Harki nagaaf diriire hindachaane

Oromoon gaaddisa mariitiin haqaafi nagaa buusa; mariifi marabbaanis waldhabdee hiika. Kanaanis jibba balleessee jaalala, waldhabdee hambisee nagaa, garaa garummaa fageessee tokkummaa fida. Nagaafi tokkummaan, jaalalaafi obbolummaan bu’uura duudhaa ganamaa Oromooti. Oromoon dhibdee hunda Gaaddisatti furata.

Haata’u malee, waan duudhaan ganamaa hir’achaa dhufeef dhibdee gola Oromoo keessatti uumame furachuurra gamaa gamana dhaabachuutti erga ce’amee bubbuleera. Kanaanis nagaan hir’atee walhubachuun mareefi marabbaan abboomamuurratti qormaatatu jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas nagaa waaressuufi misooma ittifufsiisuuf ejjennoo guddicha dhibdeewwan hunda gaaddisatti xumuruu mareefi marabbaanis nagaa waaressuu qabatee humnoota dogoggoraan bosona galaniif harka nagaa diriirsee balbala nagaa banee waamicha nagaas irra deddeebiin taasisaa dhufee jira. Ammas balballi nagaaf baname hincufamne harki nagaaf diriires hindachaane. Ummanni Oromoos goleewwan hundatti nagaaf harka bal’isee waamicha nagaas taasisaa jira.

Kanaanis humni hidhatee dogoggoraan bosona seenee daandii nagaa filachuun gareefi dhuunfaan galaa jiru. Nagaanis qe’ee Oromootti deebi’uu eegaleera. Jalqabbii gaariin kun jajjabeeffamuu qaba.

Namootni dogoggoraan Oromiyaa waraanuuu filmaata taasifatanis waamicha ummataa dhaga’uun gaaddisa marii filachuun daandii amansiisaadha. Mootummaan Oromoofi Oromiyaaf ulfina kennuun filannoo daandii nagaa mirkaneessuuf cichoomina olaanaan hojjechaa jira.

Taatee tibbanaatiin walqabatees Mootummaan Naannoo Oromiyaa gocha gara jabinaa Finxaaleyyiin Faannoo ummata Darraarratti raawwatan cimsee balaaleffachaa nageenya lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffannoo addaatiin akka hojjetu ibsa kenneen eereera.

Kanaanis haleellaa Finxaaleyyiin Faannoo Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti lammiilee nagaarratti tibbanna raawwatan mootummaan naannichaa gocha gara jabinaa daangaa darbuun lammiilee nagaarratti fudhatan cimsee ni balaaleffata. Nageenya lammiilee tiksuufi olaantummaa seeraa kabachiisuurrattis mootummaa federaalaa waliin ta’uun tarkaanfii laalessaa fudhachaa jira.

Humni Finxaalessaa kun tuffii sabootaafi sablammootaa akkasumas jibba ummata Oromoof qabu mul’isuuf yeroowwan garagaraatti tarkaanfii gara jabinaa lammiilee nagaarratti fudhataa tureera.

Kanaan dura heeraafi daangaa cabsuun “Abjuu Matakkal kooti” jedhuun ummata Gumuziirratti akkasumas ummata Naannoo Amaaraa keessa jiraatu; Agawurratti gocha gara jabinaa walfakkaatu raawwateera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa gocha gara jabinaa finxaaleyyii kana cimsee balaaleffata.

Humni Shororkeessaa Shanees gocha gara jabinaafi rakkoo rogdaneessa ummata Oromoorratti raawwataa jira. Murnoonni Finxaaleyyiin kunneen afaanota garagaraa dubbatanis gochaafi maniinsaanii tokko. Akeeknisaanii gocha suukanneessaa raawwachuun ummattoota gidduutti walshakkiifi walittibu’iinsa uumuun gooliidhaan biyya diiguudha.

Finxaalessi Afaan Oromoos ta’e Amaariffa dubbatu kaayyoonsaa tokko waan ta’eef mootummaan naannichaa gocha murnoota kanneenii cimsee balaaleffachuu cinaatti mootummaa federaalaa waliin ta’ee tarkaanfii keessa deebii hinqabne ni fudhata, fudhataas jira.

Shaneen murna qonnaan bulaa Oromoo qotachuufi aramachuu, barataa barumsa dhorkuun hiyyummaafi wallaalummaatti deebisuufi tursiisuuf cichee dalaguudha. Murnichi qabeenya saamaa, bu’uuraalee misoomaa mancaasaa, ummata ukkaamsaafi ajjeechaa gara jabina gocha finxaaleyyii Faannootiin walfakkaatu Oromoorratti raawwateera. Akka Oromoon meeshaa qabuun diina ofirraa hinqolanneefis meeshaa harkaa saamee ummata nagaa haleellaaf saaxileera.

Kanaaf mootummaan naannichaa gocha finxaaleyyii kanneenii balaaleffachuu qofa osoo hintaane tarkaanfii olaantummaa seeraa eegale cimsee ittifufa. Finxaaleyyiin afaanota adda addaa dubbataniifi gochaan walfakkaatan kunniin waan ummata kamuu bakka hinbuuneef ummatni Oromoofi Amaaraa obbolummaasaanii caalaatti cimsachuun murnoota diina waloosaanii ta’an kanneen dhabamsiisuurratti xiyyeeffachuu qabu.

Ejjennoon mootummaa, “Murnoonni kunniin badii dalagaa jiranitti gaabbanii gara nagaatti yoo deebi’an balbala nagaaf baname kan hincufamneefi harki nagaaf diriire hindachaane” jedhus dubbii ijoo dagatamu miti.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You