Waloo Seeneet Gizaachoo qaxalee dacheen Jalduu gumaachite kan umrii daa’imummaatti biyya raajeffachiisuu eegalteedha. Seeneet, walaloowwan ciccimmoo ergaawwan guguddoo qabaniifi sammuu daa’imaatiin dhiyaate jedhamee amanuun nama rakkisuun qalbii hawaasaa dhuunfatte. Tibbana ammoo barattoota biyyoota addunyaa 86 waliin qormaata sadarkaa addunyaatti kennamu fudhachuun qabxii olaanaa galmeessisuun seenaa biroo hojjechuu dandeesseetti.
Gaazexaan Bariisaas imala kaleessaa hanga har’aatti akkasumas qormaata tibbanaan milkaa’ina olaanaa galmeessite ilaalchisee gaafdeebii Waloo Barattuu Seeneet Gizaachoo waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseeraa dubbisaa.
Qormaatni sadarkaa addunyaatti Seeneet qabxii olaanaa galmeessite maali?
Qormaatni kun qormaata idiladdunyaa seensa yunivarsitii yommuu ta’u, sirna barnootaa biyya Ingiliz bu’uureffate barattoota biyyoota 83 ta’aniif kennamudha. Qormaata kana kan fudhatan barattoota idiladdunyaa manneen barnootaa 750 keessa jiraniidha. Manni barumsaa baay’inaan ijoolleen sooressaa itti baratan ‘Cambridge international School’ jedhamu kan isheen itti barataa jirtu kun manneen barnootaa 750 eeraman keessaa isa tokko.
Seeneet qormaata cimaa kana fudhachuun “Akaakuuwwan barnootaa ciccimmoo” jedhamanii sodaataman kanneen akka Herregaa, Fiiziksii, Keemistirii osoo hinhafiin “A+” fiduun fuula miidiyaalee hawaasaa dhuunfachuu qofa osoo hintaane badhaasa gonfachuu dandeesseetti.
Seeneet carraa ‘Cambridge international School’tti barachuu haala kamiin argatte?
Dorgomtuu taatee mana barumsaa kanatti barachuuf dandeettii gahaa qabaattus sadarkaan jireenyaa maatiishee mana barumsaa kanatti akka barattu akka hineeyyamneef dubbatti. Daa’imummaa kaastee sochiin gama aartiin taasistu daran olaanaa waan ta’eef gaaf tokko Jalduu gara Finfinnee dhufuun galma Barkumeetti carraa walaloo dhiyeessuu argatti.
Wayita kana egaa kan qalbii dureessa Oromoofi abbaa qabeenyaa bishaan Afrikaa, Obbo Sayid Daamxoo seente. Obbo Sayid mucaa qaxaleen kun gara Finfinnee dhuftee mana barumsaa warra Turkii “Mariif International School” jedhamutti akka barattuuf deeggarsawwan barbaachisan hunda taasisaniif.
Seeneet carraa mana barumsaa kanaa haa argattu malee hawwiinshee ganamaa ‘Cambridge’ waan ta’eef erga ji’a saddeet erga barattee booda kallattiin Luba Pirofeesar Gammachiis Dastaa quunnamuun akka haalli mijateef dubbatti. Gara saayiinsii, aartiifi kalaqawwan adda addaa deemuuf hojii onnachiisuu manni barumsichaa hojjetu akkasumas barsiisota idiladdunyaa gahumsaafi muuxannoo olaanaa qaban inni fayyadamu hundi adda isa taasisa.
Manni barumsaa ‘Cambridge’ barattoota daran ciccimoo naamusa olaanaafi aadaawwan garagaraa qaban kan itti baratan waan ta’eef hawwiishee dhugoomsuuf gahee guddaa kan gumaachuudha. Mana barumsaa kanatti namni kaayyoosaa ganamaan walarguuf haalonni hundi mijatoodha.
Carraa kana argachuusheef qoodni Obbo Sayid Daamxoos ta’e Pirofeesar Gammachiis Dastaa olaanaa ta’uu bira darbee imala gara saayintistii hawaa ta’uutti taasisaa jirtuuf bu’uura jabaa waan ta’eef kabajaafi galata isaaniif qabdu ibsiteetti.
Seeneet waloo moo barattuu cimtuu ta’uun hawaasni beeka?
Hojiin aartii caalee ba’uun barattuu qaxalee ta’uushee haa golgu malee Seeneet barattuu kutaa tokko kaastee 1ffaa baatu barattuu qaxaleedha.Ta’us namoota baay’ee biratti qaxalummaan gama barnootaan qabduu osoo hintaane waloo walaloo cimaa dhiyeessitu qofaan beekamti. Seeneet osoo gara Finfinnee hin dhufiin durayyuu Mana Barumsaa Abdii Guddinaa Jalduutti barattuu maqaa gaarii qabdu turte.
Seeneet barattuu dandeettii adda qabdu waan taateef kutaa barnoota walitti butuun sadarkaa har’aarra geesse. Barnoota sadarkaan jiran dursitee hubachuun osoo kutaa 6ffaa hinbaratiin gara kutaa 7ffaatti, osoo 9ffaa hinbaratiin gara kutaa 10ffaatti tarkaanfachuu dandeesseetti. Waa dafanii hubachuufi sammuu keessatti itichuun kennaashee ganamaa ta’uus ibsiteetti.
