasaatti amanee labsiidhaan ijaaretti, nageenya naannichaa bira darbee yeroo ammaa abdii birmadummaa biyyaa ta’aa kan jiru ta’uunsaas hubatamuu qaba.

Qaamni kun humna nageenyaa walootiif akka utubaa guddaatti gargaaraa kan jiruufi nageenya yeroorraa yerootti fooyya’aa jiru kana keessaayyis qooda guddaa akka qabu kaasuun barbaachisaadha.

Bariisaa : Ani gaaffiikoo xumuree isin dhaamsa dabalataa yoo qabattan?

Obbo Abarraa: Murtee cimaafi seenaqabeessa dhiheenya kana mootummaan naannoo Oromiyaa dabarse keessaa inni guddaan caasaa gandaa cimaa umuudha. Murteen kun ummata daka jiru kan aangessuufi bu’uurri waan hundaa gandarra ta’uu qabatamaan kan mirkaneesseedha. Kanaaf yeroo ammaa ijaarsi caasaalee gandaa kun guutuu Oromiyaatti bifa gaarii ta’een diriiree gara hojiitti galeera. Caasaa gandaa kana lafa qabsiisuu keessattis shoorri milishaa gandaa maal akka ta’e ni beekama. Kanaaf gandi cimaan ijaarame kun hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru caalaatti kan cimsuudha.

Ijaarsa misooma ollaarrattis Gaachanni sirnaa gandoota hundatti ijaaramee hojii nageenya ollaa waliin jiraatuu akka mirkanaa’uuf hojii cimaa raawwachaa jira.

Dhaamsikoo inni guddaan ummanni bakka jirutti maatii milishoota dirqamarra jiranii akkuma kanaan akka kunuunsu, gargaaruufi waan barbaachisu hunda akkaf guutuuf waamicha dhiheessuun barbaada. Oyiruunsaanii akka lafa hinbaane, daa’imnisaanii akka hinmiidhamne ummanni naannawa sana jiru hundi maatii milishootaatiif birmachuu qaba.

Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif irra deebinee isin galatoomfanna!

Obbo Abarraa: Isinis hojiin keenya ummata bira akka gahuuf waan carraaqaa jirtaniif ulfaadhaa.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You