Shaampiyoonaan Kubbaa Harkaa dargaggootaa Afrikaa umrii 20 gadii, kan Konfedereeshinii Kubbaa Harkaa Afrikaatiin gaggeeffamu ALA bara 1980 Magaalaa guddoo Naayijeeriyaa, Leegositti jalqabe. ALA bara 1994fi 2020 addaan citus waggoota 44f magaalota biyyoota miseensota konfedereeshinchaatti adeemsifameera.
Waggoottan kanneen keessatti biyyoonni Afrikaa saddeet qofti gabatee meedaaliyaa keessa yoo galan meedaaliyaawwann 63 badhaasaaf kennamaniiru. Misir meedaaliyaa warqii 14, meetii afuriifi nahaasa takkaan walumaa galatti meedaaliyaawwan 19 fudhachuun dursaa jirti.
Akkasumas, shaampiyoonaan dargaggoota guddattoota Afrikaa umrii 18 gadi ta’anii ALA bara 2000 magaalaa guddoo Kotidivaar, Abujaatti ture kan eegale. Bara 2018fi 2020 sababa adda addaatiin addaan citus waggoota 24f biyyoota Afrikaa adda addaatti gaggeeffamera.
Dorgommii kanaanis meedaaliyaawwan 30n kan argaman yoo ta’u Misir warqii saddeetiifi meetii takkaan, walumaa galatti meedaaliyaawwan sagal argachuun guddattootaanis dursaa jirti.
Waggaa lamatti al tokko kan qophaa’u shaampiyoonaan kun baranas qopheesummaa walta’insa Federeeshinii Kubbaa Harkaa Biyyooleessaafi Konfedereeshinii Kubbaa Harkaa Afrikaatiin Itoophiyaa, magaalaa Finfinneetti har’arraa kaasee hanga Onkololeessa 27 bara 2017, Akkaadaamii Ispoortii Dargaggootaa Itoophiyaatti adeemsifama.
Shaampiyoonaa Kubbaa Harkaa Addunyaa dargaggootaafi dargaggoota guddatoota Afrikaa kanarratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa 11 Roobii darberraa kaasee Finfinnee seenaniiru.
Dorgommiin kan jalqabamu har’a ganama sa’aatii sadii irratti ta’us ifaan kan banamu sa’aatii saddeet irratti akka ta’u Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Harkaa biyyoota Bahaafi Giddugaleessa Afrikaafi Pirezdaantiin Federeeshinii Kubbaa Harkaa Itoophiyaa Doktar Fitih Waldasanbat Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru.
Biyyoonni shaampiyoonaa kanarratti hirmaatan kunneen dursanii shaampiyoonaa zoonii saanitti adeemsifametti gareewwan shaampiyoonaa ta’uun waancaa fudhatan ta’us ni himu.
Walmorkii dargaggoota umri 18 gadirratti Itoophiyaa dabalatee Maadagaaskaar, Giinii, Kaameeruun, Zaambiyaafi Naayijeeriyaa, kan umrii 20 gadiin ammoo Riiyooniyan, Zimbaabuwee, Ruwaandaa, Giiniifi Koongoon kan hirmaatan ta’uu dubbatu.
Itoophiyaan shaampiyoonaa kana keessummeessuuf carraa kan argatte ALA bara 2023 Shaampiyoonaa Dargaggoota Guddattoota Bahaaf Giddu Galeessa Afrikaa Finfinneetti adeemsifametti shaampiyoonaa ta’uusheefi naamusa gaariidhaan xumurusheetiini.
Koreen dorgommii gaggeessaa Konfedereeshinii Kubbaa Harkaa Afrikaa, yeroo sana Itoophiyaan qophii gaarii taasisuun shaampiyoonicha milkiidhaan xumurushee hubachuun shaampiyoonaan ammaa kun asitti akka adeemsifamu murteessuu himu.
Shaampiyoonaan kun asitti qophaa’uunsaa dorgommiin gamatti faayidaa hawaas dinagdee, siyaasaafi dippilomaasii akka qabu eeranii, shaampiyoonaan kun haala miidhagaadhaan jalqabamee naamusa gaariin yoo xumurame bu’aan isaa biyyaafi ummataaf ta’uu kaasu.
Walmorkii kanatti fakkeenyaan gaarii biyya keenyaafi walitti dhufeenya ummata Afrikaa kan cimsu, akkasumas ispoortii Kubbaa Harkaa biyyattii sadarkaa amma jirurraa fooyyeessuuf faayidaa olaanaa qaba jedhu.
Akka ibsa Doktar Fitihitti, shaampiyoonaa kanatti gareewwan lamaaniinu biyyoonni tokkoffaafi lammaffaa bahan Afrikaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa Kubbaa Harkaa Addunyaarratti ni hirmaatu.
Leenjisaan Garee Kubbaa Harkaa Itoophiyaa Inispeektar Tasfaayee Mul’ataa gamasaaniin akka ibsanitti, Itoophiyaan shaampiyoonaa akkanaa kanarratti hirmaachuuf carraa yoo argattu kan ammaa kun isa jalqabaati. Carraa argame kanatti fayyadamuuf ammoo dargaggoota dandeettii qaban qopheessuun bal’inaan akka hirmaatan taasifama.
Akkasumas dargaggoonni guddattonni Itoophiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaa kanarratti hirmaatan kunneen cimina qaamaafi samuutiin haala gaariirratti akka ragaman himu.
Dargaggoonni guddattonni kunneen shaampiyoonaa Kubbaa Harkaa Guddatoota Afrikaa bara darbe Finfinneetti qophaa’erratti tapha gaarii agarsiisuun waancaafi meedaaliyaa warqii fudhachuun shaampiyoonaa baranaa kanaaf dhihaachuufi kan baranaafis qophii ga’aa taasisuu kaasu.
Itoophiyaan dargaggoota ciccimoo dandeettii kubbaa harkaa qaban baay’inaan qabaattus kilaboota kubbaa harkaa waan hinqabneef dargaggootaaf carraa dorgommii banuun akka hindanda’amne eeranii, Federeeshiniin kubbaa Harkaa Itoophiyaafi Mootummaan damee kana cimsuun fedhii dargaggootaa guutuun barbaachisaadha jedhu.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017