Seeneetiif milkaa’inni maali?
Akka Seeneetitti, milkaa’inni karaa dalgaa gufuu hinqabne osoo hintaane ifaaja gufuu nama rukutu hundaan gara kaayyoo ofiitti utaalaniidha. Jaldu, bakka xiqqoo tokkotti dhalatanii barattoota idiladdunyaa muuxannoofi ka’umsa bareedaa qabanii waliin dorgomuun ulfaataa fakkaachuu mala.
Ta’us dhimmi Seeneet waa’ee barattoota kunneenii dhiphachuu osoo hintaane mul’ata fuulduraa ilaaluun tarkaanfachuu ture. Akka isheen jettutti, kufaatii namoota baay’ee manii fuulduraa dhiisanii haala keessa jiranitti yeroo gubuufi abdii muruudha. Fakkeenyaaf jetti Seeneet, manneen barnootaa Itoophiyaa keessatti afaan Ingilizii akka afaan lammaffaatti yoo baratamu “Cambridge” keessatti garuu akka afaan tokkoffaatti kennama.
Ijoolleen achitti baratanis dandeettiin afaan Ingiliziirratti qaban olaanaadha. Kun nama yeroo jalqabaaf gara mana barumsichaa deemuuf abdii kutannaa uumuu mala. Isheen garuu achuma keessatti, sanuu barattoota dandeettii afaan Ingilizii olaanaa qaban keessatti qormaata afaan Inglizii “A+” fiduu dandeesseetti.
Akka isheen jettutti, yeroo baay’ee kan ishee onnachiisu namoota osoo akka har’aa haalli mijataan hinjiraatiin addunyaa jijjiiruu danda’aniidha. Icciitiin osoo akka har’aa carraan intarneetaafi bu’aaleen qorannoo fiixee hinga’in duwwaa keessatti jijjiirama olaanaa galmeessisuu kaayyootti cichuudha. Barattoonni har’a manneen barnootaa garagaraa keessatti barataa jiranis haaluma rakkisaa bakka galteen barnootaa haala barbaadamuun hinjirre keessatti yoo intarneetiin jiraate intarneetiitti yoo hunduu hinjirre barsiisaatti qixa sirriin fayyadamuun kaayyoosaanii milkeessuu danda’u.
Keessattuu yeroo ammaa barattoonni hedduun bilbila ammayyaa waan qabataniif yoo qixa sirriin fayyadaman daandii milkaa’inaa, yoo gara malee fayyadaman daandii badiisaa ta’uu dursa hubachuun barbaachisaadha. Garuu bilbila harkaa kana qixa sirriin fayyadamuun daandii dandeettii ofii gabbisuun kaayyoo ofitti tarkaanfachuun kayyoo barattoota hundaa akka ta’us dhaamteetti.
Seeneeti maal ta’uu hawwiti?
Akkuma ijoollee biyyattii kamuu gaafa mana barumsaa eegalte waan ta’uuf hawwite qabdi. Jalqabatti hawwiinshee Doktar fayyaa ta’uu ture. Boodarra guddina sammuun dabaluun saayintistii hawaa ta’uutti hawwiishee jijjiiruu dandeesseetti. Kunis yeroo baay’ee gara samii ilaaluu waan jaalattuuf ol siqxee osoo waan hunda qabattee fedhiishee hunda ta’uu dubbatti. Waa’een hawaa waan baay’een kan qoratame waan hintaaneef argannoo addaatiin Itoophiyaa maqaa waamsisuun ammaan tana kaayyooshee ta’eera.
Haa ta’u malee, mul’atni kun sadarkaa yaadaatti abjuu qofa ta’ee akka hinhafneef tumsi qaama dhimmi ilaallatu hundaa ishee barbaachisa. Keessattuu biyyoota qorannoo hawaatiin sadarkaa jalqabaatti eeraman yunivarsitiiwwan Ameeriikaafi Ingiliziifaatti carraa argattee barachuun hawwiishee isa olaanaadha. Kanaafuu, qaamni dhimmi ilaalu hundi deeggarsa akka taasisuuf carraa kanaan gaafatteetti.
Hojii aartii hoo attam gooti?
Hojiin aartii hojii Oromoo hunda waliin wal ishii barsiise waan ta’eef kabajaan cimsitee ittifufti. Aartiin waa’ee ummatashee kan yaaddeefi akeekte baastee dubbachuu kan ishee dandeessise qofa osoo hintaane sadarkaa har’a irra geesseef bu’uura ta’eeraaf. Inumaayyuu yoo Waaqayyo ishee milkeesse waltajjii addunyaarratti guyyaa eebbashee waa’ee ummatashee walaloon ibsuun kaayyoosheeti.
Ammaan tana barumsaaf dursa kennuuf hojii aartiirraa xiqqoo fagaatte malee hindaganne. Wayita boqonnaashee garuu afaanota garagaraan walaloo barreessuuf maloota adda addaatiin dhaloota barsiisuuf kan itti adeemtu ta’a.
Waliigalaan Gaazexaan Bariisaa waggaa jaha har’aa, umriishii waggaa 10tti kennaa isheen walaloo dheeraa sammuutti qabattee walaleessuurratti qabdurratti hundaa’uufi akeekashii egereerratti ishee waliin gaafdeebii dheeraa taasisuun ni yaadatama.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017