Finfinnee: Walga’iin daldala walabaa waliinii biyyoota Afriikaarratti xiyyeeffate kan qaamolee olaanoo qaxanichaa guyyaa har’arraa eegalee Finfinneetti akka adeemsifamu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse
Guyyoottan sadeen darbaniif walga’iin Ogeessota olaanoo daldalaa biyyoota Afriikaa irraa walitti bahaniin dhimma daldala waliinii Afriikaafi yaadota galtee tarsiimoo ministerootaan bahuuf oolu walitti qabamaa turuu Deetaan Ministerichaa Aaddee Yasmiin Mahamad ibsaniiru.
Yaadni zoonii daldala bilisaa bara faranjoota 2018tti walga’ii hoggantootaatiin murtaa’uu kan yaadachiisan Aadde Yasmiin; bara 2021tti ifatti hojii eegaluudhaan daldala waliinii biyyoota Afriikaa jidduu jiru fooyyeessuu ibsu.
Akka ibsasaaniitti Hojirra ooluusaatiin duratti daldalli biyyoota Afrikaa gidduu ture hedduu gadaanaa kan ture yemmuu ta’u, yeroo ammaa biyyootni omishni waliigalaa biyya keessaa(GDP)n isaanii triliyoona 3.4 daldala bilisaa kanaan walitti daldalaa jiru.
Zoonii daldala bilisaa kana keessatti hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu himanii; kanaafis hojiin muuxannoo uumuu biyyoota miseensotaa hunda keessatti gaggeeffamaa jiraachuu dubbatu.
Yaa’ii kana Itoophiyaan akka qopheessitu taasifamuunsaa bu’aa biyyattiin damee konfirensi turiizimii irratti galmeessisaa jirtuun kan walqabatu ta’uus himaniiru.
Walga’ii kanaaf keessummoonni alaa 300 ol ta’an gara Itoophiyaatti akka dhufanis ibsameera.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017