Galiifi gibira miliqsuun imala guddina biyyaa doomsuudha

Guddinni biyya tokkoo akka si’atuuf murteessitoota ijoo keessaa kan hojjetanii argatanirraa gibiraafi taaksii amanamummaan kaffaluun isa tokko yoo ta’u, amanamummaan kan kaffalan akkuma jiran warreen miliqsuun dinagdee biyyaa golgoleessanis hindhibani.

Haalli galiin biyya keenyaa itti sassaabamu hanqina guddaa kan qabu yoo ta’u, namoonnis amanamummaan kaffaluurratti rakkoo uumaniin gibiraafi taaksiin waliindhahamu olaanaadha.

Gibiraafi taaksii waliindhahuunimmoo ijaarsi bu’uuraalee misoomaa mootummaan fayyadamummaa hawaasaaf cichoominaan hojjetu akka waliin hingahamneef sababa guddaa ta’aa waan jiruuf dhimmichi dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’ee mul’achaa jira.

Hudhaan kun akka furamuuf hojiin hubannoo uumuu taasifamuun isa tokko yoo ta’u haala sassaabbii galiis ammayyeessuun dirqama yeroon gaafatudha.

Galiin waliindhahamee ykn miliqfamee jennaan ijaarsaaleen akka mana barnootaa, mana yaalaa, daandii, bishaan dhugaatiifi bu’uuraaleen murteessoo ta’an akka gufatan taasisuun namoonni muraasni akka durooman, ummanni bal’aammoo deegaaf hiyyumaan akka gaaga’amu kan taasisudha.

Hudhaan kun matumaa akka furamuuf kaffaltoonni gibiraafi taaksii ulaagaa kaa’ame bu’uura godhachuun yeroon kaffaluun kan isaanirraa eegamu yoo ta’u, waliindhahuuf ykn miliqsuuf yaaliin taasifamu kamiyyuu farra imala jijjiirama biyyaa waan ta’eef sirriitti hubatamuu qaba.

Hiyyuma seenaa goona jedhamee gaafa haasa’amu olola afaanii osoo hintaane dhaloonni cimsee hojjetee kan argaturraammoo gibiraafi taaksii amanamummaan kaffalee ijaarama biyyasaa keessatti qooda isarraa barbaachisu akka bahatuuf dirqama guddaatu isarra jira jechuudha.

Dirqama kana bahachuufimmoo eenyumtuu itti gaafatamummaa guddaa biyyi isatti laatte kan isarra jiru ta’uu hubatee amanamummaan kaffaluun ijaarsa misooma biyyasaa keessatti ashaaraasaa qubachiisuun murteessaadha.

Sadarkaa naannootti shira gibiraafi taaksii miliqsuun walqabatee galiirratti qaqqabaa jiru to’achuuf hojmaanni ammayyaa hojiirra oolaa kanjiru yoo ta’u, tarkaanfii gama kanaan fudhatameen jijjiiramni jajjabeessaa galmaahaa jira.

Hojmaanni gibiraafi taaksiin ittiin sassaabamu ammayyaa’uun ammoo alseerummaan akka hir’atu galiin barbaadame harcaatii malee akka sassaabamu misoomni hawaasaa barbaadame akka milkaa’u kan taasisudha.

Bu’uuruma kanaan misoomni harkicaalu galii keessoorraa maddaniin kan guutaman waan ta’eef xiyyeeffannoon gibiraafi taaksii galii keessoorratti kennamee hojjetamu olaanaadha.

Bara kana galii idilee mana qopheessaafi galii keessoorraa argamuun waliigala qarshii biliyoona 206 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u lammiileen keenyas kana beekanii dirqama lammummaa isaanirraa eegamu bahachuun barbaachisaadha.

Haata’u garuu gibiraafi taaksii milqsuun galii waliindhahuuf yaaliin taasifamu itti gaafatamummaa kan hordofsiisu waan ta’eef kan argatanirraa galii amanamummaan kaffaluun aadeffatamuu qaba.

Guddina biyya tokkoo si’eessuu misooma saffisiisuu keessatti qooda guddaa kan qabu gibiraafi taaksiin yeroo qabameefii keessatti sassaabamee tajaajila barbaachisuuf akka ooluuf lammiileen hundi ittigaafatammmaa waan qabaniif chichoominaan irratti hojjechuun murteessaadha.

Walumaagalatti gibiraafi taaksii amanamummaan kaffaluun ammayyummaa yoo ta’u harkifannaa gama kenniinsa tajaajilaan jiru ammayyeessuun alseerummaa damee galiirratti qaqqabu maqsaa misooma milkeessaa biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf kan karoorsine hojiitti hiikuun manii qabanne galmaan gahuun nurraa eegama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